LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb23 Bitootessa ful. 3
  • Balaan Erga Gaʼee Booda Gargaaruun kan Dandaʼamu Akkamitti?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Balaan Erga Gaʼee Booda Gargaaruun kan Dandaʼamu Akkamitti?
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2023
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Yeroo Balaan Uumamutti Dhugaa Baatonni Yihowaa Gargaarsa Ni Godhuu?
    Dhugaa Baatota Yihowaa Ilaalchisee Gaaffiiwwan Yeroo Baayʼee Gaafataman
  • Hojiin Gargaarsaa Yihowaaf Ulfina Argamsiisa
    Mootummaan Waaqayyoo Bulchaa Jira!
  • Gargaarsa Yeroo Balaa Bara 2023—“Jaalala Yihowaa . . . Jireenya Keenya Keessatti Argineerra”
    Buusiin Gootan Faayidaa Irra Oolaa Kan Jiru Akkamitti?
  • Gargaarsa Gochuu kan Dandeenyu Akkamitti?
    Tajaajila Mootummaa—2005
Dabalataan Ilaaluuf
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2023
mwb23 Bitootessa ful. 3

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Balaan Erga Gaʼee Booda Gargaaruun kan Dandaʼamu Akkamitti?

Yeroo harʼaatti balaawwan uumamaa baayʼinaan gaʼaa jiru. Yeroo balaan gaʼutti gargaarsi godhamu sirriitti kan gurmaaʼee fi kan qindaaʼe taʼuu qaba. Kanaaf jecha Qaamni Ol Aanaan, waajjiroonni damee hundi Dippaartimantii Gargaarsa Yeroo Balaa akka hundeessan qophii godheera.

Obboloonni dippaartimantii kana keessa hojjetan balaan gaʼuu isaa akkuma beekaniin, gargaarsa babalʼistoota barbaachisu beekuuf jaarsolii gumii qunnamu. Balaan gaʼe sun guddaa fi humna babalʼistoota sanaatii ol yoo taʼe, waajjirri damee hojii gargaarsaa akka qindeessaniif obboloota gaʼumsa qaban ramada. Obboloonni kun obboloota fedhiidhaan tajaajiluu dandaʼan gaafachuu, akkasumas miʼoota tokko tokko buusii akka godhan gaafachuu ykn wantoota barbaachisan naannoo sanaa bitanii raabsuu dandaʼu.

Hojii gargaarsaa haala kanaan hojjechuun faayidaa hedduu qaba. Akkas gochuun hojii barbaachisaa hin taanee fi burjaajaʼiinsa hambisuu, akkasumas qisaasama qarshii fi miʼaa yeroo obboloonni ofuma isaaniitiin gargaarsa gochuuf yaalanitti uumamu hambisa.

Obboloonni waajjira dameetiin muudaman, hojii gargaarsaa kanaaf qarshiin hammamii fi obboloonni fedhiidhaan hojjetan hangamii akka barbaachisan murteessuu dandaʼu. Kana malees, obboloonni kun aangawoota naannichaa yeroo baayʼee hojii gargaarsaa keenya nuu saffisiisuu dandaʼanii wajjin wal qunnamuu dandaʼu. Kanaafuu, dhuunfaadhaan qarshii walitti hin qabinaa, miʼoota gargaarsaa hin erginaa ykn yoo gaafatamtan malee bakka balaan gaʼe sana hin deeminaa.

Taʼus, yeroo balaan gaʼutti gargaaruu barbaanna. (Ibr 13:16) Obboloota keenya ni jaallanna. Maarree maal gochuu dandeenya? Hunda caalaa warra balaan irra gaʼee fi warra hojii gargaarsaa hojjetaniif kadhachuu dandeenya. Kana malees, hojii addunyaa maraatiif buusii gochuu dandeenya. Waajjiroonni damee qajeelfama Qaamni Ol Aanaan isaaniif kennuun qarshiin kun eessatti caalaatti akka gargaaru murteessuuf beekumsa qabu. Dhuunfaatti irratti hirmaachuu yoo barbaanne immoo, Foormii Hojii Diizaayinii fi Ijaarsaa Naannoo Irratti Hirmaachuuf Guutamu (DC-50) jedhamu guutuudhaan qophaaʼoo akka taane argisiisuu dandeenya.

VIIDIYOO LOLAA BIRAAZIIL KEESSATTI BALAA GUDDAA GEESSISE JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFII ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

Suuraa viidiyoo “Lolaa Biraaziil Keessatti Balaa Guddaa Geessise” jedhamu irraa fudhatame. Manneenii fi mukeen walakkaan isaanii lolaadhaan liqimfame asii gad yommuu ilaalaman.

Biraaziilitti bara 2020​tti erga lolaan gaʼee booda gargaarsa Dhugaa Baatonni Yihowaa godhan ilaalchisee wanti si dinqisiise maalidha?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi