LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwyp mataduree 125
  • Walitti Dhufeenya Jaalalaa Jalqabuu—Kutaa 3: Gargar Baʼuu Qabnaa?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Walitti Dhufeenya Jaalalaa Jalqabuu—Kutaa 3: Gargar Baʼuu Qabnaa?
  • Gaaffii Dargaggootaa
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Shakkii dandamachuu
  • Murtoo gochuu
  • Walitti dhufeenya keessan addaan kutuuf yoo murteessite
  • Walitti Dhufeenya Jaalalaa Jalqabuu—Kutaa 2: Yeroon Walitti Dhufeenya Jaalalaa Jalqabu Maal Eeguun Qaba?
    Gaaffii Dargaggootaa
  • Walitti Dhufeenya Jaalalaa Jalqabuu—Kutaa 1: Saala Faallaa Wajjin Walitti Dhufeenya Jaalalaa Jalqabuuf Umuriin Koo Gaʼeeraa?
    Gaaffii Dargaggootaa
  • Dhoksaatti Jaalallee Qabachuun Miidhaa Qabaa?
    Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname, Jildii 2ffaa
  • Namni Kun Nama Naaf Taʼudhaa?
    Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname, Jildii 2ffaa
Dabalataan Ilaaluuf
Gaaffii Dargaggootaa
ijwyp mataduree 125
Shamarreen tokko suuraa ishii fi jaalallee ishii moobaayilii ammayyaa irraa ilaalaa jirti.

GAAFFII DARGAGGOOTAA

Walitti Dhufeenya Jaalalaa Jalqabuu—Kutaa 3: Gargar Baʼuu Qabnaa?

Yeroo dheeraadhaaf walitti dhufeenya jaalalaa qabaachaa kan turte taʼus, shakkiin sitti uumamuu jalqabe. Maarree walitti dhufeenya keessan itti fufuu moo dhaabuu qabda? Mata dureen kun murtoo akka gootu si gargaaruuf qophaaʼe.

Mata duree kana keessatti

  • Shakkii dandamachuu

  • Murtoo gochuu

  • Walitti dhufeenya keessan addaan kutuuf yoo murteessite

Shakkii dandamachuu

Dargaggeessi tokkoo fi shamarreen tokko yeroo dheeraadhaaf walitti dhufeenya jaalalaa erga uumanii booda, akka jalqaba irratti yaadanii turan utuu hin taʼin garaagarummaa akka qaban hubatu taʼa. Fakkeenyaaf:

  • Inni tokko naannoo haroon jiru deemee bashannanuu jaallata; inni kaanimmoo miillaan karaa dheeraa deemuu filata.

  • Inni tokko namoota baayʼee wajjin yeroo dabarsuu jaallata; inni kaanimmoo hamma kana namatti hin dhihaatu.

  • Inni tokko yeroo baayʼee hin amanamu; inni kaanimmoo yeroo hunda amanamaadha.

Haalawwan caqasaman kunneen garaagara akka taʼan hubadhu. Inni tokkoffaan garaagarummaa fedhii, inni lammaffaan garaagarummaa amala, inni sadaffaanimmoo garaagarummaa naamusa gaarii akka qaban argisiisa.

Qabxiiwwan irratti yaadamuu qaban: Sababawwan olitti caqasaman keessaa caalaatti lamaan keessan kan rakkise isa kamidha? Gama kanaan lamaan keessaniyyuu jijjiirama gochuu ni dandeessuu?

Abbaan manaa fi haati manaa fedhii ykn amalaan garaagara taʼanis, gaaʼela gammachiisaa qabaachuu ni dandaʼu. Walsimuu jechuun guutummaatti tokko taʼuu jechuu miti. Yeroo tokko tokko, abbaan manaa fi haati manaa wanta hiriyaan gaaʼelaa isaanii jaallatuuf xiyyeeffannaa kennuu barachuu ykn amalawwan isaani argisiisanirraa fayyadamuullee ni dandaʼu.a

Karaa gara biraammoo, namni gaaʼela wajjin godhattu sun ulaagaalee ati ittiin geggeeffamtu kan hordofu, jechuunis amantii, naamusa, akkasumas wanta sirrii taʼee fi dogoggora taʼe ilaalchisee ulaagaa tokko kan hordofu taʼuun isaa barbaachisaadha. Gama kanaan garaagarummaa qabdu taanaan, itti seenuu kee dura irratti yaaduu qabda.

Amantiidhaan gargar taʼuu akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Kitaabni Fighting for Your Marriage jedhamu akkas jedheera: “Qorannoo hedduun akka argisiisutti, namoonni amantaa garaagaraa utuma hordofanii gaaʼela dhaabbatan, carraa isaan wal hiikuuf qaban balʼaadha.”

Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Warra hin amannee wajjin walitti hin hidhatinaa!”—2 Qorontos 6:14, Hiika Bara 1997.

Murtoo gochuu

Kitaabni Qulqulluun warri gaaʼela godhatan, “Foon isaaniitti rakkinni ni dhufa” jedha. (1 Qorontos 7:28) Yeroo walitti dhufeenya jaalalaa qabaachaa jirtutti wantoonni kun si mudataniiru taanaan kun si dinqisiisuu hin qabu.

Waldhabiinsi xixinnoon isin gidduutti uumamu walitti dhufeenyi keessan akka itti hin fufne godha jechuu miti. ‘Walitti buʼiinsa kana tasgabbiidhaan hiikuu nan dandaʼa?’ jettee of gaafachuu qabda. Gaaʼela yommuu godhattan waan isin fayyaduuf dandeettii kana qabaachuun keessan barbaachisaadha.

Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Gaarummaa walitti argisiisaa, akkasumas garaa waliif laafaa; akkuma Waaqayyo karaa Kiristoos tola isiniif dhiise, isinis tola waliif dhiisaa.”—Efesoon 4:32.

Karaa gara biraammoo, yeroo hunda waldhabdee cimaan gidduu keessan kan jiru taanaan, lamaan keessan akka wal hin simne argisiisuu dandaʼa. Akkas taanaan, gaaʼela erga godhattanii booda wal baruuf yaaluu mannaa, ammuma akka gaariitti wal baruuf yaaluu qabdu.

Fakkiiwwan: Shamarree olitti ibsamte waldhabdee kanaan dura uumamee ture irratti jaalallee ishii wajjin yeroo mariʼattu. 1. Jaalalleen ishii xiyyeeffannaa utuu ishiif hin kennin moobaayilii isaa ilaalaa jira. 2. Suuqiidhaa uffata yeroo bitanitti yommuu ishii wajjin wal falmu. 3. Balbala ishii irra yeroo inni gaʼutti saʼaatii ishii yommuu itti argisiistu.

Yeroo hunda waldhabdee cimaan gidduu keessanitti kan uumamu taanaan, lamaan keessan akka wal hin simne argisiisuu dandaʼa

Yaada ijoo: Nama walitti dhufeenya jaalalaa gochaa jirtu ilaalchisee shakkii cimaa kan qabdu ykn ati gaaʼelaaf hin qophoofne taanaan shakkii qabdu kana callistee hin ilaalin.

Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Namni abshaalli balaa ni arga, jalaas ni dhokata, namni muuxannoo hin qabne garuu ittuma deema, miidhaanis isa irra gaʼa.”—Fakkeenya 22:3.

Ampoolii ibsaa.

Gorsa gaarii: Waaʼee walitti dhufeenya keessanii shakkii qabdu taanaan, michuu muuxannoo qabuu fi gaaʼela godhate mariisisaa. Michuun kee kun murtoo siif gochuu baatullee, muuxannoo qabu irratti hundaaʼee gorsa gaarii siif kennuu dandaʼa.—Fakkeenya 11:14.

Walitti dhufeenya keessan addaan kutuuf yoo murteessite

Gargar baʼuun miira irratti miidhaa cimaa geessisa. Haa taʼu malee, tokko ykn lamaan keessan waaʼee hariiroo keessanii shakkii guddaa qabdu taanaan gargar baʼuun gaarii taʼuu dandaʼa.

Tarkaanfii kana fudhachuu kan qabdan akkamitti taʼuu qaba? Murtoo gootan qaamaan wal argitanii waliif ibsuun rakkisaa miti taanaan, karaa ergaa gabaabaa bilbilaa ykn karaa iimeelii waliif barreessuudhaan gargar baʼuun gaarii miti. Kanaa mannaa, dhimma cimaa kana irratti mariʼachuuf yeroo fi bakka mijataa taʼe filadhaa.

Shamarree jaalallee ishii wajjin kaafteeriyaa taʼanii waliin haasaʼaa jiran.
Ampoolii ibsaa.

Gorsa gaarii: Yeroo marii gootan kanatti mala qabeessaa fi ejjennoo cimaa kan qabdu taʼi. Balleessaa inni kaan raawwate tarreessuun hin barbaachisu; kanaa mannaa sababii itti hariiroon keessan kun gaarii akka hin taane isinitti dhagaʼame irratti xiyyeeffadhu.

Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Walii keessanitti dhugaa dubbadhaa.”—Zakkaariyaas 8:16.

Gargar baatan jechuun wanta taʼe tokkoon milkaaʼina dhabde jechuudhaa? Matumaa. Walitti dhufeenya jaalalaa qabaachuu jechuun, nama sanaa wajjin gaaʼela godhachuuf ykn dhiisuuf murteessuuf si gargaaruu akka qabu yaadadhu. Walitti dhufeenyi keessan addaan citullee muuxannoo kanarraa barumsa guddaa argatta.

Akkana jedhii of gaafadhu: ‘Walitti dhufeenya kana irraa waaʼee ofii koo barumsa akkamiin argadhe? Muuxannoon kun wanta barbaachisaa ani fooyyessuu qabu na barsiise qabaa? Gara fuulduraatti walitti dhufeenya jaalalaa yoon uume kanarraa haala adda taʼeen maal gochuun qaba?’

a Rakkoowwan kunneen abbaa manaa fi haadha manaa irratti dhiibbaa kan geessisu akkamitti akka taʼe hubachuuf, mata dureewwan armaan gadii ilaali: “Gargaarsa Maatiidhaaf Taʼu—Garaa Garummaa Ilaalchaa Araarsuu” (Amaariffa) fi “Gargaarsa Maatiidhaaf Taʼu—Amala Hiriyaa Gaaʼelaa Kee Si Aarsuuf Ilaalcha Gaarii Qabaadhu.”

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi