LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwhf mataduree 20
  • Ijoolleen Koo Yoo Nuffan Maal Gochuun Qaba?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Ijoolleen Koo Yoo Nuffan Maal Gochuun Qaba?
  • Gargaarsa Maatiidhaaf Taʼu
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Ijoollee nuffan ilaalchisee warri tokko tokko maal hubataniiru?
  • Ijoolleen keessan yommuu nuffanitti maal gochuu dandeessu?
  • Yoon Nuffe Maalan Godha?
    Gaaffii Dargaggootaa
  • Warri, Ijoolleen Keessan Yihowaa Akka Jaallatan Gargaaraa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2022
Gargaarsa Maatiidhaaf Taʼu
ijwhf mataduree 20
Haadha ilma ishii nuffee fi minjaala irra taaʼee gara alaa ilaalaa jiru ilaaltu.

GARGAARSA MAATIIDHAAF TAʼU | IJOOLLEE GUDDISUU

Ijoolleen Koo Yoo Nuffan Maal Gochuun Qaba?

Mucaan keessan hojii malee mana keessa taaʼee “Wanti hundi na nuffisiiseera!” jedha. Televizyinii akka ilaalu ykn geemii jaallatu akka taphatu itti himuu keessan dura, wantoonni irratti yaaduu qabdan armaan gaditti ibsamaniiru:

Ijoollee nuffan ilaalchisee warri tokko tokko maal hubataniiru?

  • Baayʼinnii fi gosti bashannanaa rakkinichi akka itti caalu gochuu dandaʼa. Abbaan Roobarti jedhamu akkana jedheera: “Ijoollee tokko tokkoof jireenyi guyyaa guyyaa televizyinii ilaaluu ykn geemii taphachuu wajjin wal bira qabamee yommuu ilaalamu nuffisiisaa fakkaata. Sochiiwwan baramoo taʼan illee gammachiisaa akka taʼan isaanitti hin dhagaʼamu.”

    Haati manaa isaa Baarbaaraanis kana irratti walii galti. Akkana jetteetti: “Jireenyi guyyaa guyyaa yaaduu fi carraaqqii gochuu gaafata; buʼaan isaas dafee hin mulʼatu. Kun immoo ijoollee televizyinii ilaaluudhaan ykn geemii taphachuudhaan yeroo dheeraa dabarsaniif nuffisiisaa dha.”

  • Weebsaayitii hawaasaa irratti saʼaatii dheeraa dabarsuun waaʼee ofii isaanii miirri gaariin akka isaanitti hin dhagaʼamne godha. Mucaan tokko sochiiwwan hiriyoota isaa ilaaluun isaa jireenyi isaa nuffisiisaa akka taʼe akka isatti dhagaʼamu gochuu dandaʼa. Shamarreen Beetii jedhamtu, “‘Namoonni hundi bashannanaa jiru, ani garuu mana taaʼeen jira’ jedhanii yaaduun salphaa dha” jetteetti.

    Kana malees, namni tokko weebsaayitii hawaasaa irratti saʼaatii dheeraa yoo dabarse gammachuu isa dhabsiisuu fi akkuma nuffetti akka itti fufu isa gochuu dandaʼa. Dargaggeessi Kiriis jedhamu akkana jedheera: “Hojiidhaan akka qabamtan isinitti dhagaʼamuu dandaʼa taʼa, garuu dhuma irratti wanta argisiistan hin qabdan.”

  • Nuffiin carraa gaarii taʼuu dandaʼa. Haati Kaatriin jedhamtu akkana jetteetti: “Nuffiin ijoolleen dandeettii kalaqaa isaanii akka guddifatan carraa isaaniif banuu dandaʼa.” Fakkeenyaaf, akkana jetteetti: “Mucaan tokko kaartoonii keessa taaʼee saanduqa, konkolaataa, doonii ykn mankuraakurii keessa akka jiru godhee yaaduu dandaʼa. Birdilibsii minjaala irra kaaʼuudhaan dunkaana hojjechuu dandaʼa.”

    Ogeettiin xiinsammuu Sheerii Taakil jedhaman, “Nuffiin carraa dandeettii kalaqaa itti guddifatani dha” kan jedhan kanaa fi.a Kanaafuu, nuffiin yeroo hunda gadhee dha jechuu miti. Kitaabni Disconnected jedhamu, “Yommuu wanta ulfaatu tokko kaastan maashaaleen keessan ni cimu. Haaluma wal fakkaatuun, yommuu nuffitanii fi dandeettii yaaduu keessanitti fayyadamtan dandeettiin kalaqaa keessan caalaatti dabala” jechuudhaan dubbateera.

Yaada Ijoo: Ijoolleen keessan nuffuun isaanii akka rakkinaatti utuu hin taʼin carraa dandeettii kalaqaa isaanii akka guddifatan isaan gargaaru akka taʼetti ilaalaa.

Ijoolleen keessan yommuu nuffanitti maal gochuu dandeessu?

  • Haalli isaa kan isiniif heyyamu yoo taʼe, ijoolleen keessan ala baʼanii akka taphatan isaaniif heyyamaa. Baarbaaraan ishiin olitti caqasamtee turte akkana jetteetti: “Kan nama dinqisiisu, aduu fi qilleensi gaariin nuffii balleessuu dandaʼa. Ijoolleen keenya alatti taphachuu yommuu jalqabanitti, caalaatti dandeettii yaaduu isaanitti fayyadamuu eegalu!”

    Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: ‘Wanti hundi yeroo isaaf murteeffame qaba, kolfuun yeroo qaba, burraaquunis yeroo qaba.’—Lallaba 3:1, 4, miiljalee.

    Wanta irratti yaadamuu qabu: Ijoolleen koo yeroo baayʼee ala baʼanii akka taphatan carraa akkamiin isaanii kennuun dandaʼa? Alatti baʼanii taphachuu hin dandaʼan yoo taʼe, wantoonni mana keessatti raawwachuu dandaʼan kan biroon jiruu?

  • Ijoolleen keessan waaʼee warra kaanii akka yaadan gargaaraa. Haati Liliiyaan jedhamtu akkan jetteetti: “Marga mooraa michoota maanguddoota keessan taʼanii keessa jiran haamuu ykn qeʼee isaanii qulqulleessuu ykn nyaata isaaniif bilcheessuu fi nagaa isaan gaafachuuf mana isaanii dhaquu dandeessu. Warra kaan gargaaruun gammachuu dhugaa argamsiisa.”

    Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Namni arjaan ni badhaadha, namni warra kaan dheebuu baasu hundis ofii isaatiif dheebuu ni baʼa.”—Fakkeenya 11:25.

    Wanta irratti yaadamuu qabu: Ijoolleen keessan warra kaaniif waa gochuudhaan gammachuu argachuu akka dandaʼan gargaaruu kan dandeessan akkamitti?

  • Fakkeenya isaaniif taʼaa. Akkaataan isin waaʼee sochii guyyaa guyyaa keessanii itti dubbattan ijoollee keessan irratti dhiibbaa gochuu dandaʼa. Haati Saaraa jedhamtu akkana jetteetti: “Jireenyi keenya nuffisiisaa akka taʼe haala argisiisuun yoo dubbanne, ijoolleen keenya akka nuffan barsiisaa jirra jechuu dha. Garuu wantoota gaarii taʼan irratti yoo xiyyeeffanne, ijoolleen keenya akkasuma akka godhan gargaarra.”

    Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Namni garaa gammade qabu . . . yeroo hunda affeerraa irra jira.”—Fakkeenya 15:15.

    Wanta irratti yaadamuu qabu: Waaʼee sochii guyyaa guyyaa koo ijoollee kootti kanan dubbadhu akkamitti? Yeroon nuffutti wantin raawwadhu ijoollee kootti maaltu akka dhagaʼamu godha?

Gorsa gaarii: Ijoolleen keessan wantoota tokko tokko kalaquu irratti yaada akka kennan isaan gargaaraa. Haati Aliisan jedhamtu, “Saanduqa miseensi maatii hundi yaada qabu barreessee keessa kaaʼu qabna” jetteetti.

a Kitaaba Reclaiming Conversation jedhamu irraa kan fudhatame.

“Carraa Dinqisiisaa Taʼe”

Mikaaʼelii fi Taamii.

“Yeroo ijoolleen akka nuffan dubbatan, televizyinii akka ilaalan ykn meeshaa elektirooniksii isaanii akka fayyadaman itti himtanii gara hojii keessaniitti deebiʼuu hin qabdan. Mucaan tokko “Nuffeera” jechuun isaa haadhaa fi abbaa isaa wajjin yeroo dabarsuu akka barbaadu kan argisiisu dha. Kun immoo carraa dinqisiisaa taʼe dha!”—Miikaaʼelii fi haadha manaa isaa Taamii.

Irra Deebii: Ijoolleen keessan yeroo nuffanitti isaan gargaaruu kan dandeessan akkamitti?

  • Haalli isaan kan mijatu yoo taʼe, ijoolleen keessan ala baʼanii akka taphatan isaaniif heyyamaa. Sochiiwwan alatti raawwatamanii fi qilleensi gaariin dandeettii yaaduu fi dandeettii kalaqaa ijoolleen qaban dabalu.

  • Ijoolleen keessan waaʼee warra kaanii akka yaadan gargaaraa. Warra kaaniif waa gochuun gammachuu dhugaa argamsiisuu fi nuffii balleessuu dandaʼa.

  • Fakkeenya isaaniif taʼaa. Sochii guyyaa guyyaa keessaniif ilaalcha gaarii yoo qabaattan, ijoolleen keessanis akkas gochuun isaanii hin oolu.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi