LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w25 Caamsaa ful. 2-7
  • Fakkeenya Maleekota Amanamoo Hordofaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Fakkeenya Maleekota Amanamoo Hordofaa
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • MALEEKONNI GAD OF QABU
  • MALEEKONNI NAMOOTA NI JAALLATU
  • MALEEKONNI JABAATANII DHAABBATU
  • MALEEKONNI GUMII EEGUURRATTI GARGAARSA NI GODHU
  • Ergamoota—“hafuurota Nama Tajaajilan”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2009
  • Maleekota Ilaalchisee Dhugaan Isaa Maali Dha?
    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Gargaarsa Ergamoota Waaqayyoorraa Argamu
    Barsiisaa Guddicharraa Baradhu
  • Maleekonni Si Gargaaruu kan Dandaʼan Akkamitti?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2017
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
w25 Caamsaa ful. 2-7

MATA DUREE QOʼANNAA 19

FAARFANNAA 6 Samiin Ulfina Waaqayyoo Hima

Fakkeenya Maleekota Amanamoo Hordofaa

“Isin maleekonni isaa . . . hundi, Yihowaa jajadhaa.”—FAR. 103:20.

YAADA IJOO

Mata duree kana keessatti barumsa fakkeenya maleekota amanamoorraa argannu ilaalla.

1-2. (a) Maleekotarraa adda kan taane karaawwan kamiini? (b) Maleekota wajjin wanti wal nu fakkeessu maalidha?

YIHOWAAN yeroo gara dhugaatti si harkisu kutaa maatii waaqeffattootasaa maleekota amanamoo miliyoonaan lakkaaʼaman of keessatti qabatee akka taatu si affeeraa jira. (Dan. 7:9, 10) Waaʼee maleekotaa yeroo yaannu baayʼee nurraa adda akka taʼan nutti dhagaʼama taʼa. Fakkeenyaaf, maleekonni nu caalaa bara dheeraa jiraataniiru. (Iyo. 38:4, 7) Nu caalaa humna guddaa qabu. Ilmaan namootaa mudaa qaban caalaa qulqullootaa fi qajeelotadha.—Luq. 9:26.

2 Garaagarummaan nu gidduu jiru baayʼee taʼus, wantoonni wal nu fakkeessan hedduun jiru. Fakkeenyaaf, akkuma maleekotaa amaloota Yihowaa warra dinqisiisoo taʼan calaqqisiisuu ni dandeenya. Akkuma maleekotaa mirga filannaa qabna. Nutis akkumasaanii maqaa dhuunfaa fi amaloota adda nu godhan, akkasumas itti gaafatamummaa garaagaraa qabna. Kana malees, akkuma maleekotaa fedhii Uumaa keenya waaqeffachuu qabna.—1 Phe. 1:12.

3. Maleekota amanamoorraa maal baranna?

3 Wanti maleekota wajjin wal nu fakkeessu hedduun waan jiruuf, fakkeenya isaaniirraa jajjabina guddaa arganna. Barumsawwan gaggaarii isaanirraa barannu hedduu qabna. Mata duree kana keessatti amala gad of qabuu maleekonni amanamoon argisiisanii fi jaalala namootaaf qaban, akkasumas jabaatanii dhaabbachuusaanii fi carraaqqii qulqullina gumii eeguuf godhan qoruudhaan fakkeenyasaanii hordofuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ilaalla.

MALEEKONNI GAD OF QABU

4. (a) Maleekonni amala gad of qabuu kan argisiisan akkamitti? (b) Maleekonni kan gad of qaban maaliifi? (Faarfannaa 89:7)

4 Maleekonni amanamoon gad of qabu. Muuxannoo, humna guddaa fi ogummaa kan qaban taʼus, qajeelfama Yihowaatiif ni ajajamu. (Far. 103:20) Hojiisaanii yeroo raawwatanitti wanta hojjetan ilaalchisee of hin jajan ykn humna adda taʼe akka qaban argisiifachuuf hin yaalan. Maqaansaanii beekamuu baatus, fedhii Waaqayyoo gammachuudhaan raawwatu.a (Uma. 32:24, 29; 2 Mot. 19:35) Ulfina Yihowaadhaaf malu argachuu hin barbaadan. Maleekonni hamma kana kan gad of qaban maaliifi? Yihowaa waan jaallatanii fi kabaja guddaa waan isaaf qabaniifi.—Faarfannaa 89:7 dubbisi.

5. Maleekaan tokko yeroo Yohaannis ergamaadhaaf sirreeffama kennetti akka gad of qabu kan argisiise akkamitti? (Fakkichas ilaali.)

5 Mee fakkeenya maleekonni akka gad of qaban argisiisu tokko haa ilaallu. Dhaloota Kiristoos Booda naannoo bara 96​tti, maleekaan maqaansaa hin ibsamne tokko Yohaannis ergamaatti mulʼata ajaaʼibsiisaa taʼe argisiisee ture. (Mul. 1:1) Yohaannis mulʼaticha yeroo argu maal godhe? Maleekicha waaqeffachuuf yaale. Haa taʼu malee, maleekaan amanamaa taʼe kun akkana jechuudhaan yeruma sana isa dhaabsise: “Of eeggadhu! Akkana hin godhin! Ani akkuma kee fi akkuma obboloota kee . . . garbicha dha. Waaqayyoon waaqeffadhu!” (Mul. 19:10) Dhugumayyuu maleekaan kun baayʼee gad of qaba! Maleekaan kun ulfina argachuu hin barbaanne. Yeruma sana Yohaannis Yihowaarratti akka xiyyeeffatu godheera. Maleekaan kun Yohaannisiin akka tuffatus hin argisiisne. Isa caalaa waggaa dheeraadhaaf Yihowaa kan tajaajilee fi humna guddaa kan qabu taʼus, gad of qabuudhaan Yohaannis garbicha isa wajjin hojjetu akka taʼe dubbateera. Maleekaan kun Yohaannisiif sirreeffama kennuun kan isa barbaachise taʼus, ergamaa maanguddoo taʼe kana gara jabinaan hin qabne. Kanaa mannaa, karaa gaarummaa argisiisuun isa haasofsiise. Maleekaan kun Yohaannis wanti arge baayʼee akka isa ajaaʼibsiise hubachuu hin oolu.

Maleekaan tokko Yohaannis ergamaan isaaf sagadee akka isa hin waaqeffanne dhowwaa jira.

Maleekaan tokko yeroo Yohaannisiin haasofsiisetti akka gad of qabu argisiiseera (Keeyyata 5 ilaali)


6. Gad of qabuudhaan fakkeenya maleekaa kanaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti?

6 Gad of qabuudhaan fakkeenya maleekaa kanaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti? Nutis hojiin tokko yeroo nuuf kennamu wanta raawwanneen of jajuu ykn beekamtii argachuuf yaaluurraa of qusachuu dandeenya. (1 Qor. 4:7) Kana malees, yeroo dheeraadhaaf Yihowaa tajaajilleerra taanaan ykn mirgawwan tokko tokko yoo qabaanne warra kaanirra akka caallu nutti dhagaʼamuu hin qabu. Kanaa mannaa, itti gaafatamummaa dabalataa fudhachaa yeroo deemnu warri kaan nurra akka caalan nutti dhagaʼamuu qaba. (Luq. 9:48) Akkuma maleekotaa warra kaan tajaajiluu barbaanna. Warri kaan isaanirra akka caallutti akka yaadan gochuu hin barbaannu.

7. Nama tokkoof sirreeffama ykn gorsa yeroo kenninutti akka gad of qabnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

7 Obboloota keenyaafis taʼe ijoollee keenyaaf sirreeffama ykn gorsa kennuun yeroo nu barbaachisutti akka gad of qabnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? Yeroo tokko tokko gorsa cimaa kennuun nu barbaachisuu dandaʼa. Taʼus akkuma maleekaan sun Yohaannisiif gaarummaadhaan sirreeffama kenne, nutis nama gorfamu sana abdii utuu hin kutachiisin gorsa cimaa kennuu dandeenya. Warra kaanirra akka caallu nutti hin dhagaʼamu taanaan gorsa Kitaaba Qulqulluu karaa kabaja qabuu fi gara laafinaan kennuu ni dandeenya.—Qol. 4:6.

MALEEKONNI NAMOOTA NI JAALLATU

8. (a) Luqaas 15:10 irratti akka ibsametti, maleekonni namootaaf jaalala akka qaban kan argisiisan akkamitti? (b) Maleekonni hojii lallabaarratti gargaarsa kan godhan akkamitti? (Fakkii jirus ilaali.)

8 Maleekonni qaamota ilmaan namootaa wajjin walitti dhufeenya hin qabne miti. Namoota ni jaallatu. Cubbamaan tokko yeroo yaada geeddaratu, jechuunis hoolaan bade tokko yeroo gara Yihowaatti deebiʼu ykn namni tokko daandiisaa sirreessee yeroo gara dhugaa dhufu baayʼee gammadu. (Luqaas 15:10 dubbisi.) Maleekonni waaʼee Mootummichaa lallabuurrattis hirmaannaa guddaa godhu. (Mul. 14:6) Kallattiidhaan namootaaf lallabuu baatanis babalʼisaa tokko gara nama waaʼee Yihowaa barachuuf fedhii qabuutti qajeelchuu dandaʼu. Dhugaadha, maleekonni gara nama taʼe tokkootti nu qajeelchaniiru jennee mirkanaaʼoo taanee dubbachuu hin dandeenyu. Yihowaan namoota gargaaruuf ykn tajaajiltootasaa garasaaniitti qajeelchuuf hafuura qulqulluu dabalatee malawwan kan biroottis fayyadamuu dandaʼa. (HoE. 16:6, 7) Taʼus, maleekotattis ni fayyadama. Kanaafuu, misiraachicha namootatti yeroo himnutti maleekonni deggarsa akka nuuf godhan mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.—Saanduqa, “Kadhannaansaanii Deebii Argateera” jedhu ilaali.

Hiriyoonni ga⁠a⁠ʼelaa tokko magaalaa keessa gaarii barreeffamaa qabatanii deemaa jiru. Maleekonni qilleensa keessa jiran obboleettiin takka shamarree dhiphattee teessee jirtuuf xiyyeeffannaa akka kennitu ishii qajeelchaa jiru.

Hiriyoonni ga⁠a⁠ʼelaa tokko tajaajila addabaabayii xumuranii deeb⁠i⁠ʼaa jiru. Utuu manatti deeb⁠i⁠ʼaa jiranii obboleettiin sun dubartii dhiphattee jirtu takka ilaalaa jirti. Obboleettiin sun maleekonni gara namoota karaa hafuuraa gargaarsa argachuu barbaadanitti nu qajeelchuu akka dand⁠a⁠ʼan yaadaa jirti. Achiis dubartii sana karaa nama jajjabeessuun haasofsiisuuf kakaate (Keeyyata 8 ilaali)


Kadhannaansaanii Deebii Argateera

Muuxannoowwan armaan gadii keessatti maleekonni gaʼee qabuu laata?

  • Peeruu keessatti intalli waggaa 12 takka haadha ishii wajjin bilbilaan utuu tajaajilaa jirtuu dubartii nama ishii gargaaru akka ishiidhaaf ergu Waaqayyoon kadhachaa turte tokko haasofsiiste. Dubartiin kun intalli kun ishiidhaaf bilbiluun ishii deebii kadhannaa ishii akka taʼetti yaaduudhaan Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu jalqabde. Sana booda utuma baayʼee hin turin walgaʼiirratti argamuu jalqabde.

  • Dubartiin Roomaaniyaa keessa jiraattu takka yeroo muraasaaf Kitaaba Qulqulluu erga qoʼattee booda qoʼannaa ishii addaan kuttee turte. Boodas Xaaliyaan keessatti maatii tokko bira hojjechaa yeroo turtetti qoʼannaa ishii itti fufuu barbaadde. Dhugaa Baatota naannoo sana jiran waan hin beekneef Yihowaan akka ishii gargaaru kadhatte. Sana booda utuma baayʼee hin turin maatiin bira hojjettu suuqii tokkotti ishii ergan. Abbaa suuqichaa akka hin haasofsiisne ishii gorsan. “Inni Dhugaa Baatuu Yihowaa waan taʼeef maamiltootasaatti waaʼee Kitaaba Qulqulluu hima” ishiidhaan jedhan. Akkuma isaan jedhan obboleessi kun dubartii sanaaf dhugaa baʼe; ishiinis kun deebii kadhannaa ishii akka taʼe ishiitti dhagaʼame. Achiis qoʼannaa ishii itti fuftee guddina hafuuraa goote. Ilmi ishiis amala gaarii ishiin argisiisteen kan kaʼe Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu fi walgaʼiirratti argamuu jalqabeera.

  • Hiriyoonni gaaʼelaa Dhugaa Baatota Yihowaa taʼan tokko konkolaataasaanii gurguruuf murteessan. Namichi tokkoo fi haati manaasaa konkolaataa sana ilaaluuf yeroo dhufan hiriyoonni gaaʼelaa Dhugaa Baatota taʼan kun carraa kanatti fayyadamanii jireenyasaanii salphaa gochaa akka jiranii fi waaʼee Kitaaba Qulqulluu namoota akka barsiisan isaanitti himan. Namichi konkolaataa bituu dhufe sunis akkana isaaniin jedhe: “Kaleessa, ‘Yaa Waaqayyo, maaloo nama na gargaaruu dandaʼu tokko wajjin akkan wal argu godhi. Abdii waanan kutadheef dhugaa beekuun barbaada’ jedhee kadhadheen ture.” Namichi kun hiriyoota gaaʼelaa kana wajjin wal arguunsaa deebii kadhannaasaa akka taʼe isatti dhagaʼame. Innii fi haati manaasaa, akkasumas ijoolleen durbaasaanii lama Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu jalqabaniiru. Walgaʼiirrattis argamuu jalqabaniiru.

9. Namootatti jaalala argisiisuudhaan fakkeenya maleekotaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti?

9 Namootatti jaalala argisiisuudhaan fakkeenya maleekotaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti? Beeksisa namni tokko deebiʼee Dhugaa Baatuu Yihowaa akka taʼe ibsu yeroo dhageenyutti akkuma maleekotaa gammaduu dandeenya. Dursa fudhannee obboleessa sana simachuudhaan, jaalala keenya isatti argisiisuu dandeenya. (Luq. 15:4-7; 2 Qor. 2:6-8) Hojii lallabaarratti hirmaachuuf wanta dandeenyu gochuudhaanis fakkeenya maleekotaa hordofuu dandeenya. (Lal. 11:6) Akkuma maleekonni yeroo misiraachicha lallabnu deggarsa nuuf godhan, nutis tajaajilarratti carraa obboloota keenya itti deggarru barbaaduu dandeenya. Fakkeenyaaf, babalʼistoota haaraa taʼan wajjin tajaajiluuf karoora baafachuu dandeenya. Obboloota dullooman ykn dhibee fayyaa qaban wajjin tajaajiluu ni dandeenya.

10. Muuxannoo Saaraarraa maal baranna?

10 Haalli keessa jirru wanta gochuu dandeenyu kan nu jalaa daangessu yoo taʼe hoo? Yeroo kanatti hojii lallabaarratti maleekota wajjin hojjechuuf carraa barbaaduu dandeenya. Mee muuxannoo Saaraab ishii Hindii keessa jiraattuu haa ilaallu. Saaraan gara waggaa 20tiif qajeelchituu taatee erga tajaajiltee booda sireerratti hafte. Kanaan kan kaʼes, dhiphina cimaa keessa galte. Taʼus, Saaraan gargaarsa obboloota gumii ishii keessa jiranirraa argattee fi yeroo hunda Kitaaba Qulqulluu dubbisuu ishiitiin kan kaʼe deebitee gammadduu taʼuu dandeesseetti. Dhugaadha, tajaajila ishii raawwachuuf mala haaraatti baruun ishii barbaachiseera. Teessee xalayaa barreessuullee waan hin dandeenyeef, tajaajiluu kan dandeessu bilbilaan qofadha. Kanaafuu, namoota deddeebii gaaffii gootuuf bilbilte; isaanis namoota Kitaaba Qulqulluu barachuuf fedhii qaban kan biroo ishiitti himan. Maarree, buʼaa akkamii argatte? Saaraan jiʼoota muraasa gidduutti namoota Kitaaba Qulqulluu qoʼatan 70 argatte; kunimmoo humna ishiitii oli! Kanaafuu, muraasasaanii obboloota gumii keessa jiran kaaniif kennite. Baayʼeensaanii walgaʼiiwwan keenyarratti argamaa jiru. Maleekonni obbolootaa fi obboleettota akka Saaraa hojii lallabaarratti hamma dandaʼan hirmaannaa godhan wajjin hojjechuun baayʼee akka isaan gammachiisu ifadha.

MALEEKONNI JABAATANII DHAABBATU

11. Maleekonni amanamoon jabaatanii akka dhaabbatan kan argisiisan akkamitti?

11 Maleekonni amanamoon jabaatanii dhaabbachuurratti fakkeenya guddaa nuu taʼu. Waggoota kumaan lakkaaʼamaniif jalʼina haqaa fi hammina dandamataniiru. Seexannii fi uumamawwan hafuuraa kan biroo hedduun isaan wajjin tajaajilaa turan yeroo Yihowaarratti fincilan arganiiru. (Uma. 3:1; 6:1, 2; Yih. 6) Kitaabni Qulqulluun waaʼee maleekaa amanamaa kallattiidhaan jinnii humna guddaa qaburraa mormiin isa mudate tokkoo ni dubbata. (Dan. 10:13) Kana malees, maleekonni guutummaa seenaa ilmaan namootaa keessatti namoonni waaqeffannaa dhugaa hordofan baayʼee muraasa akka taʼan arganiiru. Haalli kun hundi jiraatus maleekonni amanamoon kun gammachuu fi hinaaffaadhaan Yihowaa tajaajiluusaanii itti fufaniiru. Waaqayyo yeroo sirrii taʼetti jalʼina haqaa hunda akka balleessu beeku.

12. Jabaannee dhaabbachuuf maaltu nu gargaara?

12 Jabaannee dhaabbachuudhaan fakkeenya maleekotaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti? Nutis akkuma maleekotaa jalʼina haqaa arguu ykn mormiin nurra gaʼuu dandaʼa. Taʼus, akkumasaanii Waaqayyo yeroo sirrii taʼetti hammina akka balleessu amantii qabna. Kanaafuu, akkuma maleekota amanamoo kanaa “wanta gaarii hojjechuuf abdii hin kutannu.” (Gal. 6:9) Kana malees, Waaqayyo jabaannee akka dhaabbannu akka nu gargaaru waadaa galeera. (1 Qor. 10:13) Yihowaan hafuurasaa isa obsaa fi gammachuu nuuf argamsiisu akka nuuf kennu kadhachuu dandeenya. (Gal. 5:22; Qol. 1:11) Mormiin yoo si mudatehoo? Guutummaatti Yihowaatti amanami, akkasumas hin sodaatin. Yihowaan yeroo hundumaa si gargaara, akkasumas si jabeessa.—Ibr. 13:6.

MALEEKONNI GUMII EEGUURRATTI GARGAARSA NI GODHU

13. Maleekonni guyyoota dhumaatti itti gaafatamummaa adda taʼe akkamii qabu? (Maatewos 13:47-49)

13 Yihowaan guyyoota dhumaatti maleekotaaf itti gaafatamummaa adda taʼe kenneera. (Maatewos 13:47-49 dubbisi.) Namoonni miliyoonaan lakkaaʼamanii fi addunyaa maratti argaman misiraachicha dhagaʼuuf fedhii akka qaban argisiisaa jiru. Isaan keessaa namoonni tokko tokko tarkaanfii fudhachuudhaan Kiristiyaanota dhugaa taʼaniiru; namoonni kaan garuu tarkaanfii akkasii hin fudhanne. Maleekonni hojiin ‘hamoota qajeelota irraa gargar baasuu’ isaaniif kennameera. Kanaafuu, qulqullina gumii eeguurratti gargaarsa akka godhan itti gaafatamummaan isaaniif kennameera. Kana jechuun garuu, namoonni sababa garaagaraatiin gumiirratti argamuu dhaaban deebiʼuu hin dandaʼan jechuu miti; ykn gumii keessa rakkinni hin jiraatu jechuu miti. Taʼus, maleekonni qulqullina gumii keenyaa eeguurratti jabaatanii akka hojjetan mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.

14-15. Akkuma maleekotaa gumiin karaa hafuuraa fi naamusaa qulqulluu akka taʼu akka barbaannu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? (Fakkiiwwanis ilaali.)

14 Akkuma maleekotaa gumiin qulqulluu akka taʼu akka barbaannu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? Karaa naamusaa fi karaa hafuuraa qulqullina gumii keenyaa eeguuf gaʼee keenya raawwachuudhaani. Kanaafuu, michoota gaarii filachuu fi dhiibbaa nu mancaasu akkamiirraayyuu fagaachuudhaan garaa keenya eeggachuuf carraaqqii goona. (Far. 101:3) Obboloonni keenya Yihowaadhaaf amanamoo akka taʼan gargaaruus ni dandeenya. Fakkeenyaaf, obboleessi tokko cubbuu cimaa akka raawwate yoo beekne maal goona? Jaalala isaaf qabnuun kakaanee jaarsolii akka haasofsiisu isa jajjabeessina. Yoo akkas gochuu baate garuu dhimmicha jaarsoliitti himna. Kiristiyaanni karaa hafuuraa dadhabe kamiyyuu dafee gargaarsa akka argatu barbaanna!—Yaq. 5:14, 15.

15 Kan nama gaddisiisu, obboloonni cubbuu cimaa hojjetan tokko tokko gumiidhaa baafamuun isaan barbaachisa. Haala akkasii keessatti ‘michummaa isaan wajjin qabnu dhiisuu qabna.’c (1 Qor. 5:9-13) Qophiin kun qulqullina gumichaatiif gumaacha godha. Kana malees, namoota gumiidhaa baafamanitti michoomuu dhiisuun keenya karaa itti gaarummaa isaanitti argisiisnudha. Ejjennoo cimaa qabaachuun keenya qalbiisaaniitti akka deebiʼan isaan kakaasuu dandaʼa. Akkas yoo godhan Yihowaa fi maleekota wajjin taanee baayʼee gammanna.—Luq. 15:7.

Fakkiiwwan garaagaraa: 1. Obboleettonni lama paarkii keessa ta⁠a⁠ʼanii buna dhugaa jiru. Obboleettiin ishiin tokko yeroo dubbattu ishiin tokkommoo iddoo biraa ilaalaa jirti. 2. Boodas, obboleettiin dubbachaa turte sun Galma Walg⁠a⁠ʼii keessatti jaarsolii lama haasofsiisaa jirti.

Kiristiyaanni tokko cubbuu cimaa akka raawwate yoo hubanne maal gochuu qabna? (Keeyyata 14 ilaali)d


16. Fakkeenya maleekotaa hordofuuf carraaqqii kan gootu karaawwan kamiini?

16 Yihowaan waaʼee maleekotaa akka beeknuu fi isaan wajjin akka hojjennu nuuf heyyamuunsaa ulfina guddaadha! Maleekonni akka gad of qaban, namootaaf jaalala akka qaban, jabaatanii akka dhaabbatan, akkasumas gumiin karaa naamusaa fi karaa hafuuraa qulqulluu akka taʼu akka barbaadan ilaalleerra; nutis amaloota gaggaarii kana haa argisiisnu. Fakkeenya maleekota amanamoo kan hordofnu yoo taʼe barabaraaf kutaa maatii waaqeffattoota Yihowaa taʼuu dandeenya.

FAKKEENYA MALEEKOTAA HORDOFUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?

  • Amala gad of qabuu argisiisuudhaan

  • Namoota jaallachuudhaan

  • Qulqullina gumii eeguuf carraaqqii gochuudhaan

FAARFANNAA 123 Seera Tiʼookraasiitiif Bitamuu

a Maleekota miliyoona dhibbaan lakkaaʼaman keessaa maqaansaanii Kitaaba Qulqulluu keessatti kan caqasame lama qofadha; isaanis Mikaaʼelii fi Gabriʼeeli.—Dan. 12:1; Luq. 1:19.

b Maqaan jijjiirameera.

c Gabaasa Qaama Olaanaa 2024 Lakk. 2 irratti akka ibsametti namni gumiidhaa baafame tokko walgaʼii gumiirratti yoo argame, babalʼisaan tokko gabaabsee nagaa isa gaafachuu fi isa simachuuf ykn dhiisuuf qalbiisaa Kitaaba Qulqulluudhaan leenjiʼetti fayyadamee murteessuu dandaʼa.

d IBSA FAKKII: Obboleettiin takka jaarsolii akka haasofsiistu hiriyaa ishii jajjabeessaa jirti. Yeroo erga darbee boodas hiriyaan ishii jaarsolii utuu hin haasofsiisin waan hafteef, obboleettiin sun dhimmicha jaarsoliitti himaa jirti.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi