LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwbq mataduree 172
  • Maariyaam Magdalaan Eenyu?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Maariyaam Magdalaan Eenyu?
  • Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Deebii Kitaaba Qulqulluu
  • Maariyaam Magdalaan sagaagaltuu turtee?
  • Maariyaam Magdalaan ergamtuu ergamootaa turtee?
  • Maariyaam Magdalaan haadha manaa Yesuus Kiristoos turtee?
  • “Ani Gooftaa Argeera!”
    Fakkeenya Amantii Isaanii Hordofaa
  • Fakkeenya Maariyaamirraa Maal Baranna?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2009
  • “Ani Garbittiin Gooftaa Kunoo Asan Jira”
    Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa
  • Bakka Awwaalaa Duwwaa—Yesuus Duʼaa Kaʼe!
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
Dabalataan Ilaaluuf
Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
ijwbq mataduree 172
Maariyaam Magdalaan awwaalcha duwwaa taʼe fuulduratti Yesuus isa duʼaa kaʼee wajjin yommuu wal argitu.

Maariyaam Magdalaan Eenyu?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

Maariyaam Magdalaan duuka buutuu Yesuus Kiristoos amanamtuu turte. Maqaan ishii magaalaa Magdalaa (tarii Magadaan) ishii Galaana Galiilaa biratti argamtu irraa kan fudhatame taʼuu hin oolu. Maariyaam tarii yeroo taʼe tokkotti achi jiraattee taʼuu dandaʼa.

Maariyaam Magdalaan dubartoota hedduu Yesuusii fi barattoota isaa wajjin imalaa fi karaa foonii gargaarsa isaaniif gochaa turan keessaa tokko turte. (Luqaas 8:1-3) Maariyaam yommuu Yesuus ajjeefamu argiteetti, akkasumas namoota erga inni duʼaa kaʼee booda jalqaba isa argan keessaa tokko turte.—Maarqos 15:40; Yohaannis 20:11-18.

  • Maariyaam Magdalaan sagaagaltuu turtee?

  • Maariyaam Magdalaan ergamtuu ergamootaa turtee?

  • Maariyaam Magdalaan haadha manaa Yesuus Kiristoos turtee?

  • Kitaaba Qulqulluu keessatti dubartoonni maqaa Maariyaam jedhuun waamaman meeqa turan?

Maariyaam Magdalaan sagaagaltuu turtee?

Kitaabni Qulqulluun Maariyaam Magdalaan sagaagaltuu akka turte hin dubbatu. Wanti Kitaabni Qulqulluun waaʼee ishii dubbatu, Yesuus jinniiwwan torba ishii keessaa baasuu isaa qofa dha.—Luqaas 8:2.

Yaanni ishiin sagaagaltuu akka turte ibsu eessaa dhufe? Erga ishiin duutee jaarraawwan hedduu booda namoonni tokko tokko ishiin dubartii maqaadhaan hin caqasamnee (sagaagaltuu takka taʼuu hin ooltu) fi miila Yesuus imimmaan ishiitiin dhiqxee rifeensa ishiitiin haxoofte sana akka taate dubbachuu jalqaban. (Luqaas 7:36-38) Haa taʼu malee, akkana jedhanii amanuuf ragaan Kitaaba Qulqulluu hin jiru.

Maariyaam Magdalaan ergamtuu ergamootaa turtee?

Hin turre. Waldaan Kaatolikii ishiin yeroo jalqabaatiif oduu Yesuus duʼaa kaʼuu isaa ibsu namoota ergamootatti himan keessaa tokko waan turteef, “Qulqullittii Maariyaam Magdalaa,” akkasumas “ergamtuu ergamootaa” jettee ishii waamti. (Yohaannis 20:18) Taʼus, kun ergamtuu ishii hin taasisu. Kitaaba Qulqulluu keessattis ishiin bakka kamitti iyyuu maqaa kanaan hin waamamne.—Luqaas 6:12-16.

Kitaabni Qulqulluun barreeffamee kan xumurame Dh.K.B. gara dhuma jaarraa jalqabaatti ture. Haa taʼu malee, namoonni waldaa kana keessatti aangoo guddaa qaban Maariyaam Magdalaadhaaf iddoo guddaa kana kan kennan jaarraa jaʼaffaa booda ture. Barreeffamoonni kutaa Kitaaba Qulqulluu hin taanee fi jaarraa lammaffaa fi jaarraa sadaffaa keessa barreeffaman keessatti ergamoonni Yesuus tokko tokko Maariyaam Magdalaatti akka hinaafan ibsu. Seenaawwan uumaman kun deggersa Kitaaba Qulqulluu hin qaban.

Maariyaam Magdalaan haadha manaa Yesuus Kiristoos turtee?

Hin turre. Siruma iyyuu Kitaabni Qulqulluun Yesuus akka hin fuune ifatti dubbata.a

a Mata duree, “Yesuus Fuudhee Turee? Yesuus Obboloota Qaba Turee?” jedhu ilaali.

Kitaaba Qulqulluu keessatti dubartoonni maqaa Maariyaam jedhuun waamaman meeqa turan?

Kitaaba Qulqulluu keessatti dubartoonni maqaa Maariyaam jedhamu qaban jaʼa caqasamaniiru.b

  1. 1. Haadha Yesuus.—Maatewos 1:18.

  2. 2. Obboleettii Maartaa fi Alaazaar.—Yohaannis 11:1, 2.

  3. 3. Maariyaam Magdalaa.—Luqaas 8:2.

  4. 4. Haadha Yaaqoobii fi Yoseef.—Maatewos 27:56.

  5. 5. Haadha Yohaannis Maarqos.—Hojii Ergamootaa 12:12.

  6. 6. Kiristiyaana Roomaa keessatti argamtuu fi gumii achitti argamuuf jabaattee hojjettu.—Roomaa 16:6.

b Maqaan Afaan Giriikiitiin Maariyaam jedhame, maqaa Afaan Ibrootaatiin Miiriyaam jedhuu fi obboleettiin Musee ittiin waamamtu dha.—1 Seenaa 6:3.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi