LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • wp21 Lakk. 1 ful. 8-9
  • Waaqayyo Kadhannaa Hundaaf Deebii Kan Hin Kennine Maaliifi?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Waaqayyo Kadhannaa Hundaaf Deebii Kan Hin Kennine Maaliifi?
  • The Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2021
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Kadhannaadhaan Waaqayyotti Dhihaachuu
    Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
  • Mirga Kadhannaa
    Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa?
  • Kadhannaadhaan Waaqayyotti Dhihaadhu
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • Kutaa 11
    Waaqayyoon Dhaggeeffadhu!
Dabalataan Ilaaluuf
The Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2021
wp21 Lakk. 1 ful. 8-9

Waaqayyo Kadhannaa Hundaaf Deebii Kan Hin Kennine Maaliifi?

Abbaan keenya inni samii Yihowaan kadhannaa keenya garaadhaa madde dhagaʼuuf fedhii qaba, isa gammachiisas. Taʼus, kadhannaa keenyaaf deebii akka hin kennine wantoonni isa taasisan jiru. Wantoonni kun maalfaʼi? Yeroo kadhannu hoo wantoota akkamii yaadatti qabachuu qabna? Mee qajeelfamoota Kitaaba Qulqulluu tokko tokko haa ilaallu.

Waldaatti namoota kitaaba kadhannaa fayyadamanii kadhachaa jiran.

‘Yommuu kadhattan waanuma wal fakkaatu irra deddeebitanii hin dubbatinaa.’—Maatewos 6:7.

Yihowaan kadhannaawwan yaadatti qabataman akka irra deddeebinu ykn kitaaba kadhannaa akka dubbsinu hin barbaadu. Kanaa mannaa, wanta garaa keenya keessa jiru akka isatti dubbannu barbaada. Michuun kee tokko guyyaa guyyaadhaan waanuma tokko utuu sitti dubbatee hangam akka si aarsu mee yaadi. Michoonni gaariin ifatti dubbatu, akkasumas haqa qabeeyyii dha. Jecha mataa keenyaatiin yommuu kadhannu, wanta dhuunfaatti nutti dhagaʼamu Abbaa keenya isa samiitiif ibsina.

Namni tokko ol ilaalaa waraqaa lootorii yommuu haqu.

“Kaayyoo dogoggoraatiif waan gaafattaniif, yoo gaafattan iyyuu hin argattan.”—Yaaqoob 4:3.

Wanta akka raawwannu ykn akka qabaannu inni hin barbaanne utuu beeknuu yoo isa kadhanne Waaqayyo nuu deebisa jennee eeguu hin qabnu. Fakkeenyaaf, Waaqayyo sassataa fi amantii dogoggoraa milkii wajjin wal qabate ifatti dhorkee utuu jiruu kadhannaa taphataan qumaaraa tokko milkaaʼina argachuuf dhiheessu ni deebisaa? (Isaayyaas 65:11; Luqaas 12:15) Yihowaan kadhannaawwan akkasii ni dhagaʼa jedhanii eeguun waan hin fakkaanne dha! Waaqayyo kadhannaa keenyaaf deebii akka nuu kennu yoo barbaanne, kadhannaan keenya wanta inni Kitaaba Qulqulluu keessatti nutti himee wajjin akka wal simu mirkaneessuu qabna.

Qeesiin tokko loltootaaf yommuu kadhatu.

“Namni seericha dhaggeeffachuu didu Kadhannaan isaa illee jibbisiisaa dha.”—Fakkeenya 28:9.

Bara duriitti Waaqayyo kadhannaa namoonni seerawwan qajeelinaa isaa hin fudhanne dhiheessaniif deebii hin kennu ture. (Isaayyaas 1:15, 16) Ilaalchi isaa ammas hin jijjiiramne. (Miilkiyaas 3:6) Waaqayyo kadhannaa keenya akka nuuf deebisu yoo barbaanne seera isaa wajjin wal simnee jiraachuuf wanta dandeenyu gochuu qabna. Taʼus, kanaan dura wanta dogoggoraa raawwanneerra yoo taʼe hoo? Kana jechuun Yihowaan matumaa nu hin dhagaʼu jechuudhaa? Akkas jechuu miti! Jireenya keenya yoo jijjiirree fi isa gammachiisuuf wanta dandeenyu yoo goone jaalalaan dhiifama nuuf godha.—Hojii Ergamootaa 3:19.

“Namni Waaqayyotti dhihaatu hundi, inni akka jiruu fi warra cimsanii isa barbaaddatan akka badhaasu amanuu qaba.”—Ibroota 11:6.

Dubartii Kitaaba Qulqulluu dubbistu.

Kadhannaan wanta yeroo dhiphannutti miira keenya ittiin ibsinu qofa miti. Karaa amantii keenya itti ibsinuu fi kutaa waaqeffannaa keenyaa ti. Yaaqoob baratichi “amantiidhaan kadhachuu keenya yoo itti fufu” baanne, ‘Yihowaa biraa waan tokko illee nan argadha jennee eeguu akka hin qabne’ dubbateera. (Yaaqoob 1:6, 7) Amantii Waaqayyo irratti qabnu guddifachuuf, yeroo ramannee fi carraaqqii goonee Kitaaba Qulqulluu qoʼachuudhaan isa beekuu qabna. Kana gochuun keenya fedhii isaa beekuu fi amannannaadhaan isatti kadhannaa dhiheessuuf nu gargaara.

ABDII HIN KUTATINAA!

Waaqayyo kadhannaa hundumaa kan hin deebisne taʼus, kadhannaa namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman garaadhaa dhiheessan ni dhagaʼa, akkasumas ni deebisa. Kitaabni Qulqulluun kadhannaan kee Waaqayyoon akka gammachiisu gochuuf tarkaanfiiwwan fudhachuu qabdu ni dubbata. Mata dureen itti aanu waaʼee kanaa ibsa.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi