LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • wp20 Lakk. 2 ful. 11-13
  • Mootummaan Waaqayyoo Maal Raawwata?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Mootummaan Waaqayyoo Maal Raawwata?
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2020
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • WANTOOTA MOOTUMMAAN WAAQAYYOO RAAWWATE
  • MOOTUMMAAN WAAQAYYOO GARA FUULDURAATTI MAAL RAAWWATA?
  • MOOTUMMAAN WAAQAYYOO ILMAAN NAMOOTAATIIF MAAL GODHA?
  • Mootummaan Waaqayyoo Maalidha?
    Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
  • Mootummaan Waaqayyoo Maali Dha?
    Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa?
  • Mootummaan Waaqayyoo Maal Raawwata?
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • Mootummaa “Deebi’ee Matumaa Hin Badne”
    Waaqa Dhugaa Isa Tokkicha Waaqeffadhu
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2020
wp20 Lakk. 2 ful. 11-13
Lagni tokko gara fincaaʼaatti yommuu yaaʼu. Lagni sun gaarreen cabbii uffatanii fi bosonaan marfameera.

Mootummaan Waaqayyoo Maal Raawwata?

Yesuus Mootummichi akka dhufu akka kadhatan barattoota isaa barsiiseera. Yesuus haalli gaddisiisaan lafarratti mulʼatu fedhii Waaqayyoo akka hin taanee fi bulchiinsi rakkoowwan kana sirreessuu dandaʼu Mootummaa Waaqayyoo qofa akka taʼe beeka. Maarree, Mootummaan Waaqayyoo maal raawwata?

WANTOOTA MOOTUMMAAN WAAQAYYOO RAAWWATE

Mata duree darberratti mallattoo Yesuus kenne ilaalleerra. Mallattoon kun Mootummaan Waaqayyoo samiirratti akka hundeeffamee fi Yesuus Kiristoos Mootii Mootummaa kanaa akka taʼe nuuf mirkaneessa.

Kitaabni Qulqulluun Yesuus yeroo aangoo qabatetti Seexanaa fi jinniiwwan isaa samii keessaa akka ariʼe dubbata. Yeroo ammaatti sochiin isaanii lafarratti kan daangeffamedha; bara 1914 jalqabee haalli addunyaa hammaachaa kan dhufe kanaafi.—Mulʼata 12:7, 9.

Haalli addunyaa hammaachaa kan deeme taʼus, Yesuus inni Mootii Mootummaa Waaqayyoo taʼe namoota guutummaa lafaarra jiran gargaaraa jira. Barumsa Kitaaba Qulqulluu addunyaa maratti kennamaa jiru isa Yesuus raajiidhaan dubbateef galanni haa taʼuutii, namoonni hedduun qajeelfamoota Kitaaba Qulqulluu barachaa fi jireenya isaanii keessatti hojiirra oolchaa jiru. (Isaayyaas 2:2-4) Namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman hojiidhaaf ilaalcha madaalamaa qabaachuu, jireenya maatii isaanii fooyyessuu fi garba utuu isaaf hin taʼin qabeenyatti gammaduu barataniiru. Namoonni kun yeroo ammaatti of fayyadaa kan jiran yeroo taʼu, namoota Waaqayyo Mootummaa isaa jalatti akka bulan barbaadu keessaa tokko taʼuufis barachaa jiru.

MOOTUMMAAN WAAQAYYOO GARA FUULDURAATTI MAAL RAAWWATA?

Yesuus samii keessatti bulchaa kan jiru taʼus, mootummoonni ilmaan namootaa ammayyuu lafarratti bulchaa jiru. Haa taʼu malee Waaqayyo Yesuusiif qajeelfama, “Diinota kee gidduutti bulchi” jedhu kenneera. (Faarfannaa 110:2) Dhiheenyatti Yesuus mormitoota isaa hundumaa guutummaatti ni balleessa, warra Waaqayyoof ajajamuuf fedhii qabaniifimmoo boqonnaa argamsiisa.

Yeroo sanatti Mootummaan Waaqayyoo tarkaanfiiwwan armaan gadii fudhata:

  • Amantaa sobaa haxaaʼee balleessa. Amantaawwan waaʼee Waaqayyoo soba barsiisanii fi jireenyi namootatti akka ulfaatu godhan ni balleeffamu. Kitaabni Qulqulluun amantaa sobaa dubartii sagaagaltuu tokkotti fakkeessa. Badiisni amantaa sobaa namoota baayʼee kan naasisu taʼa.—Mulʼata 17:15, 16.

  • Bulchiinsa namootaa ni balleessa. Mootummaan Waaqayyoo bulchiinsa ilmaan namootaa hunda ni balleessa.—Mulʼata 19:15, 17, 18.

  • Namoota hamoo ni balleessa. Namoonni wanta gaarii hin taane raawwachuu isaanii itti fufanii fi Waaqayyoof ajajamuu didan hoo maal taʼu? “Hamoonni . . . lafa irraa ni buqqifamu.”—Fakkeenya 2:22.

  • Seexanaa fi jinniiwwan ni balleessa. Seexannii fi jinniiwwan, ‘sana booda saboota dogoggorsuu’ hin dandaʼan.—Mulʼata 20:3, 10.

Kun hundi namoota Mootummaa Waaqayyoo fudhataniif hiika akkamii qaba?

MOOTUMMAAN WAAQAYYOO ILMAAN NAMOOTAATIIF MAAL GODHA?

Yesuus samii keessatti Mootii taʼee bulchuudhaan, wanta bulchiinsi ilmaan namootaa kamiyyuu raawwachuu hin dandeenye raawwata. Warri ilmaan namootaa keessaa filatamanii fi 144,000 taʼan isaa wajjin bulchu. (Mulʼata 5:9, 10; 14:1, 3) Yesuus fedhiin Waaqayyoo lafarratti akka raawwatamu godha. Mootummaan Waaqayyoo namoota lafarra jiraataniif maal godha?

  • Dhukkubaa fi duʼa ni balleessa. “Jiraattota biyyattii keessaa tokko illee, ‘Na dhukkuba’ hin jedhu,” “duutis kana booda hin jiraatu.”—Isaayyaas 33:24; Mulʼata 21:4.

  • Nagaa fi tasgabbii dhugaa fida. “Nagaan ilmaan [keetii] baayʼee ni taʼa,” akkasumas “tokkoon tokkoon isaanii muka wayinii isaanii fi muka harbuu isaanii jala ni taaʼu, eenyu iyyuu isaan hin sodaachisu.”—Isaayyaas 54:13; Miikiyaas 4:4.

  • Namoonni hojii gammachiisaa akka qabaatan godha. “Warri ani filadhes hojii harka isaaniitti guutummaatti ni gammadu. Isaan akkanumaan hin dhamaʼan.”—Isaayyaas 65:22, 23.

  • Qilleensa naannoo ni sirreessa. “Lafti onaanii fi lafti waxalamaan ni gammadu, gammoojjiin ni gammada, akkuma saafronittis ni daraara.”—Isaayyaas 35:1.

  • Bara baraaf jiraachuu akka dandaʼaniif namoota ni barsiisa. “Jireenya bara baraa argachuu akka dandaʼaniif, si Waaqa dhugaa isa tokkichaa fi Yesuus Kiristoos isa ati ergite sana beekuu qabu.”—Yohaannis 17:3.

Waaqayyo eebbawwan kana akka argattu barbaada. (Isaayyaas 48:18) Mata dureen ittaanu warra jireenya gara fuulduraatti argamu argatan keessaa tokko taʼuuf amma maal gochuu akka dandeessu ibsa.

Mootummaan Waaqayyoo rakkina bulchiinsi ilmaan namootaa waggoota kumaan lakkaaʼamaniif geessise hunda ni balleessa. Mootummaan kun wantoota armaan gadii argamsiisa:

  • Hiriyoonni gaaʼelaa tokko bosona keessa yommuu fiigan.

    FAYYAA GUUTUU

  • Maatiin tokko paarkii tokko keessatti yommuu bashannanu. Abbaan manaa gitaara taphachaa jira.

    NAGAA FI TASGABBII

  • Hiriyoonni gaaʼelaa biqiltuu isaanii yommuu kunuunsan.

    HOJII GAMMACHIISAA

  • Lagni tokko gara fincaaʼaatti yommuu yaaʼu. Lagni sun gaarreen cabbii uffatanii fi bosonaan marfameera.

    NAANNOO QULQULLUU

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi