LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • wp19 Lakk. 3 ful. 10-11
  • Diina Keenya Duʼa Injifachuun Kan Dandaʼamu Akkamitti?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Diina Keenya Duʼa Injifachuun Kan Dandaʼamu Akkamitti?
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2019
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • FURII KAFFALUUDHAAN DUʼA INJIFACHUU
  • DUUNI KAN INJIFATAMU YOOMI?
  • Furii—Kennaa Waaqayyoo Isa Hunda Caalu
    Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa?
  • Yihowaan “Bakka Namoota Hedduu Furii” Qopheesse
    Yihowaatti Dhihaadhu
  • Furiin—Kennaa Waaqayyoo Isa Hunda Caaludha
    Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
  • Yesus Kiristos Eenyudha?
    Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe!
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2019
wp19 Lakk. 3 ful. 10-11
Yesuus; Yesuus yakkamtoota lama gidduu muka dhiphinaa irratti fannifame

Diina Keenya Duʼa Injifachuun kan Dandaʼamu Akkamitti?

AJAJAMUU diduun warra keenya jalqabaa Addaamii fi Hewaan guutummaa ilmaan namootaatti cubbuu fi duʼa kan fide taʼus, kaayyoon Waaqayyo maatii ilmaan namootaatiif qabu akka jijjiiramu hin goone. Waaqayyo Dubbii isaa Kitaaba Qulqulluu keessatti kaayyoon isaa akka hin jijjiiramne irra deddeebiʼee mirkaneesseera.

  • “Warri qajeelonni biyya in qabaatu, yeroo hundumaafis keessa in taaʼu [lafan dhaalu isa irras bara baraan in jiraatu, hiika bara 1899].”​—Faarfannaa 37:29.

  • “Raawwatee du’a in balleessa, Waaqayyo gooftaan imimmaan ija nama hundumaattii in haqa.”—Isaayaas 25:8.

  • “Diinni inni dhumaa, jechuunis duuti ni balleeffama.”—1 Qorontos 15:26.

  • “Duutis kana booda hin jiru; gaddis taʼe iyyi yookiin cinqiin kana booda hin jiru. Wantoonni duraa sun darbaniiru.”—Mulʼata 21:4.

Waaqayyo duʼa isa diina taʼe ‘raawwatee kan balleessu’ akkamitti? Akkuma Kitaaba Qulqulluu irratti ifatti ibsame ‘qajeelonni bara baraan ni jiraatu.’ Taʼus, Kitaabni Qulqulluun, “namni qajeelaan yeroo hundumaa wanta gaarii hojjetu . . . lafa irra hin jiru” jedha. (Lallaba 7:20) Kanaafuu, Waaqayyo namoonni cubbamoota taʼan utuu jijjiirama hin godhin bara baraaf akka jiraatan godha jechuu dhaa? Matumaa! ‘Waaqayyo sobuu waan hin dandeenyeef’ gonkumaa kana hin godhu. (Tiitoo 1:2) Maarree, Waaqayyo kaayyoo isaa isa jaalala irratti hundaaʼee fi yeroo ilmaan namootaa uumetti baase raawwachuuf maal godha?

WAAQAYYO “RAAWWATEES DU’A IN BALLEESSA.”​—ISAAYAAS 25:8

FURII KAFFALUUDHAAN DUʼA INJIFACHUU

Yihowaan furii kaffaluudhaan ilmaan namootaa duʼa irraa bilisa baasuuf qophii jaalalaa irratti hundaaʼe qopheesseera. Furii jechuun, hiikni isaa inni buʼuuraa miidhaa gaʼe uwwisuuf ykn wanta haqni gaafatu guutuuf gatii wanta sanaa wajjin wal gituu fi kaffalame jechuu dha. Namoonni hundi cubbuu kan dhaalanii fi murtii duʼaa jala waan jiraniif, Kitaabni Qulqulluun ifatti akkana jedha: “Dhuguma iyyuu namni nama furu, yookiis gatii furee sanaa Waaqayyoof baasuu danda’u hin jiru; gatiin furee lubbuu isaanii sonaan guddaa dha, bara baraanis utuu hin baafamin in hafa.”—Faarfannaa 49:7, 8.

Namni mudaa qabu tokko yommuu duʼu adaba cubbuu ofii isaa qofa kaffalu dandaʼa; deebisee of furuu ykn cubbuu nama kan biraatiif furii kaffaluu hin dandaʼu. (Roomaa 6:7) Namni mudaa hin qabnee fi cubbuu irraa walaba taʼe, kan cubbuu ofii isaatiif utuu hin taʼin, cubbuu keenyaaf lubbuu isaa aarsaa godhee dhiheessu nu barbaachisa.—Ibroota 10:1-4.

Wanti Waaqayyo gochuuf qophii godhes kanuma ture. Ilma isaa Yesuusiin samii irraa gara lafaatti erguudhaan nama cubbuu hin qabne taʼee akka dhalatu godhe. (1 Pheexiros 2:22) Yesuus kan dhufe “lubbuu isaa namoota hedduudhaaf furii godhee kennuuf” akka taʼe dubbateera. (Maarqos 10:45) Nuti jireenya akka argannuuf jecha duʼa isa diina taʼe moʼuudhaaf duʼeera.—Yohaannis 3:16.

DUUNI KAN INJIFATAMU YOOMI?

Yeroo harʼaatti raajiin Kitaaba Qulqulluu, ‘yeroo addaa baayʼee rakkisaa taʼe’ ilaalchisee dubbatamee fi “guyyoota dhumaa” sirna hamaa taʼe kanaa keessa akka jirru mirkaneessu yommuu raawwatamaa jiru kana keessa jiraanna. (2 Ximotewos 3:1) Guyyoonni dhumaa ‘guyyaa murtii yeroo namoonni Waaqayyoon hin sodaanne itti balleeffamaniin’ xumuramu. (2 Pheexiros 3:3, 7) Haa taʼu malee namoonni Waaqayyoon jaallatan badiisa sana irraa oolanii “jireenya bara baraa” argachuudhaan eebbifamu.—Maatewos 25:46.

Namoota umurii fi gosa adda addaa qaban

Yesuus “lubbuu isaa namoota hedduudhaaf furii godhee kennuuf dhufe.”—Maarqos 10:45

Namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman kaan immoo yeroo duʼaa kaʼanitti carraa bara baraaf jiraachuu argatu. Yesuus yeroo magaalaa Naayin dhaqee turetti duʼaa kaaseera. Dubartiin abbaan manaa irraa duʼe takka ilmi tokkichi ishiin qabdu duʼee kan ture siʼa taʼu, Yesuus “baayʼee ishiidhaaf gaddee” gara jireenyaatti isa deebiseera. (Luqaas 7:11-15) Kana malees, Phaawulos ergamaan “qajeelonnis ta‵an jal‵oonni du‵aa akka ka‵an Waaqayyoon nan abdadha“ jechuudhaan dubbateera. Abdiin amansiisaa ta‵e kun jaalala Waaqayyo ilmaan namootaatiif qabu karaa dinqisiisaa taʼeen kan argisiisu dha.—Hojii Ergamootaa 24:15.

Namoonni biliyoonaan lakkaaʼaman bara baraaf jiraachuuf hawwiidhaan eegatu. Kitaabni Qulqulluun: “Warri qajeelonni biyya in qabaatu, yeroo hundumaafis keessa in taa’u” jedha. (Faarfannaa 37:29) Yeroo sanatti yaada Phaawulos gara waggoota 2,000 dura “Yaa duʼa nana injifannoon kee meerre ree? Yaa duʼa nana ilkeen kee meerre ree?” jechuudhaan barreesse yommuu raawwatamu arguudhaan gammachuu fi jajjabina argatu. (1 Qorontos 15:55) Duuti inni diina ilmaan namootaa isa guddaa taʼe ni injifatama!

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi