SEENAA JIREENYAA
Tajaajila Yihowaa Keessatti Yeroo Gammachiisaa Dabarseera
BEETEL isa Kaanaadaatti argamu keessatti hojiin jalqaba naaf kenname bakka hojiin maxxansaa itti hojjetamu qulqulleessuu dha. Yeroon isaa bara 1958 yeroo taʼu, umuriin koo waggaa 18 ture. Jireenyi koo gammachiisaa dha; utuu baayʼee hin turin maashinii barruuleen erga maxxanfamanii booda fiixee isaanii kukkutu irratti hojjechuun jalqabe. Beetel keessa tajaajiluu kootti baayʼeen gammade!
Waggaa itti aanutti obboloonni, waajjirri damee Afriikaa Kibbaa maashinii maxxansaa haaraa waan argateef, namoonni fedhiidhaan hojjetan akka barbaadaman miseensota maatii Beetelitti beeksisanii turan. Anis galmaaʼeen ture, filatamuu koottis baayʼeen gammade. Miseensota maatii Beetel isa Kaanaadaatti argamu keessaa obboloonni dabalataa sadii filatamanii turan; isaanis: Deenis Liich, Biil Makleelanii fi Keen Nordan turan. Yeroo dheeraadhaaf achi akka turrus nutti himame!
Haadha kootiif bilbilee, “Harmee, wantan sitti himun qaba. Gara Afriikaa Kibbaa deemuufan jedhan” ishiidhaan jedhe. Haati koo dubartii callistuu taatus, nama amantii guddaa qabduu fi Yihowaa wajjin walitti dhufeenya cimaa qabdu turte. Yeroo sanatti baayʼee dubbachuu baattus, akka na deggerte beekeen ture. Ishiinis taate abbaan koo murtoon godhe kana matumaa mormanii hin beekan.
GARA AFRIIKAA KIBBAA DEEMUU!
Bara 1959tti Deenis Liich, Keen Nordanii fi Biil Makleelan wajjin taʼuudhaan baaburaan Keep Taawonii gara Johaanisbargi utuu deemaa jirruu
Arfan keenya waggaa 60 booda bara 2019tti waajjira damee Afriikaa Kibbaatti deebinee wal argine
Jalqaba garuu jiʼa sadiif itti fayyadama maashinii maxxansaa haaraa ilaalchisee leenjii addaa argachuuf gara Beetel isa Biruukiliinitti argamuu deemne. Achiis doonii feʼumsaa magaalaa Keep Taawon, Afriikaa Kibbaa deemu yaabbanne. Yeroo sanatti umuriin koo waggaa 20 ture. Baabura yaabbannee karaa dheeraa Keep Taawonii gara Johaanisbargitti geessu kan jalqabne galgala ture. Yeroo jalqabaatiif kan dhaabbanne magaalaa xinnoo Kaaruu jedhamtuu fi gammoojjummaa qabdutti yeroo taʼu, yeroon isaa obboroo ture. Naannoon isaa awwaara kan qabuu fi hoʼaa ture. Arfan keenya iyyuu karaa foddaa ilaallee, ‘Naannoo akkamii ti?’ jennee yaadaa turre. Waaʼeen ramaddii keenya inni haaraa nu yaaddessee ture. Yeroo booda gara naannoo kanaa deebinee yommuu dhaqnu magaalonni xixinnoo kun baayʼee kan namatti tolanii fi naga qabeeyyii taʼuu isaanii hubanne.
Waggoota muraasaaf hojiin koo maashinii wal xaxaa ajaaʼibsiisaa taʼee fi Laayinootaayip jedhamu irratti hojjechuu ture; maashiniin kun barruuleen Masaraa Eegumsaa fi Dammaqaa! maxxansaaf akka qophaaʼan gargaara ture. Waajjirri damee kun Afriikaa Kibbaatiif qofa utuu hin taʼin, afaanota biyyoota Afrikaa hedduu keessatti dubbataman kaaniifis barruulee ni maxxansa. Maashiniin maxxansaa Kaanaadaadhaa finnee dhufne kun faayidaa guddaa kennaa akka jiru arguun nu gammachiiseera!
Yeroo booda dippaartimantii hojii hiikkaa, hojii maxxansaa fi hojii barreeffamoota erguu qindeessu keessatti hojjedheera. Hojiin natti baayʼata ture, jireenyi koo gammachiisaa fi hiika kan qabu ture.
GAAʼELAA FI RAMADDII HAARAA
Bara 1968tti anii fi Laawuraan qajeelchitoota addaa taanee yeroo tajaajilaa turretti
Bara 1968tti qajeelchituu Laawuraa Bowuun jedhamtuu fi Beetelitti dhihoo jiraattuu wajjin gaaʼela dhaabbanne. Laawuraan Kutaa Hiikkaa achitti argamuuf barreessituu taʼuudhaanis tajaajilaa turte. Yeroo sanatti namni tokko gaaʼela yoo dhaabbate Beetelitti tajaajiluu isaa itti hin fufu ture; kanaafuu, qajeelchitoota addaa taanee ramadamne. Xinnoo yaaddaʼeen ture. Beetel keessatti waggaa kudhaniif tajaajilaa yeroon turetti nyaannii fi iddoon jireenyaa naaf qophaaʼa ture; maarree maallaqa xinnoo qajeelchitoota addaatiif kennamuun akkamitti jiraachuu dandeenya? Jiʼa jiʼaan raandii 25 (yeroo sanatti doolaara Ameerikaa 35 dha) arganna turre; taʼus, kana kan argannu gabaasa saʼaatii, deddeebii gaaffii fi barreeffamootaa nu irraa eegamu yoo guunne qofa dha. Maallaqa kanas kan fayyadamnu baasii kiraa manaa, nyaata, geejjiba, qorichaa fi baasiiwwan kaan kaffaluufi.
Tuuta xinnoo magaalaa Darbaan qarqara Garba Hindiyaa jirtutti dhihoo jiru keessatti akka tajaajillu ramadamnee turre. Namoota Hindii baayʼeetu achitti argama; isaan keessaa hedduun isaanii sanyii namoota naannoo bara 1875 warshaa sukkaaraa keessatti hojjechuuf gara Afriikaa Kibbaa dhufanii ti. Amma hojii biraa kan hojjetan taʼus, aadaa isaanii fi barsiifata nyaataa isaanii akkuma qabatanitti jiru. Afaan Ingiliffaa waan dubbataniif isaaniif dhugaa baʼuun nu hin rakkisu ture.
Qajeelchitoonni addaa jiʼatti saʼaatii 150 akka tajaajilan irraa eegama ture; kanaafuu, anii fi Laawuraan guyyaa jalqabaatti saʼaatii jaʼa tajaajiluu yaanne. Qilleensi isaa hoʼaa fi jiidha kan qabu ture. Deddeebii gaaffiis taʼe qoʼattoota Kitaaba Qulqulluu waan hin qabneef, saʼaatii jaʼaaf manaa gara manaa tajaajiluu qabna turre. Tajaajila jalqabnee yeroo muraasa booda saʼaatii koo yeroon ilaalu daqiiqaa 40 qofa akka tajaajillen hubadhe! ‘Qajeelchitoota addaa taanee akkamitti itti fufuu dandeenya?’ jedhee yaaddaʼeen ture.
Utuu baayʼee hin turin garuu, barsiifata gaarii horachuu jalqabne. Guyyaa guyyaadhaan saanduchii qopheeffannee, akkasumas shoorbaa ykn buna feermuziitti qabannee baana turre. Yeroo boqonnaan nu barbaachisutti konkolaataa keenya gaaddisa mukaa jala dhaabna; yeroo kanatti ijoolleen Hindii babbareedoo taʼan nutti marsanii nu ilaalu turan! Guyyoota muraasa booda saʼaatii lama ykn sadii booda yeroon dafee akka deemu hubanne.
Namoota naannoo sanaa keessummaa simachuu jaallatan Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisuun baayʼee nama gammachiisa! Namoonni Hindii kan nama kabajan, garraamii fi Waaqayyoon kan sodaatani dha. Namoonni amantaa Hinduu hordofan hedduun dhugaa isaanitti himne fudhataniiru. Waaʼee Yihowaa, waaʼee Yesuus, waaʼee Kitaaba Qulqulluu, akkasumas waaʼee addunyaa haaraa fi waaʼee abdii warra duʼanii barachuu jaallatu. Waggaa tokko booda qoʼattoota Kitaaba Qulqulluu 20 arganne. Guyyaa hundumaa maatiiwwan qoʼachiisnu keessaa mana maatii tokkootii laaqana nyaanna turre. Baayʼee kan nama gammachiisu ture.
Achiis utuu baayʼee hin turin ramaddiin haaraa nuuf kenname; ramaddiin haaraa kunis naannoowwan qarqara Garba Hindiyaa jiranii fi baayʼee babbareedoo taʼan daawwachuu ture. Torbee torbeedhaan yeroo daawwannuttii fi yommuu babalʼistoota gumii keessa jiran jajjabeessinu maatiin tokko keessummummaa nu simata. Akka maatii isaanitti nu ilaalu; ijoollee isaaniis taʼe sarootaa fi adurroota isaanii wajjin ni taphanna turre. Waggoonni dabarsine lamaan baayʼee gammachiisoo turan. Achii waajjira damee irraa bilbilli nuuf bilbilame. “Gara Beetelitti akka deebitan barbaanna” nuu jedhan. Anis, “Bakki amma jirru baayʼee nutti toleera” jedheen isaaniif deebise. Haa taʼu malee, eessatti iyyuu yoo ramadamne ramaddii keenya fudhachuuf fedhii qabna.
BEETELITTI DEEBIʼUU
Beetelittis Dippaartimantii Tajaajilaa keessa akkan hojjedhun ramadame, achitti obboloota muuxannoo qaban hedduu wajjin hojjechuuf mirga argadheera. Yeroo sanatti, ilaaltuun ol aanaa aanaa gumii tokko erga daawwatee booda, waajjira dameetiif gabaasa dhiheessa. Achiis Dippaartimantiin Tajaajilaa gabaasa ilaaltuun ol aanaa aanaa erge irratti hundaaʼuudhaan, gumii sanaaf xalayaa erga. Xalayaan sunis kan ergamu jajjabeessuuf, akkasumas sirreeffamoonni yoo barbaachisan qajeelfama tokko tokko kennuuf ture. Barreessitoonni immoo gabaasa ilaaltuun ol aanaa aanaa Afaan Xoosaa, Zuuluu fi afaanota kaaniin gara waajjira dameetti ergan gara Afaan Ingiliffaatti hiikuu fi xalayaa waajjirri damee ergu immoo gara afaanota Afriikaa sanaatti hiikuuf jabaatanii hojjetu. Hiiktonni jabaatanii hojjetan kun rakkoowwan obbolootaa fi obboleettota keenya gurraachota Afriikaa taʼan irra gaʼu akkan hubadhu na gargaaruu isaaniitti guddaan isaan galateeffadha.
Yeroo sanatti Afriikaan Kibbaa sirna appaartaayidiitiin bulti turte. Namoonni sanyii garaa garaa taʼan iddoo garaa garaa waan jiraataniif, walitti hin dhihaatan turan. Obboloonni keenya gurraachota Afriikaa taʼan kan dubbatan, kan lallabanii fi walgaʼii kan geggeeffatan afaan dhalootaa isaaniitiini.
Gumiin yeroo hunda itti ramadamaa ture gumii Afaan Ingiliffaa waan tureef, gurraachota Afriikaa wajjin wal baruuf carraa hedduu hin arganneen ture. Amma garuu aadaa fi duudhaa gurraachota Afriikaa barachuuf carraa argadheera. Aadaa fi amantii naannoo isaaniitiin kan kaʼe obboloota keenya irra dhiibbaan akka gaʼu hubadheera. Maatii isaanii fi jiraattota mandara isaanii irraa mormii cimaan kan isaan irra gaʼu taʼus, ija jabinaan barsiifata Kitaaba Qulqulluu wajjin wal hin simnee fi gochawwan hafuurota hamoo wajjin wal qabatan dhiisaniiru. Namoonni naannoo baadiyyaa keessa jiraatan baayʼee hiyyeessota dha. Baayʼeen isaanii mana barumsaa galanii kan hin baranne taʼus, Kitaaba Qulqulluudhaaf kabaja qabu.
Dhimmoota seeraa bilisummaa waaqeffannaa fi siyaasa irraa walaba taʼuu wajjin wal qabatan irratti hojjechuuf mirga argadheen ture. Amanamummaa fi ija jabina ijoollee Dhugaa Baatota Yihowaa taʼanii arguun koo amantii koo naaf cimseera; isaan kadhannaa fi faarfannaa amantaa irratti hirmaachuu waan didaniif mana barumsaatii ariʼamanii turan.
Obboloota biyya Afriikaa xiqqoo taatee fi yeroo sanatti Suwaazilaandi jedhamtee beekamtu keessa jiraatan immoo rakkina kan biraatu mudate. Yommuu Sopuuzaa Mootichi Lammaffaan duʼetti lammiileen biyyatti hundi gadda isaanii ibsuuf sirna taʼe tokko akka raawwatan ajajamanii turan. Dhiironni rifeensa isaanii haaddachuu, dubartoonni immoo rifeensa isaanii gabaabfachuu qabu turan. Obboloonni keenya hedduun sirna abbootii durii waaqeffachuu wajjin wal qabatu akkasii irratti waan hin hirmaanneef, ariʼatamni isaan irra gaʼeera. Amanamummaa isaan Yihowaadhaaf qaban arguun keenya baayʼee nu gammachiiseera. Amanamummaa fi obsa ilaalchisee, obboloota keenya Afriikaa jiraatan irraa waan hedduu baranneerra; kun immoo amantii keenya nuuf cimseera.
GARA HOJII MAXXANSAATTI DEEBIʼUU
Bara 1981tti, mala maxxansaa Kompiitaraan deggeramu irratti gargaarsa akkan godhun ramadame. Kanaafuu, gara hojii maxxansaattan deebiʼe. Yeroon sun yeroo baayʼee nama gammachiisu ture! Malli maxxansaa baayʼee jijjiiramee ture. Bakka buʼaan dhaabbata daldalaa tolaan akka yaalluuf waajjira damee keenyaaf maashinii maxxansaa haaraa kenne. Kanaan kan kaʼes, maashinoota qabnu saglan maashinoota haaraa shaniin bakka buusne. Maashinii maxxansaa haaraa tokkos ni dhaabne. Hojiin maxxansaa isa duraanii caalaa baayʼee saffise!
Kompiiteroonni sooftiweerii MEPS (Multilanguage Electronic Publishing System) jedhamutti fayyadamuudhaan, mala haaraa qubeewwan fuula waraqaa irratti qindeessuun itti dandaʼamu kalaquuf nu gargaaraniiru. Nuti namoonni miseensa maatii Beetel isa Kaanaadaatti argamuu turre arfan gara Afriikaa Kibbaatti erga jijjiiramnee booda teknooloojiin baayʼee fooyyaʼaa deemeera. (Isa. 60:17) Yeroo sanatti arfan keenya iyyuu qajeelchitoota karaa hafuuraa cimoo taʼanii wajjin gaaʼela dhaabbanne. Anii fi Biil Beetel keessa tajaajilla turre. Keenii fi Deenis immoo naannoo nutti dhihoo taʼetti ijoollee guddisaa turan.
Hojiin waajjira damee keessatti hojjetamu dabalaa deeme. Barreeffamoonni Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan afaanota yeroo yeroodhaan dabalaniin ni hiikamu, akkasumas ni maxxanfamu; achiis gara waajjiroota damee kaanitti ni ergamu. Kanaafuu, gamoo haaraan nu barbaachise. Obboloonni naannoo bareedaa dhiha Johaanisbargitti argamutti gamoo erga ijaaranii booda, bara 1987tti gamoon sun tajaajila Yihowaatiif ni murteeffame. Yeroo hojiin kun babalʼatu arguun koo fi miseensa Koree Waajjira Damee Afriikaa Kibbaa taʼee waggoota hedduudhaaf tajaajiluun koo baayʼee na gammachiisa.
RAMADDII HAARAA KAN BIRAA
Bara 2001tti miseensa Koree Waajjira Damee Yuunaayitid Isteetis isa haaraa hundeeffame taʼee akkan tajaajilu affeeramuun koo baayʼee na ajaaʼibsiise. Hojii Afriikaa Kibbaatti hojjechaa turree fi michoota keenya dhiisnee deemuun kan nu gaddisiise taʼus, miseensa maatii Beetel isa Yuunaayitid Isteetis argamuu taanee tajaajiluuf baayʼee hawwinee turre.
Haati Laawuraa baayʼee dulloomanii waan turaniif, isaan dhiisnee deemuun baayʼee nu yaaddesse. Nuti Niiwu Yoorki teenyee isaan gargaaruu waan hin dandeenyeef, obboleettonni Laawuraa sadan haadha isaaniitiif karaa qaamaa, miiraa fi maallaqaa deggersa gochuuf walii galan. “Nuti tajaajila yeroo guutuu keessa galuu hin dandeenyu; wanta harmeedhaaf barbaachisu yoo dhiheessine garuu, isin tajaajila keessan itti fufuu dandeessu” nuun jedhan. Deeggarsa godhaniif baayʼee isaan galateeffanna.
Haaluma wal fakkaatuun, obboleessi koo fi haati manaa isaa warri Toorontoo, Kaanaadaa jiraatan, haadha koo ishii abbaan manaa irraa duʼe kunuunsaa turan. Haati koo waggaa 20 oliif isaanii wajjin jiraatteetti. Achiis Niiwu Yoorki geenyee utuma baayʼee hin turin ni duute; taʼus, hamma duututti jaalalaa fi kunuunsa ishiidhaaf godhaniif baayʼee isaan galateeffanna. Miseensota maatii warra keenya kunuunsuuf jireenya isaanii keessatti jijjiiramawwan ulfaatoo taʼan tokko tokko godhan qabaachuu keenyatti akka eebbifamne nutti dhagaʼama.
Hojiin waggoota muraasaaf waajjira damee Yuunaayitid Isteetis keessatti naaf kenname, hojii maxxansaa baayʼee ammayyaaʼaa fi salphaa taʼe keessatti hojjechuu ture. Yeroo ammaatti Dippaartimantii Bittaa keessatti hojjechaan jira. Waggoota 20f waajjira damee guddaa miseensota maatii Beetel gara 5000 taʼanii fi obboloota deddeebiʼanii gargaaran gara 2000 qabu keessatti tajaajiluun baayʼee na gammachiisa.
Waggoota jaatama dura, haala kana fakkaatu keessatti nan argama jedhee yaadee hin beeku. Laawuraan waggoota kana hunda keessatti deggersa guddaa naaf gochaa turte. Jireenya baayʼee gammachiisaa taʼe jiraachaan jira. Ramaddii garaa garaa keessatti hojjechuu keenyatti, akkasumas obboloota yeroo waajjiroota damee biyyoota garaa garaa jiran daawwachaa turretti wal barre dabalatee, obboloota gaggaarii taʼan wajjin hojjechuu keenyatti baayʼee galateeffanna. Amma umuriin koo waggaa 80 ol waan taʼeef, dargaggoonni hedduunis leenjiʼaa waan jiraniif, hojiin kanaan dura hojjedhu naaf hirʼateera.
Faarfatichi, “Sabni Waaqni isaa Yihowaa taʼe . . . gammadaa dha” jechuudhaan barreesseera. (Far. 33:12) Kun dhugaa akka taʼe argeera. Saba Yihowaa gammadoo taʼanii wajjin isa tajaajiluu dandaʼuu kootti baayʼeen galateeffadha.