LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb18 Caamsaa ful. 8
  • “Wanta Waaqayyo Walitti Hidhe . . . ”

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • “Wanta Waaqayyo Walitti Hidhe . . . ”
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2018
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • “Wanta Waaqayyo Walitti Hidhe” Kabajaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2018
  • Gaaffii Dubbistootaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2022
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2018
mwb18 Caamsaa ful. 8
Dhiiraa fi dubartii harka wal qabatanii jiran

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

“Wanta Waaqayyo Walitti Hidhe . . . ”

Seerri Musee namni haadha manaa isaa hiikuu barbaadu tokko waraqaa ragaa seera biratti fudhatama qabu akka qopheessu ajaja. Kun immoo namoonni ariifatanii gaaʼela isaanii akka hin diigne isaan eega. Haa taʼu malee, geggeessitoonni amantii bara Yesuus turan wal hiikuun salphaa akka taʼu godhanii turan. Abbaan manaa tokko sababii kamiin iyyuu haadha manaa isaa hiikuu dandaʼa ture. (nwtsty-AM qabxiiwwan qoʼannaa Mar 10:4, 11) Yesuus, Yihowaan gaaʼela akka hundeessee fi namoota gaaʼela godhataniif itti gaafatamummaa akka kenne namoota hubachiiseera. (Mar 10:2-12) Abbaan manaa fi haati manaa jireenya isaanii guutuu waliin jiraachuuf “foon tokko” taʼu. Yaanni wal fakkaatuu fi kitaaba Maatewos irratti argamu, sababii sirriin wal hiikuudhaaf buʼuura taʼu ‘halalummaan’ yoo raawwatame qofa akka taʼe dubbata.—Mat 19:9.

Yeroo harʼaatti, namoonni baayʼeen gaaʼela akka Yesuus ilaalutti utuu hin taʼin, akka Fariisonni ilaalanitti ilaalu. Namoonni addunyaa irra jiran yeroo rakkinni uumamu wal hiikuuf ariifatu. Gama biraatiin immoo, hiriyoonni gaaʼelaa Kiristiyaanota taʼan waadaa gaaʼelaatiif iddoo guddaa kennu; akkasumas dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu hojii irra oolchuudhaan rakkina isaanii furuuf carraaqqii godhu. Viidiyoo Jaalallii fi Wal Kabajuun Maatiin Tokkummaa Akka Qabaatu Godha jedhamu erga ilaaltanii booda, gaaffiiwwan kanaa gadii deebisuuf yaalaa:

  • Kitaaba Qulqulluu dubbisuu; abbaan manaa haati manaa isaa yaada ishii yeroo ibsitu dhaggeeffachaa jira; suuraa cidhaa tarsa’e

    Yaada Fakkeenya 15:1 irra jiru gaaʼela keessan keessatti hojii irra oolchuu kan dandeessan akkamitti? Kun barbaachisaa kan taʼe hoo maaliifi?

  • Yaada Fakkeenya 19:11 irra jiru hojii irra oolchuudhaan rakkinni akka hin uumamne gochuu kan dandeessan akkamitti?

  • Gaaʼelli keessan diigamuu jala yoo ga’e, ‘Wal hiikuu qabnaa?’ jettanii yaaduu mannaa gaaffiiwwan akkamii irratti yaaduu qabdu?

  • Yaada Maatewos 7:12 irra jiru hojii irra oolchuudhaan abbaa manaa ykn haadha manaa gaarii taʼuu kan dandeessan akkamitti?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi