LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwbq mataduree 184
  • Kitaabni Qulqulluun Waaʼee Gaaʼelaa Maal Jedha?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Kitaabni Qulqulluun Waaʼee Gaaʼelaa Maal Jedha?
  • Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Deebii Kitaaba Qulqulluu
  • Ulaagaan Waaqayyo gaaʼelaaf baase maalfaʼi?
  • Gargar baʼuu fi wal hiikuu
  • Gaaʼelli tokko waaqayyo biratti fudhatama argachuuf seeraan galmaaʼuu qabaa?
  • Gaʼee fi itti gaafatama abbaan manaa fi haati manaa qaban ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun maal jedha?
  • Waaqayyo yeroo harʼaatti hiriyoonni gaaʼelaa ijoollee akka godhatan barbaadaa?
  • Kitaabni Qulqulluun gaaʼela koo keessatti kan na gargaaru akkamitti?
  • Gaaʼelli Kiristiyaanaa Milkaaʼina Akka Qabaatu Gochuu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2016
  • Gaaʼelli Kennaa Waaqayyo Biraa Argame Dha
    Jaalala Waaqayyoo Keessa Jiraadhaa
  • Gaaʼela Cimaa Fi Gammachuu Qabu Ijaaraa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2015
  • Gaa’elli Yeroo Diigamuuf Jedhu
    Maatiin Gammachuu Argachuu Kan Danda’u Akkamitti?
Dabalataan Ilaaluuf
Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
ijwbq mataduree 184
Hiriyoonni gaaʼelaa tokko yeroo ciree nyaatan waliin haasaʼaa jiru.

Kitaabni Qulqulluun Waaʼee Gaaʼelaa Maal Jedha?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

Waaqayyo dhiiraa fi dubartii jalqabaa erga uumee booda gaaʼelaan akka walitti hidhaman isaan godhe. Gaaʼela kan hundeesse dhiirrii fi dubartiin tokko hariiroo addaa akka qabaatanii fi hundee maatii akka taʼaniif ture.—Uumama 1:27, 28; 2:18.

Waaqayyo hiriyoonni gaaʼelaa gammadoo akka taʼan barbaada. (Fakkeenya 5:18) Kitaaba Qulqulluu keessatti ulaagaa gaaʼelli ittiin geggeeffamuu fi qajeelfamoota milkaaʼina argachuuf isaan gargaaran kenneera.

Mata duree kana keessatti

  • Ulaagaawwan Waaqayyo gaaʼelaaf baase maalfaʼi?

  • Gargar baʼuu fi wal hiikuu

  • Gaaʼelli tokko waaqayyo biratti fudhatama argachuuf seeraan galmaaʼuu qabaa?

  • Gaʼee fi itti gaafatama abbaan manaa fi haati manaa qaban ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun maal jedha?

  • Waaqayyo yeroo harʼaatti hiriyoonni gaaʼelaa ijoollee akka godhatan barbaadaa?

  • Kitaabni Qulqulluun gaaʼela koo keessatti kan na gargaaru akkamitti?

  • Caqasoota waaʼee gaaʼelaa dubbatan

Ulaagaan Waaqayyo gaaʼelaaf baase maalfaʼi?

Jalqaba irratti Waaqayyo gaaʼela kan hundeesse dhiiraa tokkoo fi dubartii tokko gidduutti ture. (Uumama 2:24) Waaqayyo haadhotii manaa hedduu fuudhuu, saalqunnamtii saala wal fakkaatu gidduutti godhamu ykn seeraan utuu wal hin fuudhin waliin jiraachuu hin heyyamu. (1 Qorontos 6:9; 1 Tasalonqee 4:3) Yesuus duuka buutonni isaa ulaagaa Waaqayyo jalqaba gaaʼelaaf baase akka hordofan isaan barsiiseera.—Maarqos 10:6-8.

Akka ilaalcha Waaqayyootti gaaʼelli diigamuu hin qabu. Dhiirrii fi dubartiin tokko yommuu gaaʼela godhatan, hamma lubbuudhaan jiranitti waliif amanamoo taʼuu fi waliin jiraachuuf waada waliif galu. Waaqayyo waadaa galan kana akka eegan isaan irraa barbaada.—Maarqos 10:9.

Gargar baʼuu fi wal hiikuu

Abbaan manaa fi haati manaa tokko yeroon itti kopha kophaa taʼuuf dirqaman jira; fakkeenyaaf maatii isaanii gargaarsi hatattamaa barbaachisu kunuunsuuf fagaatanii deemuu dandaʼu. Haa taʼu malee, rakkina gaaʼela keessatti uumamuun kan kaʼe gargar baʼuu Kitaabni Qulqulluun hin deggeru. Kanaa mannaa hiriyoonni gaaʼelaa haala akkasii keessa jiran rakkina isaanii furuuf akka carraaqan isaan jajjabeessa.—1 Qorontos 7:10.

Kitaabni Qulqulluun wal hiikuuf sababa taʼuu kan dandaʼu ejja qofa akka taʼe ibsa. (Maatewos 19:9) Kanaafuu abbaan manaa fi haati manaa tokko ejji utuu hin raawwatamiin gargar baʼuuf ykn wal hiikuuf yoo murteessan, lamaan isaanii iyyuu nama kan biraa wajjin wal qorachuufis taʼe gaaʼela godhachuuf walaba miti.—Maatewos 5:32; 1 Qorontos 7:11.

Gaaʼelli tokko waaqayyo biratti fudhatama argachuuf seeraan galmaaʼuu qabaa?

Waaqayyo Kiristiyaanonni gaaʼela ilaalchisee seera mootummaatiif akka ajajaman isaan irraa barbaada. (Tiitoo 3:1) Yeroo dandaʼamu hundatti hiriyoonni gaaʼelaa gaaʼela isaanii galmeessisuun isaanii, abbootii taayitaa fi ulaagaa Waaqayyo gaaʼelli dhaabbataa akka taʼu baaseef kabaja akka qaban argisiisa.a

Gaʼee fi itti gaafatama abbaan manaa fi haati manaa qaban ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun maal jedha?

  • Itti gaafatama adda addaa isaaniif kenname. Abbaan manaa fi haati manaa jaalalaa fi kabaja waliif qabaachuu qabu. (Efesoon 5:33) Fedhii saalaa walii isaanii karaa jaalala qabuun guutuu fi gocha amanamummaa hirʼisu kam irraa iyyuu fagaachuu qabu. (1 Qoronto 7:3; Ibroota 13:4) Ijoollee yoo qabaatan immoo abbaan manaa fi haati manaa itti gaafatamummaa isaan guddisuuf qaban hirachuu qabu.—Fakkeenya 6:20.

    Haati tokko intala ishii hojii manaa hojjechuu gargaaraa jirti; abbaan immoo achuma dhihoodhaa kuduraa kukkutaa jira.

    Kitaabni Qulqulluun hiriyoonni gaaʼelaa hojii alaa fi mana keessaa hojjetan akkamitti hirachuu akka qaban balʼinaan hin ibsu. Wanta maatii isaaniitiif caalaatti gaarii taʼe waliin murteessuu dandaʼu.

  • Gaʼee abbaa manaa. Kitaabni Qulqulluun, ‘abbaan manaa mataa haadha manaa isaa ti’ jedha. (Efesoon 5:23) Matadha yommuu jedhu, maatii isaatiif qajeelfama kennuu fi murtoo haadha manaa fi ijoollee isaa fayyadu murteessuu qaba jechuu dha.

    Hiriyoonni gaaʼelaa tokko yeroo ciree nyaatan waliin haasaʼaa jiru.

    Fedhii qaamaa, miiraa fi hafuuraa maatii isaa guutuuf carraaquu qaba. (1 Ximotewos 5:8) Abbaan manaa ishii wajjin hojjechuudhaan, akkasumas yommuu murtoo godhutti ilaalchaa fi miira ishii tilmaama keessa galchuudhaan amalaa fi dandeettii haadha manaa isaatiif iddoo guddaa akka kennu argisiisa. (Fakkeenya 31:11, 28) Kitaabni Qulqulluun abbaan manaa itti gaafatama isaa karaa jaalala qabuun baʼachuu akka qabu dubbata.—Qolosaayis 3:19.

  • Gaʼee haadha manaa. Kitaabni Qulqulluun, “haati manaa abbaa manaa ishiitiif ulfina guddaa haa kennitu” jedha. (Efesoon 5:33) Haati manaa gaʼee inni abbaa manaatiif kenne yommuu kabajju Waaqayyo ni gammada.

    Abbaan manaa fi haati manaa tokko waaʼee baasii isaanii mariʼachaa jiru.

    Gaʼeen haadha manaa, abbaan manaa ishii murtoo gaarii akka godhu gargaaruu fi matummaa isaa deggeruu dha. (Uumama 2:18) Kitaabni Qulqulluun haadha mana itti gaafatamummaa gaaʼela keessatti qabdu raawwattu gaarii akka taate dubbata.—Fakkeenya 31:10.

Waaqayyo yeroo harʼaatti hiriyoonni gaaʼelaa ijoollee akka godhatan barbaadaa?

Lakki. Bara duriitti Waaqayyo waaqeffattoonni isaa tokko tokko ijoollee akka godhatan ajajee ture. (Uumama 1:28; 9:1) Haa taʼu malee, ajajni kun Kiristiyaanotaaf hin hojjetu. Yesuus hordoftoonni isaa ijoollee akka godhatan matumaa ajajee hin beeku. Barattoonni isaa jalqabaas hiriyoonni gaaʼelaa ijoollee akka godhatan dubbatanii hin beekan. Hiriyoonni gaaʼelaa ijoollee godhachuu ilaalchisee ofuma isaanii murteessuu dandaʼu.

Kitaabni Qulqulluun gaaʼela koo keessatti kan na gargaaru akkamitti?

Kitaabni Qulqulluun hiriyoonni gaaʼelaa gaaʼela isaanii haala gaariidhaan akka jalqaban qajeelfamoota isaan gargaaran qabateera. Qajeelfamoonni Kitaaba Qulqulluu hiriyoonni gaaʼelaa rakkina akka hambisan ykn akka moʼanis isaan gargaaruu dandaʼu.

Qajeelfamoonni Kitaaba Qulqulluu hiriyoonni gaaʼelaa wantoota armaan gadii akka godhan isaan gargaaruu dandaʼa.

  • jaalala akka argisiisan.—1 Qorontos 13:4-7; Qolosaayis 3:14.

  • waldhabdee akka hiikan.—1  Qorontos 10:24.

  • sirriitti akka wal dhaggeeffatan.—Yaaqoob 1:19.

  • kabaja akka walitti argisiisan.—Roomaa 12:10.

  • dhiifama akka waliif godhan.—1 Pheexiros 4:8.

  • amanamoo akka waliif taʼan.—Maarqos 10:9.

  • obsa akka qabaatan.—Efesoon 4:2, 3.

  • gamtaadhaan akka hojjetan.—Lallaba 4:9.

  • waadaa isaanii akka cimsatan.—Weedduu Weedduu Caalu 8:7.

a Gaaʼela aadaadhaan ykn gosaan raawwatamu ilaalchisee wanta Kitaabni Qulqulluun jedhu beekuuf, Masaraa Eegumsaa Onkoloolessa 15, 2006, fuula 21, keeyyata 12 ilaali.

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu waaʼee gaaʼelaa dubbatan

Fakkeenya 18:22: “Namni haadha manaa gaarii argatu wanta gaarii argata.”

Ergaa isaa: Kitaabni Qulqulluu gaaʼelli wanta gaarii akka taʼe dubbata.

Miilkiyaas 2:15: “Haadha manaa ijoollummaa keessanii hin ganinaa.”

Ergaa isaa: Waaqayyo hiriyoonni gaaʼelaa waliif amanamoo akka taʼanii fi kabajaan akka wal qaban barbaadan; gaaʼelaan waggoota hedduu erga waliin jiraatanii illee kana gochuu qabu.

Maarqos 10:9: “Wanta Waaqayyo walitti hidhe namni kam iyyuu gargar hin baasin.”

Ergaa isaa: Waaqayyo gaaʼela kan hundeesse michummaa itti fufiinsa qabu akka taʼu godhee ti.

Ibroota 13:4: “Gaaʼelli hundumaa biratti kabajamaa haa taʼu.”

Ergaa isaa: Hiriyoonni gaaʼelaa gaaʼela isaaniif iddoo guddaa kennu fi eeguuf jabaatanii hojjechuu qabu.

1 Qorontos 7:28: “Warri [gaaʼela godhatan] foon isaaniitti rakkinni ni dhufa.”

Ergaa isaa: Gaaʼelli gonka qabeessi hin jiru; hiriyoonni gaaʼelaa rakkinoota isaanii moʼuuf waliin hojjechuu qabu.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi