LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mrt mataduree 100
  • Bara 2024tti Abdii Qabaachuu—Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Bara 2024tti Abdii Qabaachuu—Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?
  • Mata Dureewwan Dabalataa
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Kitaabni Qulqulluun abdii kenna
  • Kitaabni Qulqulluun yeroo ammaatti si gargaaruu kan dandaʼu akkamitti?
  • Kitaabni Qulqulluun Abdii Kenna
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • Kitaabni Qulqulluun Abdii Kenna
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Beeksisa Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu
  • Sababiiwwan Bara 2023 Abdiidhaan Eeggachuuf Nu Kakaasan—Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?
    Mata Dureewwan Dabalataa
  • Abdii Amansiisaa Gara Fuulduraatti Raawwatamu
    Mata Dureewwan Dabalataa
Dabalataan Ilaaluuf
Mata Dureewwan Dabalataa
mrt mataduree 100
Namni tokko suuraa mukeetii baala magariisa qaban qabatee, mukeetii baala hin qabnee fi fuuldura isaa jiruu wajjin wal bira qabee yommuu ilaalu.

Thomas Jackson/​Stone via Getty Images

DAMMAQINAAN EEGAA!

Bara 2024​tti Abdii Qabaachuu​—Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

Namoonni hedduun rakkoowwan bara 2024 addunyaa mudatuuf furmaanni hin argamu jedhanii yaadu. Taʼus, yeroo gara fuulduraa ilaalchisee abdii qabaachuu dandeenya. Garuu eessaa?

Kitaabni Qulqulluun abdii kenna

Kitaabni Qulqulluun, Waaqayyoo rakkoowwan yeroo ammaatti jireenyi keenya abdii kan hin qabne fakkeessaniif furmaata akka kennu waadaa akka gale dubbata. Dhiheenyatti Waaqayyo, “imimmaan hundumaa ija [keenya] irraa ni haqa; duutis kana booda hin jiraatu; gaddis taʼe iyyi yookiin dhiphinni kana booda hin jiraatu.”​—Mulʼata 21:4.

  • Abdii Kitaabni Qulqulluun yeroo gara fuulduraa ilaalchisee gale caalaatti beekuuf, mata duree “Abdii Amansiisaa Gara Fuulduraatti Raawwatamu” jedhu akka dubbistu si jajjabeessina.

Kitaabni Qulqulluun yeroo ammaatti si gargaaruu kan dandaʼu akkamitti?

Kitaabni Qulqulluun yeroo gara fuulduraa ilaalchisee abdii ilaalcha dogoggoraa akka dandamattuu fi caalaatti ilaalcha gaarii akka qabaattu si gargaaru siif kenna. (Roomaa 15:13) Gorsi gaariin Kitaabni Qulqulluun kennus, rakkoowwan yeroo ammaatti si mudachuu dandaʼan, kanneen akka hiyyummaa, jalʼina haqaa fi dhukkubaa jiran dandamachuuf si gargaara.

  • Abdiin Kitaabni Qulqulluun kennu, nama hiyyummaadhaan guddate tokkoof nagaa fi gammachuu argachuuf kan isa gargaare akkamitti akka taʼe hubadhu. Viidiyoo Huwaan Paabloo Sermeeniyoo: Yihowaan Jireenya Kaayyoo Qabu Akkan Jiraadhu Na Gargaareera jedhu akka daawwattu si jajjabeessina.

  • Kitaabni Qulqulluun ceephoo, gadda, dhiphinaa fi miira nama jaallattu yeroo duʼaan dhabdutti sitti dhagaʼamu dandamachuuf akkamitti akka si gargaaru hubadhu. Mata duree “Kitaaba Qulqulluu Keessaa Yaada Na Jajjabeessu Argachuu Nan Dandaʼaa?” jedhu akka dubbistu si jajjabeessina.

  • Dubartiin kanaan dura loltuu turte tokko ‘gammachuu fi dantaa kan hin qabne’ akka taatetti of ibsite Kitaaba Qulqulluu barachuu ishiitiin abdii kan qabaatte akkamitti akka taʼe ilaali. Viidiyoo Qawwee Koon Gate jedhu akka daawwattu si jajjabeessina.

Barri 2024 siifis taʼe maatii keetiif gaarii akka taʼu godhi. Gama kanaan Kitaabni Qulqulluun akkamitti akka si gargaaru caalaatti baradhu. Barumsa Kitaaba Qulqulluu mareedhaan tola kenninu baradhu. Waaqayyo yeroo ammaatti “nagaa,” gara fuulduraattimmoo “egeree gaarii fi abdii” akkamitti akka sii kennu baradhu.​—Ermiyaas 29:11.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi