MATA DUREE QOʼANNAA 37
FAARFANNAA 114 “Obsaa”
Jalʼina Haqaa Yeroo Argitu Maal Gochuu Qabda?
“Inni haqni akka dagaagu abdatee ture, garuu kunoo, jalʼinatu taʼe.”—ISA. 5:7.
YAADA IJOO
Mata duree kana keessatti jalʼina haqaa yommuu arginu fakkeenya Yesuus hordofuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ilaalla.
1-2. Namoonni hedduun jalʼina haqaa yeroo argan maal godhu? Mata duree kana keessatti gaaffilee kamfaa qorra?
ADDUNYAA jalʼina haqaatiin guutame keessa jiraanna. Namoonni haala diinagdee isaaniitiin, saala isaaniitiin, sanyii isaaniitiin ykn bifa isaaniitiin kan kaʼe jalʼinni haqaa isaanirra gaʼa. Rakkina daldaltoonni sassattoota taʼanii fi angawoonni ofittoo taʼan uumaniin kan kaʼe namoonni hedduun ni rakkatu. Jalʼinni haqaa kunii fi kan biroon kallattiidhaan ykn al kallattiidhaan hunda keenyarratti dhiibbaa geessisu.
2 Namoonni hedduun jalʼina haqaa addunyaa keessatti arganiin kan kaʼe aaruunsaanii nama hin dinqisiisu. Hundi keenyayyuu addunyaa haqni itti babalʼatee fi nagaa qabu keessa jiraachuu barbaanna. Namoonni tokko tokko sochii jijjiirama hawaasaa fiduuf godhamurratti hirmaatu. Mootummaa mormuuf hiriira mormii baʼu, akkasumas hooggantoota siyaasaa jalʼina haqaa hambisuuf waadaa galan deeggaru. Nuti garuu Kiristiyaanota waan taaneef “kutaa addunyaa” taʼuu akka hin qabnee fi jalʼina haqaa hunda akka balleessuuf Mootummaa Waaqayyoo eeggachuu akka qabnu baranneerra. (Yoh. 17:16) Taʼus, jalʼinni haqaa namootarra yeroo gaʼu arguun keenya nu gaddisiisuu, darbees nu aarsuu dandaʼa. Akkana jennee yaaduu dandeenya: ‘Yeroo akkasiitti maal gochuun qaba? Yeroo ammaatti jalʼina haqaa ilaalchisee wantin gochuu dandaʼu jiraa?’ Gaaffilee kanaaf deebii argachuuf mee dura jalʼina haqaa ilaalchisee Yihowaa fi Yesuusitti maaltu akka dhagaʼamu haa ilaallu.
YIHOWAA FI YESUUS JALʼINA HAQAA NI JIBBU
3. Jalʼina haqaa yeroo arginu kan aarru maaliifi? (Isaayyaas 5:7)
3 Kitaabni Qulqulluun jalʼina haqaa kan jibbinu maaliif akka taʼe hubachuuf nu gargaara. Kitaabni Qulqulluun Yihowaan akka bifasaatti akka nu uume dubbata; Yihowaan immoo “qajeelummaa fi haqa [jaallata].” (Far. 33:5; Uma. 1:26) Inni matumaa haqa hin jalʼisu; eenyuyyuu haqa akka jalʼisus hin barbaadu. (Kes. 32:3, 4; Mik. 6:8; Zak. 7:9) Fakkeenyaaf, bara Isaayyaas raajichaatti Israaʼelonni hedduun namootuma biyya isaaniitiin jalʼinni isaanirratti raawwatamaa ture; Yihowaanis “iyya dhiphinaa” namoonni kun dhageessisan dhagaʼaa ture. (Isaayyaas 5:7 dubbisi.) Yihowaan warra irra deddeebiʼanii seerasaa cabsanii fi warra kaanirratti jalʼina raawwatan adabeera.—Isa. 5:5, 13.
4. Seenaan Wangeelota keessatti argamu tokko ilaalcha Yesuus jalʼina haqaatiif qabu ilaalchisee maal nu hubachiisa? (Fakkichas ilaali.)
4 Yesuus akkuma Yihowaa haqa ni jaallata, jalʼina haqaammoo ni jibba. Yesuus yeroo lafarratti tajaajilaa turetti gaaf tokko namicha harkisaa lamshaaʼe tokko arge. Yesuus namicha kana yommuu argu isaaf gaddee isa fayyise; haa taʼu malee, geggeessitoonni amantaa yeroo kana argan baayʼee aaran. Wanti baayʼee isaan yaaddesse namichi kun gargaarsa argachuusaa utuu hin taʼin, seerri Sanbata ilaalchisee baasan hojiirra ooluusaa ture. Maarree, wanta isaan godhan ilaalchisee Yesuusitti maaltu dhagaʼame? “Mata jabina isaaniitti baayʼee gadde.”—Mar. 3:1-6.
Geggeessitoonni amantaa Yihudii namoota rakkina keessa jiraniif hin gaddan turan, Yesuus garuu akkas hin turre (Keeyyata 4 ilaali)
5. Jalʼina haqaa yeroo arginu aarii nutti dhagaʼamu ilaalchisee maal yaadachuu qabna?
5 Yihowaa fi Yesuus jalʼina haqaa yeroo argan kan aaran erga taʼee nutis aaruun keenya dogoggora miti. (Efe. 4:26) Taʼus, aariin nutti dhagaʼamu, sirrii yoo taʼellee jalʼina haqaa akka hin sirreessine yaadachuu qabna. Aariin yeroo dheeraadhaaf turu ykn toʼannaadhaa ala taʼe karaa miiraa fi karaa qaamaa nu miidhuu dandaʼa. (Far. 37:1, 8; Yaq. 1:20) Maarree, jalʼina haqaa yeroo arginu maal gochuu qabna? Fakkeenya Yesuusirraa barumsa argachuu dandeenya.
YESUUS JALʼINA HAQAA YEROO ARGETTI MAAL GODHE?
6. Yesuus yeroo lafarra turetti jalʼina haqaa akkamiitu babalʼatee ture? (Fakkichas ilaali.)
6 Yesuus yeroo lafarra turetti jalʼina haqaa hedduu argeera. Geggeessitoonni amantaa namoota kaan yeroo cunqursan argeera. (Mat. 23:2-4) Angawoonni Roomaas namootarratti gocha gara jabinaa yeroo raawwatan argeera. Yihudoonni hedduun warra Roomaa jalaa bilisa baʼuu baayʼee barbaadu turan. Tokko tokko warra Roomaa waraanuuf garee hundeessanii turan. Taʼus, Yesuus carraaqqii jijjiirama hawaasaa fiduuf godhamu hin deeggarre. Namoonni mootii isa gochuuf akka yaadan yeroo hubatetti isaanirraa adda of baaseera.—Yoh. 6:15.
Yesuus namoonni dhimma siyaasaa yeroo sana ture keessa isa galchuu yeroo barbaadanitti isaanirraa adda of baaseera (Keeyyata 6 ilaali)
7-8. Yesuus yeroo lafarra turettii jalʼina haqaa hambisuuf kan hin yaalle maaliifi? (Yohaannis 18:36)
7 Yesuus yeroo lafarra turetti sirna siyaasaa yeroo sana ture wajjin taʼuudhaan jalʼina haqaa hambisuuf hin yaalle. Maaliif? Namoonni ofiin of bulchuuf mirgas taʼe dandeettii akka hin qabne waan beekuufi. (Far. 146:3; Er. 10:23) Kana malees, namoonni madda jalʼina haqaa balleessuu hin dandaʼan. Addunyaa kana kan bulchu Diyaabilosi; innimmoo qaama hafuuraa gara jabeessa taʼee fi namoonni jalʼina haqaa akka raawwatan kakaasudha. (Yoh. 8:44; Efe. 2:2) Dabalataanis namoonni ilaalcha gaarii qabanillee cubbuu kan dhaalan taʼuunsaanii, yeroo hundumaa haqa raawwachuun akka isaanitti ulfaatu taasisa.—Lal. 7:20.
8 Yesuus madda jalʼina haqaa guutummaatti balleessuu kan dandaʼu Mootummaa Waaqayyoo qofa akka taʼe beeka ture. Kanaan kan kaʼes, yeroo fi humnasaa ‘misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo lallabuu fi labsuuf’ itti fayyadameera. (Luq. 8:1) Malaanmaltummaa fi jalʼinni haqaa akka hafu ‘warra qajeelummaa beelaʼanii fi dheebotaniif’ mirkaneesseera. (Mat. 5:6; Luq. 18:7, 8) Haa taʼu malee, jijjiirama kana kan fidu mootummaa ilmaan namootaa utuu hin taʼin, Mootummaa Waaqayyoo isa bulchiinsa samii taʼe qofadha; Mootummaan kunimmoo “kutaa addunyaa kanaa miti.”—Yohaannis 18:36 dubbisi.
JALʼINA HAQAA YEROO ARGITU FAKKEENYA YESUUS HORDOFI
9. Jalʼina haqaa hunda kan balleessu Mootummaa Waaqayyoo qofa akka taʼe kan si amansiise maalidha?
9 Yeroo ammaatti jalʼinni haqaa isa yeroo Yesuus lafarra jiraatetti ture caalaa babalʼateera. Haa taʼu malee, “guyyoota dhumaa” kanattis maddi jalʼina haqaa Seexanaa fi namoota inni dhiibbaa irraan geessisudha. (2 Xim. 3:1-5, 13; Mul. 12:12) Akkuma Yesuus nutis madda jalʼina haqaa balleessuu kan dandaʼu Mootummaa Waaqayyoo qofa akka taʼe beekna. Mootummaa kana guutummaatti waan deeggarruuf hiriira mormii hin baanu, akkasumas mootummoonni jalʼina haqaa ni hambisu jennee isaanitti hin amanamnu. Mee muuxannoo obboleettii Isteesiia jedhamtuu haa ilaallu. Isteesiin dhugaa barachuu ishii dura carraaqqii jijjiirama hawaasaa fiduuf godhamurratti ni hirmaatti turte. Taʼus, wanta gochaa jirtu ilaalchisee shakkiin ishiitti uumamuu jalqabe. Akkana jetteetti: “Hiriira mormiirratti yeroon hirmaadhu, ‘Karaa sirriirran jiraa laata?’ jedheen yaada. Amma garuu Mootummaa Waaqayyoo waanan deeggaruuf daandii sirriirra akkan jiru beeka. Yihowaan ana caalaa namoota cunqurfaman hundumaaf akka falmu beeka.”—Far. 72:1, 4.
10. Sochiin jijjiirama hawaasaa fiduuf godhamu gorsa Yesuus Maatewos 5:43-48 irratti argamu wajjin kan wal faallessu akkamitti? (Fakkichas ilaali.)
10 Yeroo ammaatti namoonni hedduun gareewwan mootummaa jijjiiruuf carraaqqii godhanitti makamu; taʼus, baayʼeensaanii garmalee kan aaran, seera kan cabsanii fi warra kaan kan miidhanidha; kunimmoo wanta Yesuus barsiise wajjin wal faallessa. (Efe. 4:31) Obboleessi Jeefrii jedhamu akkana jedheera: “Hiriirri mormii nagaa fakkaatu tokko sekoondii muraasa gidduutti gara jeequmsaa fi saamichaatti jijjiiramuu dandaʼa.” Haa taʼu malee, Yesuus namoota yaada keenyarratti walii hin galle ykn warra nu ariʼatan dabalatee namoota hundatti jaalala akka argisiisnu nu barsiiseera. (Maatewos 5:43-48 dubbisi.) Kiristiyaanota waan taaneef wanta barumsa Yesuus wajjin wal faallessu raawwachuu dhiisuuf wanta nuuf dandaʼame hunda ni goona.
Dhimmoota siyaasaa fi hawaasaa yeroo ammaa jiran keessa galuu dhiisuun kutannoo gaafata (Keeyyata 10 ilaali)
11. Kutannoo carraaqqii jijjiirama hawaasaa fiduuf godhamurratti hirmaachuu dhiisuuf goone wanti qoru maalidha?
11 Mootummaan Waaqayyoo jalʼina haqaatiif furmaata dhaabbataa akka fidu kan beeknu taʼus, yeroo jalʼinni haqaa nurra gaʼu fakkeenya Yesuus hordofuun nutti ulfaachuu dandaʼa. Obboleettiin Jaaniyaa jedhamtu bifa ishiitiin kan kaʼe yeroo loogiin ishiirra gaʼetti akkas ishiitti dhagaʼamee ture. Akkana jetteetti: “Baayʼee aareen ture. Baayʼee waanan miidhameef namoonni sun akka adabaman barbaadeen ture. Achiis hiriira mormii sanyummaa fi loogii balaaleffatu deeggaruun yaade. Kun karaa sirrii aarii koo itti ibsu akka taʼe natti dhagaʼamee ture.” Yeroo booda garuu Jaaniyaan jijjiirama gochuu akka qabdu hubatte. Akkana jetteetti: “Warri kaan ilaalcha koorratti dhiibbaa akka godhan heyyamaan ture. Yihowaatti utuu hin taʼin namootatti amanamuu akkan jalqaben hubadhe. Kanaafuu, hariiroon garee sana wajjin qabu guutummaa guutuutti addaan kutuufan murteesse.” Aariin nutti dhagaʼamu kutannoo dhimma siyaasaa fi hawaasaa addunyaa kanaa keessa galuu dhiisuuf goone akka nu jalaa laaffisu heyyamuu hin qabnu.—Yoh. 15:19.
12. Wanta dubbisnu, dhaggeeffannuu fi ilaallu filachuun keenya gaarii kan taʼe maaliifi?
12 Aarii jalʼina haqaatiin kan kaʼe nutti dhagaʼamu toʼachuuf maaltu nu gargaara? Namoonni hedduun wanta dubbisan, wanta ilaalanii fi dhaggeeffatan filachuunsaanii akka isaan gargaare hubataniiru. Miidiyaaleen hawaasaa tokko tokko oduuwwan nama naasisanii fi jijjiirama hawaasaa fiduuf nama kakaasaniin kan guutamanidha. Miidiyaaleen yeroo baayʼee oduu tokko karaa sirrii hin taaneen gabaasu. Oduu sirrii jalʼinni haqaa tokko akka raawwatame ibsu yoo dhageenyellee callisnee waaʼeesaa yaaduun keenya maal nu fayyada? Oduuwwan akkasii dhagaʼuudhaan saʼaatii dheeraa yoo dabarsine utuu hin barbaachisin aaruu fi abdii kutachuu dandeenya. (Fak. 24:10) Kanarra kan hammaatummoo, jalʼina haqaatiif furmaata dhaabbataa kan fidu Mootummaa Waaqayyoo taʼuusaa dagachuu dandeenya.
13. Kitaaba Qulqulluu dhaabbataadhaan dubbisuun keenya jalʼina haqaatiif ilaalcha sirrii qabaachuuf kan nu gargaaru akkamitti?
13 Kitaaba Qulqulluu dhaabbataadhaan dubbisuu fi irratti xiinxaluun keenya jalʼina haqaa dandamachuuf nu gargaara. Obboleettiin Aaliyaa jedhamtu jalʼina haqaa namoota naannoo ishii jiranirratti raawwatamu arguun ishii baayʼee ishii jeeqee ture. Namoonni gocha kana raawwatan gocha isaaniitiif waan itti gaafataman hin fakkaatu. Akkana jetteetti: “‘Yihowaan rakkoowwan kana akka furu dhuguma nan amanaa?’ jedheen of gaafadhe. Iyyoob 34:22-29 kanan dubbise yeroo kanatti ture. Caqasoonni kun eenyuyyuu Yihowaa jalaa dhokachuu akka hin dandeenye na yaadachiisan. Wanta haqa taʼe sirriitti kan beeku isa qofadha; rakkina hundumaaf furmaata kan fidus isa qofadha.” Mootummaan Waaqayyoo haqa dhugaa akka fidu ni eegganna; garuu hammasitti jalʼina haqaa dandamachuuf maal gochuu dandeenya?
JALʼINA HAQAA DANDAMACHUUF AMMA MAAL GOCHUU DANDEENYA?
14. Jalʼina haqaa addunyaarratti raawwatamuuf gumaacha akka hin goone maal gochuu dandeenya? (Qolosaayis 3:10, 11)
14 Namoonni kaan jalʼina haqaa akka hin raawwanne gochuu hin dandeenyu; gocha keenya garuu toʼachuu ni dandeenya. Akkuma olitti ilaalle jaalala argisiisuudhaan fakkeenya Yesuus hordofuu dandeenya. Jaalalli akkasii namoota jalʼina haqaa raawwatanittillee kabaja argisiisuuf nu kakaasa. (Mat. 7:12; Rom. 12:17) Yihowaan namoota hunda gaarummaa fi haqaan yeroo qabnu baayʼee gammada.—Qolosaayis 3:10, 11 dubbisi.
15. Dhugaa Kitaaba Qulqulluu warra kaanitti himuun keenya namoota kan gargaaru akkamitti?
15 Karaan namoota gargaaruu itti dandeenyu inni guddaan dhugaawwan Kitaaba Qulqulluu isaan barsiisuudha. Akkas kan jennu maaliifi? Sababiin isaas, ‘beekumsi Yihowaa’ nama hamminaa fi lola jaallatu tokko gara nama gaarii fi naga qabeessa taʼetti jijjiiruu ni dandaʼa. (Isa. 11:6, 7, 9) Fakkeenyaaf, Jamaal dhugaa barachuusaa dura mootummaa uummata cunqursa jedhee yaadu fonqolchuuf garee finciltootaa tokkotti makamee ture. Akkana jedheera: “Namoota humnaan jijjiiruun hin dandaʼamu. Ani humnaan hin jijjiiramne; dhugaawwan Kitaaba Qulqulluu barachuun koo garuu na jijjiireera.” Jamaal wanti barate lolarratti hirmaachuusaa akka dhaabu isa taasiseera. Namoonni dhugaa Kitaaba Qulqulluutiin jijjiiraman baayʼachaa yeroo deeman namoonni jalʼina haqaa raawwatan hirʼachaa deemu.
16. Abdii Mootummichaa warra kaanitti himuuf kan kakaatu maaliifi?
16 Nutis akkuma Yesuus jalʼina haqaatiif furmaata dhaabbataa kan fidu Mootummaa Waaqayyoo qofa akka taʼe namootatti himuuf ni hawwina. Abdiin kun warra jalʼinni haqaa irratti raawwatame ni jajjabeessa. (Er. 29:11) Isteesiin ishiin olitti ibsamte akkana jetteetti: “Dhugaa barachuun koo jalʼina haqaa anarras taʼe warra kaanirra gaʼe dandamachuuf na gargaareera. Yihowaan Kitaaba Qulqulluutti fayyadamee nu jajjabeessa.” Furmaata jalʼina haqaa ilaalchisee ergaa nama jajjabeessuu fi Kitaaba Qulqulluu keessatti argamu warra kaanitti himuuf akka gaariitti qophaaʼuu qabda. Yaanni Kitaaba Qulqulluu hamma yoonaatti ilaalle dhugaa taʼuusaa mirkanaaʼaa yoo taate, dhimmi kun mana barumsaatti ykn bakka hojiitti yoo kaʼe malaan namoota mariisisuuf caalaatti qophaaʼaa taata.b
17. Yihowaan jalʼina haqaa yeroo harʼaatti nu mudatu akka dandamannu kan nu gargaaru akkamitti?
17 Seexanni ‘bulchaa addunyaa’ kanaa taʼee hamma itti fufetti jalʼinni haqaa nu mudachuusaa akka itti fufu beekna. Haa taʼu malee, Yihowaan yeroo ammaatti nu gargaaruu fi Seexana dabalatee hammina hundumaa balleessuuf waadaa waan nuu galeef yeroo gaariin akka dhufu abdachuu dandeenya. (Yoh. 12:31) Yihowaan Dubbiisaa keessatti jalʼinni haqaa kan baayʼate maaliif akka taʼe qofa utuu hin taʼin, dhiphina jalʼinni haqaa nurraan geessisu yeroo argu miirri akkamii akka isatti dhagaʼamu nuuf ibseera. (Far. 34:17-19) Yihowaan Ilmasaatti fayyadamuudhaan yeroo ammaatti jalʼinni haqaa yeroo nurra gaʼu maal gochuu akka qabnuu fi Mootummaansaa jalʼina haqaa barabaraaf kan balleessu akkamitti akka taʼe nu barsiiseera. (2 Phe. 3:13) Kanaafuu, yeroo itti lafti “haqaa fi qajeelummaadhaan” guutamtu hawwiidhaan eeggachaa misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo hinaaffaadhaan lallabuu keenya itti haa fufnu.—Isa. 9:7.
FAARFANNAA 158 ‘Innoo hin Turu!’
a Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.
b Birooshura Namoota Jaalladhu—Barattoota Godhi jedhamurraa kutaa dabalataa A qabxii 24-27 ilaali.