LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwyp mataduree 114
  • Lubbuudhaan Jiraachuun Yoo Na Jibbisiise Hoo?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Lubbuudhaan Jiraachuun Yoo Na Jibbisiise Hoo?
  • Gaaffii Dargaggootaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Duʼuun Barbaada—Waaʼee Of Ajjeesuu Yaadaan Jira Yoo Taʼe Gama Kanaan Kitaabni Qulqulluun Na Gargaaruu Dandaʼaa?
    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Maaliifan Duʼee hin Obbaafadhu?
    Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname, Jildii 1ffaa
  • 2 Gargaarsa Waan Qabduuf
    Dammaqaa!—2014
  • Dhukkuba Akka Tasaa Mudatu Dandamachuu
    Mata Dureewwan Dabalataa
Dabalataan Ilaaluuf
Gaaffii Dargaggootaa
ijwyp mataduree 114
Shamarreen gaddite tokko karaa foddaa bokkaa roobu ilaalaa jirtu.

GAAFFII DARGAGGOOTAA

Lubbuudhaan Jiraachuun Yoo Na Jibbisiise Hoo?

“Waggoota muraasa dura, gar malee dhiphachaa waanan tureef akkuma waan ibidda guyyaa guyyaadhaan bobaʼu dhaamsuuf dhamaʼutti natti dhagaʼama ture. Yeroo sanatti of ajjeessuuf yaadaan ture. Dhugaa isaa dubbachuuf duʼuu hin barbaadu. Duʼuu kanan barbaadu garuu dhiphina natti dhagaʼamu irraa furmaata gochuufi.”—Joonaataan, 17.

Qorannoo barattoota sadarkaa lammaffaa 14,000 taʼan irratti godhameen, ijoollee 5 keessaa tokko jiʼoota 12 darban keessatti waaʼee of ajjeesuu yaadanii akka turan ifatti dubbataniiru.a Atis lubbuudhaan jiraachuun yoo si jibbisiise, maal gochuu dandeessa?

  • Obsi. Fedhii sitti dhagaʼame ilaalchisee daftee tarkaanfii akka hin fudhanne murteessi. Rakkoon si mudate humna keetii ol akka taʼe kan fakkaatu taʼu illee, filannoowwan rakkoo sana dandamachuuf si gargaaruu dandaʼan jiraachuu dandaʼu.

Shamarreen tokko karaa itti rakkina ishii mudate furuu dandeessu barbaadaa jirti.

Rakkoon si mudate furmaata akka hin qabaanne sitti dhagaʼama taʼa. Miirri sitti dhagaʼamu garuu yeroo hundumaa sirrii dha jechuu miti. Karaawwan haala sana itti dandamattu jiraachuu dandaʼa; gargaarsa yeroo sirrii taʼetti siif kennameen daftee furmaata argachuu dandeessa.

  • Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Nuti karaa hundumaan gad dhiibamna, garuu sochoʼuu hin dadhabnu; ni burjaajofna, garuu karaa itti keessaa baanu hin dhabnu.”—2 Qorontos 4:8.

    Yaada: Miirri akka of ajjeestu sitti dhagaʼamu cimaa kan taʼee fi irra deddeebiʼee kan sitti dhagaʼamu yoo taʼe, karaa itti gargaarsa argattu, jechuunis toora bilbilaa namoota of ajjeessuuf yaadan gargaaruuf qophaaʼe ykn mana yaalaa kutaa hatattamaa taʼuu dandaʼa qunnamuuf yaalii godhi. Bakkawwan kana namoonni gargaarsa kennuuf leenjii argatan hedduun jiru, namoonni kun si gargaruufis fedhii guddaa qabu.

  • Namatti himadhu. Namoonni siif yaadanii fi si gargaaruu barbaadan hedduun jiru. Namoonni kun michoota kee fi miseensota maatii kee yoo isaanitti himte malee haala ati keessa jirtu hubachuu hin dandeenye kan dabalatani dha.

Shamarree fuullee ijaa kaʼaachaa jirtu.

Namoonni tokko tokko wantoota tokko tokko sirriitti ilaailuuf fuulleen ijaa isaan barbaachisa. Haaluma wal fakkaatuun, michuun kee tokko rakkoowwan si mudatan irratti sirriitti akka yaadduu fi fedhii lubbuudhaan jiraachuuf qabdu deebistee akka argattu si gargaaruu dandaʼa.

  • Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Michuu dhugaan . . . yeroo dhiphinaatiif dhalate.”—Fakkeenya 17:17.

    Yaada: Maree jalqabuuf akkana jechuu dandeessa: “Amma amma yaada baayʼee dogoggora taʼetu natti dhagaʼama. Wanta natti dhagaʼamu utuun sitti himee sitti tolaa?” Yookiin akkana jechuu dandeessa: “Rakkinni ofuma kootiin furuu hin dandeenye na mudateera. Na gargaaruuf fedhii qabdaa?”

  • Ogeessa fayyaa bira dhaqi. Dhibeen fayyaa kan akka dhukkuba dhiphinaa namoonni lubbuudhaan jiraachuuf fedhii akka dhaban gochuu dandaʼa. Kan nama gammachiisu haalli akkasii walʼaansa yaalii fayyaatiin fayyuun ni dandaʼama.

Shamarree dhukkubsattee fi fajajjee waa ilaalaa jirtu. Nyaata ishii dura jiru nyaachuuf fedhii hin qabdu.

Akkuma utaalloon fedhii nyaataa akka dhabdu taasisu, dhukkubni dhiphinnaas jiraachuuf fedhii akka dhabdu gochuu dandaʼa. Haa taʼu malee, lamaanuu walʼaanamuu kan dandaʼani dha.

  • Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Namoota dhukkubsataniif malee, namoota fayyaadhaaf ogeessi fayyaa hin barbaachisu.”—Maatewos 9:12.

    Yaada: Hiriba gaʼaa rafi, sochii qaamaa godhi, akkasumas nyaata madaalamaa nyaadhu. Haalli fayyaa kee ilaalcha jireenyaaf qabdu irratti jijjiirama fiduu dandaʼa.

  • Kadhadhu. Kitaabni Qulqulluun Uumaa keenya ilaalchisee, “Garaa keenya irra ni caala, wanta hundumaas beeka” jedha. (1 Yohaannis 3:20) Maarree harʼa maaliif gara isaatti kadhannaa hin dhiheessitu? Maqaa isaa isa Yihowaa jedhutti fayyadamuudhaan miira sitti dhagaʼamu isatti himadhu.

Shamarree saanduqa guddaa baachuuf qabsoo gochaa jirtu.

Baʼaawwan tokko tokko kophaa kee baachuun gar malee sitti ulfaata. Yihowaa inni Uumaa kee taʼe immoo si gargaaruu barbaada.

  • Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Iyyannoon keessan Waaqayyo biratti akka beekamu godhaa . . . nagaan Waaqayyoo inni hubannaa hundumaa irra caalu karaa Kiristoos Yesuus garaa keessanii fi yaada keessan ni eega.”—Filiphisiyus 4:6, 7.

    Yaada: Yihowaatti rakkoo si mudate himuu qofa utuu hin taʼin, wanta gaarii harʼa isa galateeffachuu itti dandeessu keessaa yoo xinnaate tokko irratti yaaduuf carraaqqii godhi. (Qolosaayis 3:15) Kan galateeffattu taʼuun kee, wantoota gaarii jireenya keessatti argatte irratti xiyyeeffachuuf si gargaara.

Lubbuudhaan jiraachuuf fedhii akka hin qabne kan amantu yoo taʼe, gargaarsa argachuuf carraaqqii godhi. Kana kan dubbate Joonaataan isa olitti caqasamee ture dha. Akkana jedheera: “Warra koo wajjin yeroo hedduu mariʼachuu fi gargaarsa yaalii fayyaa argachuun na barbaachisee ture. Taʼus amma baayʼee bayyaannachaan jira. Amma illee yeroon itti gaddu jiraatus, miira akkan of ajjeesu natti dhagaʼamuu wajjin qabsoo gochuu irraa furameera.”

a Qorannaan kun kan geggeeffame bara 2019 Giddu Gala Eegumsa Fayyaa fi Ittisa Dhukkubaa Yuunaayitid isteetisitti dha.

Hiriyoonni kee maal jedhu?

Alexandra.

“Fayyaan sammuu akkuma fayyaa qaamaa baayʼee barbaachisaa dha. Garaa garummaan isaa namni tokko lafeen isaa yoo cabe mulʼachuu dandaʼa, namni miirri isaa miidhame garuu kan hin mulʼanne taʼuu isaa ti. Dhiphachaa jirtu yoo taʼe namatti himachuu hin sodaatinaa. Gargaarsa gaafachuun rakkina hin qabu.”—Aleksaandiraa.

Ian.

“Yeroon ijoollee turetti warri koo rakkinni furamuu hin dandeenye akka hin jirre ykn rakkinni dandamachuun hin dandaʼamne akka hin jirre akkan hubadhu na gargaaraniiru. Naman iccittii koo itti himadhu, jechuunis warra koo waanan qabuuf rakkina na mudatuuf ilaalcha sirrii akkan qabaadhu guddaa na gargaareera.”—Iyan.

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu si gargaaran

Caqasoota yeroo dhiphinni sitti dhagaʼamu si gargaaruu dandaʼan maaliif hin tarreeffattu? Muraasni isaanii armaan gaditti caqasamaniiru.

Faarfannaa 34:18: “Yihowaan warra garaan isaanii cabetti dhihoo dha; warra hafuurri isaanii caccabes ni oolcha.”

Hiika: Yihowaan namoota rakkoowwan isaanii humna isaaniitii ol akka taʼe isaanitti dhagaʼamuuf xiyyeeffannaa addaa kenna. Isaan gargaaruus ni barbaada.

Faarfannaa 46:1: “Waaqayyo iddoo kooluu itti galluu fi jabina keenya, yeroo dhiphinaattis salphaatti isa biraa gargaarsa arganna.”

Hiika: Yeroo dhiphattu hundatti gara Yihowaatti kadhannaa dhiheessuu ni dandeessa. Haala si mudate akka dandamattu si gargaaruuf qophaaʼaa dha, akkasumas fedhi qaba.

Faarfannaa 94:18, 19: “‘Miilli koo ni mucucaate’ yommuun jedhetti, yaa Yihowaa, jaalalli kee inni amanamaan na deggere. Yaaddoon yeroo na liqimsetti, ati na jajjabeessite, na tasgabbeessites.”

Hiika: Waaqayyo Kitaaba Qulqulluu isa Dubbii isa taʼetti fayyadamee jajjabina si barbaachisu siif kenna. Kanaafuu, utuu hin dubbisin guyyaan tokko illee akka si darbu hin heyyamin!

Faarfannaa 139:23, 24: “Yaa Waaqayyo, akka gaariitti na sakattaʼi, . . . yaadawwan na dhiphisanis beeki. Daandiin miidhaa geessisu akkamii iyyuu na keessa yoo jiraate ilaali, daandii bara baraa irras na geggeessi.”

Hiika: Yihowaan isa ati of beektu caalaa si beeka. Jireenya kee keessatti gammachuu kee deebistee akka argattu gochuuf, yaada hamaa kam iyyuu sirreessuuf si gargaaruu dandaʼa.

Isaayyaas 41:10: “Waaqa kee waanan taʼeef, hin dhiphatin. Ani sin jabeessa, eeyyee, sin gargaara.”

Hiika: Rakkinni akkamii iyyuu yoo nu mudate, Yihowaan jabina dandamachuuf nu barbaachisu nuu kennuu dandaʼa.

Irra Deebii: Lubbuudhaan Jiraachuun Yoo Na Jibbisiise Hoo?

  • Obsi. Fedhii sitti dhagaʼame ilaalchisee ariifattee tarkaanfii akka hin fudhanne murteessi. Filannoowwan Rakkoowan si mudatan dandamachuuf si gargaaru danda‵n jiru..

  • Namatti himadhu. Michoonnii fi miseensoonni maatii kee yoo isaanitti himte malee haala ati keessa jirtu beekuu hin dandaʼan.

  • Ogeessa fayyaa bira dhaqi. Miirri akka of ajjeestu sitti dhagaʼamu mallattoo dhukkuba dhiphinaa taʼuu dandaʼa, dhukkubni kun immoo yaalii fayyaatiin fayyuu dandaʼa.

  • Miira kee kadhannaadhaan Waaqayyotti himadhu. Waaqayyo isa ati of beektu caalaa si beeka, akkasumas si gargaaruu ni barbaada.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi