LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwbq mataduree 177
  • Seera Beekamaa Taʼe kan Jedhame Isa Kami Dha?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Seera Beekamaa Taʼe kan Jedhame Isa Kami Dha?
  • Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Deebii Kitaaba Qulqulluu
  • Seerri Kun Hiika Maalii Qaba?
  • Seerri kun faayidaa qabeessa kan taʼe maaliifi?
  • Seerri kun wanta warra kaaniif kenninuu fi isaan irraa fudhannu irratti qofa kan xiyyeeffate dhaa?
  • Seera kana hojii irra oolchuu kan dandeessu akkamitti?
  • Tajaajilarratti Seera Isa Beekamaa Taʼe Hordofaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2014
  • Dibicha Warqeerraa Tolfame
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Mootummaan Waaqayyoo Maali Dha?
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • Haala Rakkisaa Keessatti Gammachuu Qabaachuun kan Dandaʼamu Akkamitti?—Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?
    Mata Dureewwan Dabalataa
Dabalataan Ilaaluuf
Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
ijwbq mataduree 177
Namni tokko caqasa Kitaaba Qulqulluu isa Seera Beekamaa taʼe jedhamee beekamu yommuu dubbisu.

Seera Beekamaa Taʼe kan Jedhame Isa Kami Dha?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

Kitaaba Qulqulluu keessaa jechi “seera beekamaa taʼe” jedhu kallattiidhaan hin argamu. Haa taʼu malee, namoonni hedduun jecha kana qajeelfama naamusaa Yesuus barsiise ibsuuf itti fayyadamu. Yesuus lallaba isaa isa gaara irraa beekamaa taʼe irratti, “Wanta namoonni akka isiniif godhan barbaaddan hundumaa isinis isaaniif godhaa” jedhee barsiiseera. (Maatewos 7:12; Luqaas 6:31) Seerri beekamaa taʼe kun haala kanaanis ibsamuu dandaʼa: “Wanta warri kaan akka siif godhan barbaaddu warra kaaniifis godhi.”—Encyclopedia of Philosophy.

  • Seerri kun hiika maalii qaba?

  • Seerri kun faayidaa qabeessa kan taʼe maaliifi?

  • Seerri kun wanta warra kaaniif kenninuu fi isaan irraa fudhannu irratti qofa kan xiyyeeffate dhaa?

  • Seera kana hojii irra oolchuu kan dandeessu akkamitti?

Seerri Kun Hiika Maalii Qaba?

Seerri kun akkuma namoonni itti nu qabuu barbaannutti warra kaan akka qabnu nu jajjabeessa. Fakkeenyaaf, namoonni hedduun warri kaan kabajaan, gaarummaa fi jaalalaan akka isaan qaban barbaadu. Nutis warra kaaniif “akkanuma” gochuu akka qabnu ifa dha.—Luqaas 6:31.

Seerri kun faayidaa qabeessa kan taʼe maaliifi?

Seerri kun haala hunda keessatti iyyuu jechuun ni dandaʼama hojii irra ooluu dandaʼa. Fakkeenyaaf,

  • Hariiroo gaaʼelaa ni cimsa.—Efesoon 5:28, 33.

  • Warri ijoollee isaanii yommuu guddisanitti isaan gargaara.—Efesoon 6:4.

  • Michoota, ollootaa fi namoota waliin hojjetan gidduu hariiroo gaariin akka jiraatu godha.—Fakkeenya 3:27, 28; Qolosaayis 3:13.

Seerri kun harki caalaan isaa qajeelfama Kakuu Moofaa jedhamuun beekamu keessatti argamuu wajjin walsima. Seerri kun isa ‘wanti Seerichii [kitaabota jalqabaa Kitaaba Qulqulluu shanan] fi Raajonni [kitaaba raajotaa] jedhani dha.’ (Maatewos 7:12) Karaa biraatiin seerri kun walumaa galatti dhugaa buʼuuraa Kakuu Moofaa keessatti, ‘nama jaalladhu’ jedhamee ibsame kan argisiisu dha.—Roomaa 13:8-10.

Seerri kun wanta warra kaaniif kenninuu fi isaan irraa fudhannu irratti qofa kan xiyyeeffate dhaa?

Lakki. Seerri kun harki caalaan isaa kennuu irratti xiyyeeffata. Yesuus Seera kana kan kenne, walumaa galatti namoota akkamitti akka qabnu qofa utuu hin taʼin namoota diinota keenya taʼan illee akkamitti qabuu akka qabnu yeroo dubbatetti dha. (Luqaas 6:27-31, 35) Kanaafuu, Seerri kun namoonni namoota hundaaf wanta gaarii akka godhan kan jajjabeessu dha.

Seera kana hojii irra oolchuu kan dandeessu akkamitti?

  1. 1. Hubataa taʼi. Namoota naannoo kee jiraniif xiyyeeffannaa kenni. Fakkeenyaaf, namni tokko wantoota baayʼee ulfaatan baatee, ollaan kee mana yaalaa ciise ykn namni si wajjin hojjetu tokko gaddaa akka jiru argite haa jennu. Waaʼee ‘faayidaa warra kaanii yommuu yaaddu’ carraa itti wanta nama gargaaru dubbattu ykn raawwattu argachuu dandeessa.—Filiphisiyus 2:4.

  2. 2. Miira namootaa kan hubattu taʼi. Bakka nama sanaa akka jirtu godhii yaadi. Haala wal fakkaatu keessatti kan argamtu utuu taʼee maaltu sitti dhagaʼama ture? (Roomaa 12:15) Miira warra kaanii hubachuuf yommuu carraaqqii gootutti isaan gargaaruuf caalaatti fedhii qabaatta.

  3. 3. Akka haala isaatti jijjiirama godhi. Namni hundi garaa gara akka taʼe hin dagatin. Wanti namni tokko akka isaaf godhamu barbaadu wanta ati akka siif godhamu barbaadduu wajjin tokko taʼuu dhiisuu dandaʼa. Kanaafuu, wantoota gochuu dandeessu hedduu keessaa wanta isaan caalaatti akka isaaniif godhamu barbaadan filachuuf carraaqqii godhi.—1 Qorontos 10:24.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi