Dargaggoota, Uumaan Keessan Gammadoo Akka Taatan Barbaada
“Inni jireenya kee waan gaariidhaan in quufsa.”—FAR. 103:5.
1, 2. Galma jireenya keenya keessatti hordofnu yommuu filannu, Uumaa keenya dhaggeeffachuun ogeeyyii taʼuu keenya kan argisiisu maaliifi? (Suuraawwan jalqaba irra jiran ilaali.)
DARGAGGEESSA yoo taate, jireenya kee gara fuulduraa ilaalchisee gorsi hedduun siif kennameera taʼa. Barsiisonni, gorsitoonni, ykn warri kaan, barumsa sadarkaa ol aanaa akka hordoftuu fi hojii galii guddaa siif argamsiisu akka hojjettu si jajjabeessaniiru taʼa. Haa taʼu malee, Yihowaan kallattii kana irraa adda taʼe akka hordoftu si gorsa. Erga barumsa kee xumurtee booda, wanta jireenyaaf barbaachisu argachuu akka dandeessuuf, yeroo barattutti jabaattee akka hojjettu barbaada. (Qol. 3:23) Taʼus, wantoota jireenya kee keessatti dursa kennituuf yommuu murteessitu, dhugaawwan buʼuuraa, bara dhumaa kanatti kaayyoo fi fedhii inni nuuf qabu tilmaama keessa galchaniin akka qajeelfamtu si jajjabeessa.—Mat. 24:14.
2 Kana malees, Yihowaan addunyaa amma jiru kana maaltu akka isa mudatuu fi dhumni isaa hammam dhihoo akka taʼe waan hubatuuf, waan hundumaa guutummaatti akka beeku yaadadhu. (Isa. 46:10; Mat. 24:3, 36) Akkasumas, inni akka gaariitti nu beeka, jechuunis wanti gammachuu dhugaa nuuf argamsiisu maal akka taʼee fi wanti abdii nu kutachiisuu fi gammachuu nu dhabsiisu maal akka taʼe ni beeka. Kanaafuu, gorsi namoonni kennan hammam iyyuu yoo gaarii fakkaate, Dubbii Waaqayyoo tilmaama keessa kan hin galchine yoo taʼe, gorsa ogummaa irratti hundaaʼe miti.—Fak. 19:21.
‘OGUMMAAN WAAQAYYOON MORMU HIN JIRU’
3, 4. Gorsa hamaa hordofuun Addaamii fi Hewaaniin akkasumas ijoollee isaanii kan miidhe akkamitti?
3 Gorsi hamaan kan eegale jalqaba seenaa ilmaan namootaatti jechuunis yeroo Seexanni seenaa namootaa keessa seenetti ture. Seexanni of tuulaa fi gorsaa ofiin of muude waan taʼeef, Hewaanii fi abbaan manaa ishii jireenya isaanii keessatti daandii ofii isaanii yoo filatan caalaatti gammadoo akka taʼan ishiitti hime. (Uma. 3:1-6) Dhugaan isaa garuu, Seexanni kana kan godhe ofittummaadhaan kakaʼee ture. Addaamii fi Hewaan akkasumas ijoolleen isaanii gara fuulduraatti dhalatan, Yihowaa waaqeffachuu mannaa akka isaaf bitamanii fi akka isa waaqeffatan barbaadee ture. Haa taʼe malee, inni sana dura maal isaaniif godhee ture? Walii isaanii, jannata bareedduu ishii mana isaanii taatee fi qaama mudaa hin qabne isa bara baraaf jiraachuu dandaʼu dabalatee waan hundumaa kan isaaniif kenne Yihowaa ture.
4 Kan nama gaddisiisu, Addaamii fi Hewaan Waaqayyoof ajajamuu diduudhaan, isa irraa adda of baasan. Akkuma beeknu kun buʼaan isaa gaddisiisaa ture. Akkuma habaaboo muka ishii irraa citte tokkoo suutuma suuta coolliguu jalqaban, achiis ni duʼan. Ijoolleen isaaniis abaarsa cubbuutiin kan kaʼe rakkinni isaan irra gaʼeera. (Rom. 5:12) Taʼus, amma iyyuu namoonni hedduun Waaqayyoof bitamuu diduu filataniiru. Namoonni kun jireenya isaanii karaa ofii isaanii geggeeffachuu barbaadu. (Efe. 2:1-3) Kunis, ‘Ogummaan Waaqayyoon mormuu dandaʼu akka hin jirre’ ifatti argisiiseera.—Fak. 21:30.
5. Waaqayyo ilmaan namootaa uumama isaa taʼan irratti amanannaa akkamii qaba? Amanannaan kun hoo sirrii turee?
5 Taʼus, Yihowaan dargaggoota hedduu gaggaarii taʼan dabalatee, namoonni tokko tokko akka isa barbaadanii fi akka isa tajaajilan beeka ture. (Far. 103:17, 18; 110:3) Yihowaan dargaggoota akkasii baayʼee jaallata! Ati hoo isaan keessaa tokko akka taate sitti dhagaʼamaa? Taanaan, ‘wantoota gaggaarii’ Waaqayyo biraa argamanii fi gammachuu keetiif gumaacha guddaa godhanitti gammadaa akka jirtu hin shakkisiisu. (Faarfannaa 103:5 dubbisi; Fak. 10:22) Akkuma itti aansinee ilaallu, ‘wantoonni gaggaariin’ kun nyaata hafuuraa hedduu, michoota hunda caalaa gaarii taʼan, galmawwan faayidaa qabanii fi bilisummaa dhugaa argachuu dabalatu.
YIHOWAAN FEDHII HAFUURAA KEESSAN NI GUUTA
6. Fedhii hafuuraa keessaniif xiyyeeffannaa kennuu kan qabdan maaliifi? Yihowaan fedhii keessan kan guutu akkamitti?
6 Beeladoota irraa haala adda taʼeen, isin fedhii hafuuraa Uumaan keessan qofti isiniif guutuu dandaʼu qabdu. (Mat. 4:4) Dinqisiifannaadhaan yommuu isa dhaggeeffattan, hubannaa, ogummaa fi gammachuu argattu. Yesuus, “Warri wantoota hafuuraa dheebotan gammadoo dha” jedheera. (Mat. 5:3) Waaqayyo fedhii hafuuraa keessan kana karaa Dubbii isaa fi nyaata hafuuraa hedduu karaa ‘garbicha amanamaa fi ogeessaatiin’ dhiheessuun isiniif guuta. (Mat. 24:45) Nyaanni hafuuraa kun waan hedduu kan of keessatti qabatee fi madaalamaa dha!—Isa. 65:13, 14.
7. Faayidaawwan nyaata hafuuraa Waaqayyo dhiheessu guutummaatti soorachuun qabu tokko tokko kamfaʼi?
7 Nyaanni hafuuraa Waaqayyo isiniif qopheessu, ogummaa fi dandeettii yaaduu kan isiniif kennu siʼa taʼu, kunis karaawwan hedduudhaan eegumsa isiniif godha. (Fakkeenya 2:10-14 dubbisi.) Fakkeenyaaf, amalawwan kun barumsawwan sobaa kan akka Uumaan hin jiru jedhuu hubachuu akka dandeessan ija keessan isiniif banu. Akkasumas soba, qarshii fi qabeenyi gammachuu argachuuf murteessaadha jedhu irraa isin eegu. Kana malees, fedhii dogoggoraa fi barsiifata miidhaa geessisu adda baastanii hubachuu fi dandamachuuf isin gargaaru. Kanaafuu, gatii guddaa akka qabanitti isaan ilaaluudhaan ogummaa Waaqayyoo fi dandeettii yaaduu argachuuf wanta isiniif dandaʼame hunda gochuu keessan itti fufaa! Amalawwan gatii guddaa qaban kana yommuu horattan, Yihowaan akka isin jaallatuu fi wanta hunda caalu isiniif gochuu akka barbaadu muuxannoo ofii keessanii irraa hubachuu dandeessu.—Far. 34:8; Isa. 48:17, 18.
8. Amma gara Waaqayyootti dhihaachuu kan qabdan maaliifi? Kana gochuun keessan hoo gara fuulduraatti kan isin fayyadu akkamitti?
8 Kutaan addunyaa Seexanaa hundi dhiheenyatti kan badu siʼa taʼu, eegumsa kan nuuf godhu Yihowaa qofa dha. Nyaata guyyaa guyyaadhaan nu barbaachisu argachuuf, yeroon isatti amanamuun nu barbaachisu dhufuu dandaʼa! (Ibr. 3:2, 12-19) Eeyyee, yeroon Abbaa keenya isa samiitti itti dhihaannuu fi amanannaa isa irratti qabnu itti cimsannu amma dha. (2 Phe. 2:9) Kana kan gootan taanaan, naannoo keessanitti wanti akkamii iyyuu yoo raawwatame, akkuma Daawit faarfatichaa, isa “Waaqayyo yeroo hundumaa fuula koo dura anaaf jira, inni mirga koo waan jiruufis ani hin shishu” jechuudhaan barreessee isinitti dhagaʼama.—Far. 16:8.
YIHOWAAN MICHOOTA HUNDA CAALAN ISINIIF KENNA
9. Akka Yohaannis 6:44 ibsutti Yihowaan maal raawwata? (b) Dhugaa Baatota kaanii wajjin wal arguu adda kan godhu maali dha?
9 Yihowaan namoota garaa qajeelaa qabanii fi miseensa maatii hafuuraa isaa akka taʼan isaaniif heyyamu suuta jedhee gara waaqeffannaa dhugaatti harkisa. (Yohaannis 6:44 dubbisi.) Nama dhugaa keessa hin jirre tokko wajjin yeroo jalqabaatiif yommuu wal argitan, waaʼee nama sanaa maal beektu? Maqaa isaa fi bifa isaa irraa kan hafe tarii wanti beektan muraasa taʼa. Nama Yihowaa beekuu fi isa jaallatu tokkoo wajjin yommuu jalqaba wal argitan garuu haalli isaa kana irraa adda dha. Namni sun akkaataan guddinaa isaa, biyyi isaa, gosti ykn aadaan isaa kan keessan irraa yoo adda taʼe illee, waaʼee nama sanaa waan baayʼee beektu, innis waaʼee keessan ni beeka!
Yihowaan michoota hunda caalaa gaarii taʼanii fi galmawwan hafuuraa akka qabaannu barbaada (Keeyyata 9-12 ilaali)
10, 11. Dhugaa Baatonni Yihowaa walii isaanii wajjin maal qabu? Kuni hoo kan nu fayyadu akkamitti?
10 Fakkeenyaaf, “qooqa” walii keessanii, jechuunis “qooqa qulqulluu,” yeruma sana adda baastanii beektu. (Sef. 3:9, NW) Kanaan kan kaʼes, waaʼee Waaqayyoo, ulaagaa naamusaa fi abdii gara fuulduraa ilaalchisee amantii tokkoon tokkoon keessan qabdan beekuu dandeessu. Wantoonni kun immoo, amanannaa nama tokko irratti qabnu guddifachuuf wantoota beekuu qabnu keessaa warra gurguddaa dha. Akkasumas amalawwan kun michummaa gaarii fi itti fufiinsa qabu uumuuf buʼuura taʼu.
11 Dhugaa Baatota Yihowaa taʼuu keessaniin michoota addunyaa maratti argamanii fi hunda caalaa gaarii taʼan akka qabdan hin shakkisiisu. Baayʼee isaanii wajjin kana booda wal bartu! Saba Yihowaatiin alatti kennaa gatii guddaa qabu akkasii kan qabu eenyu dha?
YIHOWAAN GALMAWWAN FAAYIDAA QABAN ISINIIF KENNA
12. Galmawwan hafuuraa gaggaarii taʼan akkamii baafachuu dandeessu?
12 Lallaba 11:9–12:1 dubbisi. Galmawwan hafuuraa tokko ykn isaa ol irra gaʼuuf hojjechaa jirtan qabduu? Tarii guyyaa guyyaadhaan kutaa Kitaaba Qulqulluu tokko dubbisuuf carraaqaa jirtu taʼa. Yookiin immoo dandeettii dubbachuu fi barsiisuu keessan fooyyessuuf carraaqaa jirtu taʼa. Haalli isaa maal iyyuu taʼe, buʼaawwan gaarii taʼan yommuu argattan ykn warri kaan kana argatanii yeroo isin galateeffatan maaltu isinitti dhagaʼama? Milkaaʼinaa fi gammachuu akka argattan akka isinitti dhagaʼamu hin shakkisiisu. Fakkeenya Yesuus hordoftanii fedhii Waaqayyoo fedhii ofii keessanii dursuu irratti carraaqqii guddaa gochaa waan jirtaniif, galateeffamuun keessan kan isiniif malu dha.—Far. 40:8; Fak. 27:11.
13. Galmawwan addunyaa hordofuu wajjin yommuu wal bira qabamu wanti Waaqayyoon tajaajiluu adda godhu maali dha?
13 Galmawwan hafuuraa irratti xiyyeeffachuun keessan gatii kan hin qabne waan hin taaneef, hojii dhugumaan gammachuu argamsiisu hojjechaa jirtu. Phaawulos ergamaan, “Gooftaa wajjin haala wal qabateen, dadhabbiin keessan gatii kan hin qabne akka hin taane beekaatii jabaadhaa dhaabadhaa, hin sochoʼinaa, yeroo hunda hojiin Gooftaa kan isiniif baayʼatu taʼaa” jechuudhaan barreesseera. (1 Qor. 15:58) Jireenyi addunyaa keessatti iddoo guddaa argachuu fi galma isaa hordofuu irratti xiyyeeffate yeroodhaaf milkaaʼina kan argamsiisu yoo fakkaate illee, kanaa wajjin yommuu wal bira qabamu dhuma irratti gatii kan hin qabne dha. (Luq. 9:25) Namni nuufis taʼe ofii isaatiif kun dhugaa taʼuu isaa mirkaneesse tokko Solomoon Mooticha ture.—Rom. 15:4.
14. Yaalii Solomoon gammachuu qoree ilaaluuf godhe irraa maal barachuu dandeessu?
14 Solomoon baayʼee sooressaa fi aangoo guddaa kan qabu waan tureef, ‘gammachuu qoree, wanta gaarii [dhufu] ilaaluuf’ yaalii godhee ture. (Lal. 2:1-10) Inni manneen ijaareera, iddoo biqiltuu qopheesseera, iddoo bashannanaa dhaabeera, akkasumas wanta barbaade hunda raawwachuuf yaalii godheera. Haa taʼu malee, erga kana godhee booda maaltu isatti dhagaʼame? Itti gammadee turee? Milkaaʼina akka argate isatti dhagaʼameeraa? Kana tilmaamuun nu hin barbaachisu. Solomoon ofii isaatii iyyuu nutti hima. “Wanta harki koo hojjete . . . hundumaa garagalee yommuun ilaalu, wanti kun hundinuu waaʼee hin baasu . . . wanti buʼaa qabu hin jiru” jechuudhaan barreesseera. (Lal. 2:11) Kun barumsa guddaa dha! Kana ogummaadhaan yaadatti ni qabattuu?
15. Amantiin barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Akka Faarfannaa 32:8 irratti ibsametti amantiin faayidaa akkamii argamsiisa?
15 Yihowaan rakkina isin irra gaʼu irraa karaa dogoggora taʼeen akka hin baranne isin oolchuu barbaada. Dhugaa dha, Yihowaadhaaf ajajamuu fi jireenya keessan keessatti fedhii isaa dursuuf amantii qabaachuun isin barbaachisa. Amantiin akkasii gatii guddaa kan qabu siʼa taʼu, amantii akkasii qabaachuu keessaniin matumaa abdii hin kutattan. Yihowaan matumaa “jaalala isin maqaa isaatiif argisiistan” hin irraanfatu. (Ibr. 6:10) Kanaafuu jabaadhaa hojjedhaa, akkasumas Abbaan keessan inni samii wanta hunda caalaa isin fayyadu akka isiniif yaadu hubadhaa.—Faarfannaa 32:8 dubbisi.
WAAQAYYO BILISUMMAA DHUGAA ISINIIF KENNA
16. Bilisummaadhaaf iddoo guddaa kennuu fi ogummaadhaan itti fayyadamuu kan qabnu maaliifi?
16 Phaawulos, “Bakka hafuurri Yihowaa jirus bilisummaan jira” jechuudhaan barreesseera. (2 Qor. 3:17) Eeyyee, Yihowaan bilisummaa ni jaallata, nuti jaalala akka qabaannu godhee nu uumeera. Haa taʼu malee, bilisummaa keessan itti gaafatamummaan akka isinitti dhagaʼamu karaa argisiisuun akka itti fayyadamtan barbaada, kunis eegumsa isiniif godha. Tarii dargaggoota poornoogiraafii ilaalan ykn ejja raawwatanii fi ispoortiiwwan miidhaa geessisan irratti hirmaatan ykn qoricha sammuu namaa hadoochuu fi alkoolii karaa sirrii hin taaneen itti fayyadaman ni beektu taʼa. Namoonni kun gammachuu yeroo muraasaaf argatanitti akka gammadan beekamaa dha. Haa taʼu malee, yeroo baayʼee gammachuu kana argachuuf tarii dhukkubaaf saaxilamu, araadaan qabamu ykn duʼaaf saaxilamuu illee ni dandaʼu. (Gal. 6:7, 8) Ifatti hubachuun akka dandaʼamutti, “bilisummaan” isaanii of gowwoomsuu dha.—Tit. 3:3.
17, 18. (a) Waaqayyoof ajajamuun bilisa kan nama baasu akkamitti? (b) Bilisummaan Addaamii fi Hewaan jalqaba irratti argatan bilisummaa namoonni yeroo harʼaa jiran qabanii wajjin kan wal bira qabamu akkamitti?
17 Kanaa wajjin yommuu wal bira qabamu, ulaagaa Kitaaba Qulqulluu cimsanii hordofuu isaaniitiin kan kaʼe namoota dhukkubsatan meeqa beektu? Ifatti hubachuun akka dandaʼamutti Yihowaadhaaf ajajamuun gaarii dha, akkasumas bilisa nama baasa. (Far. 19:7-11) Kana malees, seerawwanii fi dhugaawwan buʼuuraa Waaqayyoo warra hirʼina hin qabneef ajajamuuf filachuudhaan, bilisummaa keessan ogummaadhaan yommuu itti fayyadamtan, bilisummaan dabalataa isiniif kennamuu akka dandaʼu Waaqayyottis taʼe warra keessanitti argisiistu. Waaqayyo tajaajiltoota isaa amanamoo taʼaniif, dhuma irratti bilisummaa isa Kitaaba Qulqulluu keessatti “bilisummaa ijoollee Waaqayyoo isa ulfina qabeessa” jedhamee fi mudaa hin qabne kennuuf kaayyoo qaba.—Rom. 8:21.
18 Addaamii fi Hewaan bilisummaa argatanii turan. Iddoo biqiltuu Eeden keessatti Waaqayyo ajajawwan wanta tokko akka hin goone dhowwan meeqa isaaniif kenne? Tokko qofa dha. Firii muka tokkoo qofa irra akka hin nyaanne dhowwaman. (Uma. 2:9, 17) Ajajni kun ulfaataa ykn kan nama hacuucudhaa? Miti! Kana seerawwan ilmaan namootaa baasanii fi namoonni barachuu fi ajajamuuf dirqaman hedduu wajjin wal bira qabaa ilaalaa.
19. Namoota bilisooman taʼuudhaaf barachaa kan jirru karaawwan kamiini?
19 Seerawwan Yihowaan tajaajiltoota isaatiif kenne ogummaa irratti kan hundaaʼan turan. Yihowaan seerawwan dhuma hin qabne nuuf kennuu mannaa, seera jaalalaa akka hordofnu obsaan nu barsiisa. Dhugaawwan buʼuuraa Waaqayyootiin akka jiraannuu fi wanta gadhee akka jibbinu nu irraa barbaada. (Rom. 12:9) Lallabni Gaaraa Yesuus wanta dogoggoraaf madda taʼe irratti kan xiyyeeffatu waan taʼeef barumsa kanaaf fakkeenya taʼa. (Mat. 5:27, 28) Kiristoos Mootii Mootummaa Waaqayyoo waan taʼeef, ilaalchi nuti qajeelummaa fi jalʼinaaf qabnu guutummaatti kan isaa wajjin akka wal simuuf addunyaa haaraa keessattis nu barsiisuu isaa itti fufa. (Ibr. 1:9) Qaamaa fi sammuudhaan cubbuu irraa akka walaba taanus nu godha. Mee yaadaa, sana booda cubbuun dhiibbaa isin irratti gochaa ykn miidhaa isin irraan geessisaa akka jiru isinitti hin dhagaʼamu. Dhuma irrattis, ‘bilisummaa ulfina qabeessa’ isa Yihowaan abdachiise argattu.
20. (a) Yihowaan bilisummaa isaatti kan fayyadamu akkamitti? (b) Fakkeenya Waaqayyoo irraa fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti?
20 Dhugaa dha, bilisummaan keenya daangaa kan hin qabne miti. Jaalala Waaqayyoo fi namootaaf qabnuun kan geggeeffamu dha. Yihowaan fakkeenya isaa akka hordofnu nu gaafachaa jira. Yihowaan bilisummaan isaa daangaa hin qabu; taʼus, hariiroo uumamawwan isaa yaaduu dandaʼanii wajjin qabuun jaalalaan geggeeffamuuf filateera. (1 Yoh. 4:7, 8) Kanaafuu, bilisummaan keenya guutuu kan taʼu yommuu jaalala Waaqayyootiin geggeeffamu qofa dha, jedhanii yaaduun sirrii dha.
21. (a) Daawit waaʼee Yihowaa maaltu isatti dhagaʼama ture? (b) Mata duree itti aanu irratti waaʼee maalii qoranna?
21 ‘Wantoota gaggaarii’ hedduu Yihowaan isiniif kenne, kan akka nyaata hafuuraa hedduu, michoota gaarii, galmawwan faayidaa qabanii fi bilisummaa guutuu akka argattan abdii inni isiniif kenne ni dinqisiifattuu? (Far. 103:5) Akkas kan gootan yoo taʼe, yaadni Faarfannaa 16:11 irra jiruu fi “Ati karaa jireenyatti nama geessu na barsiifta, guutummaan gammachuu fuula kee dura, wanti namatti tolus immoo bara hundumaattuu mirga kee jira” jedhu kan keessan akka taʼu ni abdanna. Mata dureen itti aanu Faarfannaa 16 irraa barumsawwan hafuuraa gaggaarii taʼan dabalataa ibsa. Barumsawwan kun wantoota jireenya gammachiisaa jiraachuuf murteessaa taʼan irratti ibsa dabalataa kennu.