LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwbq mataduree 180
  • Abdii Eessaan Argachuu Dandaʼa?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Abdii Eessaan Argachuu Dandaʼa?
  • Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Deebii Kitaaba Qulqulluu
  • Kitaabni Qulqulluun ilaalcha gaarii qabaachuuf akkamitti nu gargaara?
  • Kitaabni Qulqulluun namoota hundaaf abdii akkamii kenna?
  • Abdii Kee Cimsadhu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2022
  • Sababiiwwan Bara 2023 Abdiidhaan Eeggachuuf Nu Kakaasan—Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?
    Mata Dureewwan Dabalataa
  • Yihowaa Eeggachuudhaan Ija Jabeeyyii Ta’aa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2006
  • Abdii Dhugaa Eessaa Argachuu Dandeessa?
    Dammaqaa!—2004
Dabalataan Ilaaluuf
Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
ijwbq mataduree 180
Dubartii abdiidhaan gara samii ilaaltu.

Abdii Eessaan Argachuu Dandaʼa?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

Waaqayyo wanta ‘gara fuulduraatti abdiidhaan eeggannu’a ykn egeree fi abdii nuu kennuu barbaada. (Ermiyaas 29:11) Eeyyee, sababiin Waaqayyo Kitaaba Qulqulluu nuuf kenne inni tokko, “jajjabina Kitaabota Qulqulluu keessaa argamuun abdii qabaachuu akka dandeenyuuf.” (Roomaa 15:4) Akkuma itti aansinee ilaallu, gorsi gaariin Kitaabni Qulqulluun qabate, rakkinoota guyyaa guyyaa irratti nu gargaaruudhaan abdii akka qabaannu nu gargaaruu dandaʼa.

Fuula kana irratti

  • Kitaabni Qulqulluun ilaalcha gaarii qabaachuuf akkamitti nu gargaara?

  • Kitaabni Qulqulluun namoota hundaaf abdii akkamii kenna?

  • Caqasoota waaʼee abdii ibsan

Kitaabni Qulqulluun ilaalcha gaarii qabaachuuf akkamitti nu gargaara?

Kitaabni Qulqulluun jireenya keenya fooyyessuuf tarkaanfii fudhachuu qabnu nutti himuudhaan ilaalcha gaarii akka qabaannu nu gargaara. Mee kanaaf qabxiilee fakkeenya taʼan tokko tokko haa ilaallu.

  • Kitaaba Qulqulluu irraa qajeelfama gaarii argachuu. Faarfannaa 119:105, “Dubbiin kee miila kootiif ibsaa, Daandii kootiifis ifa dha” jedha. Ibsaa guddaan wanta lama raawwachuu dandaʼa. wanta fuuldura keenya jiruu fi wanta nu irraa fagoo jiru nutti mulʼisuu dandaʼa. Haaluma wal fakkaatuun, qajeelfamni Kitaaba Qulqulluu, rakkinoota nu fuuldura jiran sirriitti dandamachuuf waan nu gargaaruuf, guyyaa guyyaan ilaalcha gaarii akka qabaannu nu taasisa. Barumsi Kitaaba Qulqulluu, humna keenya haaressuu fi ‘garaa keenya gammachiisuu’ dandaʼa. (Faarfannaa 19:7, 8) Dabalataanis Kitaabni Qulqulluun, egeree namootaa fi lafaa ilaalchisee kaayyoo Waaqayyo qabu ni ibsa. Abdiin kun gammachuu itti fufiinsa qabu nuu kennu dandaʼa.

  • Warri kaan akka si gargaaran karaa bani. Haalli keenya abdii kan hin qabne yeroo fakkaatu, maatii fi michoota keenya irraa adda baʼuu barbaanna taʼa. Kitaabni Qulqulluun garuu akkas gochuu akka hin qabne nutti hima; sababiin isaas, kana gochuun murtoo gowwummaa gochuu fi gocha gowwummaa raawwachuutti nu geessa. (Fakkeenya 18:1) Namoonni nu jaallatan madaallii keenya akka eeggannu nu gargaaruu dandaʼu. Akka itti haala ulfaataa dandamannu yaada nuu kennuus ni dandaʼu. (Fakkeenya 11:14) Yoo xinnaate, nu jajjabeessuu fi miira keenya kakaasuudhaan, jabina hanga haalawwan fooyyaʼanitti obsuuf nu gargaaru nuu kennuu dandaʼu.—Fakkeenya 12:25.

  • Waaqayyotti kadhannaa dhiheessuu. Kitaabni Qulqulluun, “Baʼaa kee Yihowaa irratti gati,Innis si deggera. Namni qajeelaan akka kufu matumaa hin heyyamu” jedha.b (Faarfannaa 55:22) Yihowaan, ‘Waaqayyo isa abdii kennu’ jedhamuun isaa sirrii dha. (Roomaa 15:13) Akka inni siif yaadu amanuudhaan waaʼee ‘yaaddoo kee hundaa’ isatti kadhannaa dhiheessuu dandeessa. (1 Pheexiros 5:7) Eeyyee, Kitaabni Qulqulluun, “Inni isin cimsa, isin jabeessa, akkasumas hundee jabaa irra isin dhaaba” jedha.—1 Pheexiros 5:10.

  • Qorumsi abdii kee akka cimsu godhi. Kitaabni Qulqulluun, “Namni [Waaqayyoon] dhagaʼu garuu tasgabbiidhaan jiraata, Balaan na irra gaʼa jedhees hin jeeqamu” jedha. (Fakkeenya 1:33) Awustiraaliyaatti dubartiin Maargaareet jedhamtu yeroo obomboleettiin mana ishii rukutetti qabeenya ishii hunda dhabde. Taʼus garmalee abdii kutachuu mannaa, qabeenyi salphaatti baduu akka dandaʼu baratte. Sana booda, wantoota dhugumaan barbaachisoo taʼan irratti xiyyeeffachuuf murteessite; isaanis, maatii fi michoota ishii, hariiroo Waaqayyo waliin qabduu, akkasumas abdii Kitaabni Qulqulluun ibsu dha.—Faarfannaa 37:34; Yaaqoob 4:8.

Kitaabni Qulqulluun namoota hundaaf abdii akkamii kenna?

Kitaabni Qulqulluun namootaa fi lafaaf yeroo gaariin akka dhufu abdii kenna. Kun immoo dhiheenyatti raawwatama. Eeyyee, rakkinoonni harʼa namoota mudachaa jiran, kan jiraannu “guyyoota dhumaa” sirna kanaa keessaa akka taʼe argisiisu. (2 Ximotewos 3:1-5) Dhiheenyatti, Waaqayyo guutuu lafaa toʼachuudhaan jalʼina haqaa fi rakkina ni balleessa. Kanas mootummaa addunyaa Mootummaa Waaqayyoo jedhamuun raawwata. (Daaniʼel 2:44; Mulʼata 11:15) Yesuus kadhannaa isa fakkeenya taʼu irratti, “Mootummaan kee haa dhufu. Fedhiin kee lafa irratti haa taʼu’ yommuu jedhu kana yaadatti qabatee ture.—Maatewos 6:9, 10.

Fedhiin Waaqayyo namootaf qabu Kitaaba Qulqulluu keessa ifatti taaʼeera. Rakkinoota Mootummaan Waaqayyoo balleessu tokko tokko hubadhu:

  • Beelli ni bada. “Lafti oomisha ishii ni kenniti.”—Faarfannaa 67:6.

  • Dhukkubni ni bada. “Jiraattota biyyattii keessaa tokko illee, ‘Na dhukkuba’ hin jedhu.”—Isaayyaas 33:24.

  • Duuti hin jiraatu. Waaqayyo, “imimmaan hundumaa ija isaanii irraa ni haqa; duutis kana booda hin jiraatu; gaddis taʼe iyyi yookiin dhiphinni kana booda hin jiraatu. Wantoonni duraa sun darbaniiru.”—Mulʼata 21:3, 4.

a Wanta tokko yommuu hawwinu argachuuf abdanna, akka argannus ni amanna. Abdiin wanta hawwiidhaan eeggannu ykn wanta abdannu tokkos taʼuu dandaʼa.

b Yihowaan maqaa Waaqayyoo Kitaaba Qulqulluu keessa jiru dha.—Faarfannaa 83:18.

Caqasoota waaʼee abdii dubbatan

Iyyoob 5:16: “Rakkataan abdii ni qabaata.”

Hiika Isaa: Namoonni addunyaa yeroo harʼaa jiru keessatti dagataman, Waaqayyoon yeroo gargaarsa isa gaafatan akka isaan gargaaru amanuu dandaʼu.

Faarfannaa 27:14: “Yihowaa abdadhu; Onnadhu, garaan kees cimaa haa taʼu. Eeyyee, Yihowaa abdadhu.”

Hiika Isaa: Yihowaa yommuu amanannu jabinaa fi ija jabina arganna. Inni warra isa amanatan hin gatu.

Faarfannaa 62:5: ‘Abdiin koo isa biraa waan dhufuuf, ani calluma jedhee Waaqayyoon nan eeggadha.’

Hiika Isaa: Namoonni Waaqayyoon amanachuudhaan rakkina obsaan dandamatan, inni yeroo sirriitti furmaata akka isaaniif kennu amantii qabu.

Fakkeenya 20:22: “‘Wanta hamaa ana irratti raawwatameef hamaa nan deebisa!’ hin jedhin” Yihowaa abdadhu, innis si oolcha.

Hiika Isaa: Yihowaa kan amanannu yoo taʼe, namni tokko yommuu nu miidhu ykn nu aarsu haaloo akka baanu miira nutti dhagaʼamu ni dandamanna. Inni nu oolchuu fi miidhama nu irra gaʼe iddootti deebisuuf humnaa fi fedhii qaba.

Ibroota 6:19: “Abdii jabaa fi amansiisaa akka qofoo dooniitti lubbuu qabee dhaabu kana qabna.”

Hiika Isaa: Akkuma yeroo obomboleettiitti qofoon doonii qabee dhaabu, abdii amansiisaan Waaqayyo irratti qabnu, dhiphina keenya hirʼisuu fi gama miiraa, sammuu fi hafuuraatiin tasgabbaaʼuuf nu gargaara. Abdiin rakkina dandamachuufis jabina nuu kenna.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi