LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 7/06 ful. 12
  • Barsiifata Gaarii Qabaachuudhaan Faayidaa Argadhaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Barsiifata Gaarii Qabaachuudhaan Faayidaa Argadhaa
  • Tajaajila Mootummaa—2006
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Yeroo Hunda Yihowaa ni Tajaajiltaa?
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2017
  • Waaqeffannaadhaaf Walitti Qabamuu kan Qabnu Maaliifi?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2016
  • Walgaʼiiwwan “Jaalalaa fi Hojii Gaariidhaaf Nu Kakaasan”
    Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaaʼuu
Tajaajila Mootummaa—2006
km 7/06 ful. 12

Barsiifata Gaarii Qabaachuudhaan Faayidaa Argadhaa

1 Yeroo jalqabarratti Kiristiyaana taate, sochiiwwan hafuuraa gaarii ta’anirratti yeroo hundumaa ni hirmaatta turte. Kunimmoo Macaafa Qulqulluu qayyabachuu, walga’iiwwan gumiirratti argamuu, tajaajilarratti hirmaachuufi kadhannaa gochuus kan dabalatu ture. Yihowaan carraaqqiikee waan sii eebbiseef, karaa hafuuraa guddachuu dandeesseetta. Tarii erga cuuphamtee waggoonni hedduun darbaniiru ta’a. Haata’u malee, barsiifata karaa hafuuraa yeroo sana jalqabde itti fufteettaa?

2 Barsiifata Keessan Gamaaggamaa: Guyyaa guyyaadhaan Macaafa Qulqulluu ni dubbistaa? Kana gochuudhaan eebbawwan hedduu arganna. (Iya. 1:8; Far. 1:2, 3) Bara duriitti mootonni Israa’el hundi macaafota Seeraa ‘bara jireenyasaanii hundumaatti dubbisuu’ qabu turan. Kana gochuunsaanii faayidaa akkamii isaaniif argamsiisa? Mootichi akka gad of qabuufi Yihowaa sodaatee abboommiisaa cabsuurraa akka fagaatu isa gargaara ture. (Kes. 17:18-20) Haaluma wal fakkaatuun nutis guyyaa guyyaadhaan Macaafa Qulqulluu dubbisuun keenya, biyya lafaa isa hamaafi manca’aa kana keessatti warra waan ittiin komataman hin qabneefi mudaa hin qabne ta’uuf nu gargaara. Kana malees, guutummaatti tajaajilarratti hirmaachuuf nu hidhachiisa.—Filp. 2:15; 2 Xim. 3:17.

3 Yesus gara mana sagadaa jechuunis bakka Caaffanni Qulqullaa’aan itti mari’atamu dhaquu amaleeffatee ture. (Luq. 4:16) Kana gochuunsaammoo rakkina isatti dhufuuf jiru mo’uuf akka isa jajjabeesse homaa hin shakkisiisu. Nutis, walga’ii gumiirratti argamuudhaan karaa hafuuraa qajeelfama argachuufi ‘wal jajjabeessuu’ dandeenya. (Rom. 1:12) Obboloota keenyaa wajjin walitti qabamuun keenya, rakkoowwan guyyoota gara dhumaa kanatti nu mudatan mo’uuf nu gargaara. (Ibr. 10:24, 25) Yeroo hundumaa walga’iiwwan hundarratti argamuu amaleeffatteettaa?

4 Seenaan Macaafa Qulqulluu, ergamoonni “guyyuma guyyaatti mana qulqullummaatti, mana manattis” adeemuudhaan misiraachoo kana lallabaa akka turan ibsa. (HoE 5:42) Guyyaa guyyaadhaan lallabuu hin dandeenyu taanaan, torban torbaniin bifa tajaajilaa ta’e tokkorratti hirmaachuu barsiifata godhachuu dandeenyaa? Kana kan goonu yoo ta’e, dandeettii Sagalee Waaqayyootti fayyadamuuf qabnu guddisuufi muuxannoo nama jajjabeessu argachuu dandeenya.

5 Daani’el umriisaa guutuu ‘ittuma fufee’ Yihowaa tajaajiluunsaa eebba guddaa isaaf argamsiiseera. Kunimmoo, yeroo hundumaa kadhannaa gochuu amaleeffachuus kan dabalatu ture. (Dan. 6:10, 16, 20) Haaluma wal fakkaatuun, yeroo hundumaa kadhannaadhaan garaadhaa Yihowaatti kan dhihaannu yoo ta’e, innis hafuurasaa nuu kenna. (Luq. 11:9-13) Kana malees, isaa wajjin walitti dhufeenya gaarii akka qabaannu heyyamuufi nutti dhihaachuudhaan deebii nuu kenna. (Far. 25:14; Yaq. 4:8) Kun eebba guddaa mitii? Kanaaf, karaa hafuuraa barsiifata gaarii qabaachuuf yaalii cimaa gochuudhaan faayidaa haa argannu.

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

1. Barsiifata karaa hafuuraa qabdu gamaaggamuunkee barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

2. Yeroo hundumaa Macaafa Qulqulluu dubbisuudhaan faayidaa maalii arganna?

3. Yeroo hundumaa walga’iirratti argamuun faayidaa akkamii argamsiisa?

4. Torban torbaniin tajaajilarratti hirmaachuun faayidaa kan nuuf argamsiisu akkamitti?

5. Yeroo hundumaa Yihowaa kadhachuun barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi