AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
Odeeffannoo Guutuu Taʼe Argachuuf Carraaqaa
Seenaa Kitaaba Qulqulluu tokko yommuu dubbisanitti odeeffannoo guutuu taʼe argachuuf carraaqaa. Yaada naannoo seenichaa, namoota seenicha keessa jiranii fi sababa dhimma tokko itti raawwatan hubachuuf yaalaa. Dandeettii yaadaan ilaaluu keessanitti fayyadamuudhaan wantoota seenicha keessa jiran ilaalaa, dhaggeeffachaa, fuunfachaa akka jirtan godhaa yaadaa; akkasumas miira namoota seenicha keessatti caqasamanii yaadaan ilaalaa.
VIIDIYOO DUBBISA KITAABA QULQULLUU KEESSAN FOOYYESSAA—GABAABFAMEE KAN FUDHATAME JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:
Wantoonni Yoseefii fi obboloota isaa gidduutti wal dhabiinsi akka jiraatu godhan tokko tokko maali dha?
Wantoonni obboloonni Yoseef yeroo tokko tokko aariidhaan tarkaanfii akka fudhatan isaan godhan maali dha?
Kitaabni Qulqulluun waaʼee Yaaqoob isa Abbaa Yoseef taʼee maal nu barsiisa?
Waldhabiinsa hiikuu ilaalchisee Yaaqoob ijoollee isaa barumsa gaarii taʼe akkamii barsiiseera?
Viidiyoo kana irraa faayidaa akkamii argattan?