Gargaarsi Kee Ni Barbaachisa
1 “Nu gargaaruuf carraaqqii garaadhaa gooteef guddiseen si galateeffanna. Dhugumaan gargaarsi kee nu barbaachisa.” Yaadni gaariin kun dinqisiifannaa jaarsolii Kiristiyaanaa nu gidduutti argamaniif qabnu kan argisiisudha. Jaarmiyaan Waaqayyoo babal’achaa waan adeemuuf, addunyaa maratti gumiiwwan 100,000tti dhihaatan tajaajiluuf namoonni ga’eessota ta’an ni barbaachisu. Atis obboleessa cuuphamte yoo taate, gargaarsi kee ni barbaachisa.
2 “Galma Kee Bira Ga’uuf Carraaqqii Godhi:” Hojiiwwan hafuuraa dabalataan argachuuf carraaquu kan dandeessu akkamitti? (1 Xim. 3:1) Akkaataa jireenya kee hundaan fakkeenya gaarii ta’uudhaanidha. (1 Xim. 4:12; Tit 2:6-8; 1 Phe. 5:3) Hojii lallabaarratti hirmaannaa guutuu godhi; warri kaaniis akkas akka godhan jajjabeessi. (2 Xim. 4:5) Obboloota keetiif garaadhaa yaadi. (Rom. 12:13) Sagalee Waaqayyoo akka gaariitti qayyabadhu; haala itti ‘barsiistus’ foyyeessi. (Tit. 1:9; 1 Xim. 4:13) Hojii jaarsoliin siif kennan of eeggannoodhaan raawwadhu. (1 Xim. 3:10) Mataa maatii yoo taatemmoo, ‘mana kee ba’eessa godhii bulchi.’—1 Xim. 3:4, 5, 12.
3 Tajaajilaa gumii ykn jaarsa gumii ta’uun hojii cimaa hojjechuu kan dabalatuufi aarsaa godhanii of dhiheessuu kan gaafatudha. (1 Xim. 5:17) Kanaaf, warra kaan gargaaruuf yommuu carraaqxu amala gad of qabuurratti xiyyeeffadhu. (Mat. 20:25-28; Yoh. 13:3-5, 12-17) Amala Ximotewosirratti xinxali; fakkeenyasaas hordofi. (Filp. 2:20-22) Akkumasaa akkaataa jireenyaa kee isa gaariidhaan ga’eessa ta’uu kee mirkaneessi. (HoE. 16:1, 2) Ulaagaalee hafuuraa itti gaafatamummaa dabalataa siif argamsiisan horachaa yeroo adeemtuufi akka guddattuuf gorsa sii kennamu kamiyyuu hojiirra oolchuudhaan, ‘Namoonni hundinuu guddachaa adeemuu kee akka argan’ goota.—1 Xim. 4:15.
4 Warri, Ijoolleen Keessan Warra Kaan Akka Gargaaraniif Leenjisaa: Ijoolleen warra kaan akka itti gargaaran ijoollummaasaaniitii kaasanii barachuu danda’u. Walga’iirratti akka gaariitti akka dhaggeeffatan, akka lallaban, Galma Mootummaa keessattiifi mana barumsaatti amalasaaniitiin fakkeenya gaarii akka ta’an leenjisaa. Warra kaan gargaaruutti, jechuunis Galma Mootummaa qulqulleessuu, warra dullooman gargaaruufi kkf irratti akka hirmaatan jajjabeessaa. Gammachuu waa namaa kennuudhaan argamu akka dhamdhaman godhaa. (HoE. 20:35) Leenjiin akkasii kun gara fulduraatti tajaajiltootaafi jaarsolii gumii ta’uuf isaan gargaaruu danda’a.