LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w21 Amajjii ful. 31
  • Kana Beektaa?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Kana Beektaa?
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2021
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Waaqayyo Maqaa Qabaa?
    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Maqaa Waaqayyoo
    Dammaqaa!—2017
  • Barbaachisummaa Maqaa Waaqayyoofi-Hiikasaa
    Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2021
w21 Amajjii ful. 31
Maqaa Waaqayyoo dhagaa tokko irratti barreeffame.

Barreeffama dhagaa irratti bocame: “Kagaaf ilmi Kagaav Yaahwee Sabaaʼotiin kan abaarame haa taʼu”

Kana Beektaa?

Barreeffamni Bara Durii Tokko Kitaaba Qulqulluu Kan Deggeru Akkamitti?

GODAMBAA Baayibil Laandi jedhamuu fi Yerusaalemitti argamu tokko keessa dhagaan barreeffama qabu tokko kan jiru siʼa taʼu, barreeffamni kun kan irratti bocame Dh.K.D. bara 600 hanga 700⁠tti dha. Dhagaan kun holqa awwaalchaa Kebroon ishii Israaʼelitti argamtutti dhihoo jiru keessaa argame. Barreeffamichi akkas jedha: “Kagaaf ilmi Kagaav Yaahwee Sabaaʼotiin kan abaarame haa taʼu.” Barreeffamni kun Kitaaba Qulqulluu kan deggeru akkamitti? Bara duriitti, maqaan Waaqayyoo inni Yihowaa jedhamuu fi qubee afaan Ibrootaa duriitiin YHWH jedhamee barreeffamu, akka gaariitti akka beekamuu fi guyyaa guyyaadhaan itti hojjetamaa akka ture argisiisa. Kana malees, barreeffamoonni kan biroon holqawwan awwaalchaa keessa argaman, namoonni dhokachuu fi achitti walgaʼuuf holqawwanitti fayyadamaa turan maqaawwan dhuunfaa maqaa Waaqayyoo qabatan siʼa baayʼee girgiddaa holqichaa irratti barreessanii akka turan argisiisu.

Doktar Raasheel Naabulsii ishiin Yunivarsiitii Joorjiyaatti hojjettu waaʼee barreeffamootaa kanaa akkas jettetti: “Maqaan YHWH jedhu dhagaawwan kana irratti siʼa baayʼee caqasamee argama. Kun immoo waan hedduu nu barsiisa. . . . Hima kana keessatti YHWH maqaa qofa utuu hin taʼin, qaama bakka buʼu akka qabu argisiisa.” Kunis, Kitaaba Qulqulluu isa maqaa Waaqayyoo qubee afaan Ibrootaa YHWH jedhuun al kumaan lakkaaʼamu qabate kan deggeru dha. Yeroo baayʼee maqaawwan dhuunfaa maqaa Waaqayyoo kan of keessatti qabatani dha.

Hiikni “Yaahwee Sabaaʼot” isa dhagaa irratti bocame kanaa, “Yihowaa Gooftaa Raayyaa” jechuudha. Kanaafuu, bara duriitti namoonni maqaa Waaqayyoo qofa utuu hin taʼin, jechoota “Yihowaa Gooftaa Raayyaa” jedhus fayyadamaa kan turan fakkaata. Dabalataanis, kun Kitaabni Qulqulluun jechoota “Yihowaa Gooftaa Raayyaa” jedhu fayyadamuun isaa sirrii akka taʼe argisiisa. Jechoonni kun Kitaaba Qulqulluu afaan Ibrootaa keessatti siʼa 283 kan argaman siʼa taʼu, keessumaa kitaaba Isaayyaas, Ermiyaasii fi Zakaariyaas irratti baayʼinaan argamu.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi