LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mrt mataduree 38
  • Amantaan Siyaasa Keessa Galuu Qabaa?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Amantaan Siyaasa Keessa Galuu Qabaa?
  • Mata Dureewwan Dabalataa
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Yesuus siyaasa keessa galeeraa?
  • Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa siyaasa keessa galanii turanii?
  • Kiristiyaanonni yeroo harʼaa jiran siyaasa irraa walabadha
  • Yesus Siyaasa Keessa Kan Hin Galle Maaliif Ture?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
  • ‘Isaan Kan Biyya Lafaa Miti’
    Waaqa Dhugaa Isa Tokkicha Waaqeffadhu
  • Dhugaa Baatonni Yihowaa Siyaasa Keessa Kan Hin Seenne Maaliifi?
    Dhugaa Baatota Yihowaa Ilaalchisee Gaaffiiwwan Yeroo Baayʼee Gaafataman
  • “Mootummaan Koo Kutaa Addunyaa Kanaa Miti”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2018
Mata Dureewwan Dabalataa
mrt mataduree 38
Hogganaan siyaasaa fi hogganaan amantii tokko harka wal qabatanii uummatatti yommuu harka raasan.

Amantaan Siyaasa Keessa Galuu Qabaa?

Addunyaa maratti namoonni Yesuus Kiristoos hordofna jedhan hedduun siyaasa keessatti balʼinaan hirmaachaa jiru. Tokko tokko kaadhimamaa ykn paartii siyaasaa tokko deggaruudhaan amantaa fi ulaagaa naamusaa isaanii babalʼisuuf yaalu. Namoonni siyaasaa immoo deggersa miseensota amantaa argachuuf dhimmoota naamusaa ykn hawaasaatti fayyadamu. Geggeessitoonni amantaa aangoo siyaasaa argachuuf yaaluun isaanii waanuma baramaa taʼee dha. Biyyoota tokko tokkotti, amantaan “Kiristiyaanaa” tokko akka amantaa mootummaatti ykn akka amantaa biyyattiti ilaalama.

Maal sitti fakkaata? Duuka buutonni Yesuus Kiristoos siyaasa keessa galuu qabuu? Fakkeenya Yesuus qoruudhaan deebii isaa argachuu dandeessa. Yesuus akkana jedheera: “Akkuma ani isiniif godhe, isinis akkanuma akka gootan ani fakkeenya isiniif taʼeera.” (Yohaannis 13:15) Siyaasa ilaalchisee Yesuus fakkeenya akkamii nuuf taʼeera?

Yesuus siyaasa keessa galeeraa?

Lakki. Yesuus siyaasa addunyaa kana keessa hin galle.

Yesuus aangoo siyaasaa argachuu hin barbaanne. Seexanni “mootummoota addunyaa hundumaa” irratti bulchaa akka taʼu yommuu isa affeeretti bulchaa taʼuu dideera. (Maatewos 4:8-10)a Yeroo kan biraatti immoo, namoonni Yesuus bulchaa gaarii taʼuuf gahumsa akka qabu hubatan siyaasa keessa akka galu gochuuf yaalanii turan. Kitaabni Qulqulluun akkana jedheera: “Yesuus, namoonni sun dhufanii qabanii mootii isa gochuuf akka yaadan waan hubateef, ammas kophaa isaa gara gaaraatti ol baʼe.” (Yohaannis 6:15) Yesuus wanta namoonni sun gochuu yaadan raawwachuu dideera. Siyaasa keessa galuu dideera.

Yesuus garee siyaasaa kamiyyuu hin deggarre. Fakkeenyaaf, bara Yesuusitti Yihudoonni Mootummaa Roomaatiif gibira kaffaluun isaan aarsa ture; akkasumas baʼaa isaan irra tuulame akka taʼetti ilaalu turan. Yeroo Yesuus dhimma kana irratti gama tokko akka deggaru yaalanitti, gibirichi kaffalamuu qaba ykn hin qabu isa jedhu irratti falmii siyaasa keessa hin seenne. Akkas jedheera: “Wanta kan Qeesaar taʼe Qeesaariif, wanta kan Waaqayyoo taʼe immoo Waaqayyoof deebisaa kennaa.” (Maarqos 12:13-17) Yesuus dhimmoota siyaasaa irraa walaba taʼeera; taʼus gibirri mootummaan Roomaa inni Qeesaariin bakka buʼu gaafatu kaffalamuu akka qabu argisiiseera. Gama biraatiin immoo abbootii taayitaatiif ajajamuun daangaa akka qabu argisiiseera. Namni tokko guutummaatti isaaf buluu fi waaqeffannaa dabalatee wanta Waaqayyoof malu mootummaaf kennuu hin qabu.—Maatewos 4:10; 22:37, 38.

Yesuus Mootummaa Waaqayyoo isa samii deggareera, akkasumas waaʼee isaa barsiiseera. (Luqaas 4:43) Yesuus kaayyoo Waaqayyo lafaaf qabu galmaan gaʼuu kan dandaʼu mootummoota ilmaan namootaa utuu hin taʼin, Mootummaa Waaqayyoo akka taʼe waan beekuuf siyaasa keessa hin galle. (Maatewos 6:10) Mootummaan Waaqayyoo kan bulchu mootummaa ilmaan namootaatti fayyadamee utuu hin taʼin guutummaatti isaan balleessee bakka isaanii buʼuudhaan akka taʼe hubatee ture.—Daaniʼel 2:44.

Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa siyaasa keessa galanii turanii?

Lakki. Duuka buutonni Yesuus ajaja inni ‘kutaa addunyaa akka hin taane’ isaaniif kenneef ajajamaniiru. (Yohaannis 15:19) Fakkeenya isaa hordofaniiru, akkasumas siyaasa addunyaa kanaa irra walaba taʼanii jiraataniiru. (Yohaannis 17:16; 18:36) Dhimmoota siyaasaa keessa galuu mannaa hojii Yesuus isaan ajaje hojjataniiru, jechuunis waaʼee Mootummaa Waaqayyoo lallabaniiru, akkasumas barsiisaniiru.—Maatewos 28:18-20; Hojii Ergamootaa 10:42.

Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa jireenya isaanii keessatti Waaqayyoof ajajamuuf dursa kennaniiru, taʼus abbootii taayitaa kabajuu akka qaban beeku turan. (Hojii Ergamootaa 5:29; 1 Pheexiros 2:13, 17) Seera mootummaan baaseef ajajamaniiru, gibiras kaffalaniiru. (Roomaa 13:1, 7) Siyaasa keessa kan hin galle taʼanis, eegumsaa seeraa fi tajaajila mootummaan kennutti ni fayyadamu turan.—Hojii Ergamootaa 25:10, 11; Filiphisiyus 1:7.

Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa fi siyaasa ilaalchisee wanta seenaan dubbatu

  • “Kiristiyaanonni hojiiwwan lammiileen Roomaa raawwatan tokko tokko hojjechuu didaniiru. . . . Aangoo siyaasaa hin fudhanne.”—On the Road to Civilization—A World History, fuula 238.

  • “Yesuus aangoo loltummaa ykn siyaasaa argachuu barbaada ture jennee yaaduuf sababii tokko illee hin qabnu, . . . barattoonni isaas akkuma isaa turan.”—Jesus and Judaism, fuula 231.

  • “Kiristiyaanni tokko amantaan siyaasaa wajjin akka wal hin qabnee fi amantaan isaa siyaasa irra akka caalu yaada ture; hunda caalaa amanamaa kan taʼu Qeesaariif utuu hin taʼin Kiristoosiif ture.”—Caesar and Christ, fuula 647.

  • “Phaawulos [ergamaan] akka lammii Roomaa tokkotti eegumsa seeraa manni murtii lammiilee Roomaatiif kennu fayyadamuuf fedhii qaba ture, taʼus siyaasa keessa hin galle, warri kaanis akkas akka godhan hin jajjabeessine. . . . Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa Abbootii taayitaa mootummaatiif kabaja kennuu akka qaban kan amanan taʼus, dhimmoota siyaasa irratti hirmaachuu akka qaban garuu isaanitti hin dhagaʼamu ture.—Beyond Good Intentions—A Biblical View of Politics, fuula 122-123.

  • “Kiristiyaanonni hedduun aangoo siyaasaa fudhachuu akka hin qabne amanu turan. Hipoolitas akka jedhetti, hanga dhuma jaarraa sadaffaatti, abbaan seeraa tokko Kiristiyaanaa taʼuu yoo barbaade hojii isaa dhiisuu akka qabu aadaan Kiristiyaanaa irraa barbaada.”—A History of Christianity, Volume I, fuula 253.

Kiristiyaanonni yeroo harʼaa jiran siyaasa irraa walabadha

Kitaabni Qulqulluun Yesuusis taʼe duuka buutonni isaa jalqabaa siyaasa keessa akka hin galle ifatti argisiisa. Kanaan kan kaʼes Dhugaa Baatonni Yihowaa addunyaa maratti argaman matumaa siyaasa keessa hin galan. Akkuma Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa isaanis hojii Yesuus isaan ajaje hojjatu, jechuunis ‘misiraachoo Mootummichaa’ labsu.—Maatewos 24:14.

a Yesuus yommuu affeerrii Seexanaa fudhachuu didetti, affeerrii akkasii dhiheessuuf Seexanni aangoo akka hin qabne hin dubbanne. Yeroo booda ‘bulchaa addunyaa kanaa’ jedhee isa waameera.—Yohaannis 14:30

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi