LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mrt mataduree 60
  • Ongee Cimaa—Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Ongee Cimaa—Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?
  • Mata Dureewwan Dabalataa
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Ongee fi raajii Kitaaba Qulqulluu
  • Ongeen hammaachaa kan jiru maaliifi?
  • Gara fuulduraatti furmaanni ni argamaa?
  • 2022: Bara Rakkinaan Guutame—Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?
    Mata Dureewwan Dabalataa
  • Jijjiirama Qilleensaa fi Jireenya Egeree Keenya—Kitaabni Qulqulluun Kana Ilaalchisee Maal Jedha
    Mata Dureewwan Dabalataa
  • Hoʼi Addunyaa Garmalee Dabaleera—Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?
    Mata Dureewwan Dabalataa
  • Lafti Mancaʼaa Jirti—Kana Ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?
    Mata Dureewwan Dabalataa
Dabalataan Ilaaluuf
Mata Dureewwan Dabalataa
mrt mataduree 60
Ongee lafa babbaqaqse, biqiltuu tokko qofatu hafe.

Brais Seara/Moment via Getty Images

DAMMAQAA EEGAA!

Ongee Cimaa—Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

  • “Chaayinaan hoʼi waggaa kanaa ‘baayʼee cimaa’ akka taʼee fi bonni isaammoo ongeedhaan isa sadaffaa akka taʼe gabaasteetti.”—The Guardian, Fulbaana 7, 2022.

  • “Ongeen gaanfa Afriikaatti waggaa shaniif utuu walirraa hin kutin itti fufee jira.”—UN News, Hagayya 26, 2022.

  • “Biyya Awurooppaa harka sadii keessaa harki lama ongeen akka mudatu akeekkachiifamaa jira, waggaa 500 asitti ongee hamaan akkasii uumamee hin beeku.”—BBC News, Hagayya 23, 2022.

Hayyoonni hedduun ongeen akkasii itti fufiinsa akka qabuu fi hammaachaa akka deemu tilmaamu. Yeroon gara fuulduraa akka fooyyaʼu abdiidhaan eeguu dandeenyaa? Kitaabni Qulqulluun maal jedha?

Ongee fi raajii Kitaaba Qulqulluu

Kitaabni Qulqulluun wanta bara keenyatti taʼu ilaalchisee raajii akkana jedhu dubbateera:

  • “Bakka garaa garaattis hanqinni nyaataa . . . ni jiraata.”—Luqaas 21:11.

Yeroo baayʼee ongeen hanqinni nyaataa akka jiraatu godha. Hanqinni nyaataa haala kanaan uumamu, akkasumas rakkinnii fi duuti inni geessisu raajiin Kitaaba Qulqulluu raawwiisaa akka argatu taasisa.—Mulʼata 6:6, 8.

Ongeen hammaachaa kan jiru maaliifi?

Kitaabni Qulqulluun sababii guddaa ongeen itti hammaachaa jiru ni dubbata. Akkana jedha:

  • ‘Namni ofii isaatiin tarkaanfii isaa qajeelchuu hin dandaʼu.’—Ermiyaas 10:23.

Kana jechuun ilmaan namootaa karaa milkaaʼina qabuun ‘tarkaanfii isaanii qajeelchuu’ ykn ofiin of bulchuu hin dandaʼan jechuudha. Yeroo baayʼee murtoo sirrii hin taane gochuunsaanii ongeen ykn hanqinni bishaanii akka uumamu godha.

  • Saayintistoonni hedduun wantoonni ilmaan namootaa raawwatan hoʼi addunyaa akka dabalu gochuudhaan addunyaa maratti ongeen akka babalʼatu akka taasise dubbatu.

  • Qajeelfamoonni sassataarratti hundaaʼanii fi balʼinaan utuu itti hin yaadamin baʼan bosonni akka mancaʼu, qilleensi akka faalamuu fi qabeenyi uumamaa karaa sirrii hin taaneen hojiirra akka oolu gochuudhaan maddeen bishaanii balaadhaaf akka saaxilaman taasisa.

Taʼus, Kitaabni Qulqulluun abdii kenna.

Gara fuulduraatti furmaanni ni argamaa?

Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo hanqina bishaanii yeroo harʼaa jiru gara fuulduraatti akka furu dubbata. Akkamitti?

  1. 1. Waaqayyo, ‘warra lafa mancaasan ni balleessa.’ (Mulʼata 11:18) Wanta hanqina bishaaniitiif sababa taʼe tokko jechuunis namoota hamoo fi sassatoo gochi isaanii lafa miidhaa jiru ni balleessa.—2 Ximotewos 3:1, 2.

  2. 2. “Lafti waxalamaan bishaan kuufamaa biqiltuudhaan guutame  . . . ni taʼa.” (Isaayyaas 35:1, 6, 7) Waaqayyo wantoota sababa ongeetiin mancaʼan ni sirreessa, lafa kanas iddoo biqiltuu bishaan gaʼaa qabdutti ni jijjiira.

  3. 3. “Firii baayʼee akka argamsiistuu fi badhaatuu akka taatu gochuudhaan, Lafa ni kunuunsita.” (Faarfannaa 65:9) Gargaarsa Waaqayyootiin lafti nama hundaaf nyaata gaʼaa fi bishaan qulqulluu kenniti.

Haalli qilleensaa jijjiiramuunsaa raajiin Kitaaba Qulqulluu raawwisaa akka argatu kan godhu akkamitti akka taʼe baruuf, mata duree, “Jijjiirama Qilleensaa fi Jireenya Egeree Keenya—Kitaabni Qulqulluun Kana Ilaalchisee Maal Jedha?” jedhu dubbisi.

Gara fuulduraa ilaalchisee abdii Kitaabni Qulqulluun kenne kaan baruuf, mata duree, “Lafa Badiisa Irraa Kan Oolchu Eenyu?” jedhu dubbisi.

Kitaabni Qulqulluun miidhaa sababa jijjiirama qilleensaatiin dhufu dandamachuuf kan si gargaaru akkamitti akka taʼe beekuuf, mata duree, “Kitaabni Qulqulluun Balaa Jijjiiramni Qilleensaa Fidu Dandamachuuf Si Gargaaraa?” jedhu dubbisi.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi