LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwyp mataduree 109
  • Cuuphamuun Qabaa?—Kutaa 1: Hiika Cuuphaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Cuuphamuun Qabaa?—Kutaa 1: Hiika Cuuphaa
  • Gaaffii Dargaggootaa
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Cuuphaan maali dha?
  • Of murteessuun maali dha?
  • Cuuphaan barbaachisaa kan taʼe maaliifi?
  • Cuuphamuuf Qophoofteettaa?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2020
  • Cuuphamuun Kee Faayidaa Hedduu Siif Argamsiisa!
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • Dargaggootaa?—Cuuphamuuf Qophooftaniittuu?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2016
  • Cuuphaa—Ulaagaa Kiristiyaanonni Guutuu Qaban
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2018
Dabalataan Ilaaluuf
Gaaffii Dargaggootaa
ijwyp mataduree 109
Dargaggeessa walgaʼii Dhugaa Baatota Yihowaa tokko irratti cuuphamaa jiru.

GAAFFII DARGAGGOOTAA

Cuuphamuun Qabaa?—Kutaa 1: Hiika Cuuphaa

Waggaa waggaadhaan dargaggoonni maatii Dhugaa Baatota Yihowaa taʼan keessatti dhalatan hedduun ni cuuphamu. Atis tarkaanfii akkasii fudhachuuf yaadaa jirtaa? Taanaan jalqaba of murteessuu fi cuuphamuun hiika inni qabu hubachuu qabda.

  • Cuuphaan maali dha?

  • Of Murteessuun maali dha?

  • Cuuphaan barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

  • Hiriyoonni kee maal jedhu?

  • Ilaalcha dogoggoraa fi haqa jiru

Cuuphaan maali dha?

Cuuphaan Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame bishaan facaasuudhaan utuu hin taʼin, guutumaan guutuutti bishaan keessa lixuu kan argisiisu dha; kun immoo hiika addaa kan qabu dha.

  • Yeroo cuuphamtutti guutummaatti bishaan keessa lixuun kee kana booda jireenya ofii kee gammachiisuu kan hin hordofne taʼuu kee namootaaf ibsa.

  • Bishaan keessaa baʼuun jireenya haaraa Waaqayyoon gammachiisuu irratti hundaaʼe jalqabuu kee argisiisa.

Cuuphamuun kee wanta sirrii ykn dogoggora taʼe ilaalchisee ulaagaa baasuuf aboo kan qabu Yihowaa taʼuu isaa amantee fudhachuu kee argisiisa. Akkasumas wanta Waaqayyo sirraa barbaadu fedhiidhaan raawwachuuf waadaa galuu kee nama duratti mirkaneessita.

Wantoota Kanarratti Yaadi: Jireenya Yihowaaf ajajamuu irratti hundaaʼe jiraachuuf namoota duratti waadaa galuun kan barbaachise maaliifi? Tokkoffaa Yohaannis 4:19 fi Mulʼata 4:11 ilaali.

Of murteessuun maali dha?

Cuuphamuu kee dura kophaa kee taʼuudhaan Yihowaadhaaf of murteessuu qabda. Kana gochuu kan dandeessu akkamitti?

Kadhannaa dhuunfaadhaa Yihowaatti dhiheessuudhaan bara baraaf isa tajaajiluuf waadaa akka galtu akkasumas haalli akkamii iyyuu si mudatus ykn warri kaan maal iyyuu yoo godhan fedhii isaa kan gootu taʼuu kee itti himta.

Cuuphaa sirna murtoo dhuunfaa keetti goote namootatti argisiistu dha. Cuuphamuun kee of ganuu kee fi qabeenyaa Yihowaa taʼuu kee warra kaanitti argisiisa.—Maatewos 16:24.

Wantoota Kanarratti Yaadi: Qabeenyaa Yihowaa taʼuun kee jireenya gaarii jiraachuuf kan si gargaaru akkamitti? Isaayaas 48:17, 18 fi Ibroota 11:6 ilaali.

Cuuphaan barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

Yesuus cuuphamuun ulaagaa barattoota isaa irraa eegamu akka taʼe ibseera. (Maatewos 28:19, 20) Kanaafuu, harʼas taanaan cuuphaan ulaagaa Kiristiyaanota irraa eegamu dha. Kana irra iyyuu caalaa Kitaabni Qulqulluun cuuphaan fayyina argachuuf barbaachisaa akka taʼe ibsa.—1 Pheexiros 3:21.

Haa taʼu malee, wanti cuuphamuuf si kakaasuu qabu jaalalaa fi dinqisiifannaa Yihowaaf qabdu taʼuu qaba. Ilaalcha faarfatichaa qabaachuu qabda. Faarfatichi akkas jechuudhaan barreesseera: “Wanta gaarii inni naaf godhe hundumaatiif, Yihowaadhaaf maalan deebisa? . . . Maqaa Yihowaas nan waammadha. Saba isaa hundumaa duratti wareega koo Yihowaadhaaf nan raawwadha.”—Faarfannaa 116:12-14.

Wantoota Kanarratti Yaadi: Yihowaan wanta gaarii akkamii siif godheera? Atoo maal deebisuufi dandeessa? Keessa Deebii 10:12, 13 fi Roomaa 12:1 ilaali.

Hiriyoonni kee maal jedhu?

Miijin.

“Of murteessuun Yihowaaf waadaa galuu kee kan dabalatu yeroo taʼu kun immoo wanta bakki guddaan kennamuufii qabu dha. Haa taʼu malee jireenyi Yihowaadhaaf erga of murteessinee booda jiraannu eebbaan kan guutame dha. Sababiin isaas kunuunsa nuti ofiif goonu caalaa isa Yihowaan nuuf godhutu caala.”—Miijiin.

Eembar.

“Yihowaan akka si jaallatu argisiiseera. Yeroo cuuphamtutti atis akka isa jaallattu argisiista. Cuuphamuun mirga guddaa yeroo taʼu, eebba guddaas siif argamsiisa.”—Eembar.

Juuliyaan.

“Murtiiwwan namni tokko godhu hunda caalaa bakki guddaan kan kennamuuf Yihowaadhaaf of murteessuu fi cuuphamuuf murtoo inni godhu dha. Taʼus kun si sodaachisuu hin qabu. Qophii kan goote akkasumas sababiin murtii kanaaf si kakaase sirrii hanga taʼetti, cuuphaan murtiiwwan jireenya keessan keessatti gootan hunda kan caalu dha.”—Juuliyaan.

Ilaalcha dogoggoraa fi Haqa jiru

ILAALCHA DOGOGGORAA— Cuuphamuuf bilchina kan qaban gaʼeessota qofa dha.

HAQA JIRU— Bilchaatinni nama tokkoo caalaati kan hundaaʼe umurii isaa irratti utuu hin taʼin, jaalala namichi Yihowaaf qabuu fi kakaʼumsa isaaf ajajamuuf qabu irratti dha. Yoseef, Saamuʼelii fi Yosiyaas ijoollummaa isaaniitti bilchaatina akkasii argisiisaniiru. Dargaggoonni yeroo harʼaa jiran hedduunis bilchaatina akkasii argisiisaa jiru.

Kitaabni Qulqulluun maal jedha? “Mucaan tokko illee amalli isaa qulqulluu fi sirrii taʼuun isaa Gocha isaatiin ni beekama.”—Fakkeenya 20:11.

ILAALCHA DOGOGGORAA— Hiriyoonni kee cuuphamanaan atis cuuphamuu qabda.

HAQA JIRU— Of murteessuu fi cuuphamuun murtee dhuunfaa fedhaan godhamuu qabu dha. Umurii taʼe tokko irra waan geesseef, hiriyoonni kee yommuu cuuphaman waan argiteef ykn namoonni kaan akka ati cuuphamtu waan sirraa eeganiif jecha tarkaanfii akkasii fudhachuu hin qabdu.

Kitaabni Qulqulluun maal jedha? “Sabni [Waaqayyoo] fedhiidhaan of dhiheessa.”—Faarfannaa 110:3.

ILAALCHA DOGOGGORAA— Hanga hin cuuphamnetti balleessaa yoo raawwatte itti hin gaafatamtu.

HAQA JIRU— Yihowaa duratti kan itti gaafatamtu yeroo cuuphamtutti utuu hin taʼin, isa duratti wanta sirrii fi dogoggora taʼe yeroo beektutti dha.

Kitaabni Qulqulluun maal jedha? “Namni tokko wanta sirrii taʼe akkamitti akka hojjetu beekee, utuu hin hojjetin yoo hafe cubbuu isatti taʼa”—Yaaqoob 4:17.

GORSA GAARII: Of murteessuu fi cuuphamuudhaan Kiristiyaana taʼuun kan si sodaachisu taanaan, miirri kun kan sitti dhagaʼamu maaliif akka taʼe beekuuf akkasumas sodaa kee moʼuuf tarkaanfiiwwan tokko tokko fudhachuu dandeessa. Kitaaba, Gaaffii Dargaggootaa fi Deebiiwwan Hojii Irra Ooluu Dandaʼan; Jildii 2 jedhamu boqonnaa 37 dubbisuun kee akkas gochuuf si gargaara.

Keessa deebii: Cuuphamuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

  • Yesuus cuuphaan ulaagaa barattoota isaa irraa eegamu akka taʼe ibseera.

  • Cuuphamuun fiyyinaaf barbaachisaadha

  • Of murteessanii cuuphamuudhaan tajaajilaa Yihowaa taʼuun mirga guddaa dha.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi