SEENAA JIREENYAA
Jireenya Keenya Guutuu Barsiisaa Guddicharraa Baranneerra
LOLTOOTA meeshaa hidhatanii sakattaʼan, karaawwan ibiddaan cufaman, obomboleettii, waraana waliinii fi godaansa. Wantoonni kun balaawwan anii fi haati manaa koo yeroo qajeelchitootaa fi misiyoonota taanee tajaajilaa turretti nu mudatan keessaa muraasa isaaniiti. Taʼus, murtoo goonetti hin gaabbinu. Jireenya keenya guutuu Yihowaan nu gargaareera, akkasumas nu eebbiseera. Barsiisaa keenya isa guddicha waan taʼeef wanta nu fayyadu hedduus nu barsiiseera. —Iyo. 36:22; Isa. 30:20.
WARRI KOO FAKKEENYA NAAF TAʼANIIRU
Dhuma bara 1950niitti warri koo Xaaliyaaniirraa gara magaalaa Kiindeslii ishii Saaskaachiwaan Kaanaadaatti argamtutti godaanan. Utuma baayʼee hin turin dhugaa kan baratan yeroo taʼu, sana booda dhugaadhaaf iddoo guddaa kennuu jalqabne. Ijoollummaa kootti guyyaa guutuu warra koo wajjin tajaajilaa akkan ture nan yaadadha; kanaafuu, yeroo tokko tokko umurii koo waggaa saddeetittan qajeelchaa gargaaraa taʼe jedheen qoosa.
Maatii koo wajjin, naannoo 1966
Warri koo hiyyeeyyiidha; taʼus Yihowaadhaaf dursa kennuurratti fakkeenya gaarii taʼu. Fakkeenyaaf, bara 1963tti walgaʼii idil addunyaa Paasediinaa, Kaalifoorniyaa Yuunaayitid Isteetisitti geggeeffamerratti argamuuf wanta qaban hedduu gurguranii turan. Bara 1972tti namoota Afaan Xaaliyaanii dubbatan gargaaruuf gara kiilomeetira 1,000 fagaannee Tiraayil ishii Biriitish Kolombiyaa, Kaanaadaatti argamtutti galle. Abbaan koo hojii qulqullinaa hojjeta ture. Sochiiwwan hafuuraarratti xiyyeeffachuuf jecha carraawwan hojii maallaqa dabalataa isaaf argamsiisan fudhachuu dideera.
Warri koo anaafis taʼe obbolaa koo sadaniif fakkeenya gaarii waan taʼaniif baayʼeen isaan galateeffadha. Fakkeenyisaanii leenjiin tajaajila Yihowaa keessatti argadhe keessaa isa jalqabaati. Mootummichaaf dursa yoon kenne Yihowaan akka na kunuunsu na barsiisaniiru; barumsa kana jireenya koo guutuu hin irraanfadhu.—Mat. 6:33.
TAJAAJILA YEROO GUUTUU JALQABUU
Bara 1980tti obboleettii bareedduu galma hafuuraa qabduu fi Deebii jedhamtun fuudhe. Tajaajila yeroo guutuu keessa galuu barbaanna turre; kanaafuu, gaaʼela dhaabbannee jiʼa sadi booda Deebiin qajeelchituu taatee tajaajiluu jalqabde. Gaaʼela dhaabbannee waggaa tokko booda gumii xinnoo gargaarsi barbaachisu tokko deemne; anis qajeelchaa taʼee tajaajiluun jalqabe.
Guyyaa cidha keenyaa, 1980
Yeroo booda abdii waan kutanneef gumii sana dhiisnee deemuuf murteessine. Jalqaba garuu ilaaltuu olaanaa aanaa keenya haasofsiisne. Innis jaalalaan garuummoo ifatti akkana nuun jedhe: “Isinis rakkinichaaf gumaacha gootaniittu. Haala rakkisaa isin mudatu qofarratti xiyyeeffachaa jirtu. Wantoota gaggaariirratti yoo xiyyeeffattan garuu waan baayʼee argattu.” Gorsi kun nu barbaachisa ture. (Far. 141:5) Nutis gorsasaa yeruma sana hojiirra oolchine; achiis utuma baayʼee hin turin wantoonni gaggaariin itti gammaduu dandeenyu hedduun akka jiran hubanne. Ijoollee fi obboleettota hiriyaa gaaʼelaa hin amanne qaban tokko tokko dabalatee obboloonni gumii keessa jiran hedduun Yihowaa caalaatti tajaajiluu ni barbaadu turan. Kun nuuf barumsa baayʼee barbaachisaa ture. Wantoota gaggaariirratti xiyyeeffachuu fi Yihowaan haala rakkisaa fakkaatu tokko hamma sirreessutti eeguu baranneerra. (Mik. 7:7) Sana booda deebinee gammachuu argachuu jalqabne, haalli keenyas ni fooyyaʼe.
Yeroo jalqabaatiif mana barumsaa qajeelchitootaarratti yeroo hirmaannetti obboloonni nu barsiisan biyya alaatti tajaajilaa turan. Obboloonni kun suuraa nutti argisiisan, akkasumas haalawwan rakkisoo biyya alaatti yeroo tajaajilan isaan mudatanii fi eebbawwan argatan nutti himan; kunis misiyoonota taanee tajaajiluuf nu kakaaseera. Kanaafuu, misiyoonota taʼuuf galma baafachuuf murteessine.
Galma Walgaʼii Biriitish Kolombiyaa keessatti argamu tokko biratti, 1983
Galma kanarra gaʼuuf akka nu gargaaruuf bara 1984tti Biriitish Kolombiyaarraa kiilomeetira 4,000 ol fagaannee gara Kuubeek bakka Afaan Faransaayi itti dubbatamutti galle. Kanaafuu, aadaa haaraa fi afaan haaraa barachuu qabna turre. Haalli rakkisaan nu mudate kan biraanimmoo, yeroo baayʼee maallaqa gaʼaa dhabuudha. Yeroo tokko waan nyaannu waan dhabneef dinnicha maasii qonnaan bulaa tokkoorratti hafe funaannee nyaanna turre. Deebiin dinnicha kana karaa adda addaatiin miʼeessitee qopheessiti turte. Haalli rakkisaan kun hundi jiraatus gammachuudhaan jabaannee dhaabbachuuf wanta dandeenyu hunda gooneerra. Hunda caalaammoo, Yihowaan nu kunuunsaa akka ture argineerra.—Far. 64:10.
Gaaf tokko akkuma tasaa bilbilli nuuf bilbilame. Beetel isa Kaanaadaatti argamutti akka tajaajillu affeeramne. Kanaan dura Giiliyaad galuuf foormii guunnee waan turreef affeerraa nuuf dhihaate kana ilaalchisee miira garaagaraatu nutti dhagaʼame. Taʼus affeerraa kana ni fudhanne. Beetel yeroo geenyu obboleessa keenya Keeneez Liitil isa miseensa Koree Waajjira Damee taʼe, “Foormiin Giiliyaad guunnee turre hoo akkam taʼe?” jennee gaafanne. Innis, “Yoo affeeramtan dhimmicha yeroo sana irratti haasofna” nuun jedhe.
Torbee tokko booda Giiliyaad akka gallu affeeramne. Kanaafuu, murtoo gochuu qabna turre. Obboleessi keenya Keeneez akkana nuun jedhe: “Maaliyyuu yoo filattan, gaaf tokko wanta kan biraa utuu filanneerra taʼee jettanii yaaduun keessan hin oolu. Filannaan inni tokko isa kan biraarra hin caalu; Yihowaan lamaanuu eebbisuu dandaʼa.” Nutis affeerraa Giiliyaad akka galluuf nuu dhihaate ni fudhanne; waggoota hedduudhaaf gorsi obboleessi keenya Keeneez nuu kenne dhugaa taʼuusaas argineerra. Obboloota ramaddii tokko filachuun isaan barbaachisu yeroo gorsinu yeroo baayʼee wanta inni nuun jedhe caqasna.
JIREENYA MISIYOONUMMAA
(Bitaa) Yuulesiis Gilaas
(Mirga) Jaak Reedfoordi
Barattoota 24n mana barumsaa Giiliyaad kutaa 83ffaa baratan keessaa tokko taʼuu keenyatti baayʼee gammanne. Kun kan taʼe Ebla 1987 Biruukiliin Niwu Yoorki keessatti ture. Barsiisonni keenya Yuulesiis Gilaasii fi Jaak Reedfoordi turan. Jiini shan utuu nutti hin beekamin dafee dhume; achiis Fulbaana 6, 1987tti eebbifamne. Joonii fi Maarii wajjin Heeyitiitti ramadamne.
Heeyitii keessatti, 1988
Bara 1962tti misiyoononni erga achii ariʼamanii kaasee misiyoononni Giiliyaadii eebbifaman gara Heeyitiitti hin ergaman turan. Giiliyaadii erga eebbifamnee torbee sadi booda gumii xinnoo babalʼistoota 35 qabuu fi gaarreen gidduutti argamu keessatti tajaajiluu jalqabne. Dargaggootaa fi muuxannoo kan hin qabne turre; akkasumas mana misiyoonotaa keessa kophaa keenya jiraanna turre. Namoonni biyyattii baayʼee hiyyeeyyiidha, baayʼeen isaaniis dubbisuu hin dandaʼan. Jeequmsi uummataa, fonqolchi mootummaa, namoonni karaa cufanii mootummaa mormanii fi obomboleettiin kan nu mudate yeroo achitti tajaajiluu jalqabne kanatti ture.
Obboloota ciccimoo fi gammadoo Heeyitii keessa jiranirraa wanta baayʼee baranneerra. Baayʼeen isaanii rakkinni cimaan kan isaan mudatu taʼus Yihowaa fi tajaajila ni jaallatu turan. Fakkeenyaaf, obboleettii maanguddoon tokko dubbisuu kan hin dandeenye taʼus caqasa gara 150 sammuutti qabattee turte. Rakkoowwan guyyaa guyyaadhaan nu mudatan, rakkina ilmaan namootaatiif furmaata kan fidu Mootummicha qofa akka taʼe labsuuf murtoo goone nuuf cimsaniiru. Namoonni jalqabarratti Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisaa turre tokko tokko qajeelchitoota yeroo hundaa, qajeelchitoota addaa fi jaarsolii taʼanii tajaajilaa akka jiran arguun baayʼee nu gammachiiseera.
Heeyitii yeroo turretti dargaggeessa Tireevar jedhamuu fi misiyoonii amantaa Moormoon taʼe tokko wajjin wal argeen ture; yeroo muraasaaf waaʼee Kitaaba Qulqulluu wajjin mariʼannee turre. Waggoota muraasa booda xalayaa tokko naaf erge. Akkana jedhee barreesse: “Walgaʼii aanaa ittaanurratti cuuphamuufin jedha. Gara Heeyitiitti deebiʼee bakkuman misiyoonii Moormoon taʼee tajaajiletti qajeelchaa addaa taʼee tajaajiluun barbaada.” Haadha manaasaa wajjin waggoota hedduudhaaf akkuma jedhe godheera.
AWUROOPPAA, ACHIIMMOO AFRIKAA
Islooveeniyaa keessatti yeroon hojjedhu, 1994
Baha Awurooppaatti hojii lallabaatiif haalli mijataan uumamee waan tureef achitti akka tajaajillu ramadamne. Bara 1992 gara Luubiyaanaa Islooveeniyaa deemne; warri koo gara Xaaliyaanii deemuusaanii dura naannoo magaalaa kanaatti guddatan. Yeroo sanatti naannoo Yuugozlaaviyaa durii keessatti waraanni geggeeffamaa ture. Hojii lallabaa naannoo sanatti geggeeffamu kan toʼatu waajjira damee Ostiriyaa Viyeenaatti argamuu fi waajjiroota Zaagreeb Kirooʼeeshiyaa fi Beelgireed Sarbiyaatti argamanidha. Amma tokkoon tokkoonsaanii waajjira damee mataasaanii qabaachuuf jedhu.
Kanaafuu ammas afaan kan biraa fi aadaa kan biraatti baruun nu barbaachisa ture. Namoonni naannichaa “Jeziik je tezeek” jedhu turan; kana jechuun “Afaanichi ulfaataadha” jechuudha. Dhugumammoo afaanichi ulfaataadha! Amanamummaan obboloonnii fi obboleettonni argisiisan baayʼee nu ajaaʼibsiise; sirreeffama jaarmiyichi godhe fedhiidhaan fudhataniiru; Yihowaan yeroo isaan eebbisus argineerra. Yihowaan yeroo hunda wantoota sirreeffamuu qaban yeroo sirrii taʼetti akka sirreessu yeroo kanattis argineerra. Islooveeniyaa yeroo turretti barumsa hedduu baranneerra; wantoonni sana dura barannes haalawwan rakkisoo achitti nu mudatan dandamachuuf nu gargaaraniiru.
Taʼus jijjiiramni dabalataa nu mudachuuf jedha ture. Bara 2000tti Koot Diivuwaar ishii Dhiha Afrikaatti argamtutti ramadamne. Achiis Sadaasa 2002tti sababa waraanaa waliiniitiin gara Seeraa Liyoonitti baqanne. Waraanni waliinii waggaa 11f achitti geggeeffamaa ture reefuma dhaabbachuusaati. Akkuma tasaa Koot Diivuwaariin gadhiisnee deemuun ulfaataa ture. Taʼus barumsi arganne gammachuu keenya eeggannee itti fufuuf nu gargaareera.
Namoota hedduu dhugaa barachuu barbaadanii fi obboloota keenya waggoota hedduudhaaf waraana dandamachaa turanirratti xiyyeeffanne. Hiyyeeyyii taʼanis wanta qaban warra kaaniif hiruuf fedhii qabu turan. Obboleettiin tokko Deebiidhaaf uffata muraasa kennitee turte. Deebiin jalqabarratti fudhachuu hin barbaanne; obboleettiin sun garuu, “Yeroo waraanaatti obboloonni biyyoota kan biroo jiran nu gargaaraniiru. Ammammoo dabaree keenya” jechuudhaan akka fudhattu ishii kadhatte. Nutis fakkeenyasaanii hordofuuf galma baafanne.
Boodas gara Koot Diivuwaaritti deebine; taʼus ammas jeequmsi siyaasaa deebiʼee kaʼe. Kanaafuu, Sadaasa 2004tti lamaan keenyayyuu boorsaa kiilogiraama 10 ulfaatu tokko tokko qabannee helikooptaraan achii baqanne. Galgala sana buufata waraanaa Faransaayi keessa lafumarra ciisnee bulle; guyyaa ittaanuttimmoo gara Suwiizarlaandi deemne. Gara halkan walakkaa waajjira damee yeroo geenyu miseensonni Koree Waajjira Damee fi barsiisonni Mana Barumsaa Leenjii Tajaajiltootaa haadhotii manaasaanii wajjin miira hoʼaadhaan nu simatan; achiis nyaataa fi chekoleetii hedduu nuuf kennan. Wanti isaan godhan kun baayʼee nu tuqe.
Koot Diivuwaar keessatti baqattootaaf haasaa yeroon dhiheessu, 2005
Yeroodhaaf Gaanaatti ramadamne; achiis jeequmsi uummataa erga hirʼatee booda Koot Diivuwaaritti ramadamne. Gaarummaan obboloonni nutti argisiisan yeroo biyyoota garaagaraatti godaanaa turree fi ramaddiin yeroo gabaabaa nuuf kennamaa ture kanatti nu gargaareera. Anii fi Deebiin jaalalli obbolummaa akkasii jaarmiyaa Yihowaa keessatti baramaa taʼus matumaa salphisnee akka hin ilaalle murteessinee turre. Yeroowwan rakkisaa taʼan sanarraallee barumsa gaarii arganneerra.
GIDDU GALA BAHAATTI RAMADAMNE
Giddu Gala Bahaa keessatti, 2007
Bara 2006tti xalayaan Giddu Gala Bahaatti ramaddii haaraan akka nuuf kenname ibsu waajjira muummeerraa nu gaʼe. Kanaafuu ammas afaanii fi aadaa haaraatti, akkasumas haalawwan rakkisoo kan birootti baruun nu barbaachisa ture. Naannoo rakkina siyaasaa fi amantaa wajjin wal qabate hedduu qabu kanatti wanti barachuun nu barbaachisu baayʼeen jira ture. Gumii keessa obboloonni afaan garaagaraa dubbatan jiraachuunsaanii fi tokkummaa qajeelfama tiʼookraasii hordofuun argamsiise arguun keenya baayʼee nu gammachiiseera. Obboloonni mormii miseensota maatii, namoota wajjin baratan, namoota wajjin hojjetanii fi olloota isaaniirraa isaanirra gaʼu dandamachuunsaanii baayʼee nu ajaaʼibsiise.
Bara 2012tti walgaʼii addaa Teel Aviiv Israaʼel keessatti geggeeffamerratti argamne. Ayyaana Phenxeqosxee Dh.K.B. bara 33tti kabajamee as sabni Yihowaa naannoo sanatti baayʼinaan akkasitti yeroo walitti qabaman kun isa jalqabaati. Yeroo hin irraanfatamne ture.
Waggoottan sanatti obboloota biyya hojiin keenya itti daangeffame keessa jiraatan tokko akka daawwannu ergamnee turre. Barreeffamoota keenya tokko tokko qabannee deemne, akkasumas tajaajilaa fi walgaʼiiwwan aanaa namoonni muraasni irratti argamanirratti hirmaannee turre. Loltoonni meeshaa hidhatanii fi iddoowwan itti sakattaʼan hedduun jiru turan; taʼus, babalʼistoota muraasa wajjin of eeggannoodhaan deemaa waan turreef hin sodaanne.
AFRIKAATTI DEEBINE
Koongoo keessatti haasaa yeroon qophaaʼu, 2014
Bara 2013tti ramaddiin baayʼee adda taʼe tokko nuuf kenname; waajjira damee Koongoo Kinshaasaatti argamu keessatti akka tajaajillu ramadamne; biyyi kun biyya balʼaa baayʼee bareedu taʼus, yeroo dheeraadhaaf hiyyummaa cimaanii fi waraanni keessatti babalʼatee ture. Jalqabarratti, “Afrikaa ni beekna, kanaafuu dhaquu dandeenya” jennee turre. Taʼus, keessumaa naannoowwan buʼuuraalee misoomaa baayʼinaan hin qabne keessa deemuu wajjin haala wal qabateen wanta hedduu barachuun nu barbaachisa ture. Wantoota gaggaarii irratti xiyyeeffannu hedduu qabna turre; fakkeenyaaf, obboloonni rakkinni diinagdee jiraatus jabaatanii dhaabbataniiru, gammachuu qabu, tajaajila ni jaallatu, akkasumas walgaʼiiwwan gumii fi walgaʼiiwwan guguddaarratti argamuuf ni carraaqu turan. Hojiin Mootummichaa gargaarsaa fi eebba Yihowaatiin yeroo babalʼatu ijuma keenyaan argineerra. Koongootti waggoota hedduudhaaf tajaajiluun keenya barumsa baayʼee barbaachisaa taʼe nu barsiiseera, akkasumas michoota gaggaarii hedduu nuuf argamsiiseera.
Afrikaa Kibbaa keessatti yeroo tajaajillu, 2023
Dhuma bara 2017tti Afrikaa Kibbaatti ramaddii kan biraan nuuf kenname. Waajjira damee guddaa akkasiitti tajaajillee hin beeknu; hojiin Beetelitti nuuf kennames haaraadha. Ammas wanti barachuu qabnu hedduun jira, taʼus wanti kanaan dura baranne baayʼee nu gargaareera. Obbolootaa fi obboleettota waggoota hedduudhaaf amanamummaadhaan jabaatanii dhaabbatan baayʼee jaallanna. Miseensonni maatii Beetel sanyii fi aadaa garaagaraa kan qaban taʼanis tokkummaadhaan yeroo waliin hojjetan arguun baayʼee nu dinqisiise. Yihowaan sabnisaa namummaa haaraa waan uffatanii fi qajeelfamoota Kitaaba Qulqulluu hojiirra waan oolchaniif nagaa isaaniif kennuudhaan isaan eebbiseera.
Anii fi Deebiin waggoota hedduudhaaf ramaddii garaagaraa fudhanneerra; aadaa garaagaraatti baruunii fi afaan haaraa barachuunis nu barbaachiseera. Kun yeroo hunda salphaa taʼuu baatus Yihowaan karaa jaarmiyaasaa fi obbolootatti fayyadamuudhaan jaalala amanamaa akka nutti argisiise nutti dhagaʼama. (Far. 144:2) Leenjiin tajaajila yeroo guutuu keessatti arganne tajaajiltoota Yihowaa gaarii akka nu taasise ni amanna.
Akkaataa warri koo itti na guddisan, deeggarsa haati manaa koo Deebiin naaf gootee fi fakkeenya gaarii obboloonni addunyaa maratti argaman naaf taʼan baayʼeen dinqisiifadha. Gara fuulduraattis Barsiisaa keenya isa guddicharraa barachuu keenya itti fufuuf kutanneerra.