LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • wp18 Lakk. 1 ful. 3
  • Qajeelfamni Kitaaba Qulqulluu Bara Keenyaaf ni Hojjetaa?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Qajeelfamni Kitaaba Qulqulluu Bara Keenyaaf ni Hojjetaa?
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2018
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Ittiin Lixa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2018
  • Wanta Sirrii fi Dogoggora Taʼe: Kitaabni Qulqulluun Qajeelfama Amansiisaa Kenna
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Public)—2024
  • Karaa Hundumaan Qajeelfama Waaqayyoo Barbaadaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2008
  • Ittiin Lixa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2017
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2018
wp18 Lakk. 1 ful. 3
Qorataa hawaa, xiyyaara waraanaa, saayintistii, maatii fi nama Kitaaba Qulqulluu dubbisaa jiru

Qajeelfamni Kitaaba Qulqulluu Bara Keenyaaf ni Hojjetaa?

NAMOONNI TOKKO TOKKO LAKKI JEDHU. Doktarri tokko qajeelfama argachuuf Kitaaba Qulqulluutti fayyadamuun barumsa keemistirii barsiisuuf kitaaba bara 1920n keessa qophaaʼe fayyadamuu wajjin tokko akka taʼe dubbateera. Namni Kitaaba Qulqulluudhaaf kabaja hin qabne immoo akkana gochuun kompiitara ammayyaaʼaa taʼeef qajeelfama kompiitara moofaatti fayyadamuu wajjin tokko akka taʼetti ilaala taʼa. Kunis namoonni tokko tokko Kitaaba Qulqulluu akka waan yeroon itti darbeetti akka ilaalan argisiisa.

Addunyaa ammayyaaʼaa gama teknooloojiitiin guddinni hedduun itti argame kana keessatti namoonni qajeelfama bara durii kanatti kan fayyadaman maaliifi? Kana malees, weebsaayitoonni hedduun utuu wal irraa hin kutin gorsaa fi qajeelfama ammayyaaʼaa taʼe dhiheessaa jiru. Qophiiwwan televizyiinii gorsa ogeessonni xiinsammuu, gorsitoonni akkaataa jireenyaa fi barreessitoonni beekumsa guddaa qaban kennan ni dhiheessu. Qopheessitoonni kitaabaas kitaabota ofiin of gargaaruuf fayyadan baayʼinaan qopheessuuf doolaara biliyoona hedduutti lakkaaʼamu baasu.

Odeeffannoowwan haaraan kun hundi utuu jiranii, Kitaaba Qulqulluu isa gara waggaa 2,000 dura barreeffametti kan fayyadamnu maaliifi? Namoonni Kitaaba Qulqulluudhaaf kabaja hin qabne qajeelfama argachuuf kitaaba bara durii akkanaa fayyadamuun kitaaba barumsa keemistirii ykn qajeelfama kompiitaraa yeroon itti darbe fayyadamuu wajjin tokko akka taʼe dubbachuun isaanii sirrii mitii? Dhugaa dubbachuuf, ragaan isaan dhiheessan kun dogoggora dha. Saayinsii fi teknooloojiin saffisaan jijjiiramaa jira; taʼus fedhiin buʼuuraa namoonni qaban jijjiirameeraa? Namoonni amma iyyuu jireenya kaayyoo qabu jiraachuu, gammachuu fi nageenya qabaachuu, maatii keessatti walitti dhufeenya gaarii qabaachuu, akkasumas michummaa gaarii uumuu ni barbaadu.

Kitaabni Qulqulluun bara duriitti kan barreeffame taʼus waaʼee fedhiiwwan buʼuuraa kanaa fi wantoota kaanii ni dubbata. Akkasumas, geggeessaa hafuuraa Uumaa keenyaatiin kan barreeffame taʼuu isaa ni dubbata. Akkaataa jireenyaa keenya hundumaa ilaalchisee qajeelfama nuuf kenna; rakkina nu mudatu kamiif iyyuu nu qopheessa. (2 Ximotewos 3:16, 17) Hunda caalaa immoo, gorsa matumaa yeroon itti hin darbine akka qabate ni dubbata! Kitaabni Qulqulluun iyyuu, “Dubbiin Waaqayyoo jiraataa . . . dha” jedha.—Ibroota 4:12.

Wanti Kitaabni Qulqulluun dubbatu kun dhuguma sirrii dhaa? Kitaabni Qulqulluun yeroon kan itti darbe dha moo kitaaba hundumaa caalaa gorsa bara keenyaaf hojjetu qabate, jechuunis kitaaba jiraataa dha? Maxxansi Masaraa Eegumsaa kun maxxansawwan addaa walitti aansanii baʼan keessaa isa jalqabaa siʼa taʼu, gaaffiiwwan kanaaf deebii akka argattu si gargaara.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi