LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w25 Waxabajjii ful. 20-25
  • Barattoonni Kitaaba Qulqulluu Dhugaa Cinaa Akka Dhaabbatan Gargaaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Barattoonni Kitaaba Qulqulluu Dhugaa Cinaa Akka Dhaabbatan Gargaaraa
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • BARATAAN KEESSAN WANTA GUFUU ISATTI TAʼE AKKA ADDA BAAFATU GARGAARAA
  • BARATAAN KEESSAN JAALALA YIHOWAADHAAF QABU AKKA GUDDIFATU GARGAARAA
  • BARATAAN KEESSAN YIHOWAADHAAF DURSA AKKA KENNU GARGAARAA
  • BARATAAN KEESSAN RAKKINA ISA MUDATE AKKA INJIFATU GARGAARAA
  • BARATAA KEESSAN AKKA AMANTAN ARGISIISAA
  • Namoonni Kitaaba Qulqulluu Qoʼachiistan Akka Cuuphaman Gargaaraa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2021
  • Qoʼattoonni Kitaaba Qulqulluu Guddina Godhanii Akka Cuuphaman Gargaaruu—Kutaa Lama
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2020
  • Qoʼattoonni Kitaaba Qulqulluu Guddina Godhanii Akka Cuuphaman Gargaaruu—Kutaa Tokko
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2020
  • ‘Dhaqaatii Namoota Barattoota Godhaa’
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2020
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
w25 Waxabajjii ful. 20-25

MATA DUREE QOʼANNAA 27

FAARFANNAA 79 Jabaatanii Akka Dhaabbatan Isaan Barsiisaa

Barattoonni Kitaaba Qulqulluu Dhugaa Cinaa Akka Dhaabbatan Gargaaraa

“Amantiitti cimaa dhaabbadhaa . . . jaboo taʼaa.”—1 QOR. 16:13.

YAADA IJOO

Mata duree kana keessatti barattoonni Kitaaba Qulqulluu amantii fi ija jabina dhugaa cinaa dhaabbachuuf isaan barbaachisu akka horatan gargaaruu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ilaalla.

1-2. (a) Barattoonni Kitaaba Qulqulluu tokko tokko dhugaa cinaa dhaabbachuurraa duubatti kan jedhan maaliifi? (b) Mata duree kana keessatti maal qorra?

JALQABARRATTI Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuun si sodaachisee turee? Tarii namoonni na wajjin hojjetan, michoonni koo ykn miseensonni maatii koo natti aaru jettee sodaattee taʼuu dandaʼa. Yookiinimmoo matumaa ulaagaa Waaqayyoo eegee jiraachuu hin dandaʼu jettee sodaattee taʼuu dandaʼa. Taanaan miirri barattoota Kitaaba Qulqulluu tarkaanfii fudhachuurraa duubatti jedhanii siif gala.

2 Yesuus sodaan akkasii namni tokko guddina hafuuraa akka hin goone isa dhowwuu akka dandaʼu beeka ture. (Mat. 13:20-22) Haa taʼu malee, namoota isa duukaa buʼuurraa duubatti jedhanitti abdii hin kutanne. Kanaa mannaa, barattoonnisaa namoonni akkasii (1) wantoota guddina isaaniitti gufuu taʼan akka adda baafatan, (2) jaalala Yihowaadhaaf qaban akka guddifatan, (3) Yihowaadhaaf dursa akka kennan, akkasumas (4) rakkoowwan isaanii akka injifatan akkamitti akka isaan gargaaran isaanitti argisiiseera. Kitaaba Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhamutti fayyadamnee wanta Yesuus barattootasaatiin jedhe hojiirra oolchuu kan dandeenyu akkamitti?

BARATAAN KEESSAN WANTA GUFUU ISATTI TAʼE AKKA ADDA BAAFATU GARGAARAA

3. Niqoodimos barataa Yesuus akka hin taane wanti isa dhowwe maal taʼuu dandaʼa?

3 Niqoodimos inni geggeessaa Yihudootaa ture wanti barataa Yesuus akka hin taane gufuu isatti taʼu isa mudatee ture. Niqoodimos, Yesuus bakka buʼaa Waaqayyoo taʼuusaa kan hubate, Yesuus tajaajilasaa jalqabee gara jiʼa jaʼaa booda ture. (Yoh. 3:1, 2) Haa taʼu malee, Niqoodimos ‘Yihudoota waan sodaateef’ Yesuusii wajjin wal arguuf kan filate dhoksaadhaan ture. (Yoh. 7:13; 12:42) Barataa Yesuus taʼuunsaa wanta baayʼee akka isa dhabsiisu isatti dhagaʼamee taʼuu dandaʼa.a

4. Yesuus, Niqoodimos wanta Waaqayyo isarraa eegu akka hubatu kan isa gargaare akkamitti ture?

4 Niqoodimos Seericha beeka ture; haa taʼu malee, wanta Yihowaan isarraa eegu hubachuuf gargaarsi isa barbaachisa ture. Maarree Yesuus kan isa gargaare akkamitti? Yesuus galgala yoo taʼellee Niqoodimosii wajjin wal argee mariʼachuuf fedhii qaba ture. Yesuus, Niqoodimos barataa taʼuuf, cubbuusaarraa yaada geddarachuu, bishaaniin cuuphamuu fi Ilma Waaqayyootti amanuu akka qabu sirriitti isaaf ibseera.—Yoh. 3:5, 14-21.

5. Barataan Kitaaba Qulqulluu tokko wanta guddina akka hin goone gufuu isatti taʼe akka adda baafatu isa gargaaruu kan dandeenyu akkamitti?

5 Barataan tokko Kitaaba Qulqulluu akka gaariitti kan hubatu taʼus, wanta guddina akka hin goone gufuu isatti taʼe akka hubatu gargaarsi isa barbaachisuu dandaʼa. Hojiin ykn mormiin maatiirraa isarra gaʼu galma hafuuraarra akka hin geenye dhiibbaa isarratti gochaa jira taʼa. Taanaan yeroo ramadii isa gargaari. Tarii buna akka waliin dhugdan ykn miilaan akka waliin deemtan isa affeeruu dandeessa. Yeroo kanatti haala rakkisaa isa mudate akka sitti himu carraa isaaf banuu dandeessa taʼa. Achiis barataan kee siin gammachiisuuf utuu hin taʼin, jaalala Yihowaadhaaf qabu ibsuuf jecha sirreeffama barbaachisu kamiyyuu akka godhu jajjabeessi.

6. Barataan Kitaaba Qulqulluu tokko dhugaa cinaa dhaabbachuuf ija jabina akka qabaatu gargaaruu kan dandeessu akkamitti? (1 Qorontos 16:13)

6 Barataan tokko ulaagaa Kitaaba Qulqulluu eegee akka jiraatu Yihowaan akka isa gargaaru amanannaa yoo qabaate wanta barate hojiirra oolchuuf ija jabina ni argata. (1 Qorontos 16:13 dubbisi.) Gaʼeen kee gaʼee barsiisonni mana barumsaa qabanii wajjin wal fakkaata. Yeroo barataa turtetti baayʼee kan jaallattu barsiisaa akkamii ture? Barsiisaa dandeettii kee akka guddifattu obsaan si gargaare taʼuu hin oolu. Haaluma wal fakkaatuun, barsiisaan Kitaaba Qulqulluu gaarii taʼe tokkos wanta Waaqayyo isarraa barbaadu qofa barataasaa hin barsiisu; kanaa mannaa, gargaarsa Yihowaatiin jijjiirama barbaachisu kamiyyuu gochuu akka dandaʼu isaaf mirkaneessa. Maarree akkas gochuu kan dandeessu akkamitti?

BARATAAN KEESSAN JAALALA YIHOWAADHAAF QABU AKKA GUDDIFATU GARGAARAA

7. Yesuus namoonni isa dhaggeeffachaa turan Yihowaa caalaatti akka jaallatan kan gargaare akkamitti?

7 Yesuus barattoonnisaa jaalalli Yihowaadhaaf qaban wanta baratan hojiirra oolchuuf akka isaan kakaasu beeka ture. Yeroo baayʼee wanta jaalala Abbaasaanii isa samiitiif qaban isaaniif guddisu isaan barsiisa ture. Fakkeenyaaf, Yihowaa abbaa ijoollee isaatiif wantoota gaggaarii kennutti fakkeesseera. (Mat. 7:9-11) Namoota Yesuusiin dhaggeeffachaa turan keessaa tokko tokko abbaa jaalala qabeessa taʼe akkasii hin qaban taʼa. Yesuus fakkeenya waaʼee abbaa ilmasaa badee deebiʼe simatee ibsu yeroo isaanitti himetti maaltu isaanitti dhagaʼamee taʼuu akka dandaʼu tilmaami. Fakkeenyi kun gara laafina Yihowaan ijoolleesaa lafarra jiraniif qabu akka hubatan isaan gargaareera.—Luq. 15:20-24.

8. Barataan Kitaaba Qulqulluun tokko jaalala Yihowaadhaaf qabu akka guddifatu gargaaruu kan dandeessu akkamitti?

8 Barataa tokko yommuu qoʼachiistan amaloota gaggaarii Waaqayyo qabu addeessuudhaan Yihowaa caalaatti akka jaallatu isa gargaaruu dandeessu. Yeroo qoʼachiistan hundatti wanti inni barachaa jiru jaalala Waaqayyo isaaf qabuu wajjin kan wal qabatu akkamitti akka taʼe akka hubatu gargaaraa. Yeroo furicharratti mariʼattan furichi dhuunfaatti kan isa fayyadu akkamitti akka taʼe ibsaafii. (Rom. 5:8; 1 Yoh. 4:10) Barataan tokko jaalala Yihowaan dhuunfaatti isaaf qaburratti yaaduunsaa innis deebisee Yihowaa akka jaallatu isa kakaasuu dandaʼa.—Gal. 2:20.

9. Mikaaʼel jireenya isaarratti jijjiirama akka godhu wanti isa gargaare maalidha?

9 Mee fakkeenya Mikaaʼel isa Indooneezyiyaa keessa jiraatuu haa ilaallu. Ijoollummaa isaatii kaasee dhugaa kan beeku taʼus hin cuuphamne ture. Umuriisaa waggaa 18titti konkolaachisaa taʼee hojjechuuf biyya alaa deeme. Yeroo booda gaaʼela kan dhaabbate taʼus, hojiisaa itti fufuuf jecha maatiisaa dhiisee biyya alaa deeme. Kana gidduutti haati manaasaa fi intallisaa Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu jalqabanii guddina godhan. Mikaaʼel haatisaa erga duutee booda abbaasaa kunuunsuuf jecha gara biyyaatti kan deebiʼe yeroo taʼu, Kitaaba Qulqulluu qoʼachuufis walii gale. Mikaaʼel kitaaba Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhamurraa kutaa “Caalaatti Baradhu” jedhuu fi barumsa 27​rra jirurratti yeroo mariʼatan garaansaa baayʼee tuqame. Mikaaʼel, Yihowaan ilmisaa yeroo dhiphatetti hammam gaddee akka ture yeroo yaadu imimmaansaa toʼachuu hin dandeenye. Achiis dinqisiifannaan inni qabu baayʼee waan guddateef, jireenya isaarratti jijjiirama gochuudhaan ni cuuphame.

BARATAAN KEESSAN YIHOWAADHAAF DURSA AKKA KENNU GARGAARAA

10. Yesuus barattoonnisaa warri jalqabaa wanta dursa kennaniif irratti sirreeffama akka godhan akkamitti isaan gargaare? (Luqaas 5:5-11) (Fakkichas ilaali.)

10 Barattoonni Yesuus warri jalqabaa inni Masiihicha abdachiifame akka taʼe dafanii hubataniiru; tajaajilaaf dursa kennuurratti garuu gargaarsi isaan barbaachisee ture. Yesuus, Pheexirosii fi Indiriyaas yeroosaanii guutuu isa duukaa akka buʼan isaan affeeruusaa durayyuu, yeroo muraasaaf barattootasaa turan. (Mat. 4:18, 19) Yaaqoobii fi Yohaannisii wajjin taʼuudhaan hojii qurxummii qabuu hojjetu turan; hojiinsaanii kunis buʼa qabeessa ture. (Mar. 1:16-20) Pheexirosii fi Indiriyaas yeroo “saaphana isaanii dhiisanii” Yesuus duukaa buʼanitti karaa itti maatiisaanii gargaaran mijeeffatanii taʼuu hin oolu. Wanta dursa kennaniif irratti sirreeffama akka godhan maaltu isaan gargaare? Dinqiin Yesuus raawwate Yihowaan wanta isaan barbaachisu isaaniif kennuuf dandeettii akka qabu amanannaa akka qabaatan isaan gargaareera.—Luqaas 5:5-11 dubbisi.

Pheexirosii fi Indiriyaas yommuu Yesuus duuka buutotasaa akka t⁠a⁠ʼan isaan affeeru bidiruusaanii dhiisanii deemaa jiru. Namoonni kan biroon qurxummii qaban bidiruu sanarratti ta⁠a⁠ʼanii saaphana suphaa jiru.

Akkaataa Yesuus barattoonnisaa Yihowaadhaaf dursa akka kennan itti gargaarerraa maal baranna? (Keeyyata 10 ilaali)b


11. Amantii barattoota keenyaa cimsuuf muuxannoo keenyatti fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti?

11 Nuti akkuma Yesuus dinqii raawwachuu hin dandeenyu; taʼus, muuxannoo Yihowaan namoota isaaf dursa kennan akkamitti akka gargaare ibsu barattoota keenyatti himuu dandeenya. Fakkeenyaaf, yeroo walgaʼiirratti hirmaachuu jalqabdetti Yihowaan akkamitti akka si gargaare ni yaadattaa? Tarii yeroo walgaʼii qabaattutti saʼaatii dabalataa kan hin hojjenne maaliif akka taʼe gara hogganaa kee deemtee isaaf ibsitee taʼuu dandaʼa. Yihowaan murtoo waaqeffannaa isaatiif dursa kennuuf goote akka siif eebbise arguun kee amantii kee kan siif cimse akkamitti akka taʼe barataa keetti himuu dandeessa.

12. (a) Yeroo qoʼachiistutti babalʼistoota garaagaraa affeeruu kan qabdu maaliifi? (b) Barataa kee karaa buʼa qabeessa taʼeen barsiisuuf viidiyootti fayyadamuu kan dandeessu akkamitti? Fakkeenya kenni.

12 Barataan kee Kiristiyaanonni kan biroon Yihowaadhaaf akkamitti dursa akka kennan dhagaʼuun isaas isa fayyada. Kanaafuu, babalʼistoota akkaataa guddinaa garaagaraa qaban qoʼannaa keerratti affeeri. Dhugaa kan dhagaʼan akkamitti akka taʼee fi jireenyasaanii keessatti tajaajila Yihowaatiif dursa kan kennan akkamitti akka taʼe gaafadhu. Kitaaba Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhamurraa viidiyoowwan kutaa “Caalaatti Baradhu” ykn “Qorannoo Dabalataa Godhi” jedhu keessa jiran ilaalaa. Fakkeenyaaf, barumsa 37​ffaa irratti yeroo mariʼattan dhugaawwan buʼuuraa viidiyoo Yihowaan Wanta Nu Barbaachisu Nuuf Kenna jedhu keessa jiran ibsuufii dandeessa.

BARATAAN KEESSAN RAKKINA ISA MUDATE AKKA INJIFATU GARGAARAA

13. Yesuus barattootasaa mormiidhaaf kan qopheesse akkamitti ture?

13 Yesuus firootasaanii dabalatee warri kaan isaan mormuu akka dandaʼan barattootasaatti irra deddeebiʼee himeera. (Mat. 5:11; 10:22, 36) Yesuus tajaajilasaa xumuruuf yeroo jedhutti barattoonnisaa ajjeefamuullee akka dandaʼan isaan akeekkachiiseera. (Mat. 24:9; Yoh. 15:20; 16:2) Tajaajila isaaniirratti of eeggatoo akka taʼan isaan jajjabeesseera. Lallabuusaanii itti fufuu akka dandaʼaniif namoota isaan mormanii wajjin falmii keessa akka hin gallee fi hubatoo akka taʼan isaan gorseera.

14. Barataan keenya mormii isa mudatuuf akka qophaaʼu gargaaruu kan dandeenyu akkamitti? (2 Ximotewos 3:12)

14 Wanta namoonni isaanii wajjin hojjetan, michoonnisaanii ykn miseensonni maatiisaanii isaaniin jechuu dandaʼan barattoota keenyatti himuudhaan mormiidhaaf isaan qopheessuu dandeenya. (2 Ximotewos 3:12 dubbisi.) Namoonni isaanii wajjin hojjetan tokko tokko wanta Kitaaba Qulqulluurraa baratan hojiirra oolchuu waan jalqabaniif isaanitti qoosuu dandaʼu. Firoottansaanii dabalatee warri kaan wanta isaan Kitaaba Qulqulluurraa baratanirratti walii galuu dhiisuu dandaʼu. Barattoota keenya mormii isaanirra gaʼuuf dafnee yoo qopheessine, yeroo isaanirra gaʼutti dandamachuuf caalaatti qophaaʼoo taʼu.

15. Barataan Kitaaba Qulqulluu tokko mormii maatiirraa isa mudatu akka dandamatu maaltu isa gargaaruu dandaʼa?

15 Barataan kee maatiisaarraa mormiin isa mudachaa jira yoo taʼe, firoonnisaa tokko tokko kan isatti aaran maaliif akka taʼe akka yaadu jajjabeessi. Kan isa morman akka gowwoomfame isaanitti dhagaʼamee ykn Dhugaa Baatota Yihowaatiif jibba waan qabaniif taʼuu dandaʼa. Yesuusiyyuu firoonnisaa isa mormaniiru. (Mar. 3:21; Yoh. 7:5) Barataan kee firootasaa dabalatee warra kaanii wajjin yommuu mariʼatu obsa akka qabaatuu fi mala qabeessa akka taʼu gargaari.

16. Barataan keenya wanta barate malaan warra kaanitti akka himu gargaaruu kan dandeenyu akkamitti?

16 Firoottansaa yeroo fedhii qabaatanittillee barataan tokko wanta beeku hunda takkaatti isaanitti himuu dhiisuunsaa gaariidha. Taʼuu baannaan garuu firoonnisaa isaanitti ulfaachuu fi caalaatti mariʼachuuf fedhii dhabuu dandaʼu. Kanaafuu, barataan keessan karaa salphaa taʼeen waaʼee amantiisaa warra kaanitti akka himu jajjabeessaa; kunis firoonnisaa yeroo kan biraatti akka mariʼatan isaan kakaasuu dandaʼa. (Qol. 4:6) Tarii firoonnisaa weebsaayitii keenya jw.org akka ilaalan itti himuu dandaʼa. Kunis waaʼee Dhugaa Baatota Yihowaa ofuma isaaniitiin akka baratan isaan gargaaruu dandaʼa.

17. Barataan keessan wanta dogoggoraa Dhugaa Baatota Yihowaa ilaalchisee dubbatamuuf deebii akka kennu leenjisuu kan dandeessan akkamitti? (Fakkichas ilaali.)

17 Barataan keessan gaaffiiwwan sasalphaa firoonnisaa ykn namoonni waliin hojjetu kaasaniif deebii akka kennu qopheessuuf, mata dureewwan dhaabbataadhaan jw.org irratti baʼanii fi “Gaaffiiwwan Yeroo Baayʼee Gaafataman” jedhamu jalatti argamanitti fayyadamuu dandeessu. (2 Xim. 2:24, 25) Kitaaba Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhamurraa barumsa tokko qoʼachiistanii yeroo xumurtan hundatti kutaa “Namoonni Tokko Tokko Akkana Jedhu” jedhamutti fayyadamaa mariisisaa. Barataan keessan deebii kennu jecha mataasaatiin akka shaakalu jajjabeessaa. Deebii kennu akkamitti fooyyessuu akka dandaʼu ilaalchisee yaada isaaf kennuurraa duubatti hin jedhinaa. Shaakala akkasii gochuun keessan ofitti amanannaadhaan gaaffii amantiisaa ilaalchisee kaʼuuf deebii kennuuf isa dandeessisa.

Obboleettiin takka barattuun Kitaaba Qulqulluu ishii yeroo q⁠o⁠ʼannaasaaniitti tajaajilaaf akka qophooftu gargaaraa jirti. Barattuun kun tiraaktii “Gaaffiiwwan Gurguddaa Jireenya Keessatti Nu Mudataniif Eessaa Deebii Argachuu Dandeenya? jedhu fayyadamuudhaan obboleettii haasofsiisaa jirti.

Dursitee shaakaluudhaan barattuun Kitaaba Qulqulluu kee waaʼee amantii ishii namootaatti akka himtu jajjabeessi (Keeyyata 17 ilaali)c


18. Barataan keessan waaʼee amantiisaa tajaajilarratti namootaatti akka himu jajjabeessuu kan dandeessan akkamitti? (Maatewos 10:27)

18 Yesuus barattoonnisaa misiraachicha akka labsan jajjabeesseera. (Maatewos 10:27 dubbisi.) Barataan tokko hojii kanarratti dafee yoo hirmaate, caalaatti Yihowaatti amanamuu barachuu dandaʼa. Barataan tokko galma kanarra akka gaʼu isa gargaaruu kan dandeessan akkamitti? Duulli lallabaa akka jiru gumii keessanitti yommuu beeksifamu, barataan keessan babalʼisaa taʼuuf ulaagaan isarraa eegamu maal akka taʼe akka irratti yaadu jajjabeessaa. Babalʼistoonni hedduun yeroo duula akkasiitti tajaajila jalqabuun akka isaaniif salphate itti himaa. Kutaa barattootaa walgaʼii torban gidduutti dhihaatu irraas fayyadamuu dandaʼa. Ulaagaa kutaawwan akkasii dhiheessuuf isa barbaachisu guutuuf yommuu carraaqu, wanta itti amanu amanannaadhaan warra kaanitti himuu barata.

BARATAA KEESSAN AKKA AMANTAN ARGISIISAA

19. Yesuus barattootasaa akka amanu kan argisiise akkamitti? Nutoo fakkeenyasaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti?

19 Yesuus gara samiitti ol baʼuusaa dura barattoonnisaa deebiʼanii akka isaa wajjin wal argan isaanitti himee ture. Isaan garuu, Yesuus isaanis gara samii akka deeman dubbachaa akka ture hin hubanne turan. Taʼus inni shakkii isaaniirratti utuu hin taʼin, amanamoo taʼuu isaaniirratti xiyyeeffateera. (Yoh. 14:1-5, 8) Waaʼee abdii samii dabalatee wantoota tokko tokko hubachuuf yeroon akka isaan barbaachisu beeka ture. (Yoh. 16:12) Nutis akkuma Yesuus barattoonni keenya Yihowaa gammachiisuuf fedhii akka qaban amanannaa akka isaanirratti qabnu argisiisuu dandeenya.

Barataan tokko dafee waaʼee amantiisaa warra kaanitti himuu yoo jalqabe, dafee Yihowaatti amanamuu barata

20. Obboleettiin Maalaawwii keessa jiraattu tokko barattuu ishiirratti amanannaa akka qabdu kan argisiiste akkamitti?

20 Barataan keessan wanta gaarii gochuu akka barbaadu amantii qabaadhaa. Mee obboleettiin Chifuundoo jedhamtuu fi Maalaawwii keessa jiraattu maal akka goote haa ilaallu. Chifuundoon kitaaba Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhamutti fayyadamtee shamarree amantaa Kaatolikii hordoftuu fi Alinaafee jedhamtu qoʼannaa jalqabsiiste. Barumsa 14​rratti mariʼatanii yommuu xumuran Chifuundoon waaʼee waaqeffannaadhaaf fakkiiwwanitti fayyadamuu ilaalcha akkamii akka qabdu barattuu ishii gaafatte. Alinaafeen aariidhaan, “Kun murtoo kooti!” jettee deebiste. Yeroo kanatti Chifuundoon, Alinaafeen qoʼannaa ishii ni dhaabdii laata jettee yaaddee turte. Garuu Alinaafeen gaaf tokko yaadasaa ni hubatti jettee abdachuudhaan obsaan qoʼachiisuu ishii itti fufte. Chifuundoon jiʼoota muraasa booda gaaffii barumsa 34​rra jiruu fi “Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun kee fi waaʼee Yihowaa isa Waaqa dhugaa taʼee barachuun kee hanga ammaatti kan si fayyade akkamitti?” jedhu ishii gaafatte. Chifuundoon, Alinaafeen deebii akkamii akka kennite yommuu ibsitu, “Dhugaa Baatonni Yihowaa wanta Kitaabni Qulqulluun balaaleffaturratti akka hin hirmaanne dabalatee, qabxiiwwan gaggaarii hedduu caqaste” jetteetti. Sana booda utuma baayʼee hin turin Alinaafeen waaqeffannaadhaaf fakkiitti fayyadamuu ni dhiiste; achiis ni cuuphamte.

21. Fedhii barataan keenya dhugaa cinaa dhaabbachuuf qabu isaaf cimsuu kan dandeenyu akkamitti?

21 Kan “guddisu” Yihowaa taʼus barattoonni Kitaaba Qulqulluu guddina akka godhan gargaaruurratti gaʼee qabna. (1 Qor. 3:7) Wanta Waaqayyo isaanirraa barbaadu akka godhan isaan barsiisuu caalaa wanti gochuu qabnu jira. Yihowaadhaaf jaalala guddaa akka qabaatan gargaaruu qabna. Kana malees, Yihowaadhaaf dursa kennuudhaan jaalala isaaf qaban akka argisiisan isaan jajjabeessuu qabna. Yeroo rakkinni isaan mudatuttis Yihowaatti amanamuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe isaan barsiisuu qabna. Amanannaa akka isaanirratti qabnu isaaniif ibsuudhaan, ulaagaa Yihowaatiin jiraachuu fi dhugaa cinaa dhaabbachuu akka dandaʼan amantii qaban isaaniif cimsuu dandeenya.

BARATTOONNI KEENYA WANTOOTA ARMAAN GADII AKKA GODHAN AKKAMITTI GARGAARUU DANDEENYA?

  • Wantoota guddina akka hin goone gufuu isaanitti taʼan akka adda baafatan

  • Jaalala Yihowaadhaaf qaban akka guddifatan

  • Yihowaadhaaf dursa akka kennan

FAARFANNAA 55 Isaan hin Sodaatinaa!

a Niqoodimos Yesuusii wajjin erga wal argee waggaa lamaaf walakkaa boodallee, miseensa mana murtii olaanaa Yihudootaa ture. (Yoh. 7:45-52) Hayyoonni seenaa tokko tokko akka dubbatanitti Niqoodimos barataa kan taʼe erga Yesuus duʼee boodadha.—Yoh. 19:38-40.

b IBSA FAKKII: Pheexirosii fi namoonni kaan Yesuus duukaa buʼuuf jecha qurxummii qabuu dhiisanii yommuu deeman.

c IBSA FAKKII: Obboleettiin takka waaʼee amantii ishii namootatti akka himtuuf qoʼattuu ishii yommuu qopheessitu.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi