LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w22 Onkoloolessa ful. 6-11
  • Gammachuu Dhugaa Argachuu ni Dandeessa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Gammachuu Dhugaa Argachuu ni Dandeessa
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2022
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • NYAATA HAFUURAA SOORADHAA
  • ULAAGAALEE YIHOWAATIIF AJAJAMI
  • WAAQEFFANNAA YIHOWAATIIF DURSA KENNI
  • FAKKEENYA GAARII
  • Warri “Waaqa Gammadaa” Tajaajilan Gammadoo Dha
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2018
  • Gammachuu Argachuu Kan Dandeenyu Akkamitti?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2022
w22 Onkoloolessa ful. 6-11

MATA DUREE QOʼANNAA 41

Gammachuu Dhugaa Argachuu ni Dandeessa

“Namni Yihowaa sodaatu, namni daandiiwwan isaa irra deemu hundi gammadaa dha.”—FAR. 128:1.

FAARFANNAA 110 ‘Gammachuu Waaqayyo Kennu’

QABIYYEEa

1. Fedhii hafuuraa akkamii qabna? Kun hoo gammachuu wajjin kan walqabatu akkamitti?

GAMMACHUU dhugaan miira yeroo taʼe tokko jiraatee yeroo kan biraatti badu miti. Miira umurii keenya guutuu itti fufuu dandaʼudha. Akkas kan jennu maaliifi? Yesuus Lallaba isaa Isa Gaaraarratti, “Warri wantoota hafuuraa dheebotan gammadoo dha” jedheera. (Mat. 5:3) Yesuus namoonni uumamaan Yihowaa isa Uumaa isaanii taʼe beekuu fi waaqeffachuuf fedhii cimaa akka qaban beeka. ‘Wantoota hafuuraa dheebochuu’ jechuun kanadha. Yihowaan, “Waaqa gammadaa waan taʼeef,” warri isa waaqeffatanis gammadoo taʼuu ni dandaʼu.—1 Xim. 1:11.

“Warri qajeelummaadhaaf jedhanii ariʼataman gammadoo dha.”—Mat. 5:10 (Keeyyata 2-3 ilaali)d

2-3. (a) Akka Yesuus dubbatetti namoonni haala akkamii keessa jiran gammachuu qabaachuu dandaʼu? (b) Mata duree kana keessatti maal ilaalla? Barbaachisaa kan taʼe hoo maaliifi?

2 Gammachuu kan argannu jireenya rakkinarraa walaba taʼe yoo jiraanne qofadhaa? Lakki. Yesuus Lallaba Isaa isa Gaaraarratti wanta nama dinqisiisu tokko dubbateera. “Warri gaddan” gammachuu qabaachuu akka dandaʼan ibseera; tarii kan gaddan cubbuu raawwataniin ykn haala rakkisaa jireenya isaanii keessatti isaan mudateen kan kaʼe taʼuu dandaʼa. Kana malees, Yesuus “warri qajeelummaadhaaf jedhanii ariʼataman” ykn warri duuka buutota Kiristoos taʼuu isaaniitiin ‘arrabsaman’ gammadoo akka taʼan dubbateera. (Mat. 5:4, 10, 11) Haa taʼu malee, haala akkasii keessatti gammachuu dhugaa qabaachuun kan dandaʼamu akkamitti?

3 Yesuus gammachuu dhugaa qabaachuu kan dandeenyu jireenya rakkinarraa walaba taʼe jiraachuudhaan utuu hin taʼin, fedhii hafuuraa keenya guuttachuu fi Waaqayyotti dhihaachuudhaan akka taʼe barsiiseera. (Yaq. 4:8) Maarree, kana gochuu kan dandeenyu akkamitti? Mata duree kana keessatti tarkaanfiiwwan gammachuu dhugaa nuuf argamsiisan sadii ilaalla.

NYAATA HAFUURAA SOORADHAA

4. Gammachuu dhugaa argachuuf tarkaanfiin fudhachuu qabnu inni jalqabaa isa kami? (Faarfannaa 1:1-3)

4 TARKAANFII 1FFAA: Gammachuu dhugaa argachuuf nyaata hafuuraa soorachuu qabna. Namoonnis taʼan bineeldonni jireenya isaanii itti fufsiisuuf nyaanni foonii isaan barbaachisa. Haa taʼu malee, nyaata hafuuraa soorachuu kan dandaʼanis taʼe, nyaanni akkasii kan isaan barbaachisu namoota qofadha. Isaan barbaachisas. Yesuus, “Namni dubbii afaan Yihowaa keessaa baʼu hundumaatiin malee, nyaata qofaan jiraachuu hin dandaʼu” kan jedhe kanaafi. (Mat. 4:4) Kanaafuu, nyaata hafuuraa Dubbii Waaqayyoo keessaa argamu utuu hin sooratin guyyaan tokkollee akka nutti darbu gochuu hin qabnu. Faarfatichi, ‘Namni seera Yihowaatti gammaduu fi seera isaa halkanii fi guyyaa dubbisu gammadaa akka taʼu’ dubbateera.—Faarfannaa 1:1-3 dubbisi.

5-6. (a) Kitaaba Qulqulluurraa maal barachuu dandeenya? (b) Kitaaba Qulqulluu dubbisuun kan nu fayyadu karaawwan kamiini?

5 Yihowaan waan nu jaallatuuf jireenya gammachiisaa jiraachuuf maal gochuu akka qabnu Kitaaba Qulqulluu keessatti nuuf ibseera. Kitaaba Qulqulluurraa kaayyoo inni nuuf qabu baranna. Akkamitti isatti dhihaachuu fi cubbuu keenyaaf dhiifama argachuu akka dandeenyu, akkasumas waaʼee abdii dinqisiisaa inni nuuf kennee ni baranna. (Er. 29:11) Dhugaawwan Kitaaba Qulqulluu qoʼachuudhaan baranne kun garaan keenya gammachuudhaan akka guutamu godhu.

6 Akkuma beeknu Kitaabni Qulqulluun gorsawwan jireenya guyyaa guyyaatiif taʼaniin kan guutamedha. Gorsawwan kana yeroo hojiirra oolchinu gammachuu arganna. Rakkina jireenya kee keessatti si mudateen yommuu abdii kutattu Kitaaba Qulqulluu dubbisuu fi irratti xiinxaluudhaan yeroo dabalataa dabarsi. Yesuus, “Gammadoon . . . namoota dubbii Waaqayyoo dhagaʼanii hojii irra oolchani dha” jedheera.—Luq. 11:28

7. Yeroo Kitaaba Qulqulluu dubbisuudhaan dabarsitutti akka gaariitti fayyadamuu kan dandeessu akkamitti?

7 Yommuu Kitaaba Qulqulluu dubbistu yeroo fudhattee wanta dubbisturratti xiinxaluudhaan dubbisni kee gammachiisaa akka siif taʼu godhi. Fakkeenyaaf, haalli armaan gadii si mudatee beekaa? Namni tokko nyaata jaallattu tokko siif qopheesse. Taʼus, baayʼee jarjaruudhaan ykn sammuun kee wayitti qabamee utuu hin dhandhamin nyaaticha saffisaan nyaatte. Erga nyaattee xumurtee booda garuu saffisa guddaadhaan akka nyaatte sitti beekame. Kanaafuu, ‘Utuun suuta jedhee dhandhamaa nyaadhee maal taʼa?’ jettee yaadda. Haaluma wal fakkaatuun, yeroo tokko tokko Kitaaba Qulqulluu ariitiidhaan dubbisuu keetiin kan kaʼe ergaa isaa utuu hin hubatin haftee beekta taʼa. Taanaan, dubbisni Kitaaba Qulqulluu kee gammachiisaa akka siif taʼuuf yeroo dubbistu haala raawwatamaa jiru ilaaluuf, sagalee naannoo isaa jiru dhagaʼuuf, akkasumas wanta dubbisturratti yaaduuf yeroo ramadi. Akkas gochuun kee gammachuun kee akka dabalu godha.

8. “Garbichi amanamaanii fi ogeessi” itti gaafatamummaa isaa baʼaa kan jiru akkamitti? (Miiljalees ilaali.)

8 Yesuus yeroo sirrii taʼetti nyaata hafuuraa akka qopheessuuf, ‘garbicha amanamaa fi ogeessa’ muudeera. Karaa hafuuraa akka gaariitti soorachaa kan jirru kanaafi.b (Mat. 24:45) Wanti garbichi amanamaan kun qopheessu hundi Dubbii Waaqayyoo isa geggeessaa hafuuraatiin barreeffamerratti kan hundaaʼedha. (1 Tas. 2:13) Nyaanni hafuuraa kun yaada Yihowaa Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame beekuuf nu gargaara. Barruulee Masaraa Eegumsaa fi Dammaqaa!, akkasumas mata dureewwan jw.org irratti baʼan kan dubbisnu kanaafi. Walgaʼii torban gidduu fi dhuma torbaniitti godhamuuf ni qophoofna. Afaan keenyaan yoo jiraate sagantaa JW Biroodkaastiingii jiʼa jiʼaan qophaaʼu ni ilaalla. Karaa hafuuraa akka gaariitti soorachuun tarkaanfii gammachuu nuuf argamsiisu isa lammaffaa fudhachuuf nu gargaara.

ULAAGAALEE YIHOWAATIIF AJAJAMI

9. Tarkaanfiin gammachuu dhugaa nuuf argamsiisu inni lammaffaan maalidha?

9 TARKAANFII 2FFAA: Gammachuu dhugaa argachuuf ulaagaalee Yihowaatiif ajajamuu qabna. Faarfatichi, “Namni Yihowaa sodaatu, namni daandiiwwan isaa irra deemu hundi gammadaa dha” jedhee barreesseera. (Far. 128:1) Yihowaa sodaachuu jechuun kabaja guddaa isaaf qabnuun kakaanee wanta isa gaddisiisu akkamiiyyuu raawwachuurraa fagaachuu jechuudha. (Fak. 16:6) Kanaafuu, ulaagaalee Yihowaan wanta sirrii fi dogoggora taʼe ilaalchisee baasee fi Kitaaba Qulqulluu keessatti argamu hordofuuf carraaqqii goona. (2 Qor. 7:1) Wanta Yihowaan jaallatu yeroo goonuu fi wanta inni jibburraa yeroo fagaannu gammadoo taana.—Far. 37:27; 97:10; Rom. 12:9.

10. Roomaan 12:2 akka ibsutti itti gaafatamummaa akkamii qabna?

10 Roomaa 12:2 dubbisi. Namni tokko Yihowaan wanti sirrii fi wanti dogoggora taʼe isa kam akka taʼe murteessuuf aangoo akka qabu beeka taʼa; taʼus ulaagaa isaa kana kabajuu qaba. Fakkeenyaaf, namni tokko mootummaan saffisa ittiin daandii saffisaarra konkolaachisu murteessuuf aangoo akka qabu kan beeku taʼus, daangaa kana kabajuuf fedhii hin qabu taʼa. Kanaan kan kaʼes, saffisa isaaf heyyamamurra dabarsee konkolaachisa. Ulaagaalee Yihowaa hordofuun akkaataa jireenyaa hundarra wayyu taʼuu isaa garaadhaa akka amannu gocha keenyaan argisiisna. (Fak. 12:28) Daawit akkas isatti dhagaʼamee ture; Yihowaadhaan akkana kan jedhe kanaafi: “Daandii jireenyaa na beeksisteetta. Fuula kee dura gammachuu hedduutu jira; gara harka mirgaa keetiinis bara baraaf gammachuutu jira.”—Far. 16:11.

11-12. (a) Yeroo dhiphannu ykn abdii kutannutti maal akka hin goone of eeggachuu qabna? (b) Yaanni Filiphisiyus 4:8 irratti argamu bashannana filachuurratti kan nu gargaaru akkamitti?

11 Sababa taʼe tokkoon yeroo dhiphannu ykn abdii kutannu, dhiphina keenyarraa boqonnaa argachuuf wanta tokko gochuun akka nu barbaachisu nutti dhagaʼama taʼa. Kun waanuma jirudha; taʼus wanta Yihowaan jibbu akka hin raawwanne of eeggachuu qabna.—Efe. 5:10-12, 15-17

12 Phaawulos ergamaan xalayaa warra Filiphisiyusiif ergerratti Kiristiyaanonni wanta ‘qajeelaa, qulqulluu, jaallatamaa fi gaarii’ taʼe yaaduu isaanii akka itti fufan jajjabeesseera. (Filiphisiyus 4:8 dubbisi.) Phaawulos asirratti waaʼee bashannanaa adda baasee kan hin dubbanne taʼus, wanti inni barreesse kun wanta yeroo ittiin dabarsuuf filannurratti dhiibbaa gochuu qaba. Kana gochuuf yaali: Yeroo jecha caqasicha keessatti “wanta” jedhu argitu hundatti jecha “sirba,” “fiilmii,” “asoosama” ykn “geemii” jedhuun bakka buusii dubbisi. Kana gochuun kee wanta Waaqayyo biratti fudhatama qabuu fi fudhatama hin qabne adda baafachuuf si gargaara. Akkaataan jireenyaa keenya ulaagaa qajeelinaa Yihowaa warra olaanoo wajjin akka wal simu barbaanna. (Far. 119:1-3) Taanaan, qalbii qulqulluudhaan tarkaanfii gammachuu dhugaa nuuf argamsiisu isa sadaffaa fudhachuu dandeenya.—HoE. 23:1.

WAAQEFFANNAA YIHOWAATIIF DURSA KENNI

13. Tarkaanfii sadaffaan gammachuu dhugaa nuuf argamsiisu maalidha? (Yohaannis 4:23, 24)

13 TARKAANFII 3FFAA: Jireenya kee keessatti waaqeffannaa Yihowaatiif dursa kenni. Yihowaan Uumaa keenya waan taʼeef, isa waaqeffachuu qabna. (Mul. 4:11; 14:6, 7) Kanaafuu, jireenya keenya keessatti karaa inni barbaaduun, jechuunis “hafuuraa fi dhugaadhaan” isa waaqeffachuuf dursa kennuu qabna. (Yohaannis 4:23, 24 dubbisi.) Waaqeffannaan keenya dhugaa Dubbii Waaqayyoo keessatti argamu wajjin akka wal simuuf hafuurri qulqulluun akka nu qajeelchu barbaanna. Kan jiraannu biyya hojiin keenya itti dhorkame ykn daangeffame keessa yoo taʼellee waaqeffannaa keenyaaf dursa kennuu qabna. Yeroo ammaatti obboloonnii fi obboleettonni keenya 100 ol taʼan Dhugaa Baatota Yihowaa waan taʼaniif qofa hidhamanii jiru.c Taʼus kadhachuuf, qoʼachuu fi waaʼee Waaqayyoo fi Mootummaa isaa namootatti himuuf gammachuudhaan wanta isaaniif dandaʼame hunda godhu. Yeroo arrabsamnu ykn yeroo ariʼatamni nurra gaʼu Yihowaan nu wajjin akka jiruu fi akka nu eebbisu waan beeknuuf gammadoo taʼuu dandeenya.—Yaq. 1:12; 1 Phe. 4:14.

