LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w20 Caamsaa ful. 8-11
  • Yeroo Dhumaatti Mootummoota Wal Morkatan

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yeroo Dhumaatti Mootummoota Wal Morkatan
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2020
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Bara Dhumaatti ‘Mootiin Kaabaa’ Eenyu?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2020
  • Yihowaan Wanta “Dafee Taʼuun Irra Jiru” Mulʼiseera
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
  • Yeroo Ammaatti ‘Mootiin Kaabaa’ Eenyu?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2020
  • Kitaabni Mulʼataa Diinota Waaqayyootiif Hiika Maalii Qaba?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2022
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2020
w20 Caamsaa ful. 8-11

Yeroo Dhumaatti Mootummoota Wal Morkatan

Raajiiwwan chaartii kana keessatti ibsaman yeroo tokkotti raawwatamu. Raajiiwwan kun kan jiraannu ‘bara dhumaa’ keessa taʼuu isaa karaawwan hedduudhaan ni mirkaneessu.​—Dan. 12:4.

Chaartii raajiiwwan, akkasumas bara 1870 hanga ammaatti eenyummaa mootii kaabaa fi mootii kibbaa argisiisu.
  • Chaartii 4 keessaa inni 1⁠ffaan, yeroo dhumaa keessa raajiiwwan yeroo tokkotti raawwataman kan argisiisuu fi wanta bara 1870 hanga 1918⁠tti raawwatame kan ibsu dha. Waggoonni bara 1914 booda jiran yeroo dhumaa akka taʼanitti ibsamaniiru. Raajii 1: Bineensa mataa torba qabu isa bifti isaa waggoottan chaarticha irratti caqasaman keessaa isa jalqabaa fakkaatu. Yeroo Waraana Addunyaa Tokkoffaatti mataan bineensichaa inni torbaffaan ni madaaʼe. Bara 1917 booda mataa torbaffaan sun ni fayye, bineensichis ni bayyanate. Raajii 2: Eenyummaan mootii kaabaa bara 1871tti, eenyummaan mootii kibbaa immoo bara 1870⁠tti ni beekame. Bara 1871⁠tti mootiin kaabaa Jarman taʼee deebiʼee mulʼate. Mootiin kibbaa jalqaba irratti Biritaaniyaa Guddittii akka taatetti beekamti turte, bara 1917⁠tti garuu Mootummaa Addunyaa Angiloo Ameerikaatiin bakka buufamte. Raajii 3: Bara 1870mmanii jalqabee Chaarlis Teez Raasilii fi michoonni isaa ‘ergamaa’ sana akka taʼan beekame. Jalqaba 1880mmaniitti ‘Masaraan Eegumsaa Xiyoon’ dubbistoonni isaa misiraachicha akka lallaban jajjabeesse. Raajii 4: Bara 1914 irraa jalqabee yeroo makaraa. Inkirdaadichi qamadicha irraa addaan ni baafame. Raajii 5: Bara 1917 irraa jalqabee miilli sibiilaa fi dhoqqee suphee irraa tolfame sun mulʼachuu jalqabe. Kana malees, akkuma fakkiidhaan ibsame: Taʼeewwan addunyaa irratti raawwataman, bara 1914 hanga bara 1918⁠tti Waraana Addunyaa Tokkoffaa. Taʼeewwan saba Yihowaa irratti raawwataman: Bara 1914 hanga 1918⁠tti Barattoonni Kitaaba Qulqulluu Biritaaniyaa fi Jarman keessa jiraatan ni hidhaman. Bara 1918⁠tti obboloonni Yunaayitid Isteetis keessatti waajjira muummee keessaa hojjetan ni hidhaman.
    Raajii 1.

    Caqasa(wwan) Mul. 11:7; 12:13, 17; 13:1-8, 12

    Raajii “Bineensichi” jaarraawwan hedduudhaaf namoota lafa irra jiran bulchaa tureera. Bara dhumaatti mataan isaa inni torbaffaan ni madaaʼe. Boodas mataan isaa kun ni fayye, “guutummaan lafaa hundis” bineensicha duukaa buʼe. Seexanni ‘warra hafan irratti waraana banuuf’ bineensichatti fayyadama.

    Raawwii Bishaan Badiisaa booda mootummoonni Yihowaa morman bulchaa turaniiru. Jaarraawwan hedduu booda yeroo Waraana Addunyaa Tokkoffaatti Bulchiinsi Biritaaniyaa akka malee dadhabe. Yunaayitid Isteetis wajjin yommuu michuu taʼetti ni bayyanate. Keessumaa yeroo dhumaatti Seexanni saba Waaqayyoo irratti ariʼatama geessisuuf guutummaa sirna siyaasaatti fayyadama.

  • Raajii 2.

    Caqasa(wwan) Dan. 11:25-45

    Raajii Yeroo dhumaatti morkii mootii kaabaa fi mootii kibbaa gidduutti godhamu.

    Raawwii Mootummaan Jarmanii fi Angiloo Ameerikaa wal morkatu. Bara 1945⁠tti Tokkummaan Sooviyeetii fi michoonni isaa mootii kaabaa taʼan. Bara 1991⁠tti, Tokkummaan Sooviyeet ni diigame, yeroo booda Raashiyaa fi michoonni ishii mootii kaabaa taʼan.

  • Raajii 3.

    Caqasa(wwan) Isa. 61:1; Mil. 3:1; Luq. 4:18

    Raajii Yihowaan Mootummaan Masiihichaa hundeeffamuu isaa dura ‘karaa akka qopheessuuf’ “ergamaa” isaa ni erga. Gareen kun, ‘warra gadadamootti misiraachoo himuu’ jalqabe.

    Raawwii Bara 1870mmanii jalqabee Chaarlis Teez Raasilii fi michoonni isaa dhugaa Kitaaba Qulqulluu beekuuf qorannaa cimaa gochuu jalqaban. Bara 1880mmanitti tajaajiltoonni Waaqayyoo lallabuun akka isaan irra jiru cimsanii ibsuu jalqaban. Mata dureewwan kan akka, “Lallabdoonni 1,000 ni Barbaachisu” akkasumas “Lallabuuf Dibamuu” jedhan ni qopheessan.

  • Raajii 4.

    Caqasa(wwan) Mat. 13:24-30, 36-43

    Raajii Diinni tokko maasii qamadii keessatti inkirdaada kan facaase siʼa taʼu, inkirdaadni sunis hamma yeroon makaraa gaʼutti akka guddatuu fi qamadicha akka dhoksu isaaf heyyamame; achiis inkirdaadichi qamadicha irraa addaan ni baafame.

    Raawwii Dhuma bara 1800 irraa jalqabee Kiristiyaanonni dhugaan Kiristiyaanota sobaa irraa adda baafamanii beekamuu jalqaban. Bara dhumaatti, Kiristiyaanonni dhugaan walitti qabamaniiru; Kiristiyaanota sobaa irraas addaan baʼaniiru.

  • Raajii 5.

    Caqasa(wwan) Dan. 2:31-33, 41-43

    Raajii Miilli sibiilaa fi dhoqqee suphee irraa tolfame kan fakkii sibiilota adda addaa irraa tolfame sanaa ti.

    Raawwii Dhoqqeen suphee, namoota bulchiinsa Angiloo Ameerikaa jalatti bulanii fi mootummoota kana morman kan argisiisu dha. Mormitoonni kun mootummaan addunyaa kun jabina akka sibiilaatiin tarkaanfii akka hin fudhanne isa dadhabsiisaniiru.

  • Chaartii 4 keessaa inni 2⁠ffaan, yeroo dhumaa keessa raajiiwwan yeroo tokkotti raawwataman kan argisiisuu fi wanta naannoo bara 1919 hanga 1945⁠tti raawwatame kan ibsu dha. Hamma bara 1945⁠tti Jarman mootii kaabaa taʼuun ishii ni beekame. Mootiin kibbaa Mootummaa Addunyaa Angiloo Ameerikaa akka taʼe ni beekame. Raajii 6: Bara 1919⁠tti Kiristiyaanonni dibamoon gara gumii isa qulqulleeffametti walitti qabaman. Bara 1919 irraa jalqabee, hojiin lallabaa cimee itti fufeera. Raajii 7: Bara 1920⁠tti, Waldaan Mootummoota Addunyaa ni hundeeffame, achiis hamma Waraanni Addunyaa Lammaffaa jalqabutti itti fufeera. Kana malees, akkuma fakkiidhaan ibsame: Raajii 1, bineensi mataa torba qabu sun itti fufeera. Raajii 5, miilli sibiilaa fi dhoqqee suphee irraa tolfame sun itti fufeera. Taʼeewwan addunyaa irratti raawwataman, bara 1939 hanga 1945⁠tti, Waraana Addunyaa Lammaffaa. Taʼeewwan saba Yihowaa irratti raawwataman: Bara 1933 hanga 1945⁠tti Jarman keessatti Dhugaa Baatonni 11,000 ol taʼan ni hidhaman. Bara 1939 hanga 1945⁠tti Biritaaniyaa keessatti Dhugaa Baatonni gara 1,600 taʼan ni hidhaman. Bara 1940 hanga 1944⁠tti Yunaayitid Isteetis keessatti Dhugaa Baatonni 2,500 ol taʼan namoota aaraniin miidhaan isaan irra gaʼe.
    Raajii 6.

    Caqasa(wwan) Mat. 13:30; 24:14, 45; 28:19, 20

    Raajii ‘Qamadichi’ gara ‘gootaraatti’ walitti qabame; “garbichi amanamaanii fi ogeessi” “maatii” isaa irratti ni muudame. Lallabni ‘misiraachoo Mootummichaa’ kun “guutummaa lafaa irratti” babalʼachuu jalqabe.

    Raawwii Bara 1919⁠tti garbichi amanamaan saba Waaqayyoo irratti ni muudame. Yeroo sanaa jalqabee, Barattoonni Kitaaba Qulqulluu caalaatti lallabuu isaanii itti fufaniiru. Yeroo ammaatti Dhugaa Baatonni Yihowaa biyyoota 200 olitti ni lallabu; afaanota 1,000 ol taʼaniinis barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan ni qopheessu.

  • Raajii 7.

    Caqasa(wwan) Dan. 12:11; Mul. 13:11, 14, 15

    Raajii Bineensi gaanfota lama qabu, namoonni lafa irra jiraatan ‘bineensichaaf bifa fakkeenyaa akka hojjetan’ gochuu irratti adda durummaadhaan ni hojjeta; akkasumas ‘bifa fakkeenyaa sanaaf hafuura’ ni kenna.

    Raawwii Mootummaan Addunyaa Angiloo Ameerikaa, Waldaan Mootummoota Addunyaa akka hundeeffamu gochuu irratti adda durummaadhaan hojjeteera. Waldaan kun saboota kan biroo irraa deggersa argateera. Yeroo booda mootiin kaabaas Waldaa kanatti kan makame yommuu taʼu, achi keessa kan ture garuu bara 1926-1933⁠tti qofa ture. Akkuma Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii isa isa booda dhufe sanaatti, ulfinni Mootummaa Waaqayyootiif malu Waldaa kanaafis kennameera.

  • Chaartii 4 keessaa inni 3⁠ffaan, yeroo dhumaa keessa raajiiwwan yeroo tokkotti raawwataman kan argisiisuu fi wanta bara 1945 hanga 1991⁠tti raawwatame kan ibsu dha. Hamma bara 1991⁠tti Tokkummaan Sooviyeetii fi michoonni ishii, sana booda immoo Raashiyaa fi michoonni ishii mootii kaabaa taʼuun isaanii ni beekame. Mootiin kibbaa Mootummaa Addunyaa Angiloo Ameerikaa akka taʼe ni beekame. Raajii 8: Aara guddaa atoomik boombii badiisa guddaa Mootummaan Addunyaa Angiloo Ameerikaan geessise argisiisu. Raajii 9: Bara 1945⁠tti Waldaa Mootummoota Addunyaa bakka buʼuudhaan Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii ni hundeeffame. Kana malees, akkuma fakkiidhaan ibsame: Raajii 1, bineensi mataa torba qabu sun itti fufeera. Raajii 5, miilli sibiilaa fi dhoqqee suphee irraa tolfame sun itti fufeera. Raajii 6, bara 1945⁠tti babalʼistoonni 156,000 ol taʼan jiru turan. Bara 1991⁠tti, babalʼistoonni 4,278,000 ol taʼan jiru turan. Taʼeewwan saba Yihowaa irratti raawwataman: Bara 1945 hanga 1950mmaniitti Tokkummaa Sooviyeet keessatti Dhugaa Baatonni kumaatamaan lakkaaʼaman gara Saayibeeriyaatti geeffamanii turan.
    Raajii 8.

    Caqasa(wwan) Dan. 8:23, 24

    Raajii Mootii sodaachisaan tokko “badiisa sodaachisaa in fida.”

    Raawwii Mootummaan Addunyaa Angiloo Ameerikaa badiisa guddaa geessiseera. Fakkeenyaaf, Waraana Addunyaa Lammaffaatti Yunaayitid Isteetis yommuu diina mootummoota lamaan kanaa irratti boombii atoomikii lama roobsitetti badiisa hammana hin jedhamne geessisteetti.

  • Raajii 9.

    Caqasa(wwan) Dan. 11:31; Mul. 17:3, 7-11

    Raajii Bineensi ‘diimaan dhiiga fakkaatu’ qilee keessaa ni baʼa; innis mootii saddeettaffaa dha. Kitaabni Daaniʼel mootiin kun “wanta jibbisiisaa nama rifachiisu [“badiisa geessisu,” NW]” akka taʼe ibseera.

    Raawwii Waldaan Mootummoota Addunyaa yeroo Waraana Addunyaa Lammaffaatti diigameera. Waraanicha booda Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii ‘achi kaaʼameera.’ Akkuma Waldaa Mootummoota Addunyaa isa dura ture sanaatti, ulfinni Mootummaa Waaqayyootiif qofa malu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniifis kennameera. Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii amantii irratti haleellaa bana.

  • Chaartii 4 keessaa inni 4⁠ffaan, yeroo dhumaa keessa raajiiwwan yeroo tokkotti raawwataman kan argisiisuu fi wanta yeroo ammaa irraa jalqabee hamma Armaagedoonitti raawwatamu kan ibsu dha. Mootiin kaabaa Raashiyaa fi michoota ishii akka taʼan ni beekame. Mootiin kibbaa Mootummaa Addunyaa Angiloo Ameerikaa taʼuun isaa ni beekame. Raajii 10: Bulchitoonni addunyaa ‘Nagaa dha, tasgabbii dhas’ jedhanii labsu. Sana booda rakkinni guddaan ni jalqaba. Raajii 11: Saboonni dhaabbilee amantii sobaa ni haleelu. Raajii 12: Mootummoonni addunyaa saba Waaqayyoo irratti haleellaa banu. Dibamtoonni lafa irratti hafan gara samiitti walitti qabamu. Raajii 13: Armaagedoon. Inni farda adii irra taaʼe injifannoo isaa ni xumura. Bineensi mataa torba qabu ni balleeffama; miilli fakkii guddaa sanaa inni sibiilaa fi dhoqqee suphee irraa tolfame ni caccaba. Kana malees, akkuma fakkiidhaan ibsame: Raajii 1, bineensi mataa torba qabu hamma Armaagedoonitti itti fufa. Raajii 5, miilli inni sibiilaa fi dhoqqee suphee irraa tolfame hamma Armaagedoonitti itti fufa. Raajii 6, yeroo ammaatti babalʼistoonni 8,580,000 ol taʼan jiru. Taʼeewwan saba Yihowaa irratti raawwataman: Bara 2017⁠tti, abbootiin taayitaa Raashiyaa Dhugaa Baatota hidhaniiru, akkasumas gamoowwan waajjira damee fudhataniiru.
    Raajiiwwan 10 fi 11.

    Caqasa(wwan) 1 Tas. 5:3; Mul. 17:16

    Raajii Saboonni “Nagaa dha, tasgabbii dhas!” jedhanii labsu, ‘gaanfonni kurnanii fi bineensichi’ ‘gaalamoota sana’ ni haleelu. Sana booda saboota irra badiisni ni gaʼa.

    Raawwii Saboonni nagaa fi tasgabbii akka argatan dubbatu taʼa. Achiis saboonni Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii deggeran dhaabbilee amantii sobaa ni balleessu. Kunis jalqaba rakkina guddaa ni taʼa. Rakkinni guddaan kun yommuu waraana Armaagedoonitti guutummaan sirna addunyaa kanaa balleeffamutti ni xumurama.

  • Raajii 12.

    Caqasa(wwan) His. 38:11, 14-17; Mat. 24:31

    Raajii Goog biyya saba Waaqayyoo ni weerara. Achiis maleekonni ‘warra filataman’ walitti ni qabu.

    Raawwii Mootiin kaabaa mootummoota addunyaa warra kaanii wajjin taʼuudhaan, saba Waaqayyoo irratti haleellaa bana. Haleellaan kun erga jalqabamee yeroo muraasa booda dibamtoonni hafan samiitti walitti qabamu.

  • Raajii 13.

    Caqasa(wwan) His. 38:18-23; Dan. 2:34, 35, 44, 45; Mul. 6:2; 16:14, 16; 17:14; 19:20

    Raajii ‘Inni farda adii irra taaʼe’ Googii fi raayyaa waraanaa isaa balleessuudhaan “moʼicha” isaa xumura. “Bineensichi” ‘haroo ibiddaa dinyiidhaan bobaʼu keessatti darbatame,’ akkasumas fakkii guddaan sun ni caccabe.

    Raawwii Yesuus inni Mootii Mootummaa Waaqayyoo taʼee bulchaa jiru saba Waaqayyoo ni oolcha. Namoota 144,000 warra isaa wajjin bulchanii fi maleekota warra raayyaa waraanaa isaa taʼanii wajjin taʼuudhaan, saboota tokkummaa uuman, jechuunis guutummaa sirna siyaasaa Seexanaa ni balleessa.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi