LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwbq mataduree 178
  • Yohaannis Cuuphaan Eenyu Dha?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yohaannis Cuuphaan Eenyu Dha?
  • Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Deebii Kitaaba Qulqulluu
  • Wanti Yohaannis Cuuphaa adda taasisu maal ture?
  • Warri Yohaannis Cuuphaa eenyu faʼi?
  • Yohaannis Cuuphaa kan ajjeesise eenyu?
  • Yohaannis Cuuphaan morkataa Yesuus turee?
  • Yohaannis Yesuus Irraa Dhagaʼuu Barbaade
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
  • Yohaannis Cuuphaan Dhugumaan Nama Lubbuudhaan Jiraate Turee?
    Mata Dureewwan Dabalataa
  • Yesuus Dabalaa Yohaannis Immoo Hirʼachaa Adeeme
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
  • Yohaannis Cuuphaa—Barumsa Gammachuu Keenya Eegnee Jiraachuuf Nu Gargaaru
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2019
Dabalataan Ilaaluuf
Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
ijwbq mataduree 178
Yohaannis Cuuphaan nama tokko laga keessatti yommuu cuuphu.

Yohaannis Cuuphaan Eenyu Dha?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

Yohaannis Cuuphaan raajii Waaqayyoo ture. (Luqaas 1:76) Dhaloota Kiristoos Dura xumura jaarraa jalqabaa dura dhalate, hamma Dh.K.B. jaarraa jalqabaatti jiraateera. Waaqayyo Masihiichaaf ykn Kiristoosiif karaa akka qopheessu hojii isaaf kennee ture. Yohaannis Yihudoonni sanyii isaa taʼan garaa isaanii gara Waaqayyootti akka deebisan ergaa Waaqayyoo lallabuudhaan kana raawwateera.—Maarqos 1:1-4; Luqaas 1:13, 16, 17.

Ergaan Yohaannis lallabe namoonni garaa qajeelaa qaban Yesuus inni nama Naazireet Masiihicha abdachiifame taʼuu isaa akka hubatan isaan gargaareera. (Maatewos 11:10) Yohaannis namoonni isa dhaggeeffataa turan cubbuu raawwatanitti akka gaabbanii fi yaada geeddarachuu isaanii argisiisuuf akka cuuphaman isaan gorsee ture. (Luqaas 3:3-6) Yohaannis namoota hedduu waan cuupheef, Yohaannis Cuuphaa ykn Cuubdicha jedhameera. Cuuphaan hunda caalaa barbaachisaa taʼe cuuphaa Yohaannis Yesuusiin cuuphe ture.a—Maarqos 1:9.

Mata duree kana keessatti

  • Wanti Yohaannis Cuuphaa adda taasisu maal ture?

  • Warri Yohaannis Cuuphaa eenyu faʼi?

  • Yohaannis cuuphaa kan ajjeesise eenyu?

  • Yohaannis Cuuphaan morkataa Yesuus turee?

  • Namoonni Kitaaba Qulqulluu keessatti maqaa Yohaannis jedhamuun waamaman meeqa dha?

Wanti Yohaannis Cuuphaa adda taasisu maal ture?

Hojiin inni hojjetu raajiidhaan dubbatamee ture: Yohaannis hojii lallabaa raawwateen, raajiin ergamaa Yihowaa ilaalchisee dubbatame raawwii isaa akka argatu godheera. (Miilkiyaas 3:1; Maatewos 3:1-3) Inni isa “namoota Yihowaadhaaf qopheessu,” jechuunis Yihudoonni sanyii isaa taʼan ergaa Yesuus Kiristoos isa bakka buʼaa Yihowaa isa guddaa taʼe akka fudhatan karaa qopheessu akka taʼe mirkaneesseera.—Luqaas 1:17.

Seenaa: Yesuus, “Namoota . . . keessaa Yohaannis Cuuphaa irra kan caalu tokko illee hin kaane; namni Mootummaa samii keessatti hundumaa irra xinnaa taʼe garuu isa ni caala” jedheera. (Maatewos 11:11) Yohaannis raajii qofa utuu hin taʼin ergamaa raajiidhaan dubbatame waan taʼeef, tajaajiltoota Waaqayyoo isa dura jiraatan hunda irra kan caalu akka taʼee ibsameera. Kana malees, wanti Yesuus dubbate Yohaannis Mootummaa samii irratti mootii akka hin taane kan argisiisu dha.b Raajiin amanamaan kun Kiristoos jireenya samiitiif karaa banuu isaa dura duʼe. (Ibroota 10:19, 20) Haa taʼu malee, Yohaannis namoota lafa irratti Mootummaa Waaqayyoo jalatti bulan keessaa tokko taʼuudhaan abdii Jannata keessa bara baraaf jiraachuu qaba.—Faarfannaa 37:29; Luqaas 23:43.

Warri Yohaannis Cuuphaa eenyu faʼi?

Warri Yohaannis Zakkaariyaasii fi Elsaabex jedhamu. Zakkaariyaas luba Yihudii ti. Haati Yohaannis dhabduu waan turteef akkaataan inni itti dhalate dinqii ture. Kana malees, ishii fi Zakkaariyaas “dulloomanii turan.”—Luqaas 1:5-7, 13.

Yohaannis Cuuphaa kan ajjeesise eenyu?

Heroodis Antiphaas Mootichi mataa Yohaannis irraa mursiise. Kanas kan godhe haadha manaa isaa Heroodiyaasiin kan kaʼe dha. Ishiin Yohaannis Heroodis inni nama Yihudii akka taʼe dubbatu, ishii fuudhuun isaa seera Yihudootaatiin sirrii akka hin taane waan isatti himeef isa jibbiti turte.—Maatewos 14:1-12; Maarqos 6:16-19.

Yohaannis Cuuphaan morkataa Yesuus turee?

Yaanni ilaalcha kana deggeru Kitaaba Qulqulluu keessa hin jiru. (Yohaannis 3:25-30) Yohaannis isaa wajjin morkachuu mannaa, Masihiichaaf karaa qopheessuun itti gaafatamummaa isaa akka taʼe ifatti dubbateera. Yohaannis, “Ani bishaaniin cuuphaa kanan dhufe . . . inni Israaʼelitti akka mulʼatuufi” jedheera. Achiis itti dabaluudhaan, “Inni Ilma Waaqayyoo [ti]” jedheera. (Yohaannis 1:26-34) Kanaafuu, Yohaannis Yesuus tajaajila irratti milkaaʼina argachuun isaa isa gammachiisa ture.

a Yesuus “cubbuu tokko illee hin hojjenne.” (1 Pheexiros 2:21, 22) Kanaaf, inni kan cuuphame cubbuu raawwateetti akka gaabbe argisiisuuf utuu hin taʼin, fedha Waaqayyoo raawwachuuf of dhiheessuuf jedhee ti. Kunis Yesuus nuuf jedhee lubbuu isaa dabarsee kennuu isaa kan dabalatu dha.—Ibroota 10:7-10.

b Mata duree “Gara Samii Kan Deeman Eenyu Faʼi?” jedhu ilaali.

Namoonni Kitaaba Qulqulluu keessatti maqaa Yohaannis jedhamuun waamaman meeqa dha?

Kitaabni Qulqulluun namoonni maqaa Yohaannis jedhamuun waamaman shan akka jiran ibsa.

  1. 1. Yohaannis Cuuphaa, ilma Zakkaariyaasii fi Elsaabex.—Maarqos 1:4; Luqaas 1:57-60.

  2. 2. Yohaannis abbaa Pheexiros ergamaa.—Yohaannis 1:42.

  3. 3. Yohaannis ergamaa, “ilma Zabdewos.” (Maatewos 10:2) Ergamaan kun Wangeela Yohaannis, xalayaawwan Yohaannis Tokkoffaa, Lammaffaa fi Sadaffaa jedhaman, akkasumas kitaaba Mulʼataa barreesseera.

  4. 4. Yohaannis isa Maarqos jedhamees waamamuu fi Wangeela Maarqos barreesse.—Hojii Ergamootaa 12:12.

  5. 5. Bulchaa Yihudootaa, tarii fira Haannaas isa dura buʼaa lubootaa taʼe.—Hojii Ergamootaa 4:6.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi