LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • wp24 Lakk. 1 ful. 3
  • Wanta Sirrii fi Dogoggora Taʼe: Dhimma Nama Hunda Ilaallatu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Wanta Sirrii fi Dogoggora Taʼe: Dhimma Nama Hunda Ilaallatu
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Public)—2024
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Amantii Qabaachuudhaan—Murtoo Ogummaa Irratti Hundaaʼe Godhaa!
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2017
  • Murtoo Waaqayyoof Ulfina Fidu Godhi
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
  • Murtoo Gaarii Gochuun kan Dandaʼamu Akkamitti?
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • Seensa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Public)—2024
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Public)—2024
wp24 Lakk. 1 ful. 3
Dargaggeessi olitti mu⁠⁠l⁠ʼatu dubartii paarkii eegdu tokkorraa gargaarsa argachaa jira. Kaartaatti fayyadamtee karaan fiixee gaarichaatti geessu isa kam akka t⁠a⁠ʼe itti argisiisaa jirti.

Wanta Sirrii fi Dogoggora Taʼe: Dhimma Nama Hunda Ilaallatu

Naannoo kanaan dura deemtee hin beekne deemuu utuu barbaaddee maal goota?

  1. 1. Calluma jettee kallattii yaadde tokkorra buʼuu.

  2. 2. Namoota karaasaa akka beekan yaaddu hordofuu.

  3. 3. Kaartaatti fayyadamuu ykn nama amantuu fi karicha beeku gaafachuu.

Isa tokkoffaa ykn isa lammaffaa yoo filanne iddoo taʼe tokko kan geenyu taʼus, iddoo yaanne gaʼuu dhiisuu dandeenya. Isa sadaffaa yoo filanne garuu, iddoo yaanne akka geenyu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.

Jireenyi keenya akkuma imalaati; imalli kun jireenya gammachiisaa akka nuuf argamsiisu abdanna. Jireenya akkasii qabaachuu fi dhiisuun keenya caalaatti kan hundaaʼe, yeroo murtoo goonutti kallattii qajeelfama argachuuf itti yaallurrattidha.

Murtoowwan yeroo baayʼee goonu jireenya keenyarratti dhiibbaa guddaa kan geessisan taʼuu baatanis, tokko tokko garuu baayʼee barbaachisoodha. Murtoowwan iddoo guddaa qaban kun, wantoonni sirrii fi dogoggora akka taʼanitti yaannu maalfaa akka taʼan argisiisu. Kana malees, nurrattis taʼe namoota jaallannurratti dhiibbaa (gaarii ykn gadhee) yeroo dheeraadhaaf turu geessisu. Murtoowwan kana keessaa tokko tokko:

  • Saalqunnamtii fi gaaʼela

  • Amanamummaa, hojii fi maallaqa

  • Akkaataa ijoollee itti guddisnu

  • Akkaataa warra kaan itti qabnu

Murtoon gama kanaan gootu siifis taʼe maatii keetiif jireenya gammachiisaa kan argamsiisu taʼuusaa beekuu kan dandeessu akkamitti?

Hundi keenya, ‘Wanta sirrii fi dogoggora taʼe ilaalchisee murtoo gaarii gochuuf maaltu na gargaara?’ jennee of gaafachuu qabna.

Barruun kun wanta Kitaabni Qulqulluun wanta sirrii fi dogoggora taʼe ilaalchisee dubbatu amanuu kan dandeenyu maaliif akka taʼee fi murtoo sirrii gochuuf kan si gargaaru akkamitti akka taʼe ibsa.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi