LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 9/08 ful. 4
  • Warri Kaan Yihowaa Akka Jaallatan Barsiisi

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Warri Kaan Yihowaa Akka Jaallatan Barsiisi
  • Tajaajila Mootummaa—2008
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Waaqa Isa Isin Jaallatu Jaalladhaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2006
  • ‘Waaqa Keessan Jaalladhaa’
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2014
  • Fakkeenya Yesus Hordofuudhaan Jaalalaan Barsiisaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2009
  • Jaalalli Keessan Akka Qabbanaaʼu hin Heyyaminaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2017
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2008
km 9/08 ful. 4

Warri Kaan Yihowaa Akka Jaallatan Barsiisi

1 Yeroo jalqaba waa’ee Yihowaa itti dhageesse ni yaadattaa? Garasaatti akka dhihaattu kan si godhe maalidha? Namoonni garaa qajeelaa qaban hedduun, Uumaa keenyatti akka dhihaatan kan isaan godhe, amalawwansaa gaggaarii ta’an keessumaa gara laafinaafi jaalalasaa barachuusaanii akka ta’e sitti himu.—1 Yoh. 4:8.

2 “Inni Waaqayyo Keenya”: Kitaabni Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhu, jaalala Yihowaarratti kan xiyyeeffatu ta’uusaarrayyuu, isaa wajjin walitti dhufeenya qabaachuun barbaachisaa ta’uusaa ibsa. Kitaaba kanatti fayyadamnee warri kaan jaalala Waaqayyoof qaban akka guddifatan barsiisuu kan dandeenyu akkamitti? Yommuu yaada haaraa tokko barsiisnu, gaaffiiwwan baratichi akka yaadu godhan kan akka, “Dhugaan kun waa’ee Yihowaa maal barsiisa?” ykn “Barumsi kun, Yihowaan Abbaa gaarii eenyuyyuu qabaachuu barbaadurra akka caalu kan argisiisu akkamitti?” jedhanitti fayyadamuu dandeessa. Karaa kanaan barsiisuun, barataan sun umriisaa guutuu Yihowaa wajjin michummaa jalqabuuf isa gargaaruu danda’a.

3 Barattoonni Macaafa Qulqulluu, mirga Waaqa dhugaa isa tokkichaafi jiraataa ta’e barachuuf argatan akka dinqisiifatan yommuu gargaarru, akkuma Isaayaas “inni Waaqayyo keenya!” jechuuf kaka’u. (Isa. 25:9) Dubbii Waaqayyoo yommuu barsiisnu, ilmaan namootaa yommuu kaayyoon Yihowaa karaa mootummaa Yesus Kiristos raawwiisaa argatu eebba akkamii akka argatan ibsuufii qabna.—Isa. 9:6, 7.

4 Ragaa Yihowaa Jaallachuu Keenya Argisiisu: Garaa keenya, jireenyaafi yaada keenya guutuu Yihowaa jaallachuun, Waaqayyoon nan jaalladha jechuu malees waan dabalatu akka qabu beekna. Akka inni itti yaadu beekuufi yaadasaa wajjin wal simuu qabna. (Far. 97:10) Jaalalli Waaqayyoof qabnu, ajajawwansaa hunda hojiirra oolchuufi qorumsiifi mormiin yoo nurra ga’ellee, yeroo hunda ‘jireenya qullaa’aafi jireenya namoota Waaqayyoof ta’u jiraachuudhaan’ mul’ata.—2 Phe. 3:11; 2 Yoh. 6.

5 Jaalala isaaf qabaniin kaka’anii fedha Waaqayyoo raawwachuun kan nama gammachiisudha. (Far. 40:8) Barataan Macaafa Qulqulluu tokko, ajajawwan Waaqayyoo hundi faayidaa barabaraa tajaajiltootasaatiif kan kennaman ta’uusaanii hubachuu qaba. (Kes. 10:12, 13) Namni tokko qajeelfama Yihowaa wajjin wal simee yommuu jiraatu, hojiiwwansaa warra dinqisiisaa ta’aniif jaalala akka qabu argisiisa. Karaawwan Yihowaa warra qajeelaa ta’anirra adeemuun, rakkinaafi gadda hedduurraa akka nama eegu baraticha hubachiisi.

6 Eebbawwan Warri Waaqayyoon Jaallatan Argatan: Yihowaan warra gad of deebisuudhaan isa jaallatan ni kunuunsa; akkasumas ‘yaada Waaqayyoo isa gad fagoo’ isaaniif mul’isa. (1 Qor. 2:9, 10) Kaayyoo Yihowaa ilaalchisee beekumsa akkasii waan qabaniif, waa’ee gara fuulduraa mirkanaa’oo ta’uusaaniirrayyuu abdii amansiisaa qabu. (Er. 29:11) Warri Yihowaa jaallatan gaarummaasaa isa hangana hin jedhamne argatu. (Bau. 20:6) Abdii barabaraa Waaqayyo jaalala guddaa isaaniif qabuun kaka’ee isaanii kenneef iddoo guddaa kennu.—Yoh. 3:16.

7 Waa’ee Abbaa keenya isa samii caalaatti yommuu barannu, wanta warra kaaniif hirru baay’ee arganna. (Mat. 13:52) Warri kaan, keessumaammoo ijoolleen keenya Yihowaa akka jaallatan barsiisuun mirga guddaa mitii? (Kes. 6:5-7) Nutis taane namoonni Macaafa Qulqulluu barsiisnu, “baay’ina arjummaa” Yihowaatiif utuu walirraa hin kutin galatasaa haa jijjigsinu.—Far. 145:7.

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

1. Namoonni tokko tokko gara Yihowaatti akka dhihaatan kan isaan godhe maalidha?

2, 3. Barattoonni Macaafa Qulqulluu, jaalala Yihowaatiif qaban akka guddifatan gargaaruuf, kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhutti fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti?

4, 5. Yihowaa jaallachuu jechuun maal jechuudha?

6. Namni tokko Yihowaa jaallachuusaatiin eebbawwan akkamii argata?

7. Warri kaan Yihowaa akka jaallatan barsiisuu ilaalchisee maaltu sitti dhaga’ama?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi