BalanceFormcreative/iStock via Getty Images Plus
Kophummaa Isinitti Dhagaʼamu Dandamachuuf Namoota Kaan Gargaaraa—Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?
Namoonni addunyaa maratti argaman kophaa akka taʼanii fi warra kaan irraa akka citan isaanitti dhagaʼama. Ogeeyyiin fayyaa tokko tokko miira kana dandamachuuf warra kaan gargaaruu irratti xiyyeeffachuun gaarii akka taʼe ni amanu.
“Namoota gargaarsi isaan barbaachisu gargaaruun jireenyi keenya hiika akka qabaatuu fi miira kophummaa ykn miira namoota irraa akka cinne nutti dhagaʼamu dandamachuuf gargaara.”—Dhaabbata Fayyaa Yuunaayitid Isteetis.
Kitaabni Qulqulluun namoota gargaaruuf maal gochuu akka dandeenyu gorsa gaarii nuuf kenna. Gorsa isaa hojii irra oolchuun keenya miira kophummaa nutti dhagaʼamu dandamachuuf nu gargaara.
Wanta gochuu dandeessu
Arjaa taʼi. Keessumaa qaamaan warra kaanii wajjin yeroo dabarsuuf carraa barbaadi. Wanta qabdu warra kaaniif hiruuf fedhii qabaadhu. Akkas gochuun kee, isaanis arjummaa ati itti argisiisteef akka si galateeffatan isaan kakaasuu dandaʼa; kunimmoo michoota taʼuuf isin gargaara.
Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Kennaa, namoonnis isiniif ni kennu.”—Luqaas 6:38.
Humna kee namoota gargaaruuf itti fayyadami. Namoota haala rakkisaa keessa jiran gargaaruuf carraa barbaadi. Kunimmoo gara laafinaan isaan dhaggeeffachuu ykn wantoota baʼaa isaanii isaaniif salphisan isaaniif gochuu dabalata.
Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Michuu dhugaan yeroo hundumaa jaalala argisiisa.”—Fakkeenya 17:17.
Hariiroo gaariin warra kaanii wajjin qabdu cimaa taʼee akka itti fufuuf maal gochuu akka qabdu ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf, mata duree “Jireenya Maatii fi Michummaa” jedhu akka dubbistu si jajjabeessina.