NASA Photo
DAMMAQINAAN EEGAA!
Mootummaan Bara Baraa Pilaaneetii Keenya Bulchuu Dandaʼuu Jiraa?—Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?
Bulchiinsi ilmaan namootaa addunyaa maratti argamu tasgabbii hin qabu. Biyyoonni tasgabbii kan qaban fakkaatanillee, oduu hamaa, buʼaa filannoo, qoqqoodinsa siyaasaa fi jeequmsa uummataatiin hunkuramaa jiru.
Kitaabni Qulqulluun mootummaan bara baraa tasgabbii qabu tokko akka jiru ibsa. Tarii atis waaʼee mootummaa kanaa dhageessee taʼuu dandaʼa. Yesuus Kiristoos akkamitti akka kadhatan yeroo barsiisetti waaʼee mootummaa kanaa caqaseera.
“Egaa, isin akkana jedhaa kadhadhaa: ‘Yaa Abbaa keenya isa samii irra jiraattuu, maqaan kee haa qulqullaaʼu. Mootummaan kee haa dhufu. Fedhiin kee akkuma samii irratti taʼaa jiru, lafa irrattis haa taʼu.’ ”—Maatewos 6:9, 10.
Kitaabni Qulqulluun waaʼee Mootummaa kanaa maal jedha?
Mootummichi bulchiinsa bara baraati
Mootummichi samii irraa bulcha.
Yesuus bulchiinsa kana “Mootummaa samii” jedhee waameera. (Maatewos 4:17; 5:3, 10, 19, 20) “Mootummaan koo kutaa addunyaa kanaa miti” kan jedhes kanaafi.—Yohaannis 18:36.
Mootummichi bulchiinsa ilmaan namootaa bakka buʼa.
Kitaabni Qulqulluun, “Mootummaan kun . . . mootummoota [ilmaan namootaa] kana hundumaa caccabsee ni balleessa; kophaa isaas bara baraaf ni dhaabbata” jedha.—Daaniʼel 2:44.
Mootummaan Waaqayyoos taʼe Mootiin isaa Yesuus Kiristoos matumaa hin balleeffaman.
Kitaabni Qulqulluun, “Bulchiinsi isaa bulchiinsa bara baraa ti, hin darbus; mootummaan isaas hin balleeffamu” jedha.—Daaniʼel 7:13, 14.
Mootummichi lafa irratti nagaa fi tasgabbii argamsiisa.
Kitaabni Qulqulluun, “Tokkoon tokkoon isaanii muka wayinii isaanii fi muka harbuu isaanii jala ni taaʼu, eenyu iyyuu isaan hin sodaachisu” jedha.—Miikiyaas 4:4.
Waaʼee Mootummichaa caalaatti barachuuf carraaqqii godhi
Yesuus yeroo lafarra turetti, yeroo isaa hundatti fayyadamee “misiraachoo Mootummichaa lallabaa” ture. (Maatewos 9:35) Akkana jedhee raajii dubbateera:
“Saboota hundumaatti ragaa akka taʼuuf misiraachoon Mootummichaa guutummaa lafaa irratti ni lallabama; sana booda dhumni ni dhufa.”—Maatewos 24:14.
Yeroo harʼaatti, misiraachoon Mootummichaa biyyoota 240 ol keessatti lallabamaa jira. Waaʼee bulchiinsa kanaa fi faayidaa bulchiinsa kana irraa argachuu dandeessu caalaatti akka barattu si jajjabeessina.
Viidiyoo Mootummaan Waaqayyoo Maali dha? jedhu ilaali.