LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwyp mataduree 100
  • Seera Warri Koo Baasan Yoon Cabse Maal Gochuun Dandaʼa?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Seera Warri Koo Baasan Yoon Cabse Maal Gochuun Dandaʼa?
  • Gaaffii Dargaggootaa
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Wanta gochuu hin qabne
  • Tarkaanfii gaarii taʼe
  • Warri Koo Akkan Bashannanuuf Matumaa kan Naaf hin Heyyamne Maaliifi?
    Gaaffii Dargaggootaa
  • Warri Koo Seera Kan Natti Baayʼisan Maaliifi?
    Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname, Jildii 2ffaa
  • Bilisummaa Dabalataa Argachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?
    Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname, Jildii 1ffaa
  • Warri Koo Akkan Bashannanu kan Naaf hin Heyyamne Maaliifi?
    Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname, Jildii 1ffaa
Dabalataan Ilaaluuf
Gaaffii Dargaggootaa
ijwyp mataduree 100
Warri tokko intalli isaanii saʼaatii ishiidhaaf daangeffame dabarsitee gara manaa erga deebitee booda, yaaddaʼanii ishii haasofsiisaa jiru.

GAAFFII DARGAGGOOTAA

Seera Warri Koo Baasan Yoon Cabse Maal Gochuun Dandaʼa?

Saʼaatii manatti itti galamu, meeshaa elektirooniksiitti hammam fayyadamuun akka dandaʼamu, akkaataa namoota kaan qabuu itti qabnuu fi kkf ilaalchisee maatiin hundi jechuun ni dandaʼama, seera ni qabaatu.

Seera maatii keessanii yoo cabsite hoo? Wanta takkaa raawwatte jijjiiruu hin dandeessu; garuu, kana caalaa akka hin balleessine of eeggachuu ni dandeessa. Mata dureen kun, kana gochuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe si hubachiisa.

  • Wanta gochuu hin qabne

  • Tarkaanfii gaarii taʼe

  • Hiriyoonni kee maal jedhu?

Wanta gochuu hin qabne

  • Warri kee seera baʼe cabsuu kee hin beekan taanaan, waan balleessite sana dhoksuuf qoramta taʼa.

  • Seera cabsuu kee yoo beekan immoo, sababa tarreessita ykn nama kan biraatti qabatta taʼa.

Kun mala gaarii miti. Maaliif? Wanta raawwatame kan dhoksu ykn sababa hin taane kan dhiheessu nama bilchina hin qabne dha. Akkas gochuun kee, warri kee guddinni akka si hafu akka isaanitti dhagaʼamu gochuudhaan ala faayidaa hin qabu.

“Sobni furmaata hin taʼu. Yeroo booda dhugaan isaa yeroo baʼu, adabni sii kennamu adaba odoo dura dubbattee sii kennamu irra kan hammaatu taʼa.”—Dayaanaa.

Tarkaanfii gaarii taʼe

  • Balleessaa kee amani. Kitaabni Qulqulluun, “Namni irra-daddarbaa isaa dhokfatu, hin hiiqu” jedha. (Fakkeenya 28:13) Warri kee ati dogoggora raawwachuu akka dandeessu beeku. Taʼus amanamaa akka taatu sirraa eegu.

    “Dhugaa yoo dubbatte warri kee caalaatti garaa sii laafu. Homaa akka hin dhoksine yeroo argan, amantiin sirratti qaban ni dabala.”—Oliiviyaa.

  • Dhiifama gaafadhu. Kitaabni Qulqulluun, “Gad of qabuu akka uffataatti uffadhaa” jedha. (1 Pheexiros 5:5) “Dhiifama!” jechuunii fi sababa dhiheessuuf qoramuu dhiisuun gad of qabuu gaafata.

    “Namoonni yeroo hunda sababa dhiheessan, yeroo dogoggora raawwatan sammuun isaanii isaan ceephaʼuu dhiisaa deemuu dandaʼa. Oolee bulee immoo, yeroo dogoggora raawwatan homtuu itti dhagaʼamuu dhiisuu dandaʼa.”—Heezar.

  • Wanta sirraan geessisu fudhadhu. Kitaabni Qulqulluun, “Namni ifata dhaga’u . . . hubataa dha” jedha. (Fakkeenya 15:5) Gungumuu dhiisiitii, adaba warri kee sii kennan callisii fudhadhu.

    “Adaba sii kenname ilaalchisee yoo gungumte, caalaatti haala ulfaataa keessa galuu dandeessa. Adaba sii kenname fudhachuuf mala barbaadi malee wanta dhabde irratti hin xiyyeeffatin.”—Jeesan.

  • Deebisanii akka si amanan gochuuf carraaqi. Kitaabni Qulqulluun, ‘Namummaa moofaa isa jireenya keessan isa durii wajjin wal simu of irraa baasaa gataa’ jedha. (Efesoon 4:22) Warri kee deebisanii si amanuu akka dandaʼaniif, waan gaarii gochuu kee itti fufi.

    “Murtoo sirrii gochuu kee yoo itti fuftee fi dogoggora akkasii akka irra hin deebine warra keetti yoo argisiiste, yeroo booda deebisanii akka si amanan gochuu ni dandeessa.”—Kaaran.

YAADA: Akka si amanan gochuuf, wanta isaan si gaafatan caalaa iyyuu godhi. Fakkeenyaaf, yeroo itti aanutti yeroo bakka tokko dhaqxee deebitu saʼaatii dabarsitee galuu baattu illee, karaa irra utuu jirtuu warra keetiif bilbiliitii dhufaa akka jirtu isaan beeksisi. Kana gochuun kee, afaaniin dubbachuu baattus, ‘Deebiʼee amanamuun barbaada’ ergaa jedhu isaaniif dabarsa.

Hiriyoonni kee maal jedhu?

Deeriyas

“Wanta raawwatte ilaalchisee warra keetti dhugaa jiru hin himtu taanaan, sobaa jirta jechuu dha. Dhuma irratti dhugaa jiru yeroo beekan, adabbii odoo jalqaba itti himtee sirra gaʼu caalaa adabbii guddaatu sirra gaʼa.”—Deeriyas.

Siyeraa

“Wanta raawwanne tokko nama kan biraatti kan qabannu yoo taʼe, dogoggora keenyaaf itti gaafatamummaa fudhachuuf gaʼumsa akka hin qabne argisiisaa jirra. Wanta taʼeef dhiifama gaafachuuf itti gaafatamummaan nutti hin dhagaʼamu taanaan, warri keenya nu amanuun isaan rakkisuu dandaʼa.”—Siyeraa.

Irra deebii: Seera Warri Koo Baasan Yoon Cabse Maal Gochuun Dandaʼa?

  • Balleessaa kee amani. Warri kee akka ati dogoggora raawwachuu dandeessu beeku. Taʼus amanamaa akka taatu sirraa eegu.

  • Dhiifama gaafadhu. “Dhiifama!” jechuunii fi sababa dhiheessuuf qoramuu dhiisuun gad of qabuu gaafata.

  • Wanta sirraan geessisu fudhadhu. Adaba warri kee sii kennan callisii fudhadhu.

  • Deebisanii akka si amanan gochuuf carraaqi. Warri kee deebisanii si amanuu akka dandaʼaniif, waan gaarii gochuu kee itti fufi.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi