Qayyabannaawwan Macaafa Qulqulluu Guddina Argisiisan Geggeessuu
Kutaa 3: Caqasawwaniin Karaa Bu’a Qabeessa Ta’een Gargaaramuu
1 Yeroo qayyabannaa Macaafa Qulqulluu geggeessinu kaayyoon keenya, namoonni barumsawwan Sagalee Waaqayyoo akka hubatan, akka fudhataniifi hojiirra akka oolchan gargaaruudhaan ‘bartoota gochuudha.’ (Mat. 28:19, 20; 1 Tas. 2:13) Kanaafuu, qayyabannichi Macaafa Qulqulluurratti kan xiyyeeffate ta’uu qaba. Dura, Macaafa Qulqulluusaaniirraa caqasawwan murtaa’an akkamitti akka baasan barattootatti argisiisuun gaarii ta’a. Haata’u malee, karaa hafuuraa akka guddatan gargaaruuf caqasawwanitti gargaaramuu kan dandeenyu akkamitti?
2 Caqasawwan dubbifaman filadhu. Yommuu qophooftu, caqasiwwan kennaman barumsichaa wajjin walitti dhufeenya maalii akka qaban ilaaliitii, yeroo qayyabattan caqasa dubbistanii irratti mari’attan filadhu. Walumaa galatti, caqasawwan amantaa keenyaaf bu’ura ta’an dubbisuun gaariidha. Caqasiwwan yaada dabalataa ibsan dubbifamuunsaanii barbaachisaa miti. Fedhiifi haalawwan barattootaa xiyyeeffannaa keessa galchi.
3 Gaaffiiwwaniin gargaarami. Caqasawwan Macaafa Qulqulluu baratichaaf ibsuu mannaa akka inni siif ibsu godhi. Malaan gaaffii gaafachuudhaan ibsa akka kennu gochuu dandeessa. Ibsi caqasichaaf kenname ifa yoo ta’e garuu, caqasichi yaada keeyyatichaatiif deeggarsa kan ta’u akkamitti akka ta’e gaafachuu dandeessa. Karaa gara biraammoo, baratichi murtoo sirrii ta’erra akka ga’uuf gaaffii adda ta’e ykn gaaffiiwwan walitti aanan gaafachuun barbaachisaa ta’uu danda’a. Ibsi dabalataa yoo barbaachise, erga baratichi deebii kennee booda kennamuu danda’a.
4 Ibsa kennitu salphaa godhi. Namni akka gaaritti adamsuu beeku tokko waan barbaade rukutuuf xiyya tokko qofaatu isa ga’a. Haaluma wal fakkaatuun, barsiisaan ogeessi waan tokko addeessuuf waan baay’ee dubbachuun isa hin barbaachisuu. Yaada tokko haala salphaa, ifaafi sirrii ta’een dabarsuu danda’a. Yeroo tokko tokko yaada caqasichaa hubachuufi baratichaaf sirriitti ibsuuf barreeffamoota keenyarratti qorannaa gochuun si barbaachisuu danda’a. (2 Xim. 2:15) Ta’uyyuu, caqasawwan hundumaa karaa addaddaatiin ibsuu hin qabdu. Barumsa irratti mari’achaa jirtan kan deeggaru yoo ta’e qofaa ibsuu qabda.
5 Waan Barate Akka Hojiirra Oolchu Gargaari. Yeroo mijaa’aa yommuu argattu, baratichi caqasa dubbifame jireenyasaa keessatti hojiirra oolchuu akka danda’u isa gargaari. Fakkeenyaaf, barataa walga’iiwwan Kiristiyaanaarratti argamuu hin jalqabnee wajjin Ibroota 10: 24 fi 25rratti ennaa mari’attan, waa’ee walga’ii tokkoo itti himuufi akka argamu afeeruu dandeessa; garuu isa hin dirqisiisin. Yihowaa gammachiisuuf, Sagaleen Waaqayyoo tarkaanfii barbaachisaa ta’e fudhachuuf akka isa kakaasu godhi.—Ibr. 4:12.
6 Bartoota gochuuf hojii nuu kenname yommuu raawwannu, karaa bu’a qabeessa ta’een caqasawwanitti gargaaramuudhaan “gara amantiitti, gara abboomamuuttis isaan geessuudhaaf” haa carraaqnu.—Rom. 16:26.
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]
1. Yeroo qayyabannaa Macaafa Qulqulluu geggeessinu Macaafa Qulqulluurratti xiyyeeffachuu kan qabnu maaliifi?
2. Caqasawwan dubbisnuufi irratti mari’annu akkamitti murteessina?
3. Gaaffiiwwaniin gargaaramuun bu’aa maalii qaba? Kana gochuu kan dandeenyu akkamitti?
4. Caqasa dubbisnerratti ibsa hammamii kennuu nu barbaachisaa?
5, 6. Barattoonni jireenyasaanii keessatti Sagalee Waaqayyoo hojiirra akka oolchan gargaaruu kan dandeenyu akkamitti? Haata’u malee, maalirraa of qusachuu qabna?