LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mrt mataduree 57
  • Faayidaa Aarsaa Yesuusirraa Argamu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Faayidaa Aarsaa Yesuusirraa Argamu
  • Mata Dureewwan Dabalataa
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu
  • Walgaʼiiwwan Dhugaa Baatota Yihowaa
  • Mata dureewwanii fi viidiyoowwan Intarneetiirratti baʼan
  • Walgaʼiiwwan Dhugaa Baatota Yihowaa kan Si Fayyadan Akkamitti?
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • Walgaʼiiwwan Irratti Argamuun Keenya Waaʼee Keenya Maal Ibsa?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2019
  • Dandeettii Tajaajila Irratti Qabnu Fooyyeffachuu—Barsiisuuf Viidiyoowwanitti Fayyadamuu
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii(2016)
  • Yesuus Eenyu?
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
Dabalataan Ilaaluuf
Mata Dureewwan Dabalataa
mrt mataduree 57
Yesuus muka irratti fannifamu baatee.

Faayidaa Aarsaa Yesuusirraa Argamu

Waggaa waggaan Dhugaa Baatonni Yihowaa fi keessummoonni isaanii miliyoona hedduutti lakkaaʼaman akkuma inni ajaje Ayyaana Yaadannoo duʼa Yesuus kabajuuf addunyaa maratti walitti qabamu. (Luqaas 22:19) Ayyaanni kun Yesuus lubbuu isaa ilmaan namootaaf kennuudhaan wanta inni raawwateef dinqisiifannaa qabnu argisiisuuf nu gargaara. Ayyaanni kun hiika aarsaan Yesuus ammas taʼe gara fuulduraatti nuuf qabu argisiisa.—Yohaannis 3:16.

Waggaa kana Ayyaana Yaadannoo irratti argamtus argamuu baattus, duʼa Yesuus irraa faayidaa argachuu kan dandeessu akkamitti? Yesuus wantoota barbaachisoo lama akka goonu barsiiseera:

  1. 1. Waaʼee Waaqayyoofi waaʼee Yesus baradhu. Yesuus kadhannaa Abbaa isaa isa Samiitiif dhiheesse irratti akkana jedheera: “Jireenya bara baraa argachuu akka dandaʼaniif, si Waaqa dhugaa isa tokkichaa fi Yesuus Kiristoos isa ati ergite sana beekuu qabu.”—Yohaannis 17:3.

  2. 2. Wanta baratte hojiirra oolchi. Yesuus barumsawwan isaa hojiirra oolchuu akka qabnu ibseera. Fakkeenyaaf, Yesuus lallaba isaa isa gaaraarratti nama “dubbii [isaa] dhagaʼee hojii irra oolchu” kamiyyuu galateeffateera. (Luqaas 6:46-48) Haaluma wal fakkaatuun yeroo garabiraattis, “Isin wantoota kana yoo beektanii fi yoo hojii irra oolchitan gammadoo dha” jedheera.—Yohaannis 13:17.

Waaʼee Waaqayyoo fi Yesuus caalaatti barachuu barbaaddaa? Gorsa gaarii wanta baratte hojiirra oolchuuf si gargaaruwo argachuu barbaaddaa? Odeeffannoowwan armaan gadii si gargaaruu dandaʼu.

Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu

Kitaaba Qulqulluu kaffaltii malee kan qoʼachiisnu taʼuun keenya, namoonni hedduun Kitaaba Qulqulluu qoʼachuudhaan wanta baratan hojiirra akka oolchan isaan gargaareera.

  • Waaʼee sagantaa kanaa caalaatti hubachuuf fuula Gargaarsa Nama Tokkootiin Kitaaba Qulqulluu Baradhu jedhu ilaaluu dandeessa.

  • Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin godhamu maal akka fakkaatu hubachuuf viidiyoo Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Keetiif Baga Nagaan Dhufte jedhamu ilaali.

Walgaʼiiwwan Dhugaa Baatota Yihowaa

Dhugaa Baatonni Yihowaa torbanitti siʼa lama Galma Walgaʼii jechuunis bakka waaqeffannaaf walitti qabamanitti walgaʼu. Walgaʼiiwwan kana irratti Kitaaba Qulqulluu irratti mariʼanna akkasumas wanta inni barsiisu akkamitti hojiirra akka oolchinu irratti mariʼanna.

Walgaʼiiwwan kanarratti abbaan barbaade argamuu danda’a; argamuuf Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuun si hin barbaachisu. Haala naannoo sanaarratti hundaaʼuudhaan qaamaan argamtee ykn karaa viidiyookonfiransii hirmaachuu dandeessa.

  • Barumsa walgaʼiiwwan kanarraa argattu maal akka fakkaatu hubachuuf viidiyoo Galma Mootummaa Keenya Keessatti Maaltu Raawwatama? jedhamu ilaali.

  • Walgaʼii naannoo keetti argamu argachuuf kutaa Walgaʼii Gumii Dhugaa Baatota Yihowaa jedhu jala ilaali.

Mata dureewwanii fi viidiyoowwan Intarneetiirratti baʼan

Mata dureewwanii fi viidiyoowwan weebsaayitii kanarratti baʼan barumsawwan Yesuus akkasumas gatii guddaa aarsaa taʼee duʼuunsaa qabu barachuuf si gargaaru.

Fakkeenyaaf, duuti nama tokkoo namoota miliyoonaan lakkaaʼaman akkamitti akka fayyadu baruuf mata dureewwan “Yesuus ni Fayyisa—Akkamitti?” fi “Yesus kan Dhiphatee fi kan Duʼe Maaliifi?” jedhan dubbisi ykn viidiyoo Yesuus kan Duʼe Maaliifi? jedhu ilaali.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi