LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb20 Onkoloolessa ful. 8
  • Duula Addaa Mootummaa Waaqayyoo Beeksisuuf Jiʼa Sadaasaatti Godhamu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Duula Addaa Mootummaa Waaqayyoo Beeksisuuf Jiʼa Sadaasaatti Godhamu
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2020
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Duula Addaa Jiʼa Fulbaanaatti Mootummaa Waaqayyoo Beeksisuuf Goonu!
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2023
  • Addunyaa Gaariin Akka Dhihaate Misiraachoo Himaa!
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2021
  • Maree Fakkeenya Taʼu
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2020
  • Maree Fakkeenya T⁠a⁠ʼu
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2023
Dabalataan Ilaaluuf
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2020
mwb20 Onkoloolessa ful. 8
Obboleessi tokkoo fi obboleettiin takka utuu gaariitti fayyadamanii tajaajilanii namoota haasofsiisaa jiru. Gaariin inni tokko fakkii ‘Masaraa Eegumsaa’ Lakk. 2 2020 qaba.

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Duula Addaa Mootummaa Waaqayyoo Beeksisuuf Jiʼa Sadaasaatti Godhamu

‘Masaraa Eegumsaa’ Lakk. 2 2020 mata duree ‘Mootummaan Waaqayyoo Maali Dha?’ jedhu qaba

Yesuus “misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo” lallabeera. (Luq 4:43) Namoonni waaʼee Mootummaa sanaa akka kadhatanis barsiiseera. (Mat 6:9, 10) Jiʼa Sadaasaatti Mootummaa Waaqayyoo beeksisuuf carraaqqii addaa goona. (Mat 24:14) Duula kana irratti hirmaannaa guutuu taasisuuf sagantaa keessan irratti sirreeffama godhadhaa. Babalʼistoonni qajeelchaa gargaaraa taʼanii tajaajilan saʼaatii 30 ykn 50 tajaajiluuf filachuu dandaʼu.

Hamma dandeessan namoota naannoo tajaajilaa keessan keessa jiran hedduudhaaf caqasa waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ibsu tokko dubbisuuf carraaqqii godhaa. Caqasa yommuu filattan, amantii dhaggeeffattoonni keessan hordofan tilmaama keessa galchaa. Namni tokko guyyaa jalqabaatti fedhii yoo argisiise, Masaraa Eegumsaa maxxansa sabaa Lakk. 2 2020 kennaafii. Achiis namoota fedhii argisiisan hamma dandaʼametti daftanii deebitanii gargaaruuf wanta isiniif dandaʼame hunda godhaa; akkasumas barreeffama Meeshaalee Barsiisuuf Itti Fayyadamnu keessa jiru tokkotti fayyadamuudhaan qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu jalqabsiisuuf yaalii godhaa. Yeroo dhihootti Mootummaan Waaqayyoo mootummoota isa morman hundumaa ni balleessa. (Dan 2:44; 1Qo 15:24, 25) Kanaaf, amanamummaa Yihowaa fi Mootummaa isaatiif qabnu argisiisuuf, carraa adda taʼe kanatti guutummaatti haa fayyadamnu!

Yesuus samii keessa teessoo isaa irraa taaʼee Mootii taʼee lafa Jannata taate bulchaa jira.

Mootummaan Waaqayyoo lafa Jannata godha!

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi