LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwhf mataduree 17
  • Ijoolleen Keessan Oduuwwan Nama Jeeqan Akka Dandamatan Gargaaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Ijoolleen Keessan Oduuwwan Nama Jeeqan Akka Dandamatan Gargaaraa
  • Gargaarsa Maatiidhaaf Taʼu
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Oduuwwan ijoollee irratti dhiibbaa kan godhan akkamitti?
  • Ijoolleen keessan oduuwwan nama dhiphisan akka dandamatan gargaaruu kan dandeessan akkamitti?
  • “Kunoo, Nuti Jirra! Nu Ergaa!”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2020
  • Ijoollee Keessan Xinnummaasaaniitii Kaasaa Leenjisaa
    Maatiin Gammachuu Argachuu Kan Danda’u Akkamitti?
  • Maatiin Kee Gammachuu Qabaachuu kan Dandaʼu Akkamitti?—Kutaa 2
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • Warri, Ijoolleen Keessan Yihowaa Akka Jaallatan Gargaaraa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2022
Dabalataan Ilaaluuf
Gargaarsa Maatiidhaaf Taʼu
ijwhf mataduree 17
Maatiin tokko televizyinii ilaalaa jira. Abbaan oduun nama jeequ ilma isaanii irratti dhiibbaa akka geessise hubate.

GARGAARSA MAATIIDHAAF TAʼU | IJOOLLEE GUDDISUU

Ijoolleen Keessan Oduuwwan Nama Jeeqan Akka Dandamatan Gargaaraa

Oduuwwan nama jeeqanii fi viidiyoodhaan qophaaʼan, televizyiniidhaan, moobaayilii, taableetii fi kompiitaraan argachuun ni dandaʼama.

Ijoolleenis oduuwwan kana ni ilaalu.

Ijoolleen keessan oduuwwan kanaan akka hin jeeqamne gargaaruu kan dandeessan akkamitti?

  • Oduuwwan ijoollee irratti dhiibbaa kan godhan akkamitti?

  • Ijoolleen keessan oduuwwan nama dhiphisan akka dandamatan gargaaruu kan dandeessan akkamitti?

  • Ijoolleen keessan wanta suukanneessaa yoo argan maal gochuu dandeessu?

Oduuwwan ijoollee irratti dhiibbaa kan godhan akkamitti?

  • Ijoollee hedduun wantoota suukanneessaa oduu irratti arganiin baayʼee jeeqamu. Ijoolleen tokko tokko miira isaanii ifatti hin dubbatan taʼa, taʼus oduu suukanneessaan isaan dhagaʼan baayʼee isaan jeequu dandaʼa.a Warri isaanii garmalee kan dhiphatan yoo taʼe immoo, dhiphinni isaanii ittuma caalaa deemuu dandaʼa.

  • Ijoolleen wanta oduudhaan argan dogoggoraan hubatu taʼa. Fakkeenyaaf, ijoolleen tokko tokko wanti isaan argan maatii isaanii irras gaʼuu akka dandaʼu yaadu. Ijoolleen viidiyoo nama jeequ irra deddeebiʼanii ilaalan, wanti sun irra deddeebiʼamee akka raawwatamu yaaduu dandaʼu.

  • Ijoolleen oduuwwan akkasiitiif ilaalcha sirrii qabaachuun isaan rakkisa taʼa. Dhaabbileen oduu gabaasan kun, hammuma namni dabalataa gabaasa isaanii ilaale, hammasuma qarshii dabalataa akka argatan hin beekan taʼa. Kanaaf, gabaasni tokko kan dhihaatu karaa xiyyeeffannaa namootaa kakaasuun taʼuu dandaʼa.

Ijoolleen keessan oduuwwan nama dhiphisan akka dandamatan gargaaruu kan dandeessan akkamitti?

  • Ijoolleen keessan oduu suukanneessaa hammam ilaaluu ykn dhaggeeffachuu akka qaban daangessaa. Kana jechuun garuu, ijoolleen keessan wanta addunyaa irratti raawwatamaa jiru beekuu hin qaban jechuu miti. Oduuwwan nama jeeqan irra deddeebiʼanii dhaggeeffachuun garuu wanta isaan fayyadu hin qabu.

    “Yeroo tokko tokko ijoollee keenya warra nu dhagaʼaa jiran irratti dhiibbaa akkamii akka geessisu utuu hin hubatin waaʼee oduuwwanii balʼinaan haasofna.”—Maariyaa.

    Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Yaaddoon garaa namaa keessa jiru gad isa qaba.”—Fakkeenya 12:25.

  • Obsaan isaan dhaggeeffadhaa, akkasumas gara laafinaan isaaniif deebisaa. Ijoolleen keessan waaʼee taʼee sanaa dubbachuun kan isaanitti ulfaatu yoo taʼe, fakkiidhaan akka ibsan isaanitti himuu dandeessu. Jechoota ijoolleen keessan hubachuu dandaʼanitti fayyadamuudhaan, wanta isaan yaaddessu irratti mariʼadhaa; haa taʼu malee taʼee sana ilaalchisee wanta beekuun isaan hin barbaachisne irratti hin mariʼatinaa.

    “Intalli keenya erga ishii wajjin teenyee irratti mariʼannee booda waan tasgabboofte fakkaatti. ‘Kun waanuma jiru dha, nutu itti baruu qaba’ jechuun wanta ishii gargaaru hin qabu.”—Saaraahii.

    Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Dhaggeeffachuuf ariifataa, dubbachuuf suuta jedhaa [taʼaa].”—Yaaqoob 1:19.

  • Ijoolleen keessan oduuwwaniif ilaalcha sirrii akka qabaatan gargaaraa. Fakkeenyaaf, oduun waaʼee namoota ukkaamsanii fudhachuu ibsu, gochi kun yeroo baayʼee kan raawwatamu akka taʼe fakkaatee dhihaachuu dandaʼa. Eegumsa isaaniif gochuuf tarkaanfiiwwan akkamii akka fudhattan ijoollee keessaniif ibsaa. Kana malees, wantoonni suukanneessaan oduu irratti kan dhihaatan baramoo waan taʼaniif utuu hin taʼin, yeroo baayʼee kan hin raawwatamne waan taʼaniif akka taʼe yaadadhaa.

    “Ijoolleen keessan miira isaanitti dhagaʼamu akka dandamatan gargaaraa. Yeroo baayʼee miirri yaada irratti kan hundaaʼe dha; ijoolleen keenya wanta gaarii irratti akka xiyyeeffatan yoo isaan gargaarre, miirri gaariin isaanitti dhagaʼamuu dandaʼa.”—Loordas.

    Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Garaan nama ogeessa taʼee afaan isaatiif hubannaa kenna, dubbii isaatiifis dandeettii amansiisuu dabala.”—Fakkeenya 16:23.

a Ijoollee xixinnoon, halkan siree irratti fincaaʼuudhaan ykn mana barumsaa dhaquu fi warra isaanii irraa adda baʼuu sodaachuudhaan akka dhiphatan argisiisuu dandaʼu.

Ijoolleen keessan wanta suukanneessaa yoo argan hoo maal gochuu dandeessu?

Caamsaa 7, 2019⁠tti, dargaggoonni lama mana barumsaa Haayilaandis Raanchi Koloraadoo Yunaayitid Isteetis keessatti dhukaasa banuudhaan barataa tokko ajjeesanii barattoota saddeet immoo madeessanii turan. Jaak inni umuriin isaa waggaa 9 taʼee fi mana barumsaa sanatti baratu yeroo dhukaasni sun banametti achi jira ture. Warra isaa kan taʼan Beenii fi Kaaseen Jaakiin gargaaruuf carraaqqii akkamii akka godhan ibsaniiru.

Beenii fi Kaasee.

Dhukaasni sun mucaa keessan irratti dhiibbaa akkamii godheera?

Kaasee: Jiʼoota sana booda turanitti, Jaak baayʼee dhiphata ture.

Been: Mucaan kanaan dura wanti tokko illee isa hin yaaddessine, akkuma tasaa jijjiiramee wanti taʼee sana isa yaadachiisu yommuu jiraatu warra isaatti maxxanu taʼe. Jaak wanti hamaan yeroo hundumaa akka raawwatamu yaaduu jalqabe; wanta inni keessa darbe yommuu yaannu, kun waanuma jiru akka taʼe beekna.

Oduu waaʼee dhukaasa sanaa ibsu ilaaltaniittuu?

Kaasee: Jalqaba irratti ilaalaa turre. Sadan keenya iyyuu, gara torban tokkootiif oduu sana ilaalaa turreerra. Achiis anii fi abbaan manaa koo oduu sana ilaaluun taʼee sana yaaduu isaa akka itti fufu akka isa taasisu hubanne; kanaan kan kaʼes wanta nu tasgabbeessuu dandaʼu irratti xiyyeeffachuu mannaa, dhiphachuu keenya itti fufnee turre.

Wanti Jaakiin caalaatti gargaare maali dha?

Kaasee: Sochii qaamaa gochuun dhiphina isaa akka hirʼisu isa gargaareera; kanaaf yeroo ramadnee guyyaa guyyaadhaan akkas gochuuf yaalii gooneerra. Hunda caalaa garuu kan isa gargaare yeroo inni dubbachuuf qophaaʼaa taʼetti isa dhaggeeffachuu dha. Jaak rafuu isaa dura yeroo wanti hundi tasgabbaaʼutti, wanta isatti dhagaʼamu hundumaa akka nutti himu hubadheera. Yeroo tokko tokko gara saʼaatii tokkootiif waliin haasofna turre, taʼus deggersa isa barbaachisu kennuuf nu dandeessiseera. Jaakis kophaa isaa dhiphachuu akka hin qabne hubatee ture.

Warri ijoolleen isaanii haalli suukanneessaan isaan mudateef gorsa akkamii kennitu?

Been: Ijoolleen haalli suukanneessaan utuu hin uumamin dura maatii keessatti tasgabbiin kan isaanitti dhagaʼmu taʼuun isaa barbaachisaa dha. Akkas taanaan haalli suukanneessaan yoo isaa mudate, isaan gargaaruun salphaa taʼa.

Kaasee: Ijoolleen hundi garaa gara dha. Ijoolleen tokko tokko warra kaan caalaa dafee isaanitti dhagaʼama. Namoonni tokko tokko garmalee isaan toʼachaa akka jirtan godhanii kan yaadan taʼus, wanta ijoollee keessaniif barbaachisu isaaniif kennaa. Haalli addunyaa nageenya kan hin qabne fakkaatus, ijoolleen keessan manatti tasgabbiin akka isaanitti dhagaʼamu gochuudhaan hariiroo maatii keessanii cimsadhaa.

Irra deebii: Ijoolleen keessan oduuwwan nama suukanneessan akka dandamatan gargaaruu kan dandeessan akkamitti?

  • Oduu suukanneessaa hammam ilaaluu ykn dhaggeeffachuu akka qaban daangessaa.

  • Obsaan isaan dhaggeeffadhaa, akkasumas gara laafinaan isaaniif deebisaa.

  • Ijoolleen keessan oduuwwaniif ilaalcha sirrii akka qabaatan gargaaraa.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi