LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb17 Onkoloolessa ful. 3
  • Kitaaba Qulqulluu Dhimmanii Qoʼachuun kan Dandaʼamu Akkamitti?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Kitaaba Qulqulluu Dhimmanii Qoʼachuun kan Dandaʼamu Akkamitti?
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2017
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Gadi Fageenyaan Qoʼachuudhaan Dammaqii Jiraadhu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2024
  • Yeroo Hunda Yihowaa ni Tajaajiltaa?
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2017
  • Fakkeenya Daaniʼelirraa Baradhu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2023
  • Raajii Kitaaba Qulqulluurraa Baradhaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2023
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2017
mwb17 Onkoloolessa ful. 3

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Kitaaba Qulqulluu Dhimmanii Qoʼachuun kan Dandaʼamu Akkamitti?

Akkuma Daaniʼel qorumsa keessatti amanamaa taatee jiraachuu barbaaddaa? Daaniʼel, raajii hiika guddaa qabu dabalatee Dubbii Waaqayyoo dhimmee qoʼata ture. (Dan 9:2) Kitaaba Qulqulluu dhimmitee qoʼachuun kee amanamaa taʼuuf si gargaaruu dandaʼa. Akkamitti? Amantii abdii Yihowaan kenne akka raawwatamu qabdu siif cimsa. (Iya 23:14) Kana malees, jaalala Waaqayyoo isa wanta sirrii akka raawwattu si kakaasu guddifachuuf si gargaara. (Far 97:10) Haa taʼu malee eessaa jalqabuu qabda? Yaadawwan armaan gadii hubadhu.

Daaniʼel Dubbii Waaqayyoo qoʼachaa jira
  • Maal qoʼachuun qaba? Barsiifanni qoʼannaa gaariin walgaʼii gumiitiif qophaaʼuu dabalata. Dubbisni Kitaaba Qulqulluu torbanii qabxii siif hin galle irratti yeroo fudhattee qoʼannaa yoo goote faayidaa guddaa siif argamsiisa. Kana malees, warri tokko tokko raajii Kitaaba Qulqulluu, bifawwan firii hafuura Waaqayyoo, adeemsa misiyoonummaa Phaawulos ergamaa ykn uumamawwan Yihowaa caalaatti barachuuf filataniiru. Gaaffiin Kitaaba Qulqulluu yoo gara sammuu keetti dhufe, barreessiitii yeroo itti aanu qoʼannaa irratti godhi.

  • Eessaan odeeffannoo argachuu dandaʼa? Filannoo jiru tokko tokko beekuuf viidiyoo Barreeffamoota Qorannaa Kitaaba Qulqulluu Gochuuf Gargaaran jedhu ilaali. Beekumsa kee qoruuf, eenyummaa mootummoota addunyaa bineensota Daaniʼel boqonnaa 7 irra jiranitti fakkeeffaman irratti qorannaa godhi.

  • Qoʼannaa irratti yeroo hangamii dabarsuun qaba? Yeroo hunda qoʼannaa gochuun fayyaa hafuuraa keenyaaf murteessaa dha. Barbaachisaa taanaan yeroo gabaabaadhaaf qoʼachuudhaan jalqabuu dandeessa; dheerina isaa suutuma suuta dabali. Dubbii Waaqayyoo qoʼachuun qabeenya dhokfame qotanii barbaaduu wajjin wal fakkaata; qabeenya sana argachaa yommuu deemtu fedhiin qotuuf qabdu dabalaa deema! (Fak 2:3-6) Fedhiin Dubbii Waaqayyoof qabdu dabalaa yommuu deemu, yeroo hunda Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun barsiifata itti fufu taʼa.—1Ph 2:2.

    Yaadawwan qoʼannaa gammachiisaa gochuuf gargaaran argachuuf Dammaqaa! Guraandhala 2012, fuula 18-20 ilaali. (Amaariffa)

BINEENSONNI DAANIʼEL BOQONNAA 7 IRRATTI IBSAMAN MAAL ARGISIISU?

  • Bineensi leenca fakkaatuu fi qoochoo joobiraa qabu

    Dan 7:4

  • Bineensa lafee cinaachaa sadii afaan isaatti baatee jiru

    Dan 7:5

  • Bineensa akka qeerransaa dugda isaa irratti mataa afurii fi qoochoo afur qabu

    Dan 7:6

  • Bineensa sodaachisaa ilkaan sibilaa fi gaanfa kudhan qabu

    Dan 7:7

GAAFFII DABALATAA:

Daaniʼel 7:8, 24 kan raawwatame akkamitti ture?

Gaanfa xinnoon ijaa fi afaan qabu gaanfota kudhan gidduudhaa baʼee gaanfota sadan sana bubuqise

PIROJEKTII ITTI AANU:

Bineensonni Mulʼata boqonnaa 13 irratti ibsaman maal argisiisu?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi