LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwfq mataduree 63
  • Dhugaa Baatonni Yihowaa Talaallii ni Mormuu?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Dhugaa Baatonni Yihowaa Talaallii ni Mormuu?
  • Dhugaa Baatota Yihowaa Ilaalchisee Gaaffiiwwan Yeroo Baayʼee Gaafataman
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Dhugaa Baatonni Yihowaa Yaali Fayyaa Ni Fudhatuu?
    Dhugaa Baatota Yihowaa Ilaalchisee Gaaffiiwwan Yeroo Baayʼee Gaafataman
  • Jireenya Isa Kennaa Waaqayyoo Taʼe Dinqisiifadhu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2023
  • Yaalii Fayyaa Hatattamaatiif Ammuma Qophaaʼaa
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2023
  • Dhukkuba Akka Tasaa Mudatu Dandamachuu
    Mata Dureewwan Dabalataa
Dabalataan Ilaaluuf
Dhugaa Baatota Yihowaa Ilaalchisee Gaaffiiwwan Yeroo Baayʼee Gaafataman
ijwfq mataduree 63
Lilmoo siriinjii fi qaruuraa talaallii dabalatee meeshaalee talaallii kennuuf gargaaran.

Dhugaa Baatonni Yihowaa Talaallii ni Mormuu?

Lakki. Dhugaa Baatonni Yihowaa talaallii hin morman. Talaallii fudhachuun murtoo Kiristiyaanni tokko dhuunfaa isaatti gochuu qabu akka taʼetti ilaalla. Dhugaa Baatonni Yihowaa hedduun talaallii fudhachuuf filataniiru.

Yaalii fayyaa baayʼee gaarii taʼe argachuu barbaanna, akkasumas dhibeewwan ciccimoo hirʼisuuf guddinawwan hedduu gama saayinsii fayyaatiin argaman ni dinqisiifanna. Kutannoo fi carraaqqii cimaa ogeeyyiin yaalii fayyaa, keessumaa yeroo haalli rakkisaan jirutti godhaniif guddaa isaan galateeffanna.

Dhugaa Baatonni Yihowaa abbootii taayitaa fayyaa hawaasaa wajjin wal taʼiinsaan hojjetu. Fakkeenyaaf, yeroo dhibee daddarbaan KOOVIID-19 uumamee kaasee, Dhugaa Baatonni Yihowaa weebsaayitii kanatti fayyadamanii afaanota dhibbaan lakkaaʼamaniin yaadachiisa kennaa fi qajeelfamawwan biyya isaanitti dhukkuba of irraa ittisuu ilaalchisee kennamaniif akka ajajaman jajjabeessaa turaniiru. Qajeelfamawwan kunneen barbaachisummaa fageenya ofii eeguu, seerawwan baayʼinaan akka walittii hin qabamne dhorku, kophaatti baafamuu, harka dhiqachuu, haguuggii afaanii fi funyaanii kaaʼachuu dabalatee tarkaanfiiwwan abbootiin taayitaa hojii irra ooluu akka qaban ibsan ykn jajjabeessan tokko tokko hordofuu kan dabalatani dha.—Roomaa 13:1, 2.

Waggoota kudhaniin lakkaaʼamaniif barreeffamoonni Dhugaa Baatota Yihowaa qajeelfamawwan armaan gadii ibsaa turaniiru:

  • Murtoowwan yaalii fayyaa wajjin wal qabatan dhimma murtoo dhuunfaa dha.—Galaatiyaa 6:5.

    “[Barruun kun] qorichi ykn yaaliin fayyaa tokko isa kaan irra gaarii akka taʼee yaada hin dhiheessu akkasumas yaalii fayyaa ilaalchisee gorsa hin kennu. Kaayyoon isaa dhugaawwan jiran ibsuu fi namni dubbisu sun hubannaa isaatti fayyadamee murtoo mataa isaa akka godhu isaaf dhiisuu dha.”—Dammaqaa!, Guraandhala 8, 1987. (Ingiliffa)

    “Gaaffiin isinis taʼe ijoolleen keessan talaalamuu qabduu jedhu murtoo dhuunfaa waan taʼef isiniif kan dhiifame dha.”—Dammaqaa!, Hagayya 22, 1965. (Ingiliffa)

  • Yaalii fayyaa gochuu kan barbaannu lubbuudhaaf bakka guddaa waan kenninuufi dha.—Hojii Ergamootaa 17:28.

    “Dhugaa Baatonni Yihowaa dhibee fayyaa qaban yaalamuuf ogeeyyii yaalii fayyaa bira ni dhaqu. Lubbuu ni jaallatu, hamma isaaniif dandaʼametti qajeelfama Kitaaba Qulqulluu wajjin haala wal simuun, wanta umurii dheeraa jiraachuuf isaan dandeessisu gochuuf carraaqqii gochuu barbaadu.”—Masaraa Eegumsaa, Adoolessa 1, 1975. (Ingiliffa)

    “Dhugaa Baatonni Yihowaa qorichas taʼe yaalii fayyaa isaaniif godhamu gammachuudhaan fudhatu. Fayya buleeyyii taʼuu fi umurii dheeraa jiraachuu ni barbaadu. Akkuma Luqaas isa Kiristiyaana jaarraa jalqabaatti ture Dhugaa Baatonni Yihowaa tokko tokko ogeeyyii yaalii fayyaa dha. . . . Dhugaa Baatonni Yihowaa hojii ogeeyyiin yaalii fayyaa cimsanii garaa guutuudhaan hojjetaniif dinqisiifannaa guddaa qabu. Kana malees, ogeeyyiin yaalii fayyaa kunneen yommuu akka fooyyaʼan isaan gargaaran guddaa isaan galateeffatu.”—Masaraa Eegumsaa, Guraandhala 1, 2011. (Amaariffa)

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi