LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w21 Caamsaa ful. 20-25
  • Yihowaan Jabina Siif Kenna

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yihowaan Jabina Siif Kenna
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2021
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • JABINA LALLABUUF NU GARGAARU ARGACHUU
  • JABINA RAKKINA KEESSATTI AMANAMOO TAʼUUF GARGAARU ARGACHUU
  • Tajaajila Keessan Guutummaatti Raawwachaa Jirtuu?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2019
  • “Inni Isin Jabeessa”—Akkamitti?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2023
  • “Wal Ijaaruu Keessan Itti Fufaa”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2022
  • Yihowaan Iddoo Guddaa Siif Kenna!
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2021
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2021
w21 Caamsaa ful. 20-25

MATA DUREE QOʼANNAA 21

Yihowaan Jabina Siif Kenna

“Yeroon dadhabu yeroo sanatti humna nan qabaadha.”—2 QOR. 12:10.

FAARFANNAA 73 Sodaa Keenya Nuu Balleessi

QABIYYEEa

1-2. Dhugaa Baatota hedduu rakkoowwan akkamiitu isaan mudata?

PHAAWUSLOS, Ximotewos tajaajila isaa guutummaatti akka raawwatu isa jajjabeessee ture; gorsi kun Kiristiyaanota hundaaf ni hojjeta. (2 Xim. 4:5) Hundi keenya iyyuu gorsa Phaawulos kanaaf xiyyeeffannaa kennuu qabna. Taʼus kana gochuun salphaa miti. Obboloonnii fi obboleettonni keenya hedduun hojii lallabaa irratti hirmaachuun ija jabina cimaa isaan gaafata. (2 Xim. 4:2) Mee waaʼee obboloota keenya biyya hojiin keenya itti daangeffame ykn dhorkame keessa jiraatanii yaadaa. Qabamanii hidhamuu akka dandaʼan kan beekan taʼus, ni tajaajilu.

2 Sabni Yihowaa rakkoowwan abdii isaan kutachiisuu dandaʼan gara garaa isaan irra gaʼu. Fakkeenyaaf baayʼeen isaanii wantoota maatii isaaniitiif barbaachisan dhiheessuuf saʼaatii dheeraa hojjechuu qabu. Tajaajila irratti yeroo dheeraa dabarsuu barbaadu, taʼus dhuma torbaniitti humni isaan qaban muraasa taʼa. Warri kaan immoo dhibee cimaadhaan ykn umuriin isaanii dabaluu isaatiin kan kaʼe wanti isaan raawwachuu dandaʼan baayʼee muraasa dha; tarii immoo manaa baʼuu illee hin dandaʼan taʼa. Kaan immoo miira gatii akka hin qabne isaanitti dhagaʼamuu wajjin walʼaansoo godhu. Meeriib ishiin giddu gala bahaa jiraattu akkas jetteetti: “Yommuun abdii kutadhu miira koo toʼachuuf carraaqqii cimaan godha, kun immoo baayʼee na dadhabsiisa. Achiis yeroo fi humnan tajaajilaaf oolchu waan na jalaa fixuuf miirri balleessaa natti dhagaʼama.”

3. Mata duree kana keessatti maal qoranna?

3 Haalli keenya maali iyyuu yoo taʼe, Yihowaan humna rakkina nu mudatu dandamachuu fi hamma haalli keenya nuu heyyame isa tajaajiluuf nu gargaaru nuu kenna. Yihowaan akkamitti akka nu gargaaru ilaaluu keenya dura, Phaawulosii fi Ximotewos utuma rakkinni isaan irra gaʼuu tajaajila isaanii akka raawwataniif akkamitti akka isaan gargaare haa ilaallu.

JABINA LALLABUUF NU GARGAARU ARGACHUU

4. Phaawulos rakkoowwan akkamii qaba ture?

4 Phaawulos rakkinni hedduun isa mudateera. Keessumaa yeroo uleedhaan reebame, dhagaadhaan tumamee fi hidhametti jabinni isa barbaachisee ture. (2 Qor. 11:23-25) Phaawulos yeroo tokko tokko miira dogoggoraa wajjin akka qabsaaʼu ifatti dubbateera. (Rom. 7:18, 19, 24) Kana malees dhibee fayyaa, ‘qoree foon waraanutti’ fakkeeffame qaba ture, kanas Waaqayyo akka isa irraa balleessu baayʼee barbaadee ture.—2 Qor. 12:7, 8.

Phaawulos tajaajila isaa akka raawwatu wanti isa dandeessise maali dha? (Keeyyata 5-6 ilaalic

5. Phaawulos haala rakkisaa keessatti illee maal raawwachuu dandaʼeera?

5 Yihowaan Phaawulos utuma rakkinni kun hundi isa irra gaʼuu tajaajila isaa akka raawwatu humna isaaf kenneera. Mee wanta Phaawulos raawwate haa ilaallu. Fakkeenyaaf, Roomaatti mana keessatti hidhamee yeroo turetti, dura buutota Yihudootaa fi tarii immoo qondaaltota mootummaa duratti misiraachichaaf falmeera. (HoE. 28:17; Filp. 4:21,22) Kana malees Waardiyyoota Mootii Roomaa fi namoota isa gaafachuu dhufan hundaaf lallabeera. (HoE. 28:30, 31; Filp. 1:13) Yeruma kanatti Phaawulos xalayaawwan Kiristiyaanota hamma harʼaatti jiran fayyadan geggeessaa hafuuraatiin barreesseera. Hunda caalaa immoo fakkeenyi Phaawulos gumii Roomaa keessa jiru jabeesseera; kun immoo obboloonni ‘dubbii Waaqayyoo sodaa malee caalaatti ija jabinaan akka dubbatan’ isaan taasiseera. (Filp. 1:14) Phaawulos yeroo tokko tokko wanti inni gochuu dandaʼu kan daangeffame taʼus, wanta isaaf dandaʼamu hunda godheera; kun immoo ‘misiraachicha babalʼisuuf gumaacha godheera.’—Filp. 1:12.

6. Akka 2 Qorontos 12:9, 10 jedhutti Phaawulos tajaajila isaa akka raawwatu maaltu isa gargaare?

6 Phaawulos wanta tajaajila Yihowaa keessatti raawwate hunda jabina ofii isaatiin utuu hin taʼin, gargaarsa Waaqayyootiin akka raawwate hubateera. Inni humni Waaqayyoo ‘guutuu kan taʼu, yeroo dadhabutti’ akka taʼe ibseera. (2 Qorontos 12:9, 10 dubbisi.) Phaawulos ariʼatamni, hidhaa fi rakkoowwan kan biroon kan isa mudatan taʼus, Yihowaan hafuura qulqulluu isaatiin humna tajaajila isaa guutummaatti raawwachuuf isa gargaaru isaaf kenneera.

Ximotewos kitaaba maramaa qabaatee namoota guguddaa hedduu wajjin dubbachaa jira.

Ximotewos tajaajila isaa akka raawwatu wanti isa dandeessise maali dha? (Keeyyata 7 ilaali)d

7. Ximotewos tajaajila isaa raawwachuuf rakkoowwan akkamii moʼuun isa barbaachisee ture?

7 Ximotewos inni michuu Phaawulos taʼes tajaajila isaa raawwachuuf humna Waaqayyootti amanamuun isa barbaachisee ture. Ximotewos imala misiyoonummaa dheeraa Phaawulos godhe irratti isaa wajjin deemeera. Kana malees adeemsa dabalataa gochuudhaan gumiiwwan akka daawwatuu fi akka jajjabeessu Phaawulos isa ergeera. (1 Qor. 4:17) Ximotewos gaʼumsa akka hin qabne isatti dhagaʼamee taʼuu dandaʼa. Tarii Phaawulos, “Eenyu illee dargaggummaa kee akka tuffatu hin heyyamin” jedhee kan isa gorse kanaaf taʼuu dandaʼa. (1 Xim. 4:12) Ximotewosis yeroo kanatti qoree foon waraanu, jechuunis ‘dhukkuba deddeebiʼee itti kaʼu’ qaba ture. (1 Xim. 5:23) Taʼus Ximotewos Yihowaan hafuura isaa isa humna guddaa qabuun jabina misiraachicha labsuu fi obboloota isaa tajaajiluuf isa gargaaru akka isaaf kennu beeka ture.—2 Xim. 1:7.

JABINA RAKKINA KEESSATTI AMANAMOO TAʼUUF GARGAARU ARGACHUU

8. Yihowaan yeroo harʼaa saba isaa kan jabeessu akkamitti?

8 Yeroo harʼaa Yihowaan sabni isaa amanamummaadhaan isa tajaajiluu isaanii akka itti fufaniif ‘humna humna caalu’ isaaniif ni kenna. (2 Qor. 4:7) Mee Yihowaan nu jabeessuu fi amanamoo akka taanu nu gargaaruuf qophii inni nuuf godhe afur haa ilaallu: Isaanis, kadhannaa, Kitaaba Qulqulluu, obbolootaa fi obboleettota, akkasumas tajaajila keenya dha.

Obboleessi tokko kadhachaa jira.

Yihowaan karaa kadhannaa nu jabeessa (Keeyyata 9 ilaali)

9. Kadhannaan akkamitti nu gargaaruu dandaʼa?

9 Kadhannaa irraa jabina argachuu. Akkuma Efesoon 6:18 irratti ibsame Yihowaan ‘yeroo hundumaa akka kadhannu’ nu jajjabeesseera. Yihowaan gargaarsa nuu gochuudhaan kadhannaa keenyaaf deebii kenna. Joon inni Booliiviyaa jiraatu yommuu rakkinni hedduun isa irra gaʼetti gargaarsa akkasii argateera. Haati manaa isaa, abbaan isaa fi haati isaa yeruma tokkotti garmalee dhukkubsatan. Jooniin sadan isaaniitiif iyyuu wanta barbaachisu gochuun isatti ulfaatee ture. Haati isaa kan duute yoo taʼu, haati manaa isaa fi abbaan isaa immoo bayyanachuuf yeroo dheeraa isaanitti fudhate. Yeroo rakkisaa sana ilaalchisee Joon akkas jedheera: “Yeroon baayʼee dhiphadhutti miira natti dhagaʼamu kadhannaadhaan Yihowaaf ibsuun koo baayʼee na gargaara ture.” Yihowaan jabina jabaatee dhaabachuuf isa barbaachisu Jooniif kenneera. Jaarsi gumii Booliviyaa jiraatuu fi Roonaaldoo jedhamu haati isaa kaansariidhaan akka qabamte bare. Achiis jiʼa tokko booda ni duute. Kana dandamachuuf kan isa gargaare maali dha? Akkas jedheera: “Kadhannaan wanta garaa koo keessa jiruu fi miira natti dhagaʼamu Yihowaaf ibsuuf na gargaareera. Inni nama kam iyyuu caalaa, hamma ani of hubachuu dandaʼu illee caalaa akka na hubatu beeka.” Yeroo tokko tokko rakkinni keenya humnaa ol akka taʼee fi maal jennee kadhachuu akka qabnu illee wallaaluu dandeenya. Taʼus yaadaa fi miira keenya jechaan ibsuun yoo nutti ulfaate illee Yihowaan kadhannaa akka isatti dhiheessinu nu afeera.—Rom. 8:26, 27.

Obboleettiin tokko Kitaaba Qulqulluu dubbisaa jirti.

Yihowaan karaa Kitaaba Qulqulluu nu jabeessa (Keeyyata 10 ilaali)

10. Akka Ibroonni 4:12 jedhutti Kitaaba Qulqulluu dubbisuu fi irratti xiinxaluun baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

10 Kitaaba Qulqulluu irraa jabina argachuu. Akkuma Phaawulos jabinaa fi jajjabina argachuuf Kitaaba Qulqulluutti amaname nutis akkasuma gochuu qabna. (Rom. 15:4) Dubbii Waaqayyoo yommuu dubbisnuu fi irratti xiinxallu, Yihowaan hafuura isaatiin yaadni Kitaaba Qulqulluu haala keenyaaf akkamitti akka hojjetu caalaatti akka hubannu nu gargaara. (Ibroota 4:12 dubbisi.) Roonaaldoo inni olitti ibsame akkas jedheera: “Galgala galgala barsiifata kutaa Kitaaba Qulqulluu tokko dubbisuu qabaachuu kootti nan gammada. Amalawwanii fi hariiroo Yihowaan tajaajiltoota isaa wajjin qabu irratti baayʼeen xiinxala. Kunis humni koo akka haaromu na gargaareera.”

11. Kitaabni Qulqulluun obboleettii gaddite tokko kan cimse akkamitti?

11 Dubbii Waaqayyoo irratti xiinxaluudhaan haala keessa jirruuf ilaalcha sirrii qabaachuu ni dandeenya. Mee Kitaabni Qulqulluun dubartii duʼa abbaa manaa ishiitti gaddaa jirtu tokko akkamitti akka gargaare haa ilaallu. Jaarsi gumii tokko barumsa ishii gargaaru argachuuf kitaaba Iyyoob akka dubbistu yaada ishiidhaaf kenne. Jalqaba irratti yommuu dubbistu Iyyoob yaada dogoggoraa qabaachuu isaatti isatti murteessiti turte. Yaada ishiitti, “Iyyoob! Rakkina kee qofa hin yaadin! jettee isa akeekkachiisti turte.” Booda garuu ishiinis ilaalchuma akka Iyyoob akka qabdu hubatte. Kunis ilaalcha ishii akka sirreessituu fi gadda abbaa manaa ishii dhabuudhaan ishii irra gaʼe akka dandamattu ishii gargaareera.

Obboleessi tokko, obboleettonni lamaa fi ijoolleen waliin gammadaa jiru.

Yihowaan karaa obbolootaa fi obboleettotaa nu jabeessa (Keeyyata 12 ilaali)

12. Yihowaan obbolootaa fi obboleettota keenyatti fayyadamee kan nu cimsu akkamitti?

12 Obbolootaa fi obboleettota irraa jabina argachuu. Karaa kan biraan Yihowaan Kiristiyaanota itti jabeessu namoota hidhata amantii isaanii taʼanitti fayyadamuudhaani. Phaawulos obbolootaa fi obboleettota isaa wajjin ‘wal jajjabeessuuf’ isaan arguuf akka hawwu barreessee ture. (Rom. 1:11, 12) Meeriin ishiin olitti ibsamte, obbolootaa fi obboleettotaa wajjin yeroo dabarsuu baayʼee jaallatti turte. Akkas jetteetti: “Yihowaan obbolootaa fi obboleettota rakkina ani qabu hin beeknetti illee fayyadameera. Wanta na jajjabeessu tokko dubbatu ykn kaardii naa ergu, kun immoo wantuma na barbaachisu dha. Kunis obboleettota rakkina anaa wajjin wal fakkaatu qabanitti bilisaan akkan dubbadhuu fi muuxannoo isaanii irraa akkan fayyadamu na gargaareera. Jaarsoliin gumiis yeroo hundumaa gumicha keessatti barbaachisaa akkan taʼe akka natti dhagaʼamu taasisu.”

13. Walgaʼii gumii irratti wal jajjabeessuu kan dandeenyu akkamitti?

13 Iddoowwan gaggaarii itti wal jajjabeessinu keessaa tokko walgaʼiiwwan gumii dha. Walgaʼii gumii irratti yommuu argamtu dursa fudhattee jechoota jaalalaa fi dinqisiifannaa kee ibsan maaliif hin dubbattu? Fakkeenyaaf jaarsi gumii Piitar jedhamu walgaʼii dura obboleettii abbaan manaa ishii Dhugaa Baatuu hin taane tokkoon akkas jedhee ture: “Asitti si arguun keenya baayʼee nu jajjabeessa. Ati yeroo hunda ijoollee jaʼa qulqulleessitee, uwwistee fi yaada kennan qopheessitee walgaʼii irratti argamta.” Ishiinis ijji ishii imimmaaniin guutamee “Yaadni ati dubbatte kun hammam akka na jajjabeesse tilmaamuu hin dandeessu” jettee deebiste.

Obboleettiin tokko xalayaadhaan dhugaa baʼaa jirti.

Yihowaan karaa tajaajilaa nu jabeessa (Keeyyata 14 ilaali)

14. Tajaajila irratti hirmaachuun kan nu gargaaru akkamitti?

14 Tajaajila irraa jabina argachuu. Dhugaa Kitaaba Qulqulluu warra kaaniif yommuu hirru namoonni deebii gaarii kennanis, kennuu baatanis ni haaromna, ni jajjabaannas. (Fak. 11:25) Obboleettiin Siteesii jedhamtu tajaajilli baayʼee akka nama jajjabeessu hubatteetti. Miseensi maatii ishii tokko yommuu gumiidhaa baafametti baayʼee gadduu ishiitiin kan kaʼe, ‘Isa gargaaruuf kana caalaa wanti ani gochuu qabu jira turee?’ jettee of gaafatti turte. Waaʼee kanaa yaaduu dhiisuun ishiitti ulfaatee ture. Haala dhiphisaa kana akka dandamattu wanti ishii gargaare maali dha? Tajaajila dha! Yommuu hojii lallabaa irratti hirmaattu namoota naannoo tajaajilaa ishiitti argamanii fi gargaarsi ishii isaan barbaachisu irratti xiyyeeffachuu jalqabde. Akkas jetteetti: “Yeroo kanatti Yihowaan qoʼattuu Kitaaba Qulqulluu saffisaan guddina gootu tokko naa kenne. Kun baayʼee na jajjabeesse. Tajaajilli jireenya koo baayʼee naa tasgabbeesseera.”

15. Yaada Meeriin kennite irraa maal baratte?

15 Obboloonni tokko tokko haala isaaniitiin kan kaʼe tajaajila irratti baayʼee hirmaachuu akka hin dandeenye isaanitti dhagaʼama taʼa. Miirri akkasii sitti dhagaʼama yoo taʼe, Yihowaan wanta hunda irra caalu yommuu isaaf kennitu akka gammadu yaadadhu. Mee ammas fakkeenya Meerii haa ilaallu. Yommuu naannoo tajaajilaa afaan kan biraan dubbatamu deemtetti, baayʼee akka hin fayyadne itti dhagaʼamee ture. Akkas jetteetti: “Yeroo muraasaaf wantan tajaajila irratti gochuu dandaʼe yaada gabaabaa kennuu ykn caqasa Kitaaba Qulqulluu tokko dubbisuu ykn tiraaktii kennuu qofa ture.” Kunis warra afaanicha akka gaariitti dubbatanii wajjin yommuu wal bira of qabdu gaʼumsa akka hin qabne akka itti dhagaʼamu godhe. Taʼus ilaalcha ishii sirreessiteetti. Dandeettiin ishii kan daangeffame taʼus Yihowaan ishiitti fayyadamuu akka dandaʼu hubachuu jalqabde. Ishiin, “Wanti Kitaabni Qulqulluun dubbatu salphaa dha, dhugaawwan kunis jireenya namootaa ni jijjiiru” jetteetti.

16. Warri manaa baʼuu hin dandeenye jabina akka argatan wanti isaan gargaaru maali dha?

16 Yoo manaa baʼuu dadhabne illee Yihowaan fedhii nuti tajaajila irratti hirmaachuuf qabnu ni arga, akkasumas ni dinqisiifata. Namoota nu kunuunsaniif ykn ogeeyyii fayyaatiif akka dhugaa baanu carraa nuu banuu dandaʼa. Wanta amma gochuu dandeenyu, wanta kanaan dura gochaa turree wajjin yoo wal bira qabne abdii kutachuu dandeenya. Taʼus Yihowaan akkamitti nu gargaaraa akka jiru yoo hubanne, jabina qorumsa nu mudatu kam iyyuu gammachuudhaan dandamachuuf nu gargaaru ni qabaanna.

17. Akka Lallabni 11:6 jedhutti yeruma sana buʼaa yoo argachuu baanne illee tajaajila keenya itti fufuu kan qabnu maaliifi?

17 Sanyii dhugaa facaasne keessaa inni kam akka qabatuu fi guddachuu akka jalqabu hin beeknu. (Lallaba 11:6 dubbisi.) Fakkeenyaaf obboleettiin keenya Barbaaraan ishiin umurii waggoota 80manii keessatti argamtu dhaabbataadhaan bilbilaa fi xalayaadhaan dhugaa baati. Xalayaa ishii isa tokkoo wajjin Masaraa Eegumsaa Ebla-Waxabajjii 2014 mata dureen isaa “Waaqayyo Maalfaa Sii Godheera” jedhu ergite. Taʼus ishiin utuu hin beekin xalayaa kana kan ergite hiriyoota gaaʼelaa gumiidhaa baafamaniif ture. Isaan barreeffama kana irra deddeebiʼanii dubbisan. Abbaan manaa, Yihowaan kallattiidhaan isatti dubbachaa akka jiru isatti dhagaʼame. Hiriyoonni gaaʼelaa kun walgaʼii hirmaachuu jalqaban, achiis waggaa 27 booda deebiʼanii Dhugaa Baatota taʼan. Barbaaraan xalayaan ishii kun buʼaa gaarii akkasii argamsiisuun isaa hammam akka ishii jajjabeessee fi akka ishii cimse mee yaadaa!

Fakkii: Karaawwan arfan Yihowaan itti nu jabeessu. Wantoonni kun mata duree kana keessatti keeyyata 9-14 irratti ibsamaniiru.

Yihowaan wantoota kanaan nu jabeessa: (1) Kadhannaa, (2) Kitaaba Qulqulluu, (3) Obbolootaa fi obboleettota, akkasumas (4) Tajaajila (Keeyyata 9, 10, 12, 14 ilaali)

18. Humna Waaqayyoo irraa fayyadamuuf maal gochuu dandeenya?

18 Yihowaan humna isaa akka argannuuf qophii gaʼaa taʼe nuu godheera. Qophiiwwan Yihowaa, jechuunis kadhannaa, Kitaaba Qulqulluu, obbolootaa fi obboleettota, akkasumas tajaajilatti yommuu fayyadamnu dandeettii fi fedhii Yihowaan nu gargaaruuf qabutti akka amanamnu argisiisna. Kanaafuu Abbaa keenya isa samii isa, ‘warra garaan isaanii isa biratti guutuu taʼeef, jabina isaa argisiisuun’ isa gammachiisutti amanamuu keenya itti haa fufnu.—2 Sen. 16:9.

WANTOOTA ARMAAN GADII IRRAA JABINA ARGACHUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?

  • Dubbisa Kitaaba Qulqulluu fi kadhannaa.

  • Obbolootaa fi obboleettota.

  • Tajaajila.

FAARFANNAA 61 Cimaa Isin Dhugaa Baatonni

a Kan jiraannu yeroo rakkisaa keessa dha; taʼus Yihowaan jabina dandamachuuf nu barbaachisu nuuf kenna. Mata duree kana keessatti Phaawulosii fi Ximotewos utuma rakkinni isaan irra gaʼuu isa tajaajiluu isaanii akka itti fufan Yihowaan akkamitti akka isaan gargaare ilaalla. Yeroo harʼaattis jabaannee akka dhaabannu nu gargaaruuf qophii Yihowaan nuuf godhe afur ilaalla.

b Maqaan ishii jijjiirameera.

c IBSA FAKKII: Phaawulos Roomaa yeroo mana keessatti hidhamee turetti gumiiwwan hedduuf xalayaa barreesseera, akkasumas namoota isa gaafachuuf dhufaniif misiraachicha labseera.

d IBSA FAKKII: Ximotewos yeroo gumiiwwan daawwatetti obboloota jajjabeesseera.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi