LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • wp21 Lakk. 1 ful. 14-15
  • Kadhannaan Maal Siif Gochuu Dandaʼa?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Kadhannaan Maal Siif Gochuu Dandaʼa?
  • The Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2021
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Kadhannaadhaan Waaqayyotti Dhihaachuu
    Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
  • Mirga Kadhannaa
    Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa?
  • Kadhannaadhaan Waaqayyotti Dhihaadhu
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • “Wanti Isin Barbaacisu Waaqayyo Duratti Akka Beekamu Godhaa”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2006
Dabalataan Ilaaluuf
The Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2021
wp21 Lakk. 1 ful. 14-15

Kadhannaan Maal Siif Gochuu Dandaʼa?

Paamelaan dhukkubni cimaan waan ishii qabeef yaalii fayyaa buʼa qabeessa argachuu barbaadde. Taʼus jabina dhukkuba ishii dandaʼuuf ishii gargaaru argachuufis Waaqayyotti kadhannaa dhiheessite. Maarree kadhannaan ishii gargaareeraa?

Paamelaan akkas jetteetti: “Kaansarii na qabe yeroon yaalamaa turetti sodaa guddaan natti dhagaʼamee ture. Taʼus, yommuun Yihowaatti kadhannaa dhiheessu, miirri tasgabbii waan natti dhagaʼameef sirriitti yaaduun jalqabe. Amma iyyuu dhukkubbii cimaan kan natti dhagaʼamu taʼus, kadhannaan ilaalcha sirrii akkan qabaadhu na gargaaraa jira. Namoonni wanta natti dhagaʼamu yommuu na gaafatan, ‘Fayyummaan natti hin dhagaʼamu, garuu ilaalcha gaarii qaba’ jedheen deebisa.”

Dhugaa dha, kadhachuudhaaf hanga rakkinni cimaan nu mudatutti eeguu hin qabnu. Xinnaas taʼe guddaa hundi keenya haalli rakkisaan nu mudata, rakkoowwan keenya dandamachuufis yeroo baayʼee gargaarsi akka nu barbaachisu nutti dhagaʼama. Kadhannaan nu gargaaruu dandaʼaa?

Kitaabni Qulqulluun, “Baʼaa kee Yihowaa irratti gati, Innis si deggera. Namni qajeelaan akka kufu matumaa hin heyyamu” jedha. (Faarfannaa 55:22) Kun yaada baayʼee nama jajjabeessu dha! Kanaafuu, kadhannaan kan si gargaaru akkamitti? Karaa sirrii taʼeen Waaqayyotti yommuu kadhannaa dhiheessitu, inni haala rakkisaa si mudate dandamachuuf wanta si gargaaru siif kenna.—Saanduqa, “Wanta Kadhannaan Siif Argamsiisuu Dandaʼu” jedhu ilaali.

Wanta Kadhannaan Siif Argamsiisuu Dandaʼu

Nagaa Sammuu

Daldalaan duraan hojii isaa dhabee ture, seeqaa fi amanannaadhaan deemaa jira.

‘Iyyannoon keessan Waaqayyo biratti akka beekamu godhaa; nagaan Waaqayyoo inni hubannaa hundumaa irra caalu karaa Kiristoos Yesuus garaa keessanii fi yaada keessan ni eega.’ (Filiphisiyus 4:6, 7) Wanta si yaaddessu baastee Waaqayyotti yommuu himtu, inni akka tasgabbooftuu fi dhiphina keessatti ogummaadhaan akka deddeebitu si gargaara.

Ogummaa Waaqayyo irraa Argamu

Dubartiin duraan kitaaba kadhannaa fayyadamtee kadhachaa turte, mana ishiitti Kitaaba Qulqulluu dubbisaa jirti.

“Isin keessaa namni kam iyyuu ogummaan yoo isatti hirʼate, Waaqa kadhachuu isaa itti haa fufu; sababiin isaas, inni utuu hin ceephaʼin nama hundumaatiif arjummaadhaan ni kenna, isaafis ni kennama.” (Yaaqoob 1:5) Yommuu dhiibbaan nu irra gaʼu, yeroo baayʼee murtoo gaarii hin goonu. Ogummaa argachuuf yoo kadhatte, Waaqayyoo Kitaaba Qulqulluu isa Dubbii isaa taʼe keessaa qajeelfamoota si gargaaran hedduu si yaadachiisuu dandaʼa.

Jabinaa fi jajjabina

Hiriyoonni gaaʼelaa duraan hospitaala turan paarkii keessa yommuu waliin deeman. Abbaan manaa, haati manaa isaa kazaraa akka fayyadamtu ishii gargaaraa jira.

“Karaa isa humna naaf kennu sanaatiin jabina waan hundumaatiif na barbaachisu qaba.” (Filiphisiyus 4:13) Yihowaan Waaqa hundumaa dandaʼu waan taʼeef, jabina haala rakkisaa dandamachuuf ykn qorumsa keessatti jabaattee dhaabachuuf si gargaaru siif kenna. (Isaayyaas 40:29) Kana malees, Kitaabni Qulqulluun Yihowaan, “Waaqa jajjabina hundaa” akka taʼe ibsa. Inni “rakkina keenya hundumaa keessatti” nu jajjabeessuu dandaʼa.—2 Qorontos 1:3, 4.

ITTI FAYYADAMAA JIRTAA?

Yihowaan kadhannaa akka isatti dhiheessitu akka si hin dirqisiisne beekamaa dha. Kanaa mannaa, jaalalaan kakaʼee akkas akka gootu si afeera. (Ermiyaas 29:11, 12) Kadhannaan kanaan dura dhiheessite deebii akka hin arganne sitti dhagaʼama yoo taʼe hoo? Abdii hin kutatin. Warri jaalala qabeeyyii taʼan karaa ijoolleen isaanii barbaadaniin ykn yeroo isaan barbaadanitti isaan hin gargaaran taʼa. Tarii warri furmaata caalaatti gaarii taʼe qabaachuu dandaʼu. Taʼus, wanti dhugaa taʼe tokko jira: Warri jaalala qabeeyyii taʼan ijoollee isaanii ni gargaaru.

Waaqni keenya Yihowaan inni warra jaalala qabeeyyii taʼan hunda irra caalu, siinis si gargaaruu barbaada. Qajeelfamoota olitti ilaalle yoo qortee fi hojii irra oolchuuf wanta siif dandaʼame hunda yoo goote, Waaqayyo karaa hunda irra caaluun kadhannaa keetiif deebii siif kenna.—Faarfannaa 34:15; Maatewos 7:7-11.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi