MATA DUREE QOʼANNAA 26
Jaalalli Sodaa Moʼuuf kan Nu Gargaaru Akkamitti?
“Yihowaan na cinaa jira; ani hin sodaadhu.”—FAR. 118:6.
FAARFANNAA 105 “Waaqayyo Jaalala Dha”
QABIYYEEa
1. Sodaa akkamii qabaachuu dandeenya?
MEE haala Dhugaa Baatonni Yihowaa tokko tokko keessa darban haa ilaallu. Neestarii fi haati manaa isaa Maariyaan bakka gargaarsi caalaatti barbaachisu deemanii tajaajiluu barbaadu turan.b Kana gochuuf garuu akkaataa jireenyaa isaaniirratti jijjiirama gochuun isaan barbaachisa ture. Kanaafuu, ‘Maallaqa xinnoodhaan jiraachuun gammachuu nu dhabsiisaa laata?ʼ jedhanii sodaatanii turan. Biiniyaam Dhugaa Baatuu Yihowaa kan taʼe biyya hojii keenyarra mormiin gaʼu keessattidha; kanaafuu, ariʼatamni isarra gaʼuu akka dandaʼu hubate. Kunis isa sodaachisee ture. Maatiin isaa amantaa biraa akka qabate yeroo beekanitti maaltu akka isaanitti dhagaʼamu yeroo yaadu immoo caalaatti sodaate. Vaalariin immoo dhibee kaansarii baayʼee cimaa taʼee wajjin walʼaansoo gooti; doktara yaalii baqaqsanii hodhuu hojjetuu fi dhiiga ilaalchisee ejjennoo ishii ishiidhaaf kabaju argachuuf carraaqqii gochaa turte. Yeroo kanatti, ‘Nan duʼaa laata?ʼ jettee akka sodaatte hin shakkisiisu.
2. Sodaa keenya moʼuuf carraaqqii gochuun kan nu barbaachisu maaliifi?
2 Sodaan akkasii sitti dhagaʼamee beekaa? Baayʼeen keenya akkas nutti dhagaʼamee beeka. Sodaa keenya yoo toʼachuu baanne murtoo gadhee walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabnu nu jalaa balleessu gochuu dandeenya. Seexannis kana barbaada. Kana malees, ajaja misiraachicha akka lallabnu nuuf kenname dabalatee seera Yihowaatiif akka hin ajajamne gochuuf miira sodaatti fayyadama. (Mul. 12:17) Seexanni hamaa fi gara jabeessadha, humnas qaba. Taʼus, isarraa of eeguu ni dandeessa. Akkamitti?
3. Sodaa keenya moʼuuf maaltu nu gargaara?
3 Yihowaan akka nu jaallatuu fi nu cinaa akka jiru mirkanaaʼoo yoo taane, Seexanni nu sodaachisuu hin dandaʼu. (Far. 118:6) Fakkeenyaaf, barreessaan Faarfannaa 118 haalli baayʼee nama dhiphisu isa mudateera. Namoota beekamoo dabalatee diinota hedduu qaba (lakkoofsa 9, 10). Yeroo tokko tokko haalli isaa baayʼee hammaata (lakkoofsa 13). Yihowaanis adaba cimaa isaaf kennee ture (lakkoofsa 18). Taʼus, faarfataan sun, “Ani hin sodaadhu” jedhee faarfachuuf kakaʼeera. Wanti hamma kana tasgabbiin akka isatti dhagaʼamu godhe maali? Abbaa isaa isa samii kan taʼe Yihowaan adaba kan isaaf kenne taʼus, baayʼee akka isa jaallatu beeka. Faarfataan kun haalli akkamiiyyuu yoo isa mudate Waaqni isaa inni jaalala qabeessi yeroo hundumaa isa gargaaruuf qophaaʼaa akka taʼe mirkanaaʼaadha.—Far. 118:29.
4. Waaqayyo akka nu jaallatu mirkanaaʼoo yoo taane sodaa akkamii moʼuu dandeenya?
4 Yihowaan dhuunfaatti akka nu jaallatu mirkanaaʼoo taʼuu qabna. Amanannaa akkasii qabaachuun keenya wantoota yeroo baayʼee nu sodaachisan sadii moʼuuf nu gargaara. Isaanis, (1) wanta maatii kootiif barbaachisu dhiheessuu hin dandaʼu jedhanii sodaachuu, (2) nama sodaachuu fi (3) duʼa sodaachuudha. Namoonni keeyyata jalqabaarratti caqasaman Yihowaan akka isaan jaallatu mirkanaaʼoo waan taʼaniif sodaa isaanii moʼaniiru.
WANTA MAATII KOOTIIF BARBAACHISU DHIHEESSUU HIN DANDAʼU JEDHANII SODAACHUU
Obboleessi tokko wanta karaa qaamaa maatii isaatiif barbaachisu dhiheessuuf qurxummii qabaa jira; ilmi isaas isa wajjin jira (Keeyyata 5)
5. Mataan maatii tokko wantoonni akkamii isa yaaddessuu dandaʼu? (Fakkii qola isaa irra jiru ilaali.)
5 Kiristiyaanni mataa maatii taʼe tokko itti gaafatamummaa karaa qaamaa maatii isaa kunuunsuuf qabuuf iddoo guddaa kenna. (1 Xim. 5:8) Mataa maatii yoo taate weerara dhibee dhiheenyatti mudateen kan kaʼe, hojii kee akka hin dhabne sodaattee turte taʼa. Maatii keetiif nyaata dhiheessuus taʼe, kiraa manaa kaffaluu akka hin dandeenye sitti dhagaʼamee taʼuu dandaʼa. Kana malees, hojii kana yoon dhabe hojii biraa hin argadhu jettee sodaattee taʼuu dandaʼa. Yookiin immoo akkuma Neestarii fi Maariyaa maallaqa xinnoodhaan jiraachuu akka hin dandeenye sitti dhagaʼama taʼa. Seexanni sodaa akkasiitti fayyadamee namoota hedduu gufachiisuu dandaʼeera.
6. Seexanni maal jennee akka amannu gochuuf yaala?
6 Seexanni Yihowaan dhuunfaatti akka nuuf hin yaannee fi carraaqqii maatii keenya kunuunsuuf goonurratti akka inni nu hin gargaarre nu amansiisuuf yaala. Kanaan kan kaʼes, qajeelfama Waaqayyoo akka dagannu kan nu godhu yoo taʼellee hojii keenya akka hin dhabneef aarsaa kamiyyuu kaffaluuf murteessina taʼa.
7. Yihowaan maal nuuf mirkaneesseera?
7 Yesuus inni Abbaa keenya isa samii eenyuyyuu caalaa beeku Waaqni keenya, ‘utuu isa hin gaafatin iyyuu wanta nu barbaachisu akka beekuʼ nuuf mirkaneesseera. (Mat. 6:8) Kana malees, Yesuus Yihowaan wanta nu barbaachisu nuu guutuuf qophaaʼaa akka taʼe beeka. Kiristiyaanota waan taaneef nuti miseensota maatii Waaqayyooti. Yihowaan mataa maatii waan taʼeef wanta 1 Ximotewos 5:8 irratti mataawwan maatii ajaje akka raawwatu amanannaa qabaachuu dandeenya.
Yihowaan wanta nu barbaachisu qabaachuu keenya ni hordofa. Nu gargaaruufis obboloota keenyatti fayyadamuu dandaʼa (Keeyyata 8 ilaali)d
8. (a) Sodaa wanta maatii keenyaaf barbaachisu dhiheessuu akka hin dandeenye nutti dhagaʼamu moʼuuf maaltu nu gargaara? (Maatewos 6:31-33) (b) Fakkeenya hiriyoota gaaʼelaa fakkicharratti mulʼatanii fi obboleettii takkaaf nyaata fidaa jiran kanaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti?
8 Yihowaan nuunis taʼe maatii keenya akka jaallatu mirkanaaʼoo yoo taane wantoota nu barbaachisan akka argannu amanuun nu hin rakkisu. (Maatewos 6:31-33 dubbisi.) Yihowaan wanta nu barbaachisu nuuf qopheessuuf fedhii qaba; inni Abbaa jaalala qabeessaa fi arjaadha. Yommuu lafa uume kan inni nuuf kenne wantoota jireenyaaf nu barbaachisan qofa miti. Jaalalaan kakaʼee lafti wantoota nu gammachiisan hedduudhaan akka guutamtu godheera. (Uma. 2:9) Yeroo tokko tokko wanti nuti qabnu wantuma nu barbaachisu qofa yoo taʼellee, wanta nu barbaachisu kan nuuf qopheesse Yihowaa akka taʼe yaadachuun keenya barbaachisaadha. (Mat. 6:11) Qabeenyi yeroo ammaatti aarsaa goonu kamiyyuu wanta Waaqni keenya yeroo ammaattis taʼe gara fuulduraatti nuuf kennu wajjin kan wal gitu akka hin taane yaadachuu qabna. Neestarii fi Maariyaan kana hubataniiru.—Isa. 65:21, 22.
9. Fakkeenya Neestarii fi Maariyaa irraa maal baratte?
9 Neestarii fi Maariyaan Kolombiyaa keessa jireenya qananii jiraatu turan. Akkana jedhaniiru: “Jireenya keenya salphisuudhaan tajaajila keenya balʼifachuuf yaannee turre; taʼus, maallaqa xinnoodhaan jiraachuun gammachuu nu dhabsiisa jennee waan yaanneef sodaannee turre.” Maarree, sodaa isaanii moʼuuf maaltu isaan gargaare? Yihowaan karaa hedduudhaan akkamitti jaalala akka isaanitti argisiise xiinxaluu isaaniiti. Yihowaan yeroo hunda akka isaan kunuunsu waan amananiif hojii mindaa guddaa isaaniif argamsiisu ni dhiisan. Mana isaanii gurguruudhaan gara kutaa biyyattii gargaarsi caalaatti barbaachisu deeman. Maarree, murtoo isaanii ilaalchisee maaltu isaanitti dhagaʼame? Neestar akkana jedheera: “Maatewos 6:33 dhugaa taʼuu isaa argineerra. Homtuu nutti hirʼatee hin beeku. Amma jireenyi keenya caalaatti gammachiisaa taʼeera.”
NAMA SODAACHUU
10. Namoonni wal sodaachuun isaanii nama hin dinqisiisu kan jennu maaliifi?
10 Addaamii fi Hewaan Waaqayyorratti erga fincilanii kaasee ilmaan namootaa miidhaa walirratti geessisaa jiru. (Lal. 8:9) Fakkeenyaaf, namoonni aangoo qaban aangoo isaaniitti karaa sirrii hin taaneen fayyadamu, namoonni tokko tokko yakka raawwatu, ijoolleen abbaa humnaa taʼan ijoollee isaan wajjin baratan ni arrabsu, akkasumas ni sossodaachisu, namoonni tokko tokkommoo maatii isaanii irrattillee wanta hamaa taʼe raawwatu. Kanaafuu, namoonni wal sodaachuun isaanii nama hin dinqisiisu. Maarree, Seexanni miira kanatti kan fayyadamu akkamitti?
11-12. Seexanni ejjennoo keenya akka laaffisnu gochuuf sodaa namaatti kan fayyadamu akkamitti?
11 Seexanni nama sodaannee ejjennoo keenya akka laaffisnuu fi lallabuu akka dhaabnu gochuuf yaala. Mootummoonni dhiibbaa Seexanaatiin hojii keenyarra dhorkaa kaaʼu, akkasumas ariʼatama nurraan geessisu. (Luq. 21:12; Mul. 2:10) Addunyaan Seexanaa Dhugaa Baatota Yihowaa ilaalchisee odeeffannoo dogoggoraa fi soba babalʼisa. Namoonni soba kana amanan nutti qoosuu, darbees miidhaa qaamaa nurraan gaʼuu dandaʼu. (Mat. 10:36) Tooftaaleen Seexanaa nu dinqisiisuu qabuu? Matumaa. Seexanni jaarraa jalqabaattis tooftaalee kanatti fayyadamaa ture.—HoE. 5:27, 28, 40.
Miseensonni maatii keenyaa yoo nu mormanillee Yihowaan akka nu jaallatu amanannaa qabaachuu ni dandeenya (Keeyyata 12-14 ilaali)e
12 Meeshaan waraanaa Seexanni itti fayyadamu mormii mootummaa sodaachuu qofa miti. Namoonni tokko tokko ‘Dhugaa Baatuu Yihowaa yoon taʼe maatii kootti maaltu dhagaʼama?ʼ jedhanii sodaatu; miidhaa qaamaa isaanirra gaʼu caalaa waaʼee kanaatu isaan sodaachisa. Firoota isaanii baayʼee waan jaallataniif, waaʼee Yihowaa akka beekanii fi akka isa jaallatan barbaadu. Firoonni isaanii waaʼee Waaqa isaanii fi waaʼee tajaajiltoota isaa tuffiidhaan yeroo dubbatan dhagaʼuun baayʼee isaan gaddisiisa. Haa taʼu malee, firoonni jalqaba mormaa turan tokko tokko yeroo booda gara dhugaa dhufaniiru. Maarree, miseensonni maatii keenya amantaa keenya isa haaraadhaan kan kaʼe, walitti dhufeenya nu wajjin qaban yoo addaan kutan maal gochuu qabna?
13. Miseensonni maatii keenya walitti dhufeenya nu wajjin qaban yoo addaan kutan Waaqayyo akka nu jaallatu amanannaa qabaachuun keenya kan nu gargaaru akkamitti? (Faarfannaa 27:10)
13 Yaanni Faarfannaa 27:10 irratti argamu baayʼee nu jajjabeessa. (Dubbisi.) Yihowaan hammam akka nu jaallatu yoo yaadanne mormii nurra gaʼuun kan kaʼe hin yaaddofnu. Jabaannee dhaabbachuu keenyaafis akka nu kiisu amanannaa qabna. Yihowaan eenyuyyuu caalaa wanta karaa qaamaa, karaa miiraa fi karaa hafuuraa nu barbaachisu nuuf guuta. Biiniyaam inni olitti caqasame kana hubateera.
14. Fakkeenya Biiniyaam irraa maal baratte?
14 Biiniyaam ariʼatamni ciccimaan akka isarra gaʼu utuma beekuu Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼe. Yihowaan akka isa jaallatu beekuun isaa sodaa namaa moʼuuf akkamitti akka isa gargaare haa ilaallu. Akkana jedheera: “Ariʼatamni narra gaʼe hamman yaade caalaa ulfaataa ture. Ariʼatama mootummaarraa narra gaʼurra ariʼatama maatii koorraa narra gaʼutu caalaatti na sodaachise. Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuuf murteessuun koo abbaa koo isa hin amanne baayʼee akka gaddisiisuu fi kabaja maatii koo akka na dhabsiisu yaadee waanan tureef sodaadheen ture.” Haa taʼu malee, Biiniyaam Yihowaan yeroo hunda namoota jaallatu akka kunuunsu amanannaa qaba ture. Akkana jedheera: “Yihowaan warri kaan rakkina dinagdee, jibba halaalaa fi jeequmsa akka dandamatan kan gargaare akkamitti akka taʼen xiinxale. Yihowaan isatti maxxanee yoon jiraadhe akka na eebbisu beeka. Yeroo garaa garaatti yeroon hidhamaa fi dararamaa turetti Yihowaan amanamummaa keenya yoo eegganne yeroo nu barbaachisutti akka nu gargaaru arguu dandaʼeera.” Yihowaan Biiniyaamiif Abbaa taʼeera, sabni isaas maatii isaaf taʼaniiru.
DUʼA SODAACHUU
15. Duʼa kan sodaannu maaliifi?
15 Kitaabni qulqulluun duuti diina akka taʼe dubbata. (1 Qor. 15:25, 26) Keessumaa yeroo baayʼee dhukkubsannu ykn namni jaallannu yeroo baayʼee dhukkubsatu waaʼee duʼaa yaaduun nu dhiphisuu dandaʼa. Duʼa kan sodaannu maaliifi? Yihowaan bara baraaf jireenyatti akka gammannu godhee waan nu uumeefi. (Lal. 3:11) Duʼa sodaachuun keenya jireenya keenya balaarraa eeguuf nu gargaaruu dandaʼa. Fakkeenyaaf, nyaata madaalamaa akka nyaannuu fi sochii qaamaa akka goonu, yeroo barbaachisutti mana yaalaa akka deemnu, akkasumas utuu hin barbaachisin lubbuu keenya balaadhaaf akka hin saaxille nu kakaasuu dandaʼa.
16. Seexanni sodaa duʼaa uumamaan qabnutti fayyadamuuf kan yaalu akkamitti?
16 Seexanni jireenya keenyaaf iddoo guddaa akka kenninu beeka. Haa taʼu malee, inni lubbuudhaan jiraachuuf jennee michummaa Yihowaa wajjin qabnullee aarsaa akka goonu dubbateera. (Iyo. 2:4, 5) Wanti Seexanni dubbate sobadha. Taʼus, inni, “isa duʼa fiduuf humna qabu sana” waan taʼeef, Yihowaa akka dhiisnu gochuuf sodaa uumamaan qabnu kanatti fayyadamuuf yaala. (Ibr. 2:14, 15) Yeroo tokko tokko bakka buutonni Seexanaa amantii isaanii yoo ganuu baatan akka isaan ajjeesan tajaajiltoota Yihowaa sodaachisu. Yeroo kan biraattimmoo, Seexanni ejjennoo keenya akka laaffisnu gochuuf dhukkuba cimaa nu mudatetti fayyadamuuf yaala. Ogeeyyiin fayyaa fi miseensonni maatii keenya hin amanne, seera Waaqayyoo cabsinee dhiiga akka fudhannu dhiibbaa nurratti godhu taʼa. Yookiin immoo, namni kan biraan yaalii fayyaa Kitaaba Qulqulluu wajjin wal hin simne akka fudhannu nu amansiisuuf yaala taʼa.
17. Akka Roomaa 8:37-39 irratti ibsametti duʼa sodaachuun kan nu hin barbaachisne maaliifi?
17 Duʼuu kan hin barbaanne taʼus Yihowaan yoo duunellee nu jaallachuu isaa akka itti fufu beekna. (Roomaa 8:37-39 dubbisi.) Yihowaan michoota isaa duʼan akka waan lubbuudhaan jiraniitti yaadata. (Luq. 20:37, 38) Gara jireenyaatti isaan deebisuufis ni hawwa. (Iyo. 14:15) ‘Jireenya bara baraa akka qabaannuufʼ jecha gatii guddaa kaffaleera. (Yoh. 3:16) Yihowaan baayʼee akka nu jaallatuu fi akka nuuf yaadu beekna. Kanaafuu, yeroo dhukkubsannutti ykn yeroo duʼaaf saaxilamnutti Yihowaarraa fagaachuu mannaa, jajjabina, ogummaa fi cimina argachuuf isatti dhihaanna. Vaalarii fi abbaan manaa ishiis kana godhaniiru.—Far. 41:3.
18. Fakkeenya Vaalarii irraa maal baratte?
18 Vaalariin dhibee kaansarii cimaa baramaa hin taaneen kan qabamte umurii ishii waggaa 35ttidha. Mee jaalalli sodaa duʼaa moʼuuf kan ishii gargaare akkamitti akka taʼe haa ilaallu. Akkana jetteetti: “Kaansariidhaan qabamuun koo jireenyi keenya takkaatti akka jijjiiramu godheera. Lubbuudhaan itti fufuuf yaaliin baqaqsanii hodhuu cimaa taʼe na barbaachisa ture. Doktaroota yaalii kana godhan hedduu kanan mariisise taʼus, hundi isaaniiyyuu dhiiga malee yaalii naaf gochuu didan. Sodaadhee kanan ture taʼus, Waaqayyoof ajajamuu waanan barbaadeef dhiiga fudhachuun dide. Yihowaan jireenya koo guutuu jaalala guddaa natti argisiiseera. Ammammoo jaalalan isaaf qabu argisiisuuf carraa argadheera. Yeroon wanta na gaddisiisu dhagaʼu hundumaatti Yihowaa gammachiisuu fi Seexana qaanessuuf caalaattan kutadha. Yeroo booda dhiiga malee yaaliin baqaqsanii hodhuu milkaaʼinaan naaf godhameera. Ammayyuu na dhukkuba; taʼus Yihowaan wanta nu barbaachisu nuuf guutuu isaa itti fufeera. Fakkeenyaaf, kaansariidhaan akkan qabame beekuu koo dura walgaʼii gumiirratti mata duree, ‘Rakkoowwan Yeroo Harʼaa Jiran Jabinaan Moʼuuʼ jedhu qoʼannee turre.c Mata dureen kun baayʼee nu jajjabeesse. Irra deddeebinee dubbisneerra. Mata dureewwan akkasii dubbisuun keenyaa fi barsiifata hafuuraa gaarii qabaachuun keenya nagaa sammuu qabaachuuf, madaallii keenya eeggachuu fi murtoo gaarii gochuuf nu gargaareera.”
SODAA KEENYA MOʼUU
19. Dhiheenyatti maaltu raawwatama?
19 Kiristiyaanonni addunyaa maratti argaman gargaarsa Yihowaatiin haalawwan rakkisoo moʼuu fi Diyaabilosiin mormuu dandaʼaniiru. (1 Phe. 5:8, 9) Atis ni dandeessa. Dhiheenyatti Yihowaan Yesuusii fi warri isaa wajjin bulchan ‘hojii Diyaabilos akka diiganʼ ajaja isaaniif kenna. (1 Yoh. 3:8) Sana booda sabni Waaqayyoo ‘homaa utuu hin sodaatin, sababa itti jeeqamanis utuu hin qabaatinʼ lafarratti isa tajaajilu. (Isa. 54:14; Mik. 4:4) Hammasitti garuu sodaa keenya moʼuuf carraaqqii gochuun nu barbaachisa.
20. Sodaa keenya moʼuuf maaltu nu gargaara?
20 Yihowaan tajaajiltoota isaa akka jaallatuu fi akka eegu amanannaa qabnu cimsachuu keenya itti fufuu qabna. Yihowaan tajaajiltoota isaa bara duriitti turaniif akkamitti eegumsa akka godhe xiinxaluu fi dubbachuun keenyas kana gochuuf nu gargaara. Kana malees, dhuunfaatti haalawwan nama dhiphisan akka dandamannu kan nu gargaare akkamitti akka taʼe yaadachuu dandeenya. Eeyyee, gargaarsa Yihowaatiin sodaa keenya moʼuu ni dandeenya.—Far. 34:4.
FAARFANNAA 129 Jabaannee Dhaabbachuu Keenya Itti Fufna
a Sodaan miira sirrii balaarraa nu eeguu dandaʼudha. Yeroo tokko tokko garuu sodaachuun keenya balaa nurraan geessisuu dandaʼa. Akkamitti? Seexanni murtoo sirrii hin taane akka goonuuf miira sodaatti fayyadamuu dandaʼa. Kanaafuu, sodaa akkasii moʼuuf jabaannee hojjechuu qabna. Maarree, maaltu nu gargaara? Mata duree kana keessatti akkuma ilaallu Yihowaan nu cinaa akka jiruu fi akka nu jaallatu mirkanaaʼoo taʼuun keenya sodaa moʼuuf nu gargaara.
b Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.
d IBSA FAKKII: Obboleettii jabaattee hojjettu takkaa fi maatii ishiitiif hiriyoonni gaaʼelaa gumii ishii jiran nyaata fidaa jiru.
e IBSA FAKKII: Obboleessi dargaggeessi tokko warri isaa isa mormaa jiru; inni garuu Waaqayyo akka isa gargaaru amanannaa qaba.