LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 4/08 ful. 3
  • ‘Faanasaa Duukaa Bu’aa’

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • ‘Faanasaa Duukaa Bu’aa’
  • Tajaajila Mootummaa—2008
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • “Kanaafan Ergame”
    “Kottuutii Duuka Buutuu Koo Taʼi”
  • Tajaajila Keessan Guutummaatti Raawwachaa Jirtuu?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2019
  • “Kottuu Ana Duukaa Bu’i!”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2009
  • Fakkeenya Yesus Hordofuudhaan Jaalalaan Barsiisaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2009
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2008
km 4/08 ful. 3

‘Faanasaa Duukaa Bu’aa’

1 Yesus mana barumsaa amantii Yihudootaa galee kan hin baranne ta’us, seenaa keessatti Tajaajilaa guddicha ture. Seenaan tajaajila Yesus faayidaa keenyaaf galmeeffamee turuusaatiif guddaa galateeffanna. Tajaajiltoota bu’a qabeeyyii ta’uuf ‘faana isaa duukaa bu’uu’ qabna.—1 Phe. 2:21.

2 Jaalala Namootaaf Qabdan Argisiisaa: Jaalalli Yesus namootaaf qabu akka isaaniif lallabu isa kakaaseera. (Mar. 6:30-34) Namoonni hedduun naannoo tajaajilaa keenyatti argaman dhiphinaan kan ‘ciniinsifatan’ waan ta’eef, dhugaan baay’ee isaan barbaachisa. (Rom. 8:22) Haallisaanii inni sodaachisaafi fedhii Yihowaan akka isaan oolan barbaadu lallaba keenyatti akka cimnu nu taasisa. (2 Phe. 3:9) Namoonnis waa’eesaanii baay’ee akka yaannu yoo isaanitti dhaga’ame, yerumasana ergaa keenyaaf deebii kennu.

3 Carraa Argattan Hundumaatti Lallabaa: Yesus carraa argate hundatti fayyadamee namootaaf misiraachoo lallabeera. (Mat. 4:23; 9:9; Yoh. 4:7-10) Haaluma wal fakkaatuun, nuyis hojii dhuunfaa keenyaa guyyaa guyyaan yeroo raawwannu waa’ee dhugaa dubbachuuf qophaa’oo ta’uu barbaanna. Obboloonni tokko tokko bakka hojiitti, mana barumsaatti, yeroo adeeman, yeroo gabaa dhaqaniifi yeroo biraatti lallabuuf akka isaan dandeessisutti Macaafa Qulqulluufi barreeffamoota of harkaa hin dhaban.

4 Mootummichaarratti Xiyyeeffadhaa: Ijoon lallaba Yesus misiraachoo Mootummichaa ture. (Luq. 4:43) Yaanni seensaa keenya battaluma sana ykn kallattiidhaan waa’ee Mootummichaa kan hin caqasne ta’uyyuu, namni haasofsiisnu sun Mootummichi kan isa barbaachisu ta’uusaa akka hubatu gargaaruu akka qabnu yaadachuu qabna. Haalawwan biyya lafaa yeroo gara dhumaa gadhee ta’e argisiisan caqasnuyyuu, kaayyoon keenya inni guddaan misiraachoo ykn “oduu gaarii” lallabuudha.—Rom. 10:15.

5 Dubbii Waaqayyootti Fayyadamaa: Yesus yeroo barsiisu hundatti Caaffata Qulqullaa’ootti fayyadama ture. Yesus ofuma keessaa fuudhee hin barsiisne. (Yoh. 7:16, 18) Dubbii Waaqayyoo soorachaa kan ture si’a ta’u, qorumsa Seexanni isatti fide ofirraa eeguufis itti fayyadameera. (Mat. 4:1-4) Nuyis namoota karaa bu’a qabeessa ta’een barsiisuuf, guyyaa hundumaa Macaafa Qulqulluu dubbisuudhaan hojiirra oolchuu qabna. (Rom. 2:21) Gaaffiiwwan tajaajilarratti gaafatamnuuf yeroo deebii kenninu, Caaffata Qulqullaa’oorraa ragaa dhiheessuu, danda’amnaan kallattiidhaan Macaafa Qulqulluurraa dubbisuu qabna. Namni haasofsiisnu ilaalcha dhuunfaa utuu hin ta’in, yaadawwan Waaqayyoorratti hundaa’uudhaan kan barsiisnu ta’uu keenya akka hubatu barbaanna.

6 Akkaataan Itti Barsiistan Garaa Namootaa Kan Tuqu Haata’u: “Akka namicha kanaatti takkaa namni dubbatee hin beeku.” (Yoh. 7:46) Kun naa’onni Yesusiin akka qaban ergaman maaliif utuu isa hin fidin akka hafan yeroo gaafataman deebii isaan luboota warra angafootaafi Fariisotaaf kennanidha. Yesus dhugaa barsiisuu qofa utuu hin ta’in, karaa garaasaanii tuquun isaan barsiiseera. (Luq. 24:32) Namoonni ergaasaa akka hubataniif fakkeenyota jireenyasaanii keessatti isaan mudatanitti fayyadameera. (Mat. 13:34) Yesus namoota isa dhaggeeffachaa turan barumsa humnasaanii ol ta’e isaan hin barsiisne. (Yoh. 16:12) Isarratti utuu hin ta’in Yihowaarratti akka xiyyeeffatan godheera. Nuyis akkuma Yesus ‘barsiisa keenya eeggachuudhaan’ barsiistota gaarii ta’uu dandeenya.—1 Xim. 4:16.

7 Dantaa Dhabuufi Ariisaan Jiraatus Lallabuu Keessan Itti Fufaa: Yesus dinqiiwwan gurguddaa raawwatuyyuu, namoonni hedduun isa hin dhaggeeffanne. (Luq. 10:13) Miseensoonni maatiisaallee, ‘qalbii dabarseera’ isaan jedhanii turan. (Mar. 3:21) Ta’us, lallabasaa itti fufeera. Yesus, dhugaa namoota birmaduu baasu kan qabate ta’uusaa guutummaatti waan amaneef, namootaaf ilaalcha sirrii qaba ture. (Yoh. 8:32) Nutis gargaarsa Yihowaatiin hojii lallabaa keenya itti fufuuf haa murteessinu.—2 Qor. 4:1.

8 Guutummaatti Hirmaachuuf Aarsaawwan Barbaachisan Godhaa: Yesus tajaajilasaaf jecha fedhii dhuunfaasaa aarsaa godheera. (Mat. 8:20) Al tokko tokko, nuffii tokko malee galgalallee lallabeera. (Mar. 6:35, 36) Yesus hojiisaa raawwachuuf yeroo muraasni akka isa hafe hubatee ture. “Yeroon si’anaa kun dhumuuf” waan jedhuuf, nuyis akkuma Yesus yeroo, humnaafi qabeenya keenya aarsaa gochuu nu barbaachisa.—1 Qor. 7:29-31.

9 Kiristiyaanonni jaarraa tokkoffaa Yesusirraa kan baratan waan turaniif, tajaajiltoota bu’a qabeeyyii turan. (HoE. 4:13) Nuyis, fakkeenya Yesus isa seenaa keessatti Tajaajilaa guddicha ta’e kan hordofnu taanaan, tajaajila keenya guutummaatti raawwachuu dandeenya.—2 Xim. 4:5.

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

1. Tajaajiltoota bu’a qabeeyyii ta’uu kan dandeenyu akkamitti?

2. Jaalala Kiristos namootaaf qabu akka horannuuf maaltu nu gargaara?

3. Yesus carraawwan akkamiitti fayyadamee namootaaf lallabee ture?

4. Mootummicha ijoo lallaba keenyaa gochuu kan dandeenyu akkamitti?

5. Tajaajilarratti bu’a qabeeyyii ta’uuf, Macaafni Qulqulluun ga’ee maalii qaba?

6. Yesus garaa namoota isa dhaggeeffataa turanii tuquuf maal godheera?

7. Yesus lallabuusaa kan itti fufe maaliifi?

8, 9. Fakkeenya Yesus hordofuudhaan misiraachichaaf jecha aarsaa gochuu kan dandeenyu akkamitti?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi