LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwbq mataduree 183
  • Kitaabni Qulqulluun Michummaa Ilaalchisee Maal Jedha?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Kitaabni Qulqulluun Michummaa Ilaalchisee Maal Jedha?
  • Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Deebii Kitaaba Qulqulluu
  • Michuu gaarii kan jedhamu nama akkamiiti?
  • Kitaaba Qulqulluu keessatti michummaa gaarii ilaalchisee fakkeenya kan taʼan eenyu faʼi?
  • Namni tokko michuu Waaqayyoo taʼuu dandaʼaa?
  • Addunyaa Jaalala Hin Qabne Keessatti Michooma Keenya Eeguu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2009
  • Fakkeenya 17:17—“Michuu Dhugaan Yeroo Hundumaa Jaalala Argisiisa”
    Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Ibsi Irratti Kenname
  • Michoota Waaqayyoon Jaallatan Filadhu
    Jaalala Waaqayyoo Keessa Jiraadhaa
  • Waaqayyo Michuu Isaa Akka Taatu Si Afeereera
    Michuu Waaqayyoo Taʼuu Dandeessa!
Dabalataan Ilaaluuf
Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
ijwbq mataduree 183
Michoonni umurii garaa garaa irratti argaman ibiddatti marsanii jiru. Isaan keessaa inni tokko gitaara taphachaa jira.

Kitaabni Qulqulluun Michummaa Ilaalchisee Maal Jedha?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

Michummaan jireenya gammachuu fi milkaaʼina qabu jiraachuuf gumaacha godha. Michoonni gaariin walii isaanii irratti dhiibbaa gaarii gochuu fi namoota gaarii akka taʼan wal gargaaruu dandaʼu.—Fakkeenya 27:17.

Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun michoota keenya of eeggannoodhaan akka filannu nu gorsa. Michoota gadhee filachuunis rakkina akka nu irraan geessisu nu akeekkachiisa. (Fakkeenya 13:20; 1 Qorontos 15:33) Michoonni akkasii namni tokko murtoo sirrii hin taane akka godhu dhiibbaa irratti gochuu ykn amaloota gaggaarii inni qabu jalaa mancaasuu dandaʼu.

Mata duree kana keessatti qabxiiwwan armaan gadii irratti mariʼanna

  • Michuu gaarii kan jedhamu nama akkamiiti?

  • Kitaaba Qulqulluu keessatti michummaa gaarii ilaalchisee fakkeenya kan taʼan eenyu faʼi?

  • Namni tokko michuu Waaqayyoo taʼuu dandaʼaa?

  • Caqasoota Kitaaba Qulqulluu waaʼee michummaa ibsan

Michuu gaarii kan jedhamu nama akkamiiti?

Kitaabni Qulqulluun michummaa gaariin fedhii walfakkaatu qabaachuu qofa irratti hundaaʼuu akka hin qabne barsiisa. Fakkeenyaaf, Faarfannaan 119:63 “Ani warra sia sodaataniif, akkasumas, warra ajajawwan kee eegan hundumaatiif michuu dha” jedha. Barreessaan Kitaaba Qulqulluu kun michoota Waaqayyoon sodaatanii fi ulaagaalee isaa wajjin walsimanii jiraachuu barbaadan akka filate hubadhu.

Kana malees, Kitaabni Qulqulluun amaloota michuu gaariin tokko qabaachuu qabu ni ibsa. Fakkeenyaaf:

  • “Michuu dhugaan yeroo hundumaa jaalala argisiisa, inni obboleessa yeroo dhiphinaatiif dhalate dha.”—Fakkeenya 17:17.

  • “Hiriyoonni wal balleessuuf qophaaʼan jiru, garuu michuun obboleessa caalaa namatti maxxanu jira.”—Fakkeenya 18:24.

Caqasoonni kun michuu gaariin tokko amanamaa, jaalala qabeessa, gaarummaa kan argisiisuu fi arjaa akka taʼe dubbatu. Michuu gaariin nama yeroo gargaarsi nu barbaachisutti akka nu gargaaru itti amanamuu dandeenyu dha. Michuu dhugaan nama yeroo nuti daandii dogoggoraa irra deemuu jalqabnu ykn murtoo dogoggoraa gochuuf jennu nu sirreessuuf ija jabinaan dubbatu dha.—Fakkeenya 27:6, 9.

Kitaaba Qulqulluu keessatti michummaa gaarii ilaalchisee fakkeenya kan taʼan eenyu faʼi?

Kitaabni Qulqulluun michummaa gaarii namoota umurii, akkaataa guddinaa, aadaa fi aangoo garaa garaa qaban gidduu ture qabateera. Mee michummaa akkasii sadii haa ilaallu.

  • Ruutii fi Naaʼomii. Ruut haadha manaa ilma Naaʼomii turte. Naaʼomiin umuriidhaanis baayʼee ishii caalti. Kana malees, akkaataan guddinaa Ruut kan Naaʼomii irraa baayʼee adda dha. Garaa garummaan akkasii jiraatus michummaa cimaa jaalala irratti hundaaʼe uumuu dandaʼaniiru.—Ruut 1:16.

  • Daawitii fi Yonaataan. Yonaataan Daawitiin waggaa 30 kan caalu taʼus, Kitaabni Qulqulluun ‘michummaa cimaadhaan akka walitti maxxanan’ dubbata.—1 Saamuʼel 18:1.

  • Yesuusii fi ergamoota isaa. Yesuus barsiisaa fi gooftaa isaanii waan tureef ergamoota isaa irratti aangoo qaba. (Yohaannis 13:13) Haa taʼu malee, ergamoonni isaa michoota isaa taʼuuf gaʼumsa akka hin qabne isatti hin dhagaʼamne. Kanaa mannaa, Yesuus warra barumsa isaa hordofanii wajjin walitti dhufeenya cimaa qaba ture. Akkana jedheera: “Ani wantan Abbaa koo irraa dhagaʼe hunda waanan isin beeksiseef, michoota jedhee isin waameera.”—Yohaannis 15:14, 15.

Namni tokko michuu Waaqayyoo taʼuu dandaʼaa?

Eeyyee, ilmaan namootaa michuu Waaqayyoo taʼuu dandaʼu. Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo “Warra qajeelota taʼanii wajjin michummaa cimaa qaba” jedha. (Fakkeenya 3:32) Kana jechuun Waaqayyo namoota amala gaarii qabaachuuf, amanamoo taʼuu fi nama kabajuuf carraaqan, akkasumas warra ulaagaalee inni wanta sirrii fi dogoggora taʼeef baase hordofan michoota isaa akka taʼan filata jechuu dha. Fakkeenyaaf, Kitaaba Qulqulluu keessatti Abrahaam inni nama amanamaa ture michuu Waaqayyoo jedhamee waamameera.—2 Seenaa Baraa 20:7; Isaayyaas 41:8; Yaaqoob 2:23.

a Yaanni naannoo faarfannaa kanaatti argamu jechi caqasa kana irratti “si” jedhu Waaqayyoon akka argisiisu ibsa.

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu waaʼee michummaa ibsan

Faarfannaa 119:63: “Ani warra si sodaataniif, akkasumas warra ajajawwan kee eegan hundumaatiif michuu dha.”

Kana jechuun: Michoota Waaqayyoon waaqeffatanii fi akka ulaagaalee isaatti deddeebiʼan filachuu qabna.

Fakkeenya 3:32: “Yihowaanb nama jalʼaa ni jibba, warra qajeelota taʼanii wajjin garuu michummaa cimaa qaba.”

Kana jechuun: Namoonni michuu Waaqayyoo taʼuu barbaadan amanamoo taʼuu fi karaa naamusaa qulqulluu taʼuu qabu.

Fakkeenya 13:20: “Namni ogeeyyii wajjin deemu ogeessa taʼa, namni gowwootaa wajjin walitti dhufeenya qabu garuu rakkina irra buʼa.”

Kana jechuun: Michoonni keenya dhiibbaa gaariis taʼe dhiibbaa gadhee nu irraan gaʼuu dandaʼu.

Fakkeenya 17:17: “Michuu dhugaan yeroo hundumaa jaalala argisiisa, inni obboleessa yeroo dhiphinaatiif dhalate dha.”

Kana jechuun: Michoonni dhugaan yeroo gaariittis taʼe yeroo rakkinaatti deggersa nuuf godhu.

Fakkeenya 18:24: “Hiriyoonni wal balleessuuf qophaaʼan jiru, garuu michuun obboleessa caalaa namatti maxxanu jira.”

Kana jechuun: Michuu dhugaan michuu isaa irraa faayidaa sirrii hin taane argachuuf hin yaalu. Kanaa mannaa michuu dhugaan amanamaa fi jaalala qabeessa dha.

Fakkeenya 27:6: “Madaan michuun geessisu amanamummaa irraa kan madde dha.”

Kana jechuun: Michuu gaariin yeroo barbaachisutti nu sirreessuu irraa duubatti hin jedhu.

Fakkeenya 27:17: “Akkuma sibiilli sibiila qaru namnis michuu isaa ni qara.”

Kana jechuun: Michoonni gaariin walii isaanii irratti dhiibbaa gaarii gochuu dandaʼu.

b Kitaaba Qulqulluu keessatti akka ibsametti Yihowaan maqaa Waaqayyoo ti.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi