LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwbq mataduree 171
  • Diyaabilos Maal Fakkaata?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Diyaabilos Maal Fakkaata?
  • Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Deebii Kitaaba Qulqulluu
  • Kitaabni Qulqulluu Diyaabilosiin akkamitti ibsa?
  • Seexanaan Mormaa! Innis Isin Dhiisee In Baqataa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2006
  • Akkuma Yesus ‘Seexana Mormaa’
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2008
  • Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2016
  • Seexanni Dhugumaan Jiraa?
    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
Dabalataan Ilaaluuf
Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
ijwbq mataduree 171

Diyaabilos Maal Fakkaata?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

Diyaabilos qaama hafuuraa ijaan hin mullane waan taʼeef, qaama foonii ija namaatiin argamuu dandaʼu hin qabu.—Efesoon 6:11, 12.

Fakkii baramaa Diyaabilos qoorbii qabatee argisiisu. Reʼee kan fakkaatu siʼa taʼu, gaanfaa fi eegee qaba.

Diyaabilos yeroo baayʼee uumama reʼee fakkaatu, gaanfaa fi eegee qabu akkasumas qoorbii qabate godhame kaafama. Namoonni tokko tokko fakkii Diyaabilos haala kanaan ibsuun kan dhufe, artistoota waggoota 1000 dura fakkii kaasaan irraa akka taʼe amanu; artistoonni kun immoo sheekkoo fi oduun durii dhiibbaa isaan irratti gochuu hin oolu.

  • Kitaabni Qulqulluu Diyaabilosiin akkamitti ibsa?

  • Caqasawwan waaʼee Diyaabilos ibsan

Kitaabni Qulqulluu Diyaabilosiin akkamitti ibsa?

Kitaabni Qulqulluun Diyaabilosiin wantoota gara garaatti fakkeessuudhaan ibsa. Yaadawwan kun bifa isaa utuu hin taʼin, Eenyummaa isaa hubachuuf nu gargaaru. Wantoota inni itti fakkeeffame keessaa muraasni armaan gaditti ibsamaniiru:

  • Maleekaa ifaa. Namoonni barumsa Waaqayyoo utuu hin taʼin, barumsa isaa akka hordofan gochuuf wanta gaarii taʼe akka isaaniif dhiheessu fakkeessuuf yaala.—2 Qorontos 11:14.

  • Leenca baroodu. Namoota Waaqayyoon waaqeffatan irratti gara jabinaan haleellaa geessisa.—1 Pheexiros 5:8.

  • Jawwee guddaa. Sodaachisaa dha, humna guddaa qaba, akkasumas badiisa guddaa geessisa.—Mulʼata 12:9.

Caqasawwan waaʼee Diyaabilos ibsan

  • 2 Qorontos 11:14: ‘Seexanni maleekaa ifaa fakkaachuuf of jijjiira.’

    Hiika: Seexanni namoonni barumsa Waaqayyoo utuu hin taʼin barumsa isaa akka hordofan gowwoomsuuf gaarii fakkaatee dhihaachuuf yaala.

  • Efesoon 6:11: “Mala haxxummaa Diyaabilos mormitanii dhaabachuu akka dandeessaniif miʼa waraanaa isa kan Waaqayyoo guutummaatti uffadhaa.”

    Hiika: Diyaabilos namoonni Waaqayyoof akka hin ajajamne gochuuf mala haxxummaatti fayyadama.

  • Yaaqoob 4:7: “Waaqayyoof bitamaa; Diyaabilosiin garuu mormaa, innis isin irraa ni baqata.”

    Hiika: Namni tokko Diyaabilosiif utuu hin taʼin, Waaqayyoof ajajamuudhaan Seexana injifachuu ni dandaʼa.

  • 1 Pheexiros 5:8: “Diinni keessan Diyaabilos nama liqimsu barbaadee akka leenca barooduutti naannaʼaa jira.”

    Hiika: Diyaabilos namoota Waaqayyoof ajajaman ni jibba, hariiroo isaan Waaqayyoo wajjin qabanis balleessuu barbaada.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi