LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w19 Guraandhala ful. 26-30
  • Dhaalli Kiristiyaanaa Karaa Hafuuraa Akkan Guddadhu na Gargaareera

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Dhaalli Kiristiyaanaa Karaa Hafuuraa Akkan Guddadhu na Gargaareera
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2019
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • ABBAA FI HAADHA NU JAALLATAN
  • SOCHIIWWAN JALQABAA
  • TAJAAJILA GAMMACHIISAA NAAYIJEERIYAA KEESSA TURE
  • RAMADDII HAARAA
  • Yihowaatti Amanamuudhaan Nagaa Dhugaa Argachuu Dandaʼeera
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2023
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2019
w19 Guraandhala ful. 26-30
Wuudwoorz Miils

SEENAA JIREENYAA

Dhaalli Kiristiyaanaa Karaa Hafuuraa Akkan Guddadhu Na Gargaareera

Wuudwoorz Miils Akka Dubbatetti

HALKAN walakkaa Lagni Niijar inni guddaan balʼinni isaa gara kiilomeetira 1.6 taʼee fi saffisaan yaaʼu fuuldura keenya jira ture. Waraanni Waliinii Naayijeeriyaa cimee itti fufaa waan tureef laga Niijar ceʼuun baayʼee sodaachisaa ture. Taʼus, yeroo tokko caalaa balaa nu mudachuu dandaʼuuf of saaxillee turre. Haala akkanaa keessatti kanan argame akkamitti? Mee wanta dhalachuu koo dura raawwatamen isinitti hima.

Bara 1913⁠tti abbaan koo Joon Miils umurii waggaa 25⁠tti Magaalaa Niwuu Yoorki keessatti cuuphame. Haasaa cuuphaa kan kenne obboleessa keenya Raasil ture. Sana booda utuu hin turin Abbaan koo gara Tirinidaad deeme. Achittis Barattuu Kitaaba Qulqulluu hinaaffaa qabduu fi Kaanistans Faarmar jedhamtuu wajjin gaaʼela godhate. Abbaan koo hiriyaa isaa Wiiliyaam Biraawuniin “Footoo Diraamaa oov Kiriʼeeshinii” argisiisuu irratti isa gargaareera. Bara 1923⁠tti hanga obboleessi Biraawunii fi haati manaa isaa Afriikaa Lixaatti ramadamanitti kana gochuu itti fufaniiru. Abbaan koo fi Haati koo lamaanuu abdii samii irra jiraachuu kan qaban siʼa taʼu, Tirinidaad keessatti tajaajiluu isaanii itti fufanii turan.

ABBAA FI HAADHA NU JAALLATAN

Warri koo ijoollee sagal kan qaban siʼa taʼu, inni hangafti maqaa Pireezidaantii Waldaa Masaraa Eegumsaa Macaafa Qulqulluu fi Tiraaktii yommuu sanaatiin Raazarfoordi jedhamee moggaafame. Ani immoo Muddee 30,1922⁠tti yommuun dhaladhe maqaa Kileetan Jeems Wuudwoorz, obboleessa qopheessaa barruu Za Gooldan Eej (yeroo ammatti Dammaqaa!) jedhamuunan moggaafame. Warri keenya hunda keenyaaf barumsa buʼuuraa kan nuuf kennan taʼus, galmawwan hafuuraa irratti caalaatti xiyyeeffataniiru. Haati keenya Kitaaba Qulqulluutti fayyadamtee nama amansiisuu irratti dandeettii guddaa qabdi turte. Abbaan keenya immoo seenaa Kitaaba Qulqulluu keessa jiru, qaama isaa hundaan fayyadamee karaa nuuf dhugoomuu dandaʼuun nutti himuu jaallata ture.

Carraaqqiin isaan godhan buʼaa gaarii argamsiiseera. Ijoollee dhiiraa shan keessaa sadan keenya mana barumsaa Giilʼaaditti baranneerra. Obboleettonni keenya sadan immoo waggoota hedduudhaaf qajeelchitoota taʼanii Tiriiniidaadii fi Tobeegoo keessatti tajaajilaniiru. Warri keenya nu barsiisuu fi fakkeenya gaarii nuuf taʼuudhaan “mana Waaqayyoo keessa” nu dhaabaniiru. Jajjabinni isaan nuuf kennan “oobdii gooftaa keenyaa keessa” akka jiraannuu fi akka lalisnu nu gargaareera.—Far. 92:13.

Manni keenya hojii lallabaatiif akka wiirtuutti tajaajila ture. Qajeelchitoonni yeroo baayʼee achitti wal gaʼanii waaʼee Obboleessa keenya Joorji Yaang isa Kaanaadaa keessatti misiyoonii taʼee tajaajiluu fi Tiriiniidaadiin daawwatee ture dubbatu turan. Warri koo waaʼee hiriyoota gaaʼelaa hidhata isaanii taʼan Biraawunii fi haadha manaa isaa warra yeroo sanatti Afrikaa Lixaa jiran dinqisiifannaadhaan dubbatu turan. Kun hundi umuriin koo waggaa kudhan yommuu guutu tajaajila dirree akkan jalqabu na kakaaseera.

SOCHIIWWAN JALQABAA

Barruuwwan keenya yeroo sanaa amantii sobaa, daldaltoota sassatoo fi siyaasa xuraaʼaa humna guddaadhaan saaxilu turan. Kanaan kan kaʼes, bara 1936⁠tti luboonni bulchiinsi Tiriiniidaad barruuwwan jaarmiyaa Masaraa Eegumsaa hunda akka dhorku kakaasan. Barreeffamoota keenya kan dhoksine siʼa taʼu hanga dhumanitti garuu itti fayyadamuu keenya itti fufneerra. Beeksisa baannee hiriirra, akkasumas biskileetiidhaan tiraaktii fi beeksisa baannee ni deemna turre. Garee Obbolootaa magaalaa Tunaapunaa wajjin konkolaataa meeshaa sagalee guddisu qabuun kutaawwan biyyattii Tirinidaad fagootti argamanitti illee lallabneerra. Baayʼee nama gammachiisa ture! Haalli hafuuraa akkasii kun umurii koo waggaa 16⁠tti akkan cuuphamu na kakaaseera.

Tunaapunaatti garee obboloota konkolaataa sagalee guddisu qabuun tajaajilan

Tunaapunaatti garee obboloota konkolaataa sagalee guddisu qabuun tajaajilan

Dhaalli ani maatii koo irraa argadhee fi muuxannoon inni jalqabaa kun hawwii misiyoonummaa na keessatti uumeera. Bara 1944⁠tti yommuun gara Aruubaa deeme Obboleessa keenya Edimaanti Wiitfild Kaaminz wajjin hojjechuu jalqabe hawwiin sun amma iyyuu na keessa jira ture. Bara 1945⁠tti Ayyaana Yaadannootiif namoonni kudhan yommuu argaman baayʼee gammannee turre. Waggaa itti aanutti odoola sana irratti gumiin inni jalqabaa hundeeffameera.

Oriisii fi Wuudwoorz Miils waggoota gara jalqabaatti

Haadha manaa koo Oriis wajjin jireenyi koo haaromeera

Yeroo booda utuu hin turin, dubartii anaa wajjin hojjettuu fi Oriis Wiliyaamz jedhamtuufan karaa al idilee taʼeen dhugaa baʼe. Oriis barumsa amantii baratteef falmuudhaan yaada ciccimaa dhiheessiti turte. Haa taʼu malee qoʼannaa Kitaaba Qulqulluutiin fayyadamtee, Dubbiin Waaqayyoo maal akka jedhu sirriitti barachuudhaan Amajjii 5, 1947⁠tti cuuphamteetti. Yeroo booda wal jaallachuudhaan gaaʼela godhanne. Ishiinis Sadaasa 1950⁠tti qajeelchituu taatee tajaajiluu jalqabde. Oriisi wajjin jireenyi koo caalaatti in bareede akkasumas haaraa taʼe.

TAJAAJILA GAMMACHIISAA NAAYIJEERIYAA KEESSA TURE

Bara 1955 Mana Barumsaa Giilʼaad akka gallu afeeramne. Mirga arganne kanaaf qophii gochuuf, Oriisii fi Ani hojii keenya ni gadhiisne, mana keenyaa fi qabeenya keenya ni gurgurre akkasumas Aruubaa gadhiisnee deemne. Adoolessa 29, 1956, Mana Barumsaa Giilʼaad kutaa 27⁠ffaa irraa eebbifamnee Naayijeeriyaatti ramadamne.

Wuudwoorzii fi Oriis Miils miseensota maatii Betʼel Leegos Naayijeeriyaa wajjin, bara 1957

Bara 1957 Naayijeeriyaa Leegos keessatti miseensota maatii Betʼel wajjin

Oriis gara boodaatti deebitee yaaduudhaan akkana jetteetti: “Hafuurri Yihowaa namni tokko buʼaa baʼii jireenya misiyoonummaa keessatti isa mudatutti akka baru isa gargaaruu dandaʼa. Abbaa manaa koo irraa haala adda taʼeen ani matumaa misiyoonii taʼuu hin barbaadun ture. Kanaa mannaa, mana dhaabbadhee ijoollee guddisuun barbaadan ture. Taʼus, misiraachoo lallabuun baayʼee ariifachiisaa taʼuu isaa yommuun hubadhu yaada koo nan jijjiire. Giilʼaadii yommuu eebbifamnu misiyoonii taʼee tajaajiluuf guutummaatti qophaaʼeen ture. Doonii Quwiin Meerii jedhamu yommuu yaabbannu, obboleessi keenya Woorz Toorontoon biiroo obboleessa keenya Naataan Nooriitii dhufee, ‘Karaa nagaa!’ nuun jedhe. Innis Betʼel keessa akka tajaajillu nutti hime. Anis hafuura dheeraa baafadheen ‘Lakki, hin taʼu!’ jedheen. Haa taʼu malee, yeruma sana sirreeffama gochuudhaan Betʼeliin kanan jaalladhe siʼa taʼu, hojii adda addaa irratti ramadamee hojjedheera. Keessummeessaa taʼee tajaajiluu baayʼeen jaalladhan ture. Namoota kanan jaalladhu siʼa taʼu, hojiin kun immoo obboloota Naayijeeriyaa wajjin kallattiidhaan akkan wal argu na taasiseera. Baayʼeen isaanii awwaaraan uwwifamanii, dadhabanii, dheebotanii fi beelaʼanii achi gaʼu turan. Boqonnaa fi jajjabina akka argataniif wanta isaan barbaachisu isaaniif gochuun na gammachiisa ture. Kun hundi tajaajila qulqulluu Yihowaadhaaf dhihaatu waan taʼeef, kana gochuun gammachuu naaf argamsiisa ture.” Eeyyee, hojiin nuuf kenname hundi karaa hafuuraa akka guddannu nu gargaareera.

Bara 1961 yeroo maatii wajjin wal geenyee bashannannu, obboleessi keenya Biraawun muuxannoo gammachiisaa Afriikaa keessatti argate tokko tokko nutti hime. Achiis ani guddina Naayijeeriyaatti argachaa jirru ilaalchisee gabaasan dhiheesse. Obboleessi keenya Biraawun na hammatee, Abbayyeedhaan, “Yoonii, Wuudwoorz Afriikaatti milkaaʼina argateera, ati garuu deemtee iyyuu hin beektu!” jedhe. Abbayyeenis, “Woorz, itti fufi! itti fufi!” jedhee isaaf deebise. Jajjabinni obboloonni duraanii naaf kennan kun fedhii ani tajaajila koo guutummaatti raawwachuuf qabu naaf guddisaniiru.

Wuudwoorz Miils, Antooniyaa Biraawun, Wiiliyaam “Baayible” Biraawunii fi Oriis Miils

Wiiliyaam “Baaybil” Biraawunii fi haati manaa isaa baayʼee nu jajjabeessaniiru

Bara 1962, mana barumsaa Giilʼaad kutaa 37⁠ffaa seenee jiʼa kudhaniif leenjii dabalataa fudhachuuf mirgan argadhe. Obboleessi keenya Wiilfireed Guuchi inni yeroo sanatti ilaaltuu ol aanaa waajjira damee Naayijeeriyaa taʼe kutaa 38⁠ffaa irratti erga hirmaatee booda Ingilaanditti ramadame. Kanaafuu, ilaaltuu ol aanaa waajjira damee Naayijeeriyaa taʼee akkan tajaajilu itti gaafatamummaan naaf kenname. Fakkeenya Obboleessa keenya Biraawun hordofuudhaan bakka hedduu deemee, obboloota keenya Naayijeeriyaa warra jaallatamoo taʼanii wajjin wal baruu fi isaan jaallachuu dandaʼeera. Isaan akka namoota biyyoota guddatan keessa jiranii qabeenya hedduu kan hin qabne taʼanis, gammachuu kan qabanii fi waan qabaniin na gaʼa jedhanii kan jiraatan taʼuun isaanii, jireenya kaayyoo qabu jiraachuun qarshii ykn qabeenya irratti kan hundaaʼe akka hin taane argisiiseera. Haalli isaan keessa jiran gaarii taʼuu baatus, walgaʼii irratti yommuu argaman qulqulluu fi kabaja kan qaban taʼanii mulʼachuun isaanii nama ajaaʼibsiisa. Yeroo gara walgaʼii naannoo deemanitti, baayʼeen isaanii konkolaataa guddaa fi konkolaataa boleekaajaasa jedhamaniin (naannoo isaanii banaa taʼeen) dhufu. Otoobisoonni kun yeroo baayʼee dhaadannoo xiyyeeffannaa namaa harkisu qabu. Isaan keessaa tokko, “Cophni bishaanii xixinnoon, galaana guddaa uuma” jedha.

Dhaadannoon kun dhugaa dha! Carraaqqiin tokkoon tokkoon namaa godhu gatii qaba; nutis kan keenya itti daballeerra. Bara 1974⁠tti Yunaayitid Isteetis alatti babalʼistoota 100,000, gaʼuudhaan Naayijeeriyaan biyya ishii jalqabaa taateetti. Hojichi guddachaa deemeera!

Guddinni akkasii argamaa utuu jiruu, Waraanni Waliinii Naayijeeriyaa bara 1967 hanga 1970⁠tti ture ni jalqabe. Obboloonni keenya Laga Niijar gama Biyaafiraa jiraatan jiʼoota hedduudhaaf waajjira damee irraa citan. Nyaata hafuuraa isaaniif geessuu qabna turre. Akkuma jalqaba irratti ibsame, kadhannaa gochuu fi Yihowaatti amanamuudhaan lagicha yeroo hedduu ceeneerra.

Loltoota namatti dhukaasuutti gammadan, dhukkubaa fi wantoota balaa geessisan kan biraadhaaf lubbuu keenya saaxiluudhaan Laga Niijar ceenee adeemsa sodaachisaa gochuu keenya nan yaadadha. Loltoota fedaraalaa warra nama hundaa shakkan bira darbuun waan tokko siʼa taʼu, gama Biyaafiraa karaa sochiin dhorkaa taʼeen darbuun immoo kana caalaa sodaachisaa ture. Yeroo tokko bidiruu nama feʼee Asaabaadhaa gara Onistshiyaa deemuun, halkaniin laga Niijar isa saffisaan yaaʼu ceʼuudhaan jaarsolii jajjabeessuuf gara Enugu dhaqeera. Yeroo kan biraatti immoo jaarsolii bulchiinsa Aabaa isa dhorka cimaan itti godhame keessa jiran jajjabeessuudhaaf deemeera. Poort Haarkoort keessatti yeroo loltoonni fedaraalaa loltoota Biyaafiraa moʼanii seenan walgaʼiin keenya saffisaan kadhannaadhaan xumurame.

Obboloota keenya jaallatamoo Yihowaan eegumsa akka isaaniif godhu isaaniif mirkaneessuu fi siyaasa irraa walaba taʼuu akkasumas tokkummaa eeguu ilaalchisee gorsa barbaachisu kennuuf Walgaʼiiwwan kun barbaachisaa turan. Obboloonni Naayijeeriyaa yeroo lola sodaachisaa sana keessa milkaaʼinaan darbaniiru. Jaalala isa jibba gosaa ol taʼe argisiisuudhaan, tokkummaa Kiristiyaanaa isaanii eeggataniiru. Yeroo qorumsaa sanatti isaan cina dhaabachuun mirga guddaa dha!

Bara 1969, Walgaʼii Addunyaa “Nagaa Lafa Irraa” jedhamuu fi Yaankii Istaadiyomii Niwuu Yoorkitti godhamee irratti Miiltan Heenshel dura taaʼaa taʼee yommuu geggeessu gargaaraa isaa taʼuudhaan barumsa guddaa argadheera. Bara 1970⁠tti walgaʼii Addunyaa “Namoota Waaqayyo Jaallatu” jedhamu Leegos Naayijeeriyaatti waan gooneef barumsa kana yeroo sirrii taʼettan argadhe. Walgaʼiin akkuma waraanni waliinii raawwateen godhame kun eebba Yihowaa qofaan milkaaʼe jechuun ni dandaʼama. Walgaʼiin namoonni 121,128 irratti argaman kun afaanota 17n geggeeffamuudhaan isa jalqabaa ture. Obboloonni keenya Noorii fi Heenshel akkasumas keessummoonni Yunaayitid Isteetisii fi Ingilaandii xiyyaara kireeffatanii dhufan, sirna cuuphaa guguddaa guyyaa Phenxeqostee booda geggeeffaman keessaa tokko taʼee fi barattoonni 3,775 itti cuuphaman arguu dandaʼaniiru! Walgaʼii kana qindeessuu irratti gargaarsa gochuun tarii jireenya koo keessatti yeroo hojiin natti baayʼate isa guddaa dha. Guddinni kun takkumaan kan dhoʼe malee suuta suuta kan dabale hin turre!

Walgaʼii Addunyaa “Namoota Waaqayyo Jaallatu” jedhamuu fi bara 1970 Leegos Naayijeeriyaatti godhame

Walgaʼii Addunyaa “Namoota Waaqayyo Jaallatu” jedhamu irratti, namoonni 121,128 taʼanii fi afaan Iboo dabalatee afaan 17 dubbatan argamaniiru

Naayijeeriyaa keessa waggoota 30 oliif yeroon turetti, Afriikaa Dhihaatti darbee darbee daawwataa ol aanaa fi daawwataa zoonii taʼee tajaajileera. Misiyoononni dhuunfaatti xiyyeeffannaa fi jajjabina argachuu isaanii baayʼee dinqisiifatu turan! Akka hin irraanfatamne isaaniif mirkaneessuun baayʼee kan nama gammachiisu dha! Hojiin kun namootaaf dhuunfaatti xiyyeeffannaa kennuun, akka guddatan isaan gargaaruu akkasumas ciminaa fi tokkummaa jaarmiyaa Yihowaa eeguuf murteessaa akka taʼe na barsiiseera.

Rakkoowwan waraana waliinii fi dhukkubaan dhufan kan dandeenye gargaarsa Yihowaa qofaan ture. Eebba Yihowaa akka arganne yeroo hundumaa ifatti ni mulʼata ture. Oriis akkas jetteetti:

“Lamaan keenya iyyuu yeroo baayʼee busaadhaan qabamnee turre. Yeroo tokko Woorz of wallaalee hospitaala galee ture. lubbuudhaan akka hin oolle natti himamee kan ture taʼus, ooluu isaatti nan galateeffadha! Yommuu of baru, narsii isa kunuunsaa turetti waaʼee Mootummaa Waaqayyoo hime. Booda fedhii inni Kitaaba Qulqulluuf qabu guddisuuf Woorzii wajjin narsii Nawaambiwee jedhamu sana gaafachuu dhaqeera. Innis dhugaa fudhachuudhaan booda Aabaa keessatti jaarsa gumii taʼeera. Anis Musiliimota cimsitoota amantii isaanii taʼan dabalatee namoonni hedduun tajaajiltoota Yihowaa akka taʼan gargaaruudhaan milkaaʼina argadheera. Namoota Naayijeeriyaa, aadaa isaanii, duudhaa isaanii fi qooqa isaanii beekuu fi isaan jaallachuudhaan gammachuu guddaa arganneerra.”

Barumsi ani argadhe kan biraan immoo kana dha: Ramaddii keenya biyya alaa irratti milkaaʼina argachuuf, aadaan isaanii kan keenya irraa hammam iyyuu yoo adda taʼe obbolootaa fi obboleettota keenya jaallachuu qabna turre.

RAMADDII HAARAA

Naayijeeriyaatti Betʼel keessa erga tajaajillee booda, bara 1987 tajaajila dirree irratti misiyoonii taanee akka hojjennu odoola bareedduu Seent Luuchiyaa jedhamtuu fi Kaariibiyaanitti argamtutti ramadamne. Ramaddiin kun baayʼee kan nama gammachiisu taʼus, rakkoowwan nuuf haaraa taʼan qaba ture. Afriikaa keessatti bakka dhiirri tokko haadha manaa hedduu fuudhuun baramaa itti taʼe irraa haala adda taʼeen, Seent Luuchiyaa keessatti dhiirrii fi dubartiin tokko utuu seeraan wal hin fuudhin walii wajjin jiraatu. Humni Dubbiin Waaqayyoo qabu barattoonni Kitaaba Qulqulluu keenya hedduun jijjiirama barbaachisaa taʼe akka godhan isaan kakaaseera.

Oriisii fi Wuudwoorz Miils waggoota gara jalqabaatti

Waggoota 68 gaaʼela keessatti dabarsine hunda keessatti Oriisiin baayʼeen jaalladhan ture

Umurii keenyaan kan kaʼe jabinni keenya xiqqaachaa yommuu adeemu, Qaamni Ol Aanaan jaalalaan kakaʼee, bara 2005 gara waajjira muummee isa Biruukiliin, Niwuu Yoorki Yuu Ees Eetti argamutti nu jijjiire. Sababii Oriisiif amma iyyuu guyyaa guyyaan Yihowaa nan galateeffadha. Ishiin bara 2015 duʼa isa diina guddaa taʼeen kan moʼamte siʼa taʼu, ishii dhabuutti gadda na irra gaʼe ibsuu hin dandaʼu. Ishiin hiriyaa gita hin qabnee fi haadha manaa jaallatamtuu, nama jaallattu turte. Waggoota 68 waliin dabarsine hundatti baayʼeen ishii jaalladha ture. Gaaʼela keessattis taʼe gumii keessatti mala ittiin gammachuu argatan baranneerra; innis, seera matummaa kabajuu, tola dhiifama gochuu, gad of qabuu fi firii hafuuraa argisiisuu dha.

Yeroo wanti nama aarsu ykn abdii nama kutachiisu nu mudatu, aarsaan nuti dhuunfaatti kaffallu akka hin xuroofne akka nu gargaaruuf Yihowaatti kadhannaa dhiheessina. Sirreeffama gochuu keenya yommuu itti fufnu, yeroo hunda haalawwan fooyyaʼaa akka deeman kan argine siʼa taʼu, kan hunda caalu immoo gara fuulduraatti jira!—Isa. 60:17; 2 Qor. 13:11.

Tiriindaadii fi Toobaagoo keessatti Yihowaan hojii warri koo fi namoonni kaan hojjetan kan eebbise siʼa taʼu, gabaasni dhiheenya baʼe akka ibsutti, namoonni 9,892 taʼan waaqeffannaa dhugaa fudhataniiru. Aruubaa keessa namoonni hedduun gumii ani duraan keessa ture cimsuuf hojjetaniiru. Odoolli kun yeroo ammaa gumiiwwan guguddaa 14 qaba. Naayijeeriyaa keessatti immoo lakkoofsi babalʼistootaa tuuta guddaa namoota 381,398 qabate taʼeera. Odoola Seenti Luuchiyaa keessatti immoo namoonni 783 Mootummaa Yihowaa deggeraa jiru.

Amma umuriin koo waggoota 90maan keessa jira. Faarfannaan 92:14 namoota mana Yihowaa keessa dhaabaman ilaalchisee, “Dulluma keessa iyyuu ija in godhatu, isaan yeroo hundumaa jiidha qabu, in lalisus” jedha. Jireenyan tajaajila Yihowaa keessatti dabarseef baayʼeen galateeffadha. Dhaalli Kiristiyaanaa guddaan ani argadhe, guutummaatti Yihowaa akkan tajaajilu na jajjabeesseera. Yihowaan jaalala amanamaa isaatiin, ‘oobdii gooftaa koo keessatti akka ani lalisu’ naaf heyyameera.—Far. 92:13.

a Dammaqaa! Bitootessa 8, 1972, ful. 24-26 ilaali. (Ingiliffa)

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi