‘Garaa Guutuudhaan’ Akka Abboomamaniif Warra Kaan Gargaaraa
1 Waaqeffannaan keenya Yihowaa duratti fudhatama akka argatuuf abboomamuun keenya barbaachisaadha. (Kes. 12:28; 1 Phe. 1:14-16) Yeroo dhihootti Waaqayyoo ‘warra waa’eesaa beekuu hin barbaanneefi wangeelaaf hin abboomamnerratti murtoo adabaa ni kenna.’ (2 Tas. 1:8) Namoonni warri kaan barumsa Sagalee Waaqayyootiif ‘garaa guutuudhaan akka abboomaman’ akkamiin gargaaruu dandeenya?—Rom. 6:17.
2 Amantiifi Jaalala Akka Cimsatan Gargaaraa: Caqasawwan Macaafa Qulqulluu keessatti abboomamuun amantii wajjin haalaan kan wal qabatedha. Phaawulos ‘Waaqayyo inni bara baraan jiraatu amantii akka qabaannuufi akka abboomamnu ajajuusaa’ dubbateera. (Rom. 16:26) Ibroota boqonnaa 11rratti namoota amantii jedhamanii akka fakkeenyaatti kan tarreeffaman hedduunsaanii akka fedha Yihowaatti kan deddeebi’anidha. (Ibr. 11:7, 8, 17) Karaa biraammoo, abboomamuu dhiisuun amantii dhabuu wajjin kan walqabatedha. (Yoh. 3:36; Ibr. 3:18, 19) Dandeetti Sagalee Waaqayyootti fayyadamuu keenya guddifachuudhaan, namoonni kaan amantii abboomamuuf isaan dandeessisu akka qabaatan gargaaruu qabna.—2 Xim. 2:15; Yaq. 2:14, 17.
3 Abboomamuun Waaqayyoon jaallachuu wajjinis kan walqabatedha. (Kes. 5:10; 11:1, 22; 30:16) 1 Yoh. 5:3rratti, “Waaqayyoon jaallachuu jechuunis abboommota isaa eeguu dha; abboommonni isaa immoo ba’aa ulfaatoo miti” jechuudhaan dubbata. Namoonni Macaafa Qulqulluu qayyabatan jaalala Yihowaadhaaf qaban akka cimsatan gargaaruu kan dandeenyu akkamitti? Yeroo qayyabannaatti carraa argattuun amalawwan Yihowaa akka dinqisiifatu gochuuf yaali. Dinqisiifannaa Waaqayyoof qabdu itti himi. Yihowaa wajjin hariiroo qabu akka jabeeffatu gargaariin. Waan hundumaa caalaatti jaalalli nutis ta’e warri kaan Yihowaadhaaf qabnu garaa guutuudhaan akka isaaf abboomamnu nu kakaasa.—Mat. 22:37.
4 Fakkeenya Ta’uu: Namoonni kaan misiraachoo kanaaf akka abboomamaniif fakkeenya nuti argisiisnu dhiibbaa guddaa qaba. Haata’u malee, yaada “garaa abboomamaa” qabaachuuf carraaqqii cimaa gochuutu nurraa eegama. (1 Mot. 3:9, NW; Fak. 4:23) Kunimmoo maal gochuu nu gaafata? Yeroo hundumaa Macaafa Qulqulluu qayyabachuufi walga’ii gumiirratti argamuudhaan soora hafuuraatiin sammuukeessan guutaa. (Far. 1:1, 2; Ibr. 10:24, 25) Namoota yaannisaanii amantii dhugaadhaan hidhamee jiruu wajjin hariiroo keessan cimsadhaa. (Fak. 13:20) Namoota naannoo keessanitti argaman gargaaruuf fedhii qabaachuudhaan yeroo hundumaa tajaajilarratti hirmaadhaa. Yihowaan garaa qajeelaa guddifachaa jirtan kanaaf akka isin gargaaruuf yeroo hunda kadhannaa godhaa. (Far. 86:11) Wantoota yaada garaakeetii jal’isan kanneen akka amala gadhee ta’an ykn bashannana gocha hammeenyaa calaqqisiisanirraa fagaadhu. Wantoota gara Waaqayyootti akka dhihaattu si gargaaraniifi walitti dhufeenya isaa wajjin qabdu siif cimsan hordofi.—Yaq. 4:7, 8.
5 Sabni Yihowaa durii utuu sagaleesaatiif abboomamanii eebbasaa akka argatan isaaniif mirkaneessee ture. (Kes. 28:1, 2) Haala walfakkaatuun yeroo ammaattis, Yihowaan “warra isaaf abboomaman” baay’isee eebbisa. (HoE. 5:32) Kanaafuu, wanta barsiisnuufi fakkeenya keenyaan warri kaan garaa guutummaadhaan akka isaaf abboomaman haa gargaarru.
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]
1. Yihowaan waaqeffattootasaarraa maal barbaada?
2. Warri kaan amantii cimaa akka qabaatan gargaaruun kan barbaachisu maaliifi?
3. (a) Abboomamuun jaalalaa wajjin walitti dhufeenya maalii qaba? (b) Namoonni Macaafa Qulqulluu qayyabatan jaalala Yihowaaf qaban akka guddifatan akkamitti gargaaruu dandeenya?
4. (a) Fakkeenya ta’uun keenya barbaachisaa kan ta’e maaliifi? (b) “Garaa ajajamaa” qabaachuuf maal gochuu qabna?
5. Namoonni abboomaman kan eebbifaman akkamitti?