FAKKEENYA GAARII

14. Obboleessa Taajikistaan jiraatu tokkorra maaltu gaʼe? Maaliif?

14 Obboloonnii fi obboleettonni haala rakkisaa keessatti argaman tokko tokko tarkaanfiiwwan olitti ilaalle sadan fudhachuun isaanii gammachuu dhugaa isaaniif argamsiiseera. Mee muuxannoo Joovidoon Bobojoonoov isa umuriin isaa waggaa 19 taʼee fi Taajikistaan keessa jiraatuu haa ilaallu. Joovidoon tajaajila waraanaa kennuu waan dideef Onkoloolessa 4, 2019​tti mana isaatii dirqamaan fudhatamee jiʼoota muraasaaf hidhameera, akkasumas yakkamaa akka taʼetti ilaalameera. Waaʼee jalʼina haqaa kanaa miidiyaaleen biyyoota garaa garaa gabaasaniiru. Raayyaa biyyattiitiif waadaa akka galuu fi uffata loltootaa akka uffatu dhiibbaa isarratti gochuuf akka reebame gabaafameera. Sana booda manni murtii yakkamaa akka taʼetti isatti murteessee hanga pireezidaantiin biyyattii dhiifama isaaf godhee akka gad dhiifamu ajaja dabarsutti kaampii hojiin humnaa itti hojjetamutti isa erge. Joovidoon yeroo kana hundumaatti amanamummaa isaa fi gammachuu isaa eeggateera. Kana gochuu kan dandaʼe akkamitti? Yeroo hundumaa fedhii hafuuraa isaa eeggachuudhaani.

Fakkiiwwan garaa garaa: Joovidoon Bobojoonoov. 1. Kutaa keessatti hidhamee jiru keessa taʼee karaa foddaa gara alaa ilaalaa jira. 2. Caqasa guyyaa korojoo nyaataarratti barreeffame dubbisaa jira. 3. Kadhachaa jira.

Joovidoon nyaata hafuuraa soorateera, ulaagaalee Yihowaatiif ajajameera, akkasumas jireenya isaa keessatti waaqeffannaa Yihowaatiif dursa kenneera. (Keeyyata 15-17 ilaali)

15. Joovidoon yeroo mana hidhaa turetti nyaata hafuuraa kan argate akkamitti?

15 Joovidoon yeroo mana hidhaa turetti Kitaaba Qulqulluu ykn barreeffama keenya tokkoyyuu kan hin qabne taʼus, nyaata hafuuraa soorachaa ture. Kana gochuu kan dandaʼe akkamitti? Obboloonnii fi obboleettonni naannichaa nyaata yeroo isaaf geessan korojoo nyaata ittiin geessanirratti caqasa guyyaa barreessu turan. Akka kanaan guyyaa guyyaadhaan Kitaaba Qulqulluu dubbisuu fi irratti xiinxaluu dandaʼeera. Mana hidhaatii erga gad dhiifamee booda warra hanga ammaatti qorumsi cimaan isaanirra hin geenyeef gorsa akkana jedhu kenneera: “Bilisummaa amma qabdanitti fayyadamtanii Dubbii Yihowaa fi barreeffamoota keenya dubbisuudhaan waaʼee Yihowaa beekumsa qabdan guddifachuun keessan baayʼee barbaachisaadha.”

16. Joovidoon maalirratti xiyyeeffate?

16 Obboleessi keenya ulaagaalee Yihowaatiif ajajameera. Waaʼee fedhiiwwan dogoggoraa yaaduu fi Wanta dogoggora taʼe gochuu mannaa Yihowaa fi wantoota inni iddoo guddaa kennuuf irratti xiyyeeffateera. Joovidoon wantoota Yihowaan uume baayʼee dinqisiifata. Ganama ganama yeroo hirribaa dammaqu sagalee simbirrootaa dhaggeeffata. Galgala galgalammoo addeessaa fi urjiilee ilaala. “Kennaawwan Yihowaa kun gammachuu naaf argamsiisu, akkasumas na jajjabeessu” jedheera. Qophii Yihowaan karaa hafuuraa fi karaa qaamaa nuuf godheef yeroo galateeffannu garaan keenya gammachuudhaan guutama; gammachuun kunimmoo jabaannee dhaabbachuuf nu gargaara.

17. Yaanni 1 Pheexiros 1:6, 7 irratti argamu nama akkuma Joovidoon rakkinni isa mudateef kan hojjetu akkamitti?

17 Kana malees, Joovidoon waaqeffannaa Yihowaatiif dursa kenneera. Amanamummaa Waaqa dhugaatiif qabu eeggatee itti fufuun baayʼee barbaachisaa akka taʼe beeka. Yesuus, “Waaqa kee Yihowaa waaqeffadhu; isa qofaaf tajaajila qulqulluu dhiheessi” jedheera. (Luq. 4:8) Ajajjoonni waraanaa fi loltoonni Joovidoon amantaa isaa akka dhiisu barbaadanii turan. Inni garuu abdii akka hin kutannee fi amantii isaa akka hin laaffisne akka isa gargaaru cimsee Yihowaa kadhata ture. Joovidoon jalʼinni haqaa kan isarratti raawwatame taʼus, matumaa ejjennoo isaa hin laaffisne. Kanaan kan kaʼes, wanta toʼannaa jala ooluu isaa, reebamuu fi hidhamuu isaa dura hin qabne, jechuunis amantii qorame qabaachuu isaatti baayʼee gammadeera.—1 Pheexiros 1:6, 7 dubbisi.

18. Gammachuu keenya eeggachuu kan dandeenyu akkamitti?

18 Yihowaan wanti gammachuu dhugaa nuuf argamsiisu maal akka taʼe beeka. Tarkaanfiiwwan gammachuu dhugaa argamsiisan sadan kana yoo fudhatte haalli rakkisaan jiraatus gammachuu kee eeggachuu ni dandeessa. Taanaan atis, “Sabni Waaqni isaa Yihowaa taʼe gammadaa dha” jechuu ni dandeessa.—Far. 144:15.

TARKAANFIIWWAN ARMAAN GADII FUDHACHUUN GAMMACHUU DHUGAA KAN ARGAMSIISU AKKAMITTI?

  • Tarkaanfii 1​ffaa: Nyaata hafuuraa soorachuu

  • Tarkaanfii 2​ffaa: Ulaagaalee Yihowaatiif ajajamuu

  • Tarkaanfii 3​ffaa: Waaqeffannaa Yihowaatiif dursa kennuu

FAARFANNAA 89 Dhagaʼi, Ajajami, ni Eebbifamta

a Namoonni baayʼeen karaa dogoggoraatiin gammachuu argachuuf waan yaalaniif, jechuunis bashannanuudhaan, qabeenya kuufachuudhaan, beekamtii argachuudhaan ykn aangoo qabaachuudhaan gammachuu argachuuf waan yaalaniif gammachuu dhugaa argachuun isaanitti ulfaata. Haa taʼu malee, Yesuus yeroo lafarra turetti gammachuu dhugaan kan argamu akkamitti akka taʼe barsiisee ture. Mata duree kana keessatti tarkaanfiiwwan gammachuu dhugaa nuuf argamsiisan sadii qorra.

b Mata duree, “‘Yeroodhaan Nyaata’ Argachaa Jirtaa?” jedhuu fi Masaraa Eegumsaa Hagayya 15, 2014 irratti argamu ilaali.

c Ibsa dabalataatiif mata duree “Sababii Amantii Isaaniitiin Hidhamaniiru” jedhu jw.org/om irraa barbaadi.

d IBSA FAKKII: Hojiin argisiisa kanarratti obboloonni garaa garaa obboleessa qabamee gara mana murtiitti geeffamaa jiru tokko akka deggeran argisiisaa jiru.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi