LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwbq mataduree 186
  • Murtoo Gaarii Gochuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Murtoo Gaarii Gochuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?
  • Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Deebii Kitaaba Qulqulluu
  • Yaadawwan murtoo gaarii gochuuf si gargaaran
  • Murtoon takkaa godhe jijjiiruun qabaa?
  • Murtoo dogoggoraa jijjiiruu hin dandeenye yoon godhe hoo?
  • ‘Hojii Jalqabdan Fiixaan Baasaa’
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2019
  • Amantii Qabaachuudhaan—Murtoo Ogummaa Irratti Hundaaʼe Godhaa!
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2017
  • Murtoo Yihowaa Gammachiisu Godhi
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
  • Murtoo Waaqayyoof Ulfina Fidu Godhi
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
Dabalataan Ilaaluuf
Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
ijwbq mataduree 186
Namni tokko Kitaaba Qulqulluu fi kitaabota kaan deeskii isaa irra jiran karaa akka irratti xiinxalaa jiru argisiisuun yommuu ilaalu.

Murtoo Gaarii Gochuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

Kitaabni Qulqulluun murtoo gaarii gochuu ilaalchisee qajeelfama baayʼee gaarii taʼe nuuf kenna. Akkasumas, ‘ogummaa fi hubannaa akka argannu’ nu gargaara. (Fakkeenya 4:5) Haalawwan tokko tokko keessatti, murtoon hundumaa irra caalu isa kam akka taʼe nutti hima. Haalawwan kan biroo irratti immoo, qajeelfama murtoo gaarii gochuuf nu gargaaruu dandaʼu nuuf kennaa.

Mata duree kana keessatti

  • Yaadawwan murtoo gaarii gochuuf si gargaaran

  • Murtoon takkaa godhe jijjiiruun qabaa?

  • Murtoo dogoggoraa jijjiiruu hin dandeenye yoon godhe hoo?

Yaadawwan murtoo gaarii gochuuf si gargaaran

  • Murtoo gochuuf hin ariifatin. Kitaabni Qulqulluun, “Namni abshaalli . . . tarkaanfii isaa hundumaa irratti xiinxala” jedha. (Fakkeenya 14:15) Ariifattee murtoo tokko yoo goote odeeffannoowwan barbaachisoo taʼan dagachuu dandeessa. Filannoowwan qabdu yeroo fudhadhaatii of eeggannoodhaan irratti yaadi.—1 Tasalonqee 5:21.

  • Miira kee qofa irratti hundooftee murtoo hin godhin. Kitaabni Qulqulluun yeroo hundumaa garaa keenya akka hin amanne nu akeekkachiisa. (Fakkeenya 28:26; Ermiyaas 17:9) Fakkeenyaaf, yeroo aarru, yeroo dhiphannu, yeroo abdii kutannu, yeroo ariifannu ykn yeroo garmalee dadhabnu murtoo gaarii gochuun nutti ulfaachuu dandaʼa.—Fakkeenya 24:10; 29:22.

  • Ogummaa argachuuf kadhadhu. (Yaaqoob 1:5) Waaqayyo kadhannaa akkasiitiif deebii kennuun isa gammachiisa. Abbaa jaalala qabeessa ijoollee isaa rakkoo hin barbaachisne irraa oolchuu barbaadu dha. “Yihowaan ogummaa ni kenna; beekumsii fi hubannaanis afaan isaa keessaa ni baʼu.”a (Fakkeenya 2:6) Adda durummaadhaan ogummaa kan kennu karaa Kitaaba Qulqulluu isa Dubbii isaa taʼetti fayyadamee ti.—2 Ximotewos 3:16, 17.

  • Namni tokko Kitaaba Qulqulluu isaa fi laaptooppii isaatti fayyadamee qorannaa gochaa jira. Yaadannoonii fi kitaabni deeskii isaa irra jira.

    Qorannaa godhi. Murtoo gaarii gochuuf odeeffannoo amanamuu dandaʼu argachuu qabda. Akkuma Kitaabni Qulqulluun jedhu, “namni ogeessi ni dhagaʼa, barumsa dabalataas ni argata.” (Fakkeenya 1:5) Maarree odeeffannoo si gargaaruu fi amanamuu dandaʼu eessaa argachuu dandeessa?

    Tokkoffaa, dhimma sana ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun maal akka jedhu hubadhu. Uumaan keenya wanta hundumaa caalaa nuuf gaarii taʼe waan beekuuf, Dubbiin isaa gorsa hundumaa caalaa amanamuu dandaʼu kan of keessatti qabate dha. (Faarfannaa 25:12) Murtoo tokko tokko ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun bifa seeraa ykn ajajaatiin qajeelfama ifa taʼe kenna. (Isaayyaas 48:17, 18) Dhimmoota kan biroo hedduu ilaalchisee garuu kallattiidhaan qajeelfama hin kennu. Kanaa mannaa, bifa dhugaa buʼuuraatiin qajeelfama kenna. Kun immoo filannoo dhuunfaa akka goonu carraa nuu kennuudhaan murtoo gaarii gochuu akka dandeenyu nu gargaara. Yaadawwan Kitaaba Qulqulluu dhimma kanaa wajjin walqabatan argachuuf, mata dureewwan ykn barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu kanneen akka weebsaayitii kana irra jiran irratti qorannoo godhi.b

    Murtoowwan tokko tokko gochuu ilaalchisee immoo maddeen odeeffannoo amanamuu dandaʼan kan biroo irratti qorannoo gochuun isin barbaachisa taʼa. Fakkeenyaaf, miʼa tokko bituu kee dura keessummaa miʼa baayʼee miʼaa taʼe bituu kee dura qajeelfama miʼi sun yoo cabe ykn miʼicha deebisuu yoo barbaadde maal gochuu akka dandeessu dabalatee, miʼa sanaa fi kaampaanii miʼa sana oomishu irratti qorannaa gochuun kee gaarii dha. Kana malees, miʼi sun miʼuma barbaaddu sana taʼuu isaa mirkaneeffachuu qabda.

    Kitaabni Qulqulluun, “Mariin hin jiru taanaan karoorri hin milkaaʼu” jedha. (Fakkeenya 15:22) Kanaafuu murtoo tokko gochuu kee dura nama amantu tokko mariisisi. Fakkeenyaaf, yaalii wajjin wal karaa qabateen murtoo yommuu gootutti ogeessa fayyaa mariisisuun kee gaarii dha. (Maatewos 9:12) Haalawwan tokko tokko keessatti immoo namoota haala kee wajjin walfakkaatu isaan mudatee ture haasofsiisuu dandeessa. Haa taʼu malee, murtoo kan godhuu fi buʼaa ykn miidhaa murtoon sun geessisuu wajjin kan jiraatu siʼi malee namoota ati mariisiste sana akka hin taane hin dagatin.—Galaatiyaa 6:4, 5.

  • Namni sun yaadannoo irratti barreessaa jira.

    Haalawwan hunda madaalii ilaali. Odeeffannoo sassaabbatte irratti hundaaʼuudhaan filannoo qabdu, akkasumas buʼaa fi miidhaa filannoowwan sun qaban barreeffachuu dandeessa. Buʼaa ykn miidhaa murtoon kee geessisu amanamummaadhaan qori. (Keessa Deebii 32:29) Fakkeenyaaf, murtoon kee si irratti, maatii kee irratti ykn warra kaan irratti dhibbaa akkamii geessisuu dandaʼa? (Fakkeenya 22:3; Roomaa 14:19) Barumsawwan Kitaaba Qulqulluu tilmaama keessa galchuudhaan gaaffiiwwan akkasii irratti xiinxaluun murtoo ogummaa fi jaalala irratti hundaaʼe gochuuf si gargaara.

  • Murtoo godhi. Yeroo tokko tokko, mirkanaaʼoo waan hin taaneef murtoo tokko gochuu irraa duubatti jenna taʼa. Haa taʼu malee murtoo utuu hin godhin yoo hafne carraa tokko dhabuu ykn haala hin barbaanne keessa seenuu dandeenya. Kana karaa biraatiin ibsuuf, murtoo utuu hin godhin hafuun, akkuma murtoo dogoggoraa gochuu gowwummaa taʼuu dandaʼa. Kitaabni Qulqulluun haala kana qonnaa wajjin wal fakkeessuudhaan yommuu ibsu akkana jedha: “Namni yeroo hundumaa qilleensa gaarii eeggatu sanyii facaasuu hin danda’u; namni yeroo hundumaa gara duumessaa ilaalus midhaan isaa makarachuu hin danda’u.”—Lallaba 11:4, Kitaaba Qulqulluu Bara 1997.

Kana malees, murtoon gaarii jedhame illee murtoo hunduma irra wayyu akka hin taane yaadadhaa. Yeroo baayʼee wanta tokko yeroo filannu wanta kan biraa aarsaa gochuu nu barbaachisa taʼa. Akkasumas wantoonni hin eegamne uumamuu dandaʼu. (Lallaba 9:11) Kanaafuu odeeffannoo gaarii argattetti fayyadami, akkasumas filannoo milkaaʼina akka qabu sitti dhagaʼamu filadhu.

Murtoon takkaa godhe jijjiiruun qabaa?

Murtoon hundi murtoo dhumaa ti jechuun hin dandaʼamu. Haalli kee ni jijjiirama taʼa ykn murtoon kanaan dura goote miidhaa ati eegne geessisa taʼa. Kanaafuu, dhimmoota tokko tokko irra deebitee ilaaluu fi filannoo kan biraa buʼaa barbaadde argamsiisuu dandaʼu filachuu qabda.

Haa taʼu malee, murtoowwan tokko tokko jijjiiramuu hin qaban. (Faarfannaa 15:4) Fakkeenyaaf, Waaqayyo hiriyoonni gaaʼelaa kakuu gaaʼelaa galan akka eegan barbaada.c (Miilkiyaas 2:16; Maatewos 19:6) Hiriyoonni gaaʼelaa, gaaʼela keessatti rakkinni yommuu uumamu rakkina uumame sana furuu fi gaaʼelli akka hin diigamne gochuuf hamma isaaniif dandaʼame carraaqqii gochuu qabu.

Murtoo dogoggoraa jijjiiruu hin dandeenye yoon godhe hoo?

Hundi keenya iyyuu yeroo taʼe tokkotti murtoo dogoggoraa ykn ogummaa irratti hin hundoofne gochuun keenya hin oolu. (Yaaqoob 3:2, miiljalee) Kanaafis ni gaabbina ykn of ceephaana taʼa, kun immoo waanuma jiru dha. (Faarfannaa 69:5) Yeroo tokko tokko miirri akkasii hamma tokko nutti dhagaʼamuun isaa, irra deebinee dogoggora walfakkaataa akka hin raawwanne kan nu taasisu yoo taʼe gaarii dha! (Fakkeenya 14:9) Haa taʼu malee, garmalee of ceephaʼuun sammuu keenya ykn miira keenya miidhuu waan dandaʼuuf Kitaabni Qulqulluun garmalee akka of hin ceephaane nu gorsa. (2 Qorontos 2:7)d Kitaabni Qulqulluun, “Yihowaan araara qabeessaa fi gara laafessa dha” jedha. (Faarfannaa 103:8-13) Kanaafuu murtoo dogoggoraa jijjiiruu hin dandeenye irraa barumsa argachuuf carraaqqii godhi, haala sana fooyyessuufis wanta siif dandaʼame hunda godhi.

a Yihowaan maqaa Waaqayyoo Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame dha.—Faarfannaa 83:18.

b Kana malees, jecha ykn gaalee murtoo kee wajjin wal qabate barreessuudhaan weebsaayitii jw.org irraa qorannoo gochuu dandeessa. Weebsaayitiin kun dhimmoota hedduu irratti gorsa Kitaaba Qulqulluu kan qabate dha. Akkasumas, Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa “Baafata Jechoota Kitaaba Qulqulluu” irraa jechoota barbaadduu irratti qorannaa gochuu dandeessa.

c Fedhiin Waaqayyoo hiriyoonni gaaʼelaa hamma lubbuudhaan jiranitti akka waliin jiraatani dha. Hiriyaa gaaʼelaa ofii hiikanii gaaʼela kan biraa hundeeffachuun kan heyyamamu hiriyaan gaaʼelaa inni tokko ejja yoo raawwate qofa dha. (Maatewos 19:9) Gaaʼelaa wajjin haala wal qabateen rakkinni si mudachaa jira taanaan, Kitaabni Qulqulluun karaa jaalalaa fi ogummaa irratti hundaaʼeen akka furtu si gargaaru dandaʼa.

d Odeeffannoo dabalataa argachuuf, mata duree “I Feel Guilty—Can the Bible Help Me Find Relief?” jedhu ilaali

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